Meeshaalee Niwuukilaaraa
Meeshaan waraanaa niwuukilaaraa dhuka'aa humna isaa ri'aakshinii niwuukilaariiraa argatu yoo ta'u kunis fishiiniii ykn walitti makaa fiyuuzyinii fi fishiinii ta'uu danda'a. Ri'aakshiniin lamaanuu dhuka'aa xiqoorraa humna guddaa uuma. Boombiin fishiinii (boombii atoomikii) kan jalqabaa yeroo dhukaafame humna hanga boombiin TNT toonii 20,000 t'au yoo dhuka'e baasu uume. Boombiin termooniwuukilaaraa (boombii hayidiroojinii) kan jalqabaa yeroo dhukaafame humna hanga boombin TNT toonii 10,000,000 t'au yoo dhuka'e baasu uume.
Meeshaan waraanaa termooniwuukilaaraa kan kg 1,100 ulfaatu yoo dhuka'e humna hanga boombiin TNT toonii miliyoona 1.2 ol ta'u yoo dhuka'e uumun qixxee uuma. Kanaafuu, meeshaaleen waraana xixiqqoon kan boombii durii hin caalle magaalaa tokko guutummaatti balleessuu danda'a; badiin kunis kan ga'u humna dhuka'aatin, ibidda uummamuu fi raadiyeeshinii ummamuun ta'a. Meeshaalen waraanaa niwuukilaaraa meeshaa jamaa balleessuu jalatti qooddama; kanaaf faayyadamni isaanii fi too'annoon isaanirratti godhamu xiyyeeffannoo walitti dhufeenya biyyoota murteessu ture.
Meeshaaleen waraanaa niwuukilaaraa Waraana Addunyaa 2ffaatti si'a lama hojiirra kan oolan yoo ta'u yeroo lamaanuu kan itti fayyadame USA dha. Gaafa Hagayya 6, 1945, boombiin niwuukilaaraa kan yuraaniyeemiirraa hojjatame kan maqaansaa "Little boy" (hiikaansaa mucaa xiqqaa jechuudha) jedhamu biyya Jaappaan magaalaa Hirooshimaarratti darbatame. Guyyaa sadi'i booddee, gaafa Hagayya 9, boombiin niwuukilaaraa kan piluutooniyeemiirraa hojjatame kan maqaansaa "Fat man" jedhamu magalaa Jaappaan kan biraa kan taate Nagaasaakirratti darbatame. Boombiwwan kun lamaansaanii tilmaamaan ummata naannoo 200,000 ta'u, bayyeensaanii ummataa nagaa kan loltuu hin taane, ajjeese. Shoorri boombiwwan kun lamaan Jaappaan akka harka kennattuuf tabatanii fi itiiksiin (ethics) fayyadama isaanii hanga harraatti beektotaa fi ummata biratti mataduree moormii ti.
Erga Hirooshimaa fi Nagaasaakin rukutamanii booda, meeshaalen waraanaa niwuukilaaraa wayita kuma lamaa ol yaalii fi agarsiisaaf dhukaafamaniiru. Addunyaarratti biyyoota muraasa qofatu meeshaa waraanaa niwuukilaaraa kana qaba ykn qabaachuuf hawwa. Biyyoonni meeshaa kana dhukaasuun isaanii beekkamee fi qabaachuu isaani ifa baasanii beeksisan USA, Tokkummaa Sooviyeetii (ammammoo Raashiyaa), Yunaayitid Kingidem, Firaansi, Chaayinaa, Indiyaa, Paakistaan, fi Kooriyaa Kaabaati. Isiraa'eel meeshaa kana qabdi jedhamee kan amanamu yoo ta'u biyyittiin garuu qabaachuu ishii ifatti hin beeksifne. Afrikaan Kibbaa, meeshaa waraanaa niwuukilaaraa kana oomishtee kan turte yoo ta'u erga sirni appaartaayidii kufee booda meeshaa kan balleessitee jirti, itti aansunis waliigaltee meeshaalen niwuukilaaraa akka hin baballanne godhu kan 'Nuclear Non-Proliferation Treaty' jedhamu keessatti miseensa taateerti. Akka Federeeshinii saayintistoota Ameerikaa tilmaametti, walumaagalatti addunyaarra bara 2012tti meeshaalen niwuukilaaraa 17,000 ta'u kan argamu yoo ta'u kana keessaa kan 4,300 ta'an waraanaaf qophii ta'anii kan taa'anidha.
