Obonboleettii

From Wikipedia
Jump to: navigation, search
Obonboleettiin ujummoo qallaa yoo ta’u lafaa ka’ee hanga duumessaatti ol dheerata. Kutaan obonboleettii jiddu jalatti argamu duumessa dhukkee dukkanaa'aa ta’een marfama. Dhukkeen kunis buubbe obonboleettii jabaa jallatti argamun ol dhiibbama.

Obonboleettiin(Tornado) dagalle qilleensa baayyee hamaa yoo ta’u, cumulonimbus yookan (yeroo tokko kan cumulus jedhamu) jala duumessa fi lafa wajjin walitti qabata. Obonboleettiin ballina adda addaan dhufuu ni danda’a, haa ta’u malee yeroo baayyee “form” yookan gosa illan mullatu fi qilleensa walitti qabame ta’e kan gubban furdaa fi jalaan qalla ta’e fakkaatte dhufaa (fakkii ilaalaa). Yeroo baayyee jalli isaa duumessa debris jedhamuun marafamee argama.

Obonboleettii baayyeen buubbee saffisa 110 mph (175 km/h) yookan kan irra xiqqaan deema, akkasumas dagalletti hanga 250 feet (75 meters) fi osoo hin badin maayilii xiqqoo (km baayyee) deemuu danda’a. Haa ta’u malee obonboleettiin tokko tokko buubbeen isaani saffisa 300 mph (480 km/h), dagallen hanga maayilii tokko (1.6km) fi osoo hin badin kiilomeetira hanga 100 ni deema. Obonboleettiin Antaarkitiikaa malee ardii hunda keessatti mullateera, haa ta’u malee baayyinan obonboleettiin USA keessatti mullata. Bakkonni birra obonboleettii baayye qaban Niwuu Ziilaandi, dhihaa fi kibba-baha Awustireliyaa, kibba-jiddu Kanaadaa, kabba-dhihaa fi jiddu Yuurooppi, Xaaliyaanii, kibba-jiddu fi baha Eshiyaa, baha-jiddu Ameerikaa Kibbaa fi kibba Afrikaatti.

Wabii[edit | Lakkaddaa gulaali]