Cell
Seeliin/lubbiyyoon (jecha Laatinii cella jedhurraa dhufe Afaan oromoon: lubbiyyoo jedhamees ni beekkama) bu'uura caasaa, tajaajilaa fi baayoloojikaawaa lubbu qabeessa hundaa ti. Lubbiyyon bu'uura lubbu isa xiqqaa kan horuu danda'u yoo ta'u yeroo baayyee dhaga bu'uuraa jireenyaa jedhamee beekkama. Qorannoon seelii ykn lubbiyyoo baayoloojii seelii jedhamee beekkama.
Seelonni pirootoopilaasmii membireenin ykn haguugee lubbiyyoo marfame qabu, kunis baayoomolokiyuulii(citahangaa lubbaawaa) akka pirootiinii fi niwuukiliik asidii baayyee of keessaa qaba. lubbuuqabeeyyii seel-qeenxee (kan seelii tokko qofa qabu; baakteeriyaa baayyee dabalatee) ykn seel-hedduu (biqiltootaa fi bineeldota) ta'uu danda'a. Lakkoofsi seelotaa biqiltootaa fi bineeldota keessatti sanyiirraa sanyiitti gar gar yoo taa'u namoonni seelota naannoo tiriliyoona 100 ta'u qabu. Seelin biqiltootaa fi bineeldotaa baayyen mayikiroskooppii jalatti qofa mul'ata, guddinni isaas maayikiroomeetirii 1 hanga 100 ta'a.
Seelin Rooberti Huukin bara 1665 argame. Tiyoorin seelii, kan jalqaba 1839tti Jakob Schleiden fi Theodor Schwann ummame, yoo ilaalamu orgaanizimoonni hundi seelii tokkoo fi isaa ol kan qaban ta'uu, seelonni hundi seelii duraan jirurraa kan dhufan ta'uu, tajaajilli gurguddaan orgaanizimootaa seelii keessatti kan raawwatamu ta'uusaa, fi seelonni hundi odeeffannoo dhaalan darbu kan tajaajila seelii too'achuu tajaajilu kan qaban ta'uu fi odeeffannoo dhaloota seelii kan itti aanutti kan dabarsan ta'uu dubbata. Seelin lafarratti waggaa biliyoona 3.5 dura ummame jedhamee tilmaamama.