Caccabbinsa xaanxeffama (Radioactive decay)

Wikipedia irraa
Alfaa niwukilaasiin manca’uun suddoo alfaa niwutiroonii lamaa fi pirootonii lamaa ni baasa; niwukilasii heeliyeemii jedhamuunis beekama.

caccabbinsa xaanxeffama( Radioactive decay)) adeemsa niwukilaasiin atoomikaa tasgabbaa’aa hin taane raadiyaashiniin anniisaa itti dhabudha. Meeshaan niwukilasii tasgabbaa'aa hin taane of keessaa qabu akka xaanxeeffaama fudhatama . Gosoota manca'iinsa baay'inaan mul'atan keessaa sadii manca'iinsa alfaa, beetaa fi gamaa yoo ta'an hundi isaanii suddooo gadi lakkisuu kan of keessaa qaban . Humni dadhabaan mala manca’iinsa beetaatiif itti gaafatamummaa qabu yoo ta’u, lamaan hafan ammoo humna elektiromaagneetiizimii fi niwukilaraatiin kan bulfamanidha .