Gudayyaa Biilaa
aana gudayyaa biilaa godinnaa wallaga bahaa keessaa tokkodha.
Seenaa Gudayyaa kutaa 2 ffaa
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Balbala Leeqaa Gudayyaa keessa kan marge Hayyuun seera Makkoo Biliin tumaa seera gurguddoo saddeet,waliigala keeyyata 65n kan of keessa qabu tumeera. kana malees,Makkoon gurguddoota qomoosaa hortee Jaawwii Maccaa Raayyaarraa dhufan hubachaa guddachuusaatiin,caalaayyuu sabni kun walga'iidhaafi hoodaaf Odaa Bisil jalatti Yeroo walitti qabaman kan gammachisu jaalalasaatiin akka ta'e himama. Jireenya Xuxee Bisil (Odaa Bisil) facaatii Gibee laga Uumaa booda keessa baay'achuusaaniitiin lafti loon isaanii irra dheechifatan,irra jiraatan waan isaan barbaachiseef Makkoon gaggeessummaasa atiin,ummatasaa sochoosee lafa haaraarra qubachiisuuf dirqamullee,jireenyi Xuxee Bisil waan isaanitti toleef, mormiin Makkoo akka mudachaa dhufetu yaadatama.Makkoo Biliis,Tutii Bisili ka'ee Oromoota kaasee biyya Wallaggaa fi Iluu Abbaa Boor keessa tamsaasuuf Salgeesaa mariisiseera jedhama.Salgee keessa muraasni Nyaa'aa Dooroo,Mutulii Kulee,Godaanaa Seenekaa,Keedoo Bantii,Boofoo Dadhii,Furdisa Bonayyaa fi Yeegguu Maatiidha. jireenyi naannoo Tutii Bisil kan Itti tolee ummanni bakka sanaa deemuu hin fedhu jeddhee waan shakkeef Nyaa'aa Dooroo,"goondaan mana kooti nam'e"jedhee mana ofitti ibidda qabsiise.ibiddi mana Nyaa'aa Doorootii ka'es manneen naannoo sana jiran Mara Jim godhee gube.kanaan Makkoo Bilii fi salgeensa ummata Odaa Bisil jalatti walitti qabanii ummata gorsuu eegale; Dhaga'aa dhaggeeffadhaa! Dhaga'aa dhaggeeffadhaa! Seerri tumame hin jigu hin dhangala'u Hin cabu hin dabu Yoo muran seera Yoo tumamee cuqqaalame bar'uudha Seerri muramuuf aggamame Utuu hin muramiin Utuu Bokkuudhaan,Duddubbisan hin rukutamiin Utuu Qacceedhaan hin quwaafamiin Yoo 'qaphe,qaphe'jedhe deebi'ee akka mar'atamu ta'a. "Yaa lammii koo wal gurmeessaa,biyya Itti galtanitti wal gargaaraa mana walii ijaaraa,iyya walii dirmadhaa,ibidda walirraa dhaamsaa.nama harkisaa xuraa'e (nama,nama ajjeese) qomoon nama sanaa loon buusee,gumaa akka bitee oolchu,qomoodhaan haa ta'u"jedhee ummatasaa bobbaasee qubachiisera.ha ala kanaan ilman Gudayyaa sadan keessaa;- • Tutii Gudayyaa hangafa ta'uusaatiin seera hangafuumaan ardaa Abbaasaa facaatii Gibeefi Aanaa Gudayyaa Biilaa keessatti ilmaan saddeet horee jiraateera. • Sayyoo ilma lammaffaa Gudayyaati.inni s ilmaan ja'a horee Aanaa Gobbuu Sayyoo har'aa maqaa ilma Sayyoo hangafaa kan Gobbuu jedhamuun moggafame keessa jiraata.Bujjuuraa Sayyoo lammaffaadha.Aanaadhuma Gobbuu Sayyoo keessa iddoo (ganda)Bujjuura jedhamu irra jiraata.Midaa Sayyoo,lixaa laga Gibee golga laga Odaa Aanaa Sibuu Siree keessa Haroo Caalchisaatti Aananii jiraattota duraati.Daannoo Sayyoo kibba bahaa facaatii Gibee, golga laggeen qallaa,Roobii Abukkoo fi laga Amaaraa Aanaa Baakkoo Tibee qabata.Yeroo