Jump to content

Barreeffamoota Waa'ee Oromoo

Wikipedia irraa

Oromoo jechuun maal jechuudha, oromo jechuun saba bal'aa jechuudha yokan sabaa hammataa (kan ofitti Maxxanfatu)jechuudha.

Aadaa Oromoo

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Uummatni Oromoo saboota kaaba baha Afiriikaatti argaman keessaa isa tokkoofi saba guddaa, aadaa badhaadhaa qabu, dachee uumamaan badhate irra qubatee jirudha. Uummatni Oromoo duruma uumama isaa irraa kaasee sirna aadaa isaa ittiin geggeessu, amantii isaa ittiin ibsatu, barootaaf itti fayyadamaa kan ture, kan dhuunfaa isaa waan ta’e sirna Waaqeffannaa kan qabudha.Oromoon waaqa isa dacheefi waan isa irra jiraatu akkasumas garaa dachee keessