Jump to content

Duguggurittii

Wikipedia irraa

Duguggurittiin lafee walmakoo bineeldota lafee dugdaa qaban keessatti tokko tokkoon lafee dugugguruuti. Lafeen dugugguruu keenyaa lafee walmakoo 33 kan ta’ee fi kumbaaee(discs) lafee dugugguruu gidduutti walitti hidhaman irraa kan ijaarame dha. Lafee dugdaa naannoo shanitti qoodama – duguggurruu saggee(7), qomaa (12), mudhii (5), sugugguruu (1-makaa) fi eeglafee (1-fused).

Duguggurittiin idileen qaama dugugguruu (ykn qaama) wiirtuu duguggurittii fuulduraa guddaa fi goobok niwuroonii duubaa (ykn gooboo dugugguruu) qabu irraa ijaarama. Dirri qaamaa, gubbaa fi jalaa diriiraa fi qalla’aa waan ta’eef, kumbaaleen lafee dugdaa gidduu jiran waliin salphaatti akka maxxanan taasisa. Gooboon dugugguruu(vertebral arch) hoffaa (pedicles) fi algatoo (laminae) irraa kan ijaarame dha. Peedkiliin lama qaama gama lamaan irraa diriiree gooboo wajjin walitti makama. Tokkoon tokkoon pedicle irraa lamina gara dugdaa fi gidduutti diriiree vertebral arch xumuruuf ni ka’a.