Gosa
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Meeshaa waraanaa niwuukilaaraa gosa lamatu jira: kanneen humna isaanii isa guddaa ri'aakshinii fishiinii niwuukilaaraa irraa argatanii fi kanneen ri'aakshinii fishiiniitti fayyadamanii fiyuuzyinii akka jalqabu gochuun humna isaanii isa guddaa fiyuuzyiniirraa argatanii dha.
Meeshaalee Fishiinii
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Meeshaaleen waraanaa niwuukilaaraa amma jiran hundi isaanii humna isaanii amma tokko ri'aakshinii fishiinii niwuukilaaraa irraa argatu. Meeshaalen humna dhuka'aa isaanii guutumaan guutuutti ri'aakshinii fishiinii irraa argatan atoomiik boombii jedhamanii waammamu (Ingliffaan A-bombs ni jedhamu). Maqaan kun garuu dogoggorsaa dha sababiinsaaas humna isaanii isa guddaa atamiirraa odoo hin taane niyuukilasii irraa argatu.
Meeshaalee fishiinii keessatti, wantoonni fishiiniidhaaf itti fayyadaman (piluutooniyemii ykn yuraaniyemii gabbatee) yeroo omishaman 'supercritical mass' ol ta'anii hojjatamu - 'supercritical mass'n baayyina wantoota fishiinidhaaf fayyadan kan ri'aakshinii niwuukilaaraa wal qabataa (nuclear chain reaction) umuuf barbaachisu dha. Kunis qaama meeshaa fishiinii isa tokkoo isa kan biratti akka bu'u gochuun (mala rasaasaa) ykn dhuka'aa keemikaalaatti fayyadamuun meeshaan fishiinii akka inni walitti cafaqamu gochuun (mala implosion) ta'uu danda'a. Malli inni lammaffaan mala isa duraa caalaa ulfaata yoo ta'u yoo wanti fishiiniidhaaf itti fayyadamnu piluutooniyeemii ta'e, malli nuti itti fayyadamuu dandeenyu kana qofa.
Meeshaa waraanaa niwuukilaaraa hundumaa saxaxuu keessatti wanti ulfaataan, boombiin sun odoo hin dho'in dura wantoota fishiiniif itti fayyadamu sana bayyee isaa akka nyaatu (consume) gochuu dha. Humni boombiin fishiinii yoo dhuka'e ummamu gara gara yoo ta'u kunis humna TNT toonii 1n qixxaatuu hanga TNT toonii 500,000 qixxaatuu ta'uu danda'a.
Ri'aakshiniin fishiinii hundi bu'aa fishiinii uuma, kunis haftee niyuukilesii atamii kan raadiyoo'aaktiivii ta'e kan ri'aakshinii fishiinitiin addaan cabeti. Bu'aaleen fishiinii baayyeensaa garmalee raadiyoo'aaktiivii (garuu yeroo gabaabaa kan turu) ykn raadiyoo'aaktiivii giddu galeessa(garuu yeroo dheeraa kan turu) dha. Kunis yoo too'atamuu baate fallama raadiyoo'aaktiivii hamaa fiduu danda'a.
Meeshaalee waraanaa niwuukilaaraa hojjachuuf yuraaniyemii-235 fi piluutooniyemii-239 tti fayyadamu. Kan yeroo muraasa qofa itti fayyadaman ammoo yuraaniyemii-233. Neeptuuniyeem-237 fi ayissootooppiin ameerikem tokko tokko dhuka'aa niwuukilaaraa hajjachuuf hojiirra ooluu kan danda'u yoo ta'u garuu boombin albuudota kanatti fayyadamuun hojjatamee beekkamuun isaa shakkii keessa jira, sirumayyuu albuudonnni kun meeshaa niwuukilaaraa hojjachuuf tajaajiluun isaaniyyuu moormii sayiinsii ta'ee jira.
Meeshaalee Fiyuuzyinii
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Meeshaalen waraanaa niwuukilaaraa gosti biraa humna isaanii isa guddaa ri'aakshinii fiyuuzyinii irraa argatu. Meeshaalen kun walumaagalatti meeshaa termooniwuukilaaraa ykn boombii hayidiroojinii (H-bomb) jedhamu; sababiin isaan boombii hayidiroojinii jedhamiifis humni isaanii fiyuuzyinii ayissootooppii hayidiroojinii (deuterium and tritium) irratti waan hundaa'ufi. Meeshaalen kun humna baayyeesaa, yeroo tokko tokko ammoo isa guddaa, ri'aakshinii fishiinii irraa argatu. Kunis meeshaalen fiyuuzyinii ri'aakshinii fiyuuzyinii jalqabuuf waan isaan kakaasu waan barbaadaniif, ri'aakshinii kana jalqabsiisuuf fishiiniitti fayyadamu; ri'akshiniin fiyuuzyinii mataasaatin ri'aakshinii fishiinii dabalataa kakaasa.
