Qur'aana

Wikipedia irraa

Quraannni (Afaan Arabaa: القرآن; Al-Qur'aan ykn Qur'aana) Kitaaba qulqulluu amantii Islaamaa kan Muslimoonni Rabbi biraa bu'u amananiidha. Barruu Afaan Arabaa Ammayyaa keessatti akka hojii ajaa'ibaa laallama. Quraanni Suuraa(سور; boqonnaa) 114n qophaawuun xiqqoma Kakuu Haaraa irra gabaabaadha.

Qur’annii kitaaba Rabbii kan boodaa kan nabiyyii quxisuu anbiyootaa ta'e nabi Muhammad(S.A.W) irratti buufameedha. Waggaa 23 keessatti Qur'aannii kan Nabii(S.A.W) (isaani umrii 40-63) irratti buufamee xumurame. Qur'aanni baatii Ramadaanaa halkan laylatulqadrii keysa goda Hiraa’i kan gaaraa Nur mataa gubbatti argamu keysatti “Iqra’i bismi Rabbika” jechuudhaan kan jalqaba buufame. Qur’aanni kun xumurri buufamiinsa isaa aayata “alyawma akmaltu lakum diinakum...” jedhu kan hajjii dhaammannaadhaa (hajjatal wadaai) keessa guyyaa Arafaa 9/12/10 H dirree arafaatti buufameedha. Kalaama Rabbii kan ta'e Qur'aanni kun kitaabban isa dura buufaman hunda kan shaareedha.[1]

Barnoonni akkaataa qur’aana itti qara’anii tajwiida jedhama. Muslima hundarratti qur’aana tolchanii tajwiidaan qara’uun dirqama.[1]

Sirna Qur'aana itti Qara'an[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Kanneen armaan gadii tarraawan adaboota Ibnu Kasiiir eeraniidha.

  • Qulqulluu (xahaaraa) yoo ta'e malee isa tuquu fi qara'uu dhabuu.
  • Qara'uun dura ilkaan rigachuu fi uffata qabu keessa isa irra bareedaa ta'e uffachuu.
  • Gara Qiblaa garagaluu.
  • Yeroo hamuummannaan isa qabe qara'uu dhaabuu.
  • Yaada isaa qaraatii irra gochuu fi dhimma barbaachisaaf yoo ta'e malee haasaaf jedhee qara'uu dhiisuu dhabuu.
  • Keewwattoota waadaa Rabbi mu'umintootaaf gale ibsan biratti dhaabe Rabbiin kadhachuu fi keewwattoota akeekkachiisan biratti ammoo Rabbitti maganfachuu.
  • Qur'aana banee dhiisu dhabuu fi isa gubbaa waan biraa kaa'uu dhabuu.
  • Gabaa fi iddoo wacaatti qara'uu dhabuu fi baay'atanii yeroo qara'an sagalee ol fuudhu dhabuu.[2]

Seenaa Qur'aanaa

Quraanni jecha Rabbii guddaa kan namni hundi ittiin akka qajeeluuf karaa nabiyyii keenyaa Muhamned Biin Abdullaahii tiin SAW woggaa 1440 dura kan buufameedha.

Wabii[gulaali | lakkaddaa gulaali]

  1. 1.0 1.1 "Qur'aana akkamitti Qaraana". islamahouse.com. 
  2. "Qur'aana qulqulluu irraa tafsiiroowwan juuzi sadan boodaa". islamic-invitation.com.