Koloneeffamuu Afrikaa

From Wikipedia
(Redirected from Lakkowsa)
Jump to: navigation, search
POTY barnstar.svg
Kaartaa Afrikaa bara 1910tti...

Seenan Afrikaan humnoota alaatin koloneeffamuu marsaa sadi'itti qooddamuu danda'a: kan bara durii, bittaa Arabaa, fi koloniyaalizimii Yuurooppiti. Ummata biratti, koloniyaalizimii Afrikaa kan jedhu sadan kana keessaa isa dhumaa akka ibsutti beekkama.

Biyyoota Afrikaa hunda keessatti, afaan mootummaa fi meeshaalen sabqunnamtii itti fayyadaman dhaala sirna koloniyaalizimii irraa dhufedha. Dhalattoonni Afrikaa baayyeen biyyoota biraa keessa jiraachunsaanii Afrikaanonni miliyoonatti lakkaawwaman akka garbaatti koloneessitoota alaa kanaan guurramanii gara biraa geeffamuu wajjin kan walqabatudha.

Tartiiba Raawwii[edit | Lakkaddaa gulaali]

Kanas ilaali: Seena Afrikaa
  • Bar durii keessa, uummattoota Yuurooppi Kibbaa fi Dhiha Eeshiyaa jiraatanitu Afrikaa Kaabaa kololeeffate, ummanni Eeshiyaa kibba-baha ammoo Madagaskaar koloneeffatan.
  • Bara Giddu-galeessaa keessa, Kaabni fi Bahi Afrikaa ummata Dhiha Eeshiyaatin dabalataan koloneeffaman.
  • Bara Ammayyaa keessa, ummanni Yuurooppi Dhihaa Ardii Afrikaa hunda koloneeffatan, kunis "Afrikaaf Daddafuu" dhuma jaarra 19ffaatin fiixee ga'e. Dambaliin kolonii jalaa ba'uu Waraana Addunyaa II booda ka'e.

Fakkeenya guddaa koloneessuu keessaa kan Ardii Afrikaa keessaatti godhame godaansa Baantuti.

Koloneessuu bara durii fi giddu-galeessaa[edit | Lakkaddaa gulaali]

Afrikaan kaabaa koloneessuu Yuurooppii fi Eeshiyaa Dhihaa bara seena jalqabaa keessatti mudate, keessummattuu Giriikii fi Foneeshiyaanota.

Faaroo Ijiipti Amaasis (570–526 DhKD) jalatti, koloniin daldalaa Giriik Naucratis itti, bakka Aleksaandiriyaarraa maayilii shantama fagaatutti, hundeeffame. Giriikonni yeroodhuma kana Cyrenaica koloneeffatanii jiru. Bara 513 DHKD, warri Giriik kolonii Cyrene fi Carthage gidduutti dhaabuf yaalii godhanii turan, kunis ummata naannoo fi warri Carthage waliin ta'uun waggaa lama booda koloneessitoota Giriik ari'ani.

Aleeksaander Guddichi (356–323 BC) magaalaa Aleeksaandiriyaa bara Ijiipti koloneeffatetti hundeesse. Kunis magaalaa guddaa bara Heleenii fi Roomaa ta'e, giddu-gala daldalaa fi aadaa akkasumas buufta waraanaa fi walqunnamtii ta'e.

Finiishaanonni kolonii baayyee naannoo qarqara galaanaa Kaaba Afrikaa dhaabaniiru. Kana keessaa muraasni bara durii keessa kan dhabbatanidha. Utica, fakkeenyaaf, 1100 DhKD dhaabbate. Kaarteej, kan hiikansaa magaalaa haaraa jechuu ta'e, DhKD bara 801tti hundeeffamte. Kaarteej biyya amma Tuniiziyaa jedhamtu kana keessatti kan dhaabbatte yoo ta'u DhKD jaarraa 4ffaa keessa naannoo galaana Meditiraaniyaaniitti humna guddaa taatee turte. Warri Kaarteeji mataansaanii duulaa Afrikaa naannoo qarqara Atilaantii qoratuu fi kolonii dhaabu ergaa turan. Duulaa akkasii kan beekkamu keessaa tokko kan Hannoti, Harden kana naannoo 425 DhKD tilmaama.

Kaarteeji warra Roomaatin walitti buutee lolaa turte. Waraana kan sadaffaa fi kan dhumaatin, Waraana Puniikii Sadaffaa (150–146 BC), Room Kaarteejin guutummaan balleessite. Scullard (f. 37, 150, 216) karoora Gaius Gracchus jaarraa 2ffaa DhKD, Julius Caesar fi Augustus giddu-galeessa jaarraa 1ffaa DhKD kolonii Roomaa naannoo sanatti dhaabuuf qaban ibsa. Koloniin kunis dhaabbatee ture, bara Augustus akka magaalaa guddoo Konyaa Room kaan Afrikaa ta'ee tajaajile.

