Garba Indiyaa

From Wikipedia
Jump to: navigation, search
Garba Indiyaa

Garbi Indiyaa bishan addunyaa keessatti argaman keessaa guddinaan sadaffaa yoo ta'u, kan qabatui parsentii 20% lafa ni ta'a. Garbi kuni kaaban Kibba Eshiyaa (Indian subcontinent walitti daratte jechu dha, maqaan kuni immo maqaa garbi irraa moggaafame), dhihaan immo Peninsulaa Arabaa fi Afrikaan, bahaan immoo Peninsulaa Malese, Odola Sundaa fi Awustireliyaan, kibban immo Garba Antaartikiin (kan Antartide jedhamu) daangeffamee argama. Garba Addunyaan kan walitti qabate yoo ta’u garbi kuni Garba Atilaantiik irra sarara 20° baha Meridian kan Cape Agulhas irra kibba ce’un kan gargari ba’u yoo ta’u Garba Paasifiik irra immo sarara 147° baha meridiyaaniin gargara ba’a. Garbi kuni dheerina (dagalee) hanga 10,000 km fiixee Kibba Afrikaa fi Awustireliyaa yoo qabatu, Galaana Diimaa fi Golfo Persico walitti ida’amun ballina hanga 73,556,000 km² ta’e qaba.

«Volumiin» garba kana 292,131,000 km³ dha. Odoloonni xixiqqoon fiixe galaana kanaatti argamu. Biyyonni Odola ta’an kan garba kana keessatti argaman: Madagaaskaar (kan durri Rippabiliikii Madagaaskaar jedhamu, kan addunyaa keessaa Odola guddinaan afraffaa ta’e), Komoroos, Siishelsi, Maaldiivis, Mooriishes, fi Sirilaankaa dha. Indoneeshiyaa garba kana daangessiti. Garbi kuni karaa daldalaa jiddu Eshiyaa fi Afrikaa jiddutti kan argamu waan ta'eef bakka wal-dhabii baayyee ta'eera. Haa ta’u malee guddina garba kanaa irraa kan ka’e biyyi tokkollee lafa Odola garba kana keessatti argamu yeroo baayyeef qabachu hin dandenye ture. Ta'us jalqaba bara 1800ffatti Yunaayitid Kingidem lafa galaana kana marsu baayyee qabachu dandeessee jirti. Waraana Addunyaa II irraa jalqabe garbi kuni Indiyaa fi Awustireliyaan qabame.