Jump to content

Daayinaamiksii Ho’aa

Wikipedia irraa

Daayinaamikiin Ho’aa damee barnoota xinseerummammaa wa’ee ho’aa, dalagaafi hoo’iyaa(Temprature) , fi hariiroo isaan annissa waliin qaban, carallaa, Amaloota nafooyee watanaa qo’atuudha.Gama biraan ammoo, Jijjirama Annissaa hoo’aa fi akaataa adeemsii kun watannarrattii dhibbaa geesisuu qo’ata.

Seeroota Daayinaamikii Hoo'aa

Seerotni teermoodaayinaamiksii tuuta seera saayinsii garee safaroota fiizikaalaa kan akka teempireechara, anniisaa fi intiroopii(Aldaara), kanneen sirnoota teermoodaayinaamikii walmadaalummaa teermoodaayinaamikii keessatti amala qaban ibsanidha

Seeraa Daayinaamiksii Ho’aa Duwwaffaa

Seerii daayinaamiksii hoo;aa duuwwaffaan akkaa je’uttii yoo qaamooleen addaa adda lama qamaa sadaffaa waliin yoo ho’a walqixa qabaatan, Qaamonnii duraa lamaanilleen walqixaa.

              Seeraa daayinaamikisii ho’aa 1ffaa

Seerri daayinaamiksii ho’aa tokkoffaan seera gita’umsa Aniisaas jedhemee beekama.Seeri kun akka je’uttii Aniisaan hin uumamuus hin barbadaa’uus garuu aniisaan tokkorraa gara anisaa birrattii jijjirama.

Fakkeenya

    • Adeemsa Qophifaa

    • Yeroo balbii fayyadamtuu annisaan elektirikii gara anniisaa ifaatti jijjiramuu

      Bifa Herregaatiin:

      ΔU=ΔQ+W

     

    • ΔQ = Hamma hoo’ina

    • ΔU = Jijiramaa Annisaa kessoo

    • W = Dalagaa

Seera Daaynaamiksii Ho’aa 2ffaa

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Seerri teermoodaayinaamiksii lammaffaan yeroo hunda intiroopiin(aldarrii) sirna adda baafame keessatti akka dabalu ibsa. Sirni adda baafame kamiyyuu ofumaan gara walmadaalummaa ho’aatti guddata-haala intiroopii ol’aanaa sirnichaa.

dalagaan yoo dalagamee malee anniisaan ho’aa wanta qabbanaa’aa irraa gara isa ho’aa ta’etti ofumaan hin yaa’u.Dudhaan kun qabbaneessitoota(refrigerators), cabbeessaalee(freezers) fi takkeelee fixxeensituu qilleensaa(air conditioning units) keessatti fayyadama. Qabiyyeen diilalleessaa(fridge) dhangala’aa hurkisiisuun kan qabbanaa’u yoo ta’u, garuu itti fayyadama dabalataatiif gaazii sana akka fixxeesa’uu ykn qabbanaa’uu gochuun dalagaa keessa kaa’amuu qaba.

Seera lammaffaa teermoodaayinaamiksii mul’isuu

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Kutaan tokko yoo hin qulqullaa’in ykn hin qulqullaa’in, yeroon darbaa deemuun caalaatti jeequmsaa fi tartiiba dhabuun isaa hin oolu. Kutaan sun yeroo qulqullaa’u intiroopiin isaa ni hir’ata, garuu carraaqqiin qulqulleessuuf godhame intiroopiin kutaa ala jiru intiroopii bade caalu akka dabalu taasiseera.