Kolonii Jalaa Bahuu Afrikaa

From Wikipedia
Jump to: navigation, search
African countries in order of independence

Afrikaan kolonii jalaa ba'uun Waraana Addunyaa IItti aanee kan dhufe yoo ta'u kunis uummanni koloneeffame bilisummaaf waan dadammaqaanif fi humnoonni koloneeffattootaa bulchitoota isaani Afrikaa keessaa waan baasaniif ture.

Humnoonni Adunyaa lamaan kan jaarraa 20ffaa guutuu kolonii jalaa ba'uu Afrikaa kara ofiseelaa fi cimsanii deeggaraa turan Sooviyeet Yuuniyeenii fi Chaayinaa qofa ture — biyyoonni kaan yaadasaanii deeggarsa koloniyaalizimii cimaarraa ka'ee hanga deeggarsa waan duraan ta'eef garaa duubaa kennuutti garaagarummaa qaba.

Seenaasaa[edit | Lakkaddaa gulaali]

Kanas ilaali: Afrikaatti ariifachuu

Dhuma jaarra kudha-salgaffaa keessa yeroo Afrikaa cirachuu, humnoonni Yuurooppi Dhihaa, Afrikaa fi qabeenyashii Kora Barliin 1884-85 irratti addaan hiratan. 1905tti, lafti Afrikaa hundi too'anna mootummoota Yuurooppi Dhihaa harka jira ture, kana keessaa kan hafan Laayibeeriyaa (iddoo qubsumaa Afrikaan-Ameerikaanota duraan garba turanii kan taate) fi Itoophiyaa (kan yaalii koloneessuu Xaaliyaaniin godhame ofirraa faccifte) qofa ture. Biriiteen fi Firaansi lafa bal'aa qabatani, garuu Jarmanii, Ispeen, Xaaliyaanii, Beeljiyeem fi Poorchugaalis kolonii qabu turan. Sababa koloniyaalizimii fi imperiyaalizimiitin, Afrikaa harki guddaan birmadummaa fi too'annaa qabeenya isaanii kan akka warqii fi muka gommaa dhaban. Yaada-rimee Walaloo Ba'aa Nama Diimaa hordofudhaan, namoonni Yuurooppi kan koloniyaalizimii irraa bu'aa argatan, koloniyaalizimiin Afrikaa qaroomsuuf barbaachisaadha jedhanii yaadu ture.

Sababa[edit | Lakkaddaa gulaali]

Waraanni Addunyaa II irratti kolonoonni Biriiten baayyen humnoota Allaayid humna waraanaa fi qabeenyaan deeggaranii warra Aaksisi lolaa turani. Kolonoonni Afrikaa baayyen waraana kana booda bilisa hin kennamneef. Impeeriyaalistiin Jaappaan Baha Fagoo qabachuunsaa hirrina meeshaa dheedhii kan akka gommaa fi albuudota adda addaa fide. Afikaan hiirina kana bakka buusuuf yoo dirqamtu jijjiirama kanarraas bu'aa guddaa argatte. Rakkoon biraa Awurrooppaanota Dhihaa mudate bidiruu-U kan Garba Atilaantiik to'achaa turedha. Kuni meeshaa dheedhii kolonii Afrikaarraa gara Awurooppaatti fe'amu hirrise ykn gufuu itti ta'e. Sababa daldalli gadi hirrate kanaaf, industiriin Afrikaa keessa jiru jajjabaachaa deeme. Industiriin Afrikaa keessa kun jajjabaachun ammoo magaalonni haaran akka uummaman, kan duraan jiran ammoo akka diingadee fi baayyinni ummata isaanii guddatu godhe. Akkuma ummanii magaalaa fi industriiin guddachaa deemen, waldoonni hoojattootaas baayyachaa deeme. Waldaa hojjatootaa kana bukkeetti, magaalomuun namoonni dubbisuu fi barreessuu danda'an akka guddatu godhe, kunimmoo gaazexoonni bilisummaa deeggaran akka dhaabbatan karaa bane.

Bara ittii Biyyoonni Afrikaa Bilisooman

Gurraandhala 12, 1941 pirezidaantin USA Firaankiliin D. Ruuzvelti fi muummichi ministeeraa Biriiten Winisten Charchil addunyaan waraana booda uummamtu maal akka fakkaattu dubbachuuf walga'an. Bu'aan walga'ii kanaas Chaarterii Atilaantilii ti. Wanti kun waliigaltee miti, Paarlaamaa Biriiteenitti ykn seneetii Yunaayitid Isteetisitti kan raggaasifamuuf hin kennamne, garuu dookimentii fudhatama bal'a argatedha. Waadaan tokko, kan Ruuzvelti itti galche, kolonoonni akka ofiin of bulchan kan jedhu ture. Waraana Addunyaa II booda, USA fi kolonoonni Afrikaa, Biriiten akka murtii Chaarterii Atilaantik kana kabajjuuf dhiibbaa godhan. Waraana booda, lammiin Biriiten tokko tokko kolonoonni Afrikaa kan hin bilchaatinii fi amala ijoollummaa akka qabnitti ilaalu turan; koloneessitoonni Biriiten bulchiinsa dimokiraatawaa kolonii keessatti amma gadiitti diriisan.

Bara 1930tti, humnoonni koloneeffattootaa, yeroo tokko tokko odoo hin beekin, bulchiitota xiqqoo kan yuunivarsiitii biyyoota dhihaa keessatti baratanii fi waa'ee hiree ofii ofiin murteeffachuu hubatan aangoorra kaa'an. Bulchitoonni kun hooggantoota qabsoo bilisummaa ta'an, kunis kan akka Joomoo Keeniyaataa (Keeniyaa), Kiwaamee Inkiruumaa (Gooldi Koosti, amma Gaanaa), Juuliyees Nereeree (Tanzaaniyaa), Liyooppoldi Seedar Sengor (Senegaal) fi Filiiksi Hufeet Boonyii (Kootdivo’aar) dabalata.

Kanas ilaali[edit | Lakkaddaa gulaali]