Jump to content

Jajjuu (aanaa)

Wikipedia irraa

== Aanaan Jajuu Aanaalee Godina Arsii keessatti Argaman 25 keessaa takka yoo taatu magaalaa guddittii biyattii Finfinnee irraa gara kibbaaatti 182km , Magaalaa Godina Arisii Asallaa irraa immoo gara bahaatti 125km fagaattee argamti. Magaalaa Gudditti Godina Sh/ bahaa Adaamaa irraa gara bahaatti 87km fagaattee argamti. Daanggeeffamaa fi argamni Aanaa Jajuu  Kaabaan ___ Aanaa Boosat  Kibbaan __Aanaa Sudee  Bahaan _Aanaa Martii  Lixaan _Aanaa sireetiin Daanggeeffamati. Bal’inni Lafa Aanichaa  : Heektaara 75,200 yoo ta’u kana keessaa  Qonnaaf kan Oolu hek 29017  Bosonaan kan qabame hek 10998 yoo ta’u  Dheeedinsaaf hek 10925  Lafti Bishaanii hek 671 Haalli Qilleensa Aanichaa (Agro- Ecologiin isaa  Baddaan __________ (33%)  Badda Dareen ________ (47%)  Gammoojjiin ________ (20%)yoo ta’u,Baay’ina Ummata Aanichaa 141,252  invastaroonni qonna kuduraa fi muduraa irratti bobba’an fi oomisha habaaboo irratti hirmaatan 19. Hojii dhabeeyyiii 1,220f dhaabbiidhaan hojii kan uumaniif yoo ta’u, namoota 5,000 oliif immoo yeroof carraa hojii uumaniifii jiru.  Jallisiin Tibilaa kan Heektaara 5000 ol misoomsaa jiru anaa kana keessatti argama. jallisiin aadaa, paampii fi jallisiin hammayyas nijira.  Daandiin Arbooyyee Adaamaa fii Daandii Gandootaa fi gandoota walqunnamsiisu Daandii cirrachaa km 108 ta’u diriiree jira.


 Manneen Barnootaa sadarkaa 1ffaa irraa kaasee hanga mana brnootaa sadarkaa 2ffaa Dhaabbata leenjii teeknikaa fi ogummaa 1 qabdi  Buufata Fayyaa 4 fii keellaa fayyaa 26 kilinika dhuunfaa 5 fi Ogeeyyii fayyaa hedddun kan fayyaa jiraattota ishee too’attuudhaGama Imxtiin baadiyyaa magaalattis Hoji Dhabeeyyiif carraan hojii uumameera  waliin gahiinsi bishaan dhugaatii Aanichaa % 62 irra gahee jira.  Gama ibsaatiin magaallonni Aanichaa Arbooyyee , Boolloo fi Magaalaan Alaagaa dureettii Ibsaa kan argatan yoota’u Magaalonni xixiqqoon daandii gubbaajiran hunduu ibsaa argataniiru.  Gama teeleetiin Gandoota magaalaaf baadiyyaa Aanichaa hunda irrattuu tajaajilli bilbilaa nijira. Gama Barnootatiin Baay’inna Manneen Barnootaa 1984 2007 M/B 1-4 3 14 M/B 5-8 18 29 M/B 9-10 1 2 M/B 11-12 0 1

                    Baay’inna Barsiisotaa 

Barsiisota 1984 2007 Digrii 14 99 Dippiloomaa 10 424 TTI 186 64

   Hirmaannaa Barattootaa ilaalchisee 

Baay’innaa barattootaa 1986 2007 Olmaa daa’immanii 0 217 Zeeroo claasii 0 2,300 Barattoota 1-4 - 20,753 Barattoota 5-8 - 1,724 Barattoota 9-10 - 6632 Barattoota 11-12 - 268 Barattoota fedhii addaa 0 16 Gamaa Bishaan Dhugaatiitiin Hojiwaan Bishaanii dhugaatii bara 1984 hanga 2007 hojjatamaan fi Bu’aawwan akka Aanaa keenyaatti argaman • Bara 1984 Uwwisni Bishaan dhugaattii %3 irraa turree hanga bara 1997 tti uwwisni bishaan dhugaatii Aanaa % 10.28 akka ol guddatu godhuun danda’ameera. • Bara 1997 Uwwisni bishaan dhugaatii Aanaa 10.28 % irraa turee hanga bara 2002 tti %32.4 guddateeraa. • Bara 2002 Uwwisni bishanii %32.4 irra turee bara 2007 tti %62.6 irra ga’uun danda’ameera kunis kan agarsiisu Uwwisni bishaan dhugaati yeroo gara yerootti dabalaa dhufuu isaakan agarsiisu. • Bolla Harkaa gabaabaa pampii waliin bara 1984 dura 0 irra turee hanga bara 2007 tti gara 63 tti ol guddisuun danda’ameera. • Bolla gadi fagooTamsasaa waliin bara 1984 dura 1 kan turee bara 2007 lakkofsan 13 tti guddatee jira. • Burqaa Tamsaasaa Waliin 1 irraa gara 3tti Madda gabbisuun 0 irraa gara 14 tti gudatee jira

Daandii Ilaalchisee 1.Dandii Arbooyyee – Koshiim dheerina km 12.5 2. Dandii Koshiim – Taree Amiinyaa dheerina km 5.5