ammaa Aanaa Daannnoo keessa ilmaan Liiqan Maccaa waliin wal makanii jiraatu. • Leeqaa Gudayyaa ilma sadaffaa Gudayyaa Jaawwwii Maccaati.ilmaan lama;-Soolee Leeqaa fi Baabbuu Leeqaa godhateera.kudha lamaan Soolee Leeqaa Gudayyaa fi Sadan Baabbuu Leeqaa Gudayyaa Aanaa Waayyuu Tuqaa har'aa tulluu Koomtoon gaditti Wallaggaa bahaa ,lixaa fi Qeellam Wallaggaa keessa hanga Tulluu Walalitti qubataniiru jedhama.Egaa Har'allee Hayyuun Makkoo Bilii hortee Gudayyaa keessa kan marge:-√Pireezi aantiin MNO Obbo Lammaa Magarsaa fakkeenya ta'u danda'u. √Pro.Asfahuw Bayyanaa.....kan biroos jiru...Galatooma....................... Maddi;-Seenaa fi Sirna Gadaa Oromoo Maccaa hanga Jalqaba Jaarraa 20 ffaati. Jildii-1 ••••• Kan hafef Waajjira Aadaa fi Tuurizimii Aanaa Gudayyaa Biilaaf••
BARA BUlCHINSAA G/BIILAA
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Jalqaaba ______ √Gudayyaan biilaa jarraa ammaan Duraa keessaatti seenaa adda addaa dabarsiteetii. √Gudayyaan bilaa Godinaa wallaggaa bahatii kan argaamtuu tatee Seenaa isheen weerara sirna#NAFXANYAA Duraa qabdu kutaawwan oromiyaa biroo irraa adda miti. √Aanaan kun sirni ittin gaggeessamaa turtee sirnaa
- Gadaati.
√Bakii sirna Gadaa gaggesaa turanis Gandaa aanichaa kessati argamuu Keessa tokko kan taatee Heenaa jaawwajaa Gooxii didibbee(walqixxe) keessaatti bakka #odaa jimmaa jedhame wamammuttidha . √# odaa jimmaa Kunis kan inii moggaasame abbaa
- Gudayyaa kan turee maqaa # jimmaa jaawwii irratii
hundaa'uudhaniidha. √Ergaa weerara sirna # nafxanyaa bodaa haalli Bulchinsaa isheen keessaa seente kan sirna nafxanyaa ture :- ittumaa fufuudhaan caaseffama sirnaa Bulchinsaa diriiraa turee weerara xaaliyaaniin Duraa hangaa #bara 1925tti bakka Geenboo sillaasee jedhamuun kan yeroo ammaa Aanaa jimmaa Gannati Godinaa Horroo Guduruu Wallaggaa keessaatti argamutti Namaa Fitawuraari Birruu Yirguu jedhamuun Qamaa Horroo taatee bulaa turtee . √#bara 1925_1928tti namaa Dejjaazmach mokonnon Indaalkaacho jedhamutu Horroo irraa addan batee Gudayyaa biilaan itti aanuummaan Aanaa sibuu siree jala Akka galtuu tasisee √#bara 1928_1933tti immo yeroo xaaliyaaniin biyyaa weerartee turtetti waggoota 5f yeroo lammaffaa Aanaa jimmaa Gannati (Harato) jalatti Akka bultuu godhame. √# bara1935 keessaa mootummatti iyyaachuudhan akkumaa duratii garaa Aanaa sibuu siree tti Itti aanuummaan deebisamtee # bara 1938 caamsaa 1957tti # Jarees,_#Biilaanis taayita Itti aanuummaadhaan sibuu siree jalatti bulaa turaaniruu . √# bara1957tti namni Fitawuraari Damis Kabbads jedhamuu magalaa siree irratii walgahii waamee gaggessen ",Har'aa jalqabee Aanaleen Itti aanuummaadhaan buluun hafee akkumaa walitti dhiheenyaan walitti dadachaasudhan Aanaan mataa isaa danda'ee Akka bu'ureeffammuu " Kaan jedhu tumaa dabarse. Ittii fufaa....... Kaan hafeef imoo Fulaa ittii anuun Naa egaa baressaan sanyii Aaggallo karayyuu irraa