Laga Dhedheessaa
Lagni Dhedheessaa laga dhiha Itoophiyaa keessatti argamu. Dhedheessi galtuu Laga Abbaayi yoo ta'u kan inni ka'us gaarren Gommaa irraayi. Achii erga ka'ee booda gara kaaba-dhihaatti yaa'un Laga Abbaayittii odoo inni bakka 9°57′Ka 35°41′Dtti gara kaabatti hin jallatin itti makama. Iddon kunis yeroo Lagni Abbaayi kallattii kibbaatti deemu ga'u fiixee kibbaati. Bishaan Laga Dhedheessaatti galu ballina lafaa 19,630 isquweer kiilomeetirii ta'urraa kan dhufu yoo ta'u kunis Godina Wallagga Bahaa fi Beeniishaangul-Gumuz keessa.
Galtuuwwan Laga Dhedheessaa kan karaa mirgaa Inaariyaa, Aet, Waamaa fi Angari; karaa bitaa ammoo galtuu inni guddaan Laga Dobanati. Bara 1890n keessa laga Dhedheessaa qorachaa kan ture Aleeksaander Bulaatooviichi, qorannoo isaafi gaaffiif deebii ummata naannoo wajjin godherra ka'uun, ya'aasaa gara gadiitti erga Angariin walitti dabalamee booda, Lagni Dhedheessaa suuta waan yaa'uuf geejjibaaf ooluu danda'ama jedhe.
Seenaa Namoota fi Lagichaa
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Abuuraa jaarraa-20ffaa gara jalqabaa kan ta'e Herbert Weld Blundell maqaan Dhedheessa jedhu maqaa laga kanaa kan duraanii kan bakka bu'e ta'uu hinhafu jedhee dubbata, kunis maqaa Dhedheessa jedhu kana bara 1861, yeroo d'Abbadie gara Shawaatti imalee qorannoo godheen dura faayidaarra oolee hinargamne waan ta'eefi. Yeroo bara 1905ttii dhaqee turetti, Bosonni Handak kan Laga Dhedheessaarra karaa mirgaa jiru, iddoo arba itti adamsan beekkamaa ture. Arbi, Laga Dhedheessaa fi Laga Dabbus hordofuun gara Laga Abbaayitti dhufu fakkaata, kan Laga Dabus leemmani waan keessatti marguuf sanaa barbaacha lagicha hordofanii deemudhaan. Itti aansees, bakka Lagni Dhedheessaa Laga Abayitti dabalamutti, "hojii warqii miccuu guddaan jira, kunis Laga Abbaayi, Dabbusii fi galtuuwwansaa hordofee ittuma fufa" jedhe:
Dhiqama lolaa guddaa kan dhagaa baazaaltiirra ga'uu fi tortoruun biqiltootaa sana booda dhufu, istiraataa jala jiru gubbaatti ol baasa; kaanafis, biyyi guutuun Chochii jalaa kaasee hanga Laga Dhedheessaatti, fageenya maayilii 15 ta'u, cirracha quwaartizii fi qarsaadhan uwwifama, akkasumas dhagaa gurguddaa ol dhaabbatutu mul'ata. Qaawwan tortore lafarratti faffaca'ee argama, warqiin inni qabatee jirus dhiqamee lagatti nama, achii hooffamee gara Laga Abbaayi dhaqa [1]
Abuurtonni kun yaalii godhaniyyuu, akkasumas namoonni naannoo laga kanaa erga sanyiin namaa uummamee kaasee achi jiraataniyyuu, karaan Lagni Dhedheessaa deemu kan naannoo Naqamteetii kasee amma inni Laga Abbaayitti dabalamutti jiru kun as dhihoo bara 1935 Dunlop fi Taylorin guutummaan deemmame. Jarri kun lamaan yoo gaafatan, Dajjaazmaach Habta Maariyaam bulchaan Naqamte jiru "Namuu, warra Shaanqillaayyuu dabalatee, amma ani beekutti, laga kana amma inni Abbaayitti dabalamutti hordofee kan arge hin jiru" jedhe
"Waggaa keessatti yeroo muraasa [Dajjaazmaach itti fufee yoo dubbatu], Shaanqillaa muraasni ooyiruu jirbii muraasa kan ani hundeesse keessa nihojjatu, kunis riqicha Dhedheessaarraa gara kaabaatti maayilii 15 fagaatee argama; garuu karaadhumti gabaabaan kun, akka jecha isaatti, "biyya qamalee fi jaldeessaf qofa mijatu". Gufuu guddaa nu mudatu cimsee yoo dubbatu: leemmana yabbuu, bosona, dhibee qaama oo'isu, fi harkasaa ol kaasudhaan gaarreen hamaa naanoo laga kanaa jiru agarsiise. Yaada biraa yoo kennu, yoo bakka itti Lagni Dhedheessaa fi Lagni Abbayi walitti makaman ilaaluu barbaaddan, Naqamterraa karaa hordofuun gara Najjoo deemudhaan, achii ammas karaa duraan jiru hordofuun gara sana deemun ni dandeessu". [2]
Wabii
[gulaali | lakkaddaa gulaali]- "Tana & Beles Integrated Water Resources Development: Project Appraisal Document (PAD), Vol.1", World Bank, 2 May 2008 (accessed 5 May 2009)
- From Entotto to the River Baro (1897), translated by Richard Selzer, Ethiopia through Russian Eyes: Country in Transition, 1896-1898 (Lawrenceville: Red Sea Press, 2000) ISBN 1-56902-117-1 (accessed 2 November 2009)
- H. Weld Blundell, "Exploration in the Abai Basin, Abyssinia", Geographical Journal, 27 (1906), p. 541
- A. Dunlop, "The Dadessa Valley", Geographical Journal, 89 (1937), p. 513
- ↑ H. Weld Blundell, "Exploration in the Abai Basin, Abyssinia", Geographical Journal, 27 (1906), p. 541
- ↑ A. Dunlop, "The Dadessa Valley", Geographical Journal, 89 (1937), p. 513