Gothic Vandals yeroo gabaabaaf naannoo sanatti mootummaa jaarraa 5ffaa keessa dhaabanii turan, yeroo gabaabaa booda kunis harka warraa Roomatti kufe, warraa Beezantaayin. Guutummaan kolonii Roomaa/Beezantaayin kan Afrikaa Kaabaa jaarraa 7ffaatti Araboota jalatti kufe.

Warri Arabootaa afaan Arabaa fi Islaamummaa jalqaba bara Giddu-galeessaa keessa beeksisan, karaa biraa ummanni Malaay ammoo afaansaanii adda addaa Madagaaskaariitti sana dura beeksisan.

Bara ammayyaa kan duraa[edit | Lakkaddaa gulaali]

Kaartaa Afrikaa Dhihaa, til. 1736, "maaltu kan Ingilaandi, Hoolaandi, fi Deenmaarki, kkf akka ta'e kan ibsu"

Jaarraa 7ffaa kaasee, daldaltoonni Arabaa qarqara bishaanii Siwaahiliitti qubachuu jalqaban, odola Zaanzibaar dabalate. Daldala qaxxaamura-Sahaaraarraan kan ka'e magaalonni Afrikaa Dhihaa muraasni jiraattota Arabaa yoo qabaataniyyuu, biyyoonni akkasii kun akka kolonii ta'aniif kan yaaddame miti, garuu Morookoon Saahel Waraana Morookotiin qabachuu yoo yaalteyyuu, naannoo sana qabachuun saamtee oduma hin turin loltuu ishii akka baastu dirqamte.

Jilli warra Yuurooppi kan jalqabaa odoloota namni irra hin jirree kan akka Keeppi Verdee fi Sa'o Toomee koloneeffachuurratti, ykn qarqara galaanaatti dawoo waraanaa (forts) akka buufata daldalaatti ijaaruu irratti xiyyeeffata. Dawoon waraanaa kunis yeroo baayyee nannoo qarqara galaanaa kan dhiibbaa warra Yuurooppi jala jiru uumee, garuu, Laga Senegaalin alatti, kutaan Afrikaa garri keessaa ballaan hinkoloneeffamne, akkasumas hanga jaarraa 19ffaatti warri Yuurooppi waa'ee keessa Afrikaa hinbeekan ture.

Viinsenti Kapooyaa sabaawwan walqabatan babal'aa sadii kan Alii Mazru'ii kan warri Yuurooppi maalif Afrikaa abuuruu akka jalqaban ibsu: beekkumsa dabalachuuf, kiristaanummaa baballisuuf, fi ofitti-amantummaa biyyasaanii dabaluufi. Kapooyaan itti fufuun sababoota ("siyaasa/tarsiimoo, aadaa fi diinagdee") koloniyaalizimii tarreessa.

Afrikaa cirachuu[edit | Lakkaddaa gulaali]

Kanas ilaali: Afrikaatti ariifachuu

Impaayeroonni bubbulan, keessaahuu Biriiten, Poorchugaal, fi Firaansi, lafa bal'aa Afrikaa fi Eeshiyaa sana durayyuu kan keenya jedhanii labsatan, impaayeroonni haara dhufaa jiran kan akka Xaaliyaanii fi Jarmaniis akkuma kana kan godhan, haa ta'u garuu lafti isaanii xiqqaadha. Erga chaansilerii duulloomaa jiru Bismaarki Kaayizer Viilheelmi IIdhaan angoorraa buufamee booda, sirni koloneeffachuu duraan kallattii qabatee deemaa ture tokkichumaan saamicha garadhabaa ta'e. Korri Barliin 1885, kan Biismaarki qajeelfama addunyaalessaa kan ittiin lafa Afrikaa fudhatan hundeessuuf waame, "Impeeriyaalizummaa Haaraa" kana waaltesse. Waraana Firaankoo-Piraashiyaa fi Waraana Guddaa gidduutti, Yuurooppi lafa miliyoona isquweer maayilii 9 (23,000,000 km²) ta'u - kan ballina lafa addunyaa keessaa tokko-shanaffaa ta'u - kolonii isaanii fageenyatti argamutti dabalatan.

