Lubbiiyyoo
Lubbiyyoo bu’uura caasaaleefi dalagaalee lubbu-qabeeyyiiti. Lubbu-qabeeyyiin hundi lubbiyyoo tokko yookiin tokkoo ol irraa ijaaraman. lubbu-qabeeyyiin seelii ykn lubbiyyoo tokko qofa qaban lubbu-qabeeyyiin seel-qeenxee/ lubbiyyoo baaqee jedhamu. Lubbu-qabeeyyiin seelii ykn lubbiyyoo tokkoo ol qaban immoo orgaanizimoota seel-hedduu ykn lubbiyyeedduu jedhamu. Lubbiyyoonni baay’een hammi isaanii xiqqaa waan ta’eef gargaarsa maayikrooskoppii ykn fullee guddiftuu malee ija qullaan hin mul’atan.
Dagaagina saayinsii lubbiyyoof shoora guddaa kan taphate kalaqamu fullee guddiftuuti. Saayinsiin waa’ee seelii ykn lubbiyyoo qo’atu kan jalqabame jaarraa 20ffaa keessadha. Haa ta’u malee, beektoonni waa’ee lubbiyyoo irratti hojii isaanii jaarraa 17ffaa irraa kaasee dhiheessaa turanii jiru.
Caasaalee seelii
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Lubbiyyotni caasaalee adda addaa dalagaa mataa isaanii qaban qabu. Qabiyyeen lubbiyyoo membireenii seeliin ykn haguuggee lubbiyyoo marfamee jiru bakka gurguddoo lamatti qoodama. Isaaniis niwukilasii(wirmaata)fi saayitooplaazmii(hamataa caamerqaa( leetoo) ykn Mana-lubbiyyoo)dha. Caasaalee xixiqqoo saayitoopilaazmii seelii(hamataa sugaa) keessatti argaman orgaaneeloota ykn caamerqaa ykn kutaa lubbiyyoo ( leetoo) jedhamu. caamerqoonnii caasaalee dalagaa mataa isaanii raawwatu. Fakkeenyota orgaanelootaa(caameerqoonnii) keesaa murasni maayitookondoriyaa(caasumneee), kiloroopilaastii(caas-magarroo), raayiboosomii(horotaa protiinii)fi kanneen kana fakkaatanidha
Caasaalee seelii biqiltootaafi bineeldotaa Seelonni biqiltootaafi bineeldotaa maayikrooskoppii kompaawundii jalatti yommu ilaalaman caasaalee seelii gurguddoo sadii. Isaanis membiranii seelii ykn Haguggee-lubbiyyoo, saayitoopilaazmii(hamataa leetoo)fi niwuukilasii ykn wirmaata dha
lubbiyyonni hundi caasaalee lubbiyyoo walfakkaatan qabaachuu baatanis caasaalee lubbiyyoo keessaa muraasni akka armaan gadiitti ibsamaniiru
Haguggee lubbiyyoo(membireenii seelii) : Sochii wantootaa gara keessaafi ala lubbiyyotti raawwatamu too’ata.
Mana-lubbiyyoo ykn watana lubbiyyoo : Caasaa seelii dhangala’oo ta’e orgaaneloota heddu ofkeessaa qabuudha.
Wirmaata(Niwukilasii ) : Caasaa lubbiyyoo dalagaa waliigalaa lubbiyyoo to’atudha.
Kilooroopilaastii(Caas-magaroo): camerqa lubbiyyoo biqiltoota keessatti argamu ta’ee halluu magariisa kilooroofiilii(dibamagarisa) jedhamu qabuufi bakka itti footoosinteesisiin ykn Qophifni gaggeessamudha.
Vaakiyuulii(kuus-dhagala'aa): Caasaa lubbiyyoo ayonoota, bishaanifi wantoota xuraawaa ta’an kuusuudha,
Cicha seelii(cicha lubbiyyoo): Cichaan seelii casaa lubbuu hin qabneefi ala haguggee lubbiyyootti aanee kan argamudha.Dalagaan isaas caasaalee lubbiyyoo irraa balaa ittisuu fi boca murtaawaa akka qabaatan kan gargaarudha.
Maayitookondoriyaa(caasumnee): caamerqa gubamni soorataa keessatti gaggeeffamuufi anniisaan lubbiyyoo itti omishamudha.
Raayiboosomii(horata pirootinii): orgaaneelii seelii pirootinii oomishuuf ooludha.
Retiikulamii Indooplaazmaa(cimdaahaguggee): orgaanelii seelii pirootinii geejibuuf gargaarudha.
Dhagnoota goljii: orgaanelii pirootiniifi liipidii qindeesuu, saamsuufi geejibudha.
Lubbuu-qabeeyyii wirmaat-dhugee(iyuukaariyootii) fi wirmaat-sobee(pirookaariyootii)
[gulaali | lakkaddaa gulaali]lubbu-qabeeyyii caasaa lubbiyyoo isaanii irratti hundaa’uun bakka lamatti qoodamu. Isaanis wirmaat-sobee fi wirmaat-dhugee jedhamu.
I. Lubbu qabeeyyii Wirmaat-sobee (pirookaariyootii): lubbu-qabeeyyii niwukilasii(wirmaata)fi orgaaneloonni isaanii membireeniin(haguugee lubbiyyoo) kan hingolgamnedha. Fakkeenyaaf, baakteeriyaafi saaphaphuu cuqul-magariisadha
II. Lubbu qabeeyyii Wirmaat-dhugee( iyuukaariyootii): lubbu-qabeeyyii niwukilasii(wirmaata)fi caamerqaa isaanii membireeniin(haguugee lubbiyyoo) kan golgamnedha. Fakkeenyaaf, biqiltoota, bineeldota, fangasootaafi pirootozowaadha