Lafjoo cuggee
Lafjooo cuggee/dinkii wanta xiqqaa lafjaawaa ulfaatina qabuu fi marsoorratti kan biiftuun naanna’uudha, pilaaneetota idilee saddeet keessaa jirran hundarra xiqqaadha. lafjoon cuggeen idilee Pilutoo dha.yeroo ammaatti Lafjoo xixiqqoo jalatti ramadamanii kan beekaman shaniidha. Isaanis; seerees, puluutoo, haawmiyaa, makmakeefi eeris jedhamuun waamamu. Seerees kan argamu gidduu maarsii fi juuppitariitti sabbata astirooyidii(Bungulkattaa) keessatti yoo ta’u, kan hafan afran immoo neeptuuniin boodatti aduurraa fagaatanii argamu. Wantoon tokko lafjoolee xixiqqoo jedhamuuf ulaagaan waldaa astiroonoomii addunyaa kaahe guutuu qabu. Ulaagaaleen kunniin;
• Aduurra naanna’uu qabu,
• Hanga boca isaanii murteessuu danda’u kan qaban,
• Oorbiitii mataa ofii murtaa’aa ta’e kan hin qabneefi
• Addeessota kan hin ta’iniidha.