Addunyaarraa biyyoota ja'a, isaanis USA, Raashiyaa, Yunaayitid Kingidem, Firaansi, fi Indiyaa qofatu yaalii meeshaa waraanaa termooniwuukilaaraa geggeesse (kan Indiyaa garuu mormii kaasisa). Meeshaalee termooniwuukilaaraa saxaxuunii fi oomishuun meeshaalee fishiinii oomishuu caalaa baayyee ulfaataadha. Meeshaaleen waraanaa niwuukilaaraa harra jiran hundi isaanii kan termooniwuukilaaraa ti, sabaabiinsaas irra caalaa humna waan qabaaniif (more efficient).
Boombiin termooniwuukilaaraa, humna boombii fishiiniitti fayyadamuun boba'aa fiyuuzyinii cafaquu fi hoo'isuudhaan hojjata. Kana gochuuf, saxaxa Teeler-Ulaam kan hayidiroojiin boombii gurguddaa hojjachuuf itti fayyadaman keessatti, boombii fiishiinii naannoo boba'aa fiyuuzyinii kaa'un hojjatama. Yeroo boombiin fishiinii dhuka'u, carallaan gaammaa (gamma rays) fi carallaa-eksii (X-ray) gadilakkifamu jalqaba boba'aa fiyuuzyinii walitti cafaqa (compress), itti aansun sadarkaa termooniwuukilaaraatti hoo'isa. Ri'aakshiniin fiyuuzyinii kanarraa ka'ee ummamu niyuutiroonii saffisa guddaa qaban hedduu uuma, kun immoo itti aansee meeshaalee biraa fishiinii keessa akka galu godha, kan akka yuraaniyeemii xuuxxamee. Isaan kun lamaan marsaa jechuun beekkamu; boombiin fishiinii marsaa duraa yoo ta'u, boombiin fiyuuzyinii ammoo marsaa lammataa ti. Hayidroojiin boombii gurguddaa fi kan huma meeggaa-toonii ta'u qaban biratti, humna isaanii keessaa walakaa ol fishiinii yuraaniyeemii hin gabbatin kan marsaa dhumaarraa argata.
Meeshaaleen termoniwuukilaarii harra hojiirra jiran hundi kan saxaxa "marsaa-lama" armaan olitti ibsame kanatti fayyadamuun hojjatamani. Haa ta'u malee, marsaa fiyuuzyinii dabalataa itti dabaluun ni danda'ama - marsaan inni tokko boba'aa fiyuuzyinii kan marsaa itti aanuu fi kan marsaa isa ammaarra bayyee guddaa ta'e bobeessa. Tooftaa kanaan meeshaa termooniwuukilaaraa humni isaa kan daangaa hin qabnee hojjachuun ni danda'ama; meeshaan fiishinii garuu, akka termoniwuukilaarii odoo hin taane, humni isaanii murtaa'aadha. Meeshaan niyukilaaraa inni guddaan kan dhukaafamee USSRn yoo ta'u maqaa isaas Zaar Boombaa (Tsar Bomba) jedhama. Zaar Boombaan yeroo dhukaafamu, humna yoo TNTn toonii miliyoona 50 ol ta'u dhuka'e uumu wajjin kan wal qixxaatu uume. Zaar Boombaan marsaa sadi'i qaba ture. Meeshaalen waraanaa termooniwuukilaaraa baayyeen isaanii garuu kanarra bayyee xiqqaatu, sababiinsaas misaayeliin (missile) baattamanii deemuuf guddinni isaanii fi ulfinni isaanii xiqqaachuu qaba.
Ri'aakshiniin fiyuuzyinii bu'aa ri'aakshinii fishiinii hin uumu, kanaafuu harca'aa niwuukilaarii yeroo fishiinii ummamu baayyee hin uumu. Haa ta'u malee, meeshaaleen termooniwuukilaarii hundi yoo xiqqaate fishiinii marsaa tokko waan qabaniif, fi warri olaanaan ammoo fishiinii akka marsaa dhumaatti waan qabaniif, meeshaaleen waraanaa termooniwuukilaarii harcaa'aa niyukilaaraa hanga fishiiniin qofti uumu uumuu danda'u.
Gosa Kaan
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Meeshaalen niwuukilaaraa gosti biras ni jira. Fakkeenyaaf, meeshaan fishiinii didhame dhuka'aa fishiinii kan humnasaa karaa ri'aakshinii fiyuuzyiniitin ol guddisu yoo ta'u garuu dhuka'aa fiyuuzyinii miti. Dhuka'aa didhame kana keessatti, niwuutiroonin ri'aakshinii fiyuuzyiniin uummamu, irra caalaa humna dhuka'aa fishiinii ol guddisuuf tajaajila.
Dhuka'aan tokko tokko tajaajila addaatif hojjatmau; dhuka'aan niwuutiroonii meeshaa termooniwuukilaaraa kan dhukaasa xinnaa uumu yoo ta'u garuu raadiyeeshinii niwuutiroonii guddaa uuma; meeshaalen akkasii namarraan miidhaa guddaa kan ga'an yoo ta'u buurmisooma garuu hin miidhu, harca'aa niwuukilaaraas ni xiqqeessa. Meeshaa niwuukilaaraa gosa kamiyyuu dhukaasuun raadiyeeshinii niwuutiroonii guddaa uuma. Meeshaalee niwuukilaaraa wantoota akka warqee fi koobaaltiin yoo marame dhuka'aa "salted bomb" jedhamu uuma. Dhuka'aan akkasii kun faallama raadiyeeshinii baayyee olaanaa ta'e uumuu danda'a.
Qorannoon adda addaa meeshaalee fiyuuzyinii qofaa (pure fusion bombs), meeshaalee niwuukilaaraa kan dhuka'aa fishiinii odoo hin barbaadin fiyuuzyinii qofatti fayyadamanii hojjatan, oomishuuf godhamaa ture. Meeshaalen akkasii karaa salphaa meeshaalee termooniwuukilaaraa, kan meeshaalee fishiinii malee hojjatu, oomishuuf gargaara. Meeshaalee fiyuuzyinii qofaa harca'aa niwuukilaaraa xiqqaa uuma, sababiinsaas harca'aa fishiinii waan hin qabneefi. Mootummaan USA qarshii baayyee baasee meeshaalee fiyuuzyinii qofaa qorachaa kan ture yoo ta'u garuu meehsaa kana oomishuuf hin dandeenye.
Garaa garummaan saxaxa meeshaalee niwuukilaaraa adda addaa gidduu jiru humna dhuka'aa gara garaa akka kennaniif waan hojatamanii fi guddina meeshaa niwuukilaaraa hirrisuuf jijjiirama saxaxaa godhamuuni.
Wabii
[gulaali | lakkaddaa gulaali]- "Frequently Asked Questions #1". Radiation Effects Research Foundation. Retrieved Sep 18, 2007.
- "Federation of American Scientists: Status of World Nuclear Forces". Fas.org. Retrieved 2012-12-29
- "Nuclear Weapons – Israel". Fas.org. Jan 8, 2007. Retrieved 2010-12-15.
- "Nuclear Weapons – South Africa". Fas.org. May 29, 2000. Retrieved 2011-04-07.
- The best overall printed sources on nuclear weapons design are: Hansen, Chuck. U.S. Nuclear Weapons: The Secret History. San Antonio, TX: Aerofax, 1988; and the more-updated Hansen, Chuck. Swords of Armageddon: U.S. Nuclear Weapons Development since 1945. Sunnyvale, CA: Chukelea Publications, 1995.
- David Albright and Kimberly Kramer (2005-08-22). "Neptunium 237 and Americium: World Inventories and Proliferation Concerns". Institute for Science and International Security. Retrieved 2011-10-13.
- Carey Sublette, Nuclear Weapons Frequently Asked Questions: 4.5.2 "Dirty" and "Clean" Weapons, accessed 10 May 2011.
- Sublette, Carey. "The Nuclear Weapon Archive". Retrieved 2007-03-07.
- "Page discussing the possibility of using antimatter as a trigger for a thermonuclear explosion". Cui.unige.ch. Retrieved 2013-05-30.
- Andre Gsponer; Jean-Pierre Hurni (1970). "Paper discussing the number of antiprotons required to ignite a thermonuclear weapon". In G. Velarde and E. Minguez, eds., Proceedings of the th International Conference on Emerging Nuclear Energy Systems, Madrid, June /July , (World Scientific, Singapore, 1987) 166--169 (Arxiv.org) 4 (30).arXiv:physics/0507114.