Viinsenti Kapoya ofitti-amanamummaa guddaa biyyoonni Yuurooppi sababa kolonii ballinaan biyya isaanii dachaa baayyen caalu qabaniif isanitti dhaga'ame guddaadha jedha. Kana malees, wal-falmii biyyoota gurguddaa kana gidduu jiru irratti gumaacha guddaa akka isaan godhan kaasa. Dhalatoonni Afrikaa milyoona tokko ta'an Waraana Addunyaa Iffaarrati, miliyoona lama kan ta'an ammoo Waraana Addunyaa IIffaarratti warraa Allayis bukkee hiriirun hirmaataniru jedha.

Khapoya tooftaa bulchiinsa koloneessitoota ilaalchise akkana jedha. "Firaansi, Poorchugaal, Jarmanii, fi Beeljiyeem tooftaa bulchiinsa kan giddu-galeessan too'atamu kan 'Qajeelton bulchuu' jedhu hordofu. Biriiten ammoo namootaa naannoo sanaa kan angoorra jiran fayyadamuun akka isaan Impaayera Biriitishiif bulchan jajjabeessun ykn dirqisiisun bulchite. Kunimmoo "Alkallattiin bulchuu" dha.

Firaansi, biyya Firaansirraa qajeelton bulchaa turte, kunis fedhii fi seera warra Afrikaa odoo hin eegin Firaansif amanamoo ta'uu isaanirratti qofa hundaa'un bulchitoota ramadaa turte. Firaansi Afrikaa keessatti federeeshinii kolonii guguddaa lama hundeessite, Afrikaa Dhihaa Fireenchi fi Iqquwaatoriyaal Afrikaa Fireenchi dha. Firaansi, angaawota ramaddi, seera baafti, akkasumas labsiin korri warra kolonii baase kamiyyuu Firaansin mirkanaa'uu qaba.

Gareewwan ummataa Afrikaa Bahaa Jarman keessa jiran gibiraa fi hojii humnaa diqamaa morman. Jarmanoonni bara 1888titti guutummaan ari'amuuf qarreerra turan. Waggaa kudhan booda kolonii kun guutummaan qabatame, garuu "qabsoo dheeraa ture, akkasumas giddu-galli bulchiinsa kan kolonii keessaa buufata waraanaa xixiqqaa ture". Bara 1905tti, fincilli deeggarsa guddaa argate Jarmanoota mudata. Mormiin kun jalqabarratti milkaa'ee ture. Haa ta'u malee, waggaa tokko keessatti, fincillii kun loltuu qawwee maashinii hidhateen deeggaramee too'annoo jala oole. Yaali Jarmanoonni kibba-bahaa Afrikaa qabachuuf godhanis akkasuma mormii jabaan kan mudate yoo ta'u humna waraanatiin akka cabu godhame.

Mootichi Beeljiyeem Liyoopooldi kolonii dhuunfaasaa bal'aa ta'e Mootummaa Bilisaa Koongoo jedhee moggaase. Kan jechuun, namoonni naannoo sana saaman bilisa jechuudha, kan isaan deebii kennaniifis Mootii Beeljiyeemif qofaafi. Ummanni Afrikaa sirna kana keessatti baayyee hacuuccamuurraan kan ka'e humnoonnii koloneessitootaa kan biroo mootiin Beeljiyem gidduu seenee akka tasgabbeessuf gaafatan. Boodarra mootummaan Beeljiyem nannicha akka kolonii Beeljiyemitti qabate.

Kappooyyaa (ff. 134–143) humnoonni koloneeffattootaa bu'aa diinagdee koloneeffachuun isaanii kennuuf xiyyeeffannaa guddaa akka keennan dubbata. Kunis kan dabalatu: lafa qabachuu, hojii humna dirqamaa hojjisiisuu, midhaan daldalaa akka oomishan gochuu, yeroo tokko tokko hanga midhaan nyaataa oomishuun dagatamutti, warra Afrikaan sirna koloneeffamuun dura wajjin daldalan jijjiiruu, hojjattoota humnaa Indiyaarraa fiduu, fi kkf akkasumas Afrikaan Industirii Yuurooppif meeshaa dheedhii dhiyeessuu akka itti fuftu gochuudha. Humnoonnii koloneeffattootaa garbummaa balleessuu, bu'uurmisoomaa hojjachuu fi barnootaa fi fayyaa fooyyessuu irrattis xiyyeeffatanii turan.

Kolonii Jalaa Ba'uu[edit | Lakkaddaa gulaali]

Viinsentii Kaappoyaan (p. 148f) mormii guddaa humnoonni impeeriyaalistii yeroo Afrikaa gamboomsuf jedhan isaan muudate dubbata. Olaantummaan teknooloojii too'annoo jala glchuu fi gabroomsu isaan dandeessise. Afrikaanonni bilisa ba'uutti amanan ga'ee barnoonni Yuurooppi qabu hubatan. Afrikaanonni tokko tokko waldaa kiristaana mataa isaanii dhaabbatan. Afrikaanonni yeroo Waraana Addunyaa biyyoota Impeeriyaalistiitif gargaarsa godhaniif ragaan galataa isaanif kennamee kan warra kaanii wajjin walixxee akka hin taane hubatan.

Viinsentii Kaappoyaan (p. 148f) mormii guddaa humnoonni impeeriyaalistii yeroo Afrikaa gamboomsuf jedhan isaan muudate dubbata. Olaantummaan teknooloojii too'annoo jala glchuu fi gabroomsu isaan dandeessise. Afrikaanonni bilisa ba'uutti amanan ga'ee barnoonni Yuurooppi qabu hubatan. Afrikaanonni tokko tokko waldaa kiristaana mataa isaanii dhaabbatan. Afrikaanonni yeroo Waraana Addunyaa biyyoota Impeeriyaalistiitif gargaarsa godhaniif ragaan galataa isaanif kennamee kan warra kaanii wajjin walixxee akka hin taane hubatan.

Viinsentii Kaappoyaan (p. 148f) mormii guddaa humnoonni impeeriyaalistii yeroo Afrikaa gamboomsuf jedhan isaan muudate dubbata. Olaantummaan teknooloojii too'annoo jala glchuu fi gabroomsu isaan dandeessise. Afrikaanonni bilisa ba'uutti amanan ga'ee barnoonni Yuurooppi qabu hubatan. Afrikaanonni tokko tokko waldaa kiristaana mataa isaanii dhaabbatan. Afrikaanonni yeroo Waraana Addunyaa biyyoota Impeeriyaalistiitif gargaarsa godhaniif ragaan galataa isaanif kennamee kan warra kaanii wajjin walixxee akka hin taane hubatan.

Akka Shilingiten ibsutti qonnaan bultoonni Biriitish Afrikaa Bahaa keessa jiraatan yaalii lafasaanii irraa fudhachuuf godhamee fi toofta qonnaa isaan hin barbaadne akka fayyadaman dirqisiifammuu isaanitiin baayyee haaran. Tangaanikaa keessatti, Juuliyes Nerereen Afrikaanota Siwaahilii dubbachuun tokko ta'an qofa osoo hin taane geggeessitoota warra diimaa (faranjii) heeraa sanyummaan guutame san keessatti sagalee jabaa qaban birattillee dhageettii guddaa qaba. Nerereen yeroo Tangaanikaan 1961tti bilisa baatu pirezidaantii ta'e. Keeniyaa keessatti, warri diiman qonnaan bultoota Afrikaa 1930n keessa lafa isaanirraa buqqisan. 1940n keessaa kaasee yeroo hunda lolatu jira ture. Kunimmoo bara 1952 itti cime. Bara 1955tti, Biriiten fincila kana dhaamsite. Bara 1960tti, Biriiten bulchiinsa warra baayyee Afrikaanotaa fudhatte. Waggaa sadi'i booda, Keeniyaan bilisa baate.

Shilingten Beeljiyeem jalqaba bilisa ba'uu Afrikaa baayyee mormuushii, Afrikaanonnii magaalaa jiraatan gaaffii kaasuu, filannoon 1957 fi 1958 aarii kana qabbaneessuf godhamusaa, tasgabbii dhabuun kolonii kana guutummaa keessatti ka'uu, bilisumma atattamaan kennamuufii fi sanatti aanee mormiin waliinii ka'uu.

Afrikaanonni kolonii jalaa ariitidhaan kan ba'an Waraana Addunyaa II boodaa jalqabeeti. Sochiin bilisummaa baballachaa deemuu, dhaabni siyaasaa fi hojjattootaa Afrikaanootaa dhaabbachuu fi humnoota imperiyaalistiirratti dhiibban biyya keessaa baayyachuu akkasumas USA dhiibbaaa gochuun biyyoonni ardii Afrikaa baayyen hanga bara 1980tti bilisa akka ta'an godhe. Naanno muraasni, keessattuu Afrikaa Kibbaa, dhalattoota ummata diimaa yoo qabaataniyyuu, lafa biyya biraatin marfame Se'utaa fi Meelillaa fi Odoloota Riiyuuniyen, Odoloota Kanaarii fi Madeeraa qofatu too'annoo warra Yuurooppi jalatti hafe.