3. Dandii Arbooyyee – Habuulee dheerina  km 12.5 

4. dandii Habulee – Alagaa dheerina km 13 5. Dandii Arbbooyyee – Iguu dheerina km 5.1 6. Dandii Arbooyyee – faraqasa dheerina km 9.6 Ida’amaa dheerina km 58.2 kan ta’u hojii ciruu fi haxxahuu, hojii cirachaa uwwisuu fi hojii istrakchaarii adda addaa hojjatama kan jiruu fi hojjatamee tajajiila keenuu kan jalqabee ta’uu isaatti. Akkasumaas hojiin misooma dandii bara 2007 saganta waliin gahinsa dandii badiyyatiin hojjiin ciruu fi haxa’uu, hojii lafa (earth work) hojjatamaa jiru .Dandii Danaab guddoo - D/Kombolchaa dheerina km 6 • Dandii Danab – guddoo --- Qarsaa dheerina km 5.1 • Dandii Bolloo – Utamoo –dojje dheerina km 9. Ida’ama dheerinaa km 20.1 hojiin jalqabameera. Akkuma waliigalatitti sagantaan waliin gahinsaa daandii baadiyaa (SWGDB) tiin akka Aanaa keenyaatti sarara dandii jaha (6) km 58.2 kaan hojjatamee fi sararii dandii sadi (3) km 20.1 jalqabiirra kan jiruu ta’u isatti. Sagantaan waliin gahinsaa daandii baadiyaa (SWGDB) bay’inaa gandoota 15 ta’aniifi bay’inaa ummata dhira 26,910 dubara 19,367 w/qaba 46,277 tajjajila kan keena jiruu ta’u isaatti. Walumagalattii akka Aanaa jajuutii sirnaa Dh.D.U.O. (ADWUI) dandiin cirachaa k.m 108.6 ta’uu hojjatameera. Bay’iina ummata Aanaa kenyaa dhiira 47,635 dubara 35,043 w/qaba 82,678 tajjajilaa omishaa oomishtumma gabaya geeachuu fi dubartootni ulfa tajjajilaa Ambulansii argataniruu.






Oduu Jiraattonni Godina Arsii Aanaa Jajuu Filannoo Biyyoolessaa Marsaa 5ffaan Bakka Bu’aa Keenya Nagaan Filanne Jedhan. Akeekni dagaagina dimookiraasii biyya tokkoo filannoo ummataa ummataan gaggeeffameedha. Kana kan dhugoomsu ammoo filannoon paartilee siyaasaa hirmaachise karaa iftoominaa fi bilisa ta’een nu hirmaachiseedha jedhan jiraattonni Aanaa jajuu buufataalee filannoo garagaraa irratti yaada kennaan tokko tokko . Gandoota Aanichaa 29 keessa buufataalee 66 tti filannoon kan gaggeeffame yoo ta’u iddoolee filannoo hundattuu filannoon karaa nagaatiin gaggeeffamuun isaa dimokiraasii biyyattiin gaggeessaa jirtu hawaasni keenya ofitti fudhachuu isaa agarsiisa jedheera bulchaan bulchiinsa Aanaa Jajuu obbo Jeylaan Abdullee. Itti gaafatamaan boordii filannoo aanichaa Obbo Alamaayyoo Wadaajoo hawaasni aanichaa akkuma sirna dimookiraasii dhugoomsuuf karaa nagaatiin filannoo gaggeessen karoora guddinaa biyyattiin qabattee itti deemaa jirtu cinaa dhaabbachuu qaba jedhanii jiru. Oduu qindaa’eef :- Waajjira DhKMA/Jajuu




Godina arsii aanaa Asakootti filannoon marsaa 5ffaan haala si’oominaa fi milkaa’ina qabuun gaggeeffamaa jiraachuun himame.yeroo ammaa kana biyya keenyatti aangoo mootummaatiinfilannoo ummataa malee meeshaalee waraanaa qabatanii socho’uun hafuu isaa mirkanaa’eera. Yeroon kunis ummanni abbaa aangoo kana itti ta’ee fi bu’uura heeraa kan qabu sirni dimookiraasii yeroo itti dagaageedha.kanaanis waggoottan 25’n darban keessattisaboonni sablammoonni fi ummanni biyyattii filannoowwan haqa qabeessa ta’an marsaa 4’f gaggeessanii turan. Haaluma kanaa jiraattonni godina Arsii aanaa Asakoo filannoo biyaalessa marsaa 5ffaa caamsaa 16 gaggeeffamaa jiru irratti hirmaachuun karaa milkaa’ina qabuun filachaa jiraachuun dhaga’amee jira. Namoonni buufataalee filannootti argamuun yaada kennan tokko tokko nuti abbaa aangoo kan taane ummanni guyyaa seena qabeessa kanarratti argamnee paartii siyaasaa ,nageenya,misooma fi ijaarsa sirna dimookiraasii amma eegame kana itti fufsiisuuf ganamaan kaanee filachaa jirra jedhan. Iddoolee filannoo 46 irratti namoonni kuma 38 ol kan galmaayan yoo ta’u,hanga amma oduun kun qindaayutti namoonni kuma 35940 sagalee kennuudhaan dhibbeentaa 92 irra gaheera. Kan gabaase r/w/dh/k/m/aanaa asakoo maammad-jamaal arrooleeti

Italic text'
Bold text



==

  1. Bulleted list item
  • Bulleted list itemSuperscript text