Dhibbee vaayiirasii Iboollaa
Dhibee vaayiirasii Iboolaa | |
---|---|
Qooqodama fi ooddefanoowan aalaa walqabatan | |
![]() | |
ICD/CIM-10 | A98.4 A98.4 |
ICD/CIM-9 | 065.8 065.8 |
DiseasesDB | 18043 |
MedlinePlus | 001339 |
dhibee vaayiirasii Iboolaa (EVD) yookiin ho'aa Iboolaa Hemmoorihajjikii (EHF) dhibbee ilma namaa Vaayirasii Iboolaa dhaan dhufuu dha . Mallattoon dhukkibichaa kan mul'aachuu jalqabu guyyaa lama hanga torbaan sadii (3) erga vaayiirasichaan qabamanii booda dha. Mallattoon isaas Hoo'a qaamaa, dhukkuba qoonqoo, dhukkuba lafee, fi dhukkuba mataa dha. Irra caalaatti immoo dhukkuba garaa, hooqissa fi garaa kaasaa dabalataanis, hojji tiruu fi kalee hir'isa. Yeroo kana, nammoonni tokko tokko rakkina dhiigguu qabbaatu.[1]
Vaayiirasiichi kan nama qabattuu wallitti dhuufeenya dhiigaa yookiin dhangalaa'aa qaamaa bineensoota Vaayirasiichaan qabaman dha (yeroo baay'ee qamaleewaan yookiin simbira halkannitini.[1] Manca'insii qillenssaan umamuu nannoo umammaa kessatti hin galmoofnee.[2] Siinbiiriii haalkanni otto hindhibamiin vaayiirasichaa baachuufi dabarsu akka danda'aan ni amanama. Namni dhukkubichaan qabamee, nama birratii darbarsuu danda'aa. Dhirri dhukubicha irra fayye sanyii issatin hanga ji'aa lamatti nama biraati dabarsuu danda'aa. Dhuukubicha adda baasuf,dhukkubooni mallatoo walfakaatuu qabaan kan akka Buussaa, kooleraa fi kanbirraa ho'aa vaayiirasi Hemmoorihajjikin adda bahaaniruu. Dhuukubicha mirkaneesuuf fakeenyii dhigaa qaamoota alagaa vaayirasiidhaan dhufan Riboo Nukilik Asiidii, yookkin vaayiirassin mattaa isaa ni qooratama.[1]
Of eganoon dadarba dhuukibichaa, qamaleewan fi boyyeewan dhiibaman irra akka ilma namaati hindarbinnee ittisu dabala. Kuunis kan goodhamuu danda'uu, bineyyi dhiibichaan qabamaan ajeesuufi qaama issani akkataan gatuu dhaanii. Foon siiritii bisheesuu fi yeroo foon tuqaan uffata oof eeganoo kaawwachuunis nigargaara. Yemmuu nama dhibamee wajjin jiran, uffata oof eeganoo kaawwachuni fi harka dhiqaachuun barbaachisaa dha. Fakeenyii dhangala'aa qaamaa fi tishuulee nama dhiibamee oof eganoo gudadhaan qabamuu qabu.[1]
Dhuukuubichaaf yaaliin kana jedhamuu hinjiru;tattaafin namoota dhibaman gargaaruf godhamaa jirran walaansaa dhangala'aa qaamaa deebisuu (bishaan dhugaati ashaboo fi suukaara xiinno qabuu)yookkiin dhangalaa'aa veenii dhaan keennu dha.[1] Dhuukuubichii yerro bay'ee nama ajjesa: namoota dhibichaan qabamaan keesaa baay'iinaan gidduu 50% fi 90% ni du'uu.[1][3] EVD n yerroo duurraa Suuddaan fi Dimookraatikii Repablikki Kongoo kessati adda baafame. Tatamsa'iini dhuukuubbichaa bay'iinaan kan uumamuu naanoole oo'aa Biyyoota Afrikkaa Saharaa Gadi dha.[1] 1976 irraa jalqabee( Yerroo duura argamee) hamma 2013, nammoota 1,000 gadii qabamaniiruu.[1][4] Tatamsa'iinii inni guuddaan yerroo aammaa argamu 2014 Afrikkaa dhiihaa weerara Iboollaa, kan huubbaa jirruu Giinii, Seerraaliiyoonnii, Laayiibeeriyyaa fi Naayiijeerriyyaa kessatis umamu danda'aa.[5][6] Haagayya 2014 irra jalqabee dhibamtoonii 1600 argamaniirruu.[7] Yaalliwaan talaali; argachuuf godhamaa jirran illee; haama ammaati hoomtuu hin argamnnee.[1]
Waabbii[gulaali | lakkaddaa gulaali]
- ↑ 1.0 1.1 1.2 1.3 1.4 1.5 1.6 1.7 1.8 "Ebola virus disease Fact sheet N°103". World Health Organization. March 2014. Retrieved 12 April 2014.
- ↑ "2014 Ebola Virus Disease (EVD) outbreak in West Africa". WHO. Apr 21 2014. Archived from the original on 29 July 2014. Retrieved 3 August 2014.
- ↑ C.M. Fauquet (2005). Virus taxonomy classification and nomenclature of viruses; 8th report of the International Committee on Taxonomy of Viruses. Oxford: Elsevier/Academic Press. p. 648. ISBN 9780080575483.
- ↑ "Ebola Viral Disease Outbreak — West Africa, 2014". CDC. June 27, 2014. Retrieved 26 June 2014.
- ↑ "CDC urges all US residents to avoid nonessential travel to Liberia, Guinea, and Sierra Leone because of an unprecedented outbreak of Ebola.". CDC. July 31, 2014. Retrieved 2 August 2014.
- ↑ "Outbreak of Ebola in Guinea, Liberia, and Sierra Leone". CDC. August 4, 2014. Retrieved 5 August 2014.
- ↑ "Ebola virus disease update - West Africa". WHO. Aug 4, 2014. Archived from the original on 23 November 2014. Retrieved 6 August 2014.
- Daballee
- Klenk, Hans-Dieter (January 1999). Marburg and Ebola Viruses (Current Topics in Microbiology and Immunology). Berlin: Springer-Verlag Telos. ISBN 978-3-540-64729-4.
- Klenk, Hans-Dieter; Feldmann, Heinz (2004). Ebola and Marburg viruses: molecular and cellular biology (Limited preview). Wymondham, Norfolk, UK: Horizon Bioscience. ISBN 978-0-9545232-3-7.
- Kuhn, Jens H. (2008). Filoviruses: A Compendium of 40 Years of Epidemiological, Clinical, and Laboratory Studies. Archives of Virology Supplement, vol. 20 (Limited preview). Vienna: SpringerWienNewYork. ISBN 978-3-211-20670-6.
- McCormick, Joseph; Fisher-Hoch, Susan (June 1999) [1996]. Level 4: Virus Hunters of the CDC (Limited preview). Horvitz, Leslie Alan (Updated [3rd] ed.). Barnes & Noble. ISBN 978-0-7607-1208-5.
- Pattyn, S. R. (1978). Ebola Virus Haemorrhagic Fever (Full free text) (1st ed.). Amsterdam: Elsevier/North-Holland Biomedical Press. ISBN 0-444-80060-3. Archived from the original on 2010-12-11. Retrieved 2014-09-04.
- Ryabchikova, Elena I.; Price, Barbara B. (2004). Ebola and Marburg Viruses: A View of Infection Using Electron Microscopy. Columbus, Ohio: Battelle Press. ISBN 978-1-57477-131-2.
Ooddefanoowan aalaa walqabatan[gulaali | lakkaddaa gulaali]
- ViralZone: Ebola-like viruses – Virological repository from the Swiss Institute of Bioinformatics
- CDC: Ebola hemorrhagic fever – Centers for Disease Control and Prevention, Special Pathogens Branch
- WHO: Ebola haemorrhagic fever – World Health Organization, Global Alert and Response
- Virus Pathogen Database and Analysis Resource (ViPR): Filoviridae[dead link]
- 3D macromolecular structures of the Ebola virus archived in the EM Data Bank (EMDB)
- Google Map of Ebola Outbreaks
- WHO recommended infection control measures