Maark Tiweeyn

From Wikipedia
Gara kallatti ce'i Gara barbaadutti ce'i

Maark Tiweeyn ( Afaan Ingiliish: Mark Twain; 1885 - 1910) barreessaa Ameerikaa haasawa onnachiisoo fi qoosaa godhuun beekamuudha. Akkuma barreffamootni isaa jaallatamaa deemaniin beekamtii fi fudhatamni inni Ameerikaatti qabu dabalaa dhufe. Yeroo sanatti Ameerikaan biyya reef hundeeffamtu ta’uu irraan kan ka’ee aadaa himattu hagas mara waan hin qabneef warrii Yuurooppi maqaa masoo warra fokkatoo jedhanii waamuun isaanii kan baratame ture. Maark yeroo beekamtiin isaa guddatu gara biyyoota garaa garaa deemuun dhaggeffatoota isaa dandeetti qabuun afaan qabachiisaa ture.

Paarisitti yeroon Afaan Faransaayiin haasa’u afaan bananii ana dhqggeeffatu ture. Gowwoota sana akka isaan afaan isaanii hubatan gochuu irratti naaf milkaa’ee jira” jedha. Namni kun kan inni guddate Hannabil, Missori yeroo ta’u bakka kanatti ture hojii isaa gurguddo lamaan Huckleberry Finn fi Tom sawyer jedhu kan eegale. Hojiiwwaan akka wirtuu gaazeexaaf taaypi sirreesuu, piriintera irra dalaguu , doonii oofuu fi warqee baasuu hojjetee jira. Achumaan kana hundaa ofirraa dhiisuun xiyyeeffannoo isaa gara gaazexeessumma naanneesse. Yeroo kana ture kan inni addunyaa barreffamaatti seene.

Ogummaan isaa addunyaa barreffamaa kan isa sooromse yoo ta’eyyuu isa ofirraa dhiisuun fuula isaa gama investmantiitti jijjiiruun isaa hiyyummaa itti fide. Bu’aa barreeffama irraa argateefi dhaala haadha warraa isaa gara investimentiitti dhangalaasus, maallaqa yartuu kan inni irratti baasee maashinii taaypii qofatu xiqqoo abdachiiseen ture. Maashinichii bu’aa kan argamsiisu ta’ullee yeroo baay'ee waan cabee hammaateef gabaa inni gama sanaan qabus jalaa kufe. Rakkoo maallaqaa isa quunname kana irraa kan inni dandamatee gargaarsa liqaa Henry H.Roggers irraa argateen ture. Sanaan booda suuta waan kasaaraa isaa irraa dandamachuun gara barreffama isaatti waan deebi’eef liqii isaa cufa offirraa baasuu danda’eera.

Jechamoota Maark[edit | Lakkaddaa gulaali]

Maark jechamoota isaan ni yaadatama. Jechamoota isaa keessaa muraasni kan armaan gadiiti!

  1. Dhugaan gati jabbeessa. Kanaaf kunuunsi!
  2. Sammuu ofi qaroomsuun hammam baay’isnee waa’ee keenya akka yaadnuufi dhimma nama biroo ammoo baay’ee akkaa dhimma itti hin qabne mul’isuuni.
  3. Jireenya keessatti waan nu barbaachisu dhimma qabaachuu dhiisuufi offitti amanamummaa qabaachuudha. Milkaa’inni haala kanaan ofiin dhufa.
  4. Midhamuu yoo barbaadde hiriyaafi diinaa kee waliin hojjechuutu si barbaachisa. Yeroo dinni kee maqaa kee xurressu hiriyaan kee ammoo akka dhufee siif himuuf.
  5. Wantootni xixiqoo hedduun kan isaan guddatan beeksisnii sirriin hojjetamuuniifi.
  6. Akka gowwaa turteettis ta’u akka miseensa koongireesii turteetti of yaadi. An garuu waanan sitti himu ofii kiyya akkan turetti.
  7. Addunyaa keenya irratti gootummaan cimina qaamaanii baay’inaan jira. Gootummaan sammunii garuu yartuudha.
  8. Odeesitee waa’ee kee shakkii namootni qaban dhabamsiisuuf ifaajuurra Afaan kee cufachuun namootni gowwaadha jechuun akka siyaadaan gochuutu caala.
  9. Yoo saree beela’ee kaastee nyaata yeroo hundaan duroomsitee deebi’ee si hin ciniinu. Garaagarumman namaaf saree kana.
  10. Battalumaan gaaffii deebisi jedhanii yeroo ana gaafatan natti tola. Hin beeku waanan jedhuuf.
  11. Namaa wajjin waldhabuu hin barbaadu. Yoo namni sun sirra hin deebi’u jedhe kabajaafi dhiifamaan fudhee ergan bakka dhoksaan gahadhee boodaa niin ajjeesaan.
  12. Yeroon mana barumsaa koo akka innii barumsa koo waliin na jalaa maku hin fedhu.
  13. Awwaalcha koo irratti hin hirmaadhu. Garuu xalayaa baay’ee bareedu du’ii sun ta’uu akka qabu mirkaneessuu koo ibsu barreesseen erga.
  14. Dursa dhugaa jiru barbaadii argadhu. Achiin boodadha kan ati hamma itti quuftutti jallisuu dandeessu.
  15. Barnootnii: ogeessootaaf nii ifa, dadhaaboota jalaamoo nii dhokata.
  16. Namni Ingilizii kan inni waa dalagu hojjetee waan beekuufi. Namnii Ameerikaa ammoo kan inni hojjetu hojjetee waan hinbeekneefi.
  17. Yeroo hundaa badii saaxiluunf ifaaji. Kana gochuun kee warra aangoo irra jiran itti gaafatamumma irra akka darbatamaan gochuun akka ati irra caala hojjettu si godha.
  18. Yeroo hundaa waan sirrii hojjedhu. Akkas gochuun kee namoota yartuu akka isaan si galatoomfatan gochuun warri hafan ammoo akka isaan si dinqisiifatan godha.
  19. Baankeerii jechuun nama uffata bokaa isaa yeroo aduun jirtu siif ergisuun yeroo roobni eegalu ammoo akka ati deebistuuf barbaadudha.
  20. Sobni dhugaa qophee isaa keessa kaawwachuun addunyaa nanna’uu danda’a.
  21. Jannata ykn si’ooliinan dhaqa jedhee filachuu hin fedhu. Sababni isaas bakka lamaan isaatiiyyuu hiriyaa waanan qabuuf. Jaalala biyyaa jechuun biyya kee yeroo hundaa gargaaruu yeroo ta’u motummaan garuu yeroo inni gargaaramuu qabu gargaaruudha.
  22. Iccitiin dura bu’aa ta’uu eegaluudha.
  23. Yeroo yaadnikee kan argamuun ol fagaatee deemu ija kee amanuun sitti ulfaata.
  24. Sodaan du'aa sodaa jireenyaa irraa madda. Namni jireenya jiraachuuf uumame du'i mataa dhukkubbi isaa miti.
  25. Kabaja qabaachuun sagalee duudaan dhagahuufi jaamaan arguu danda’uudha.

Wabii[edit | Lakkaddaa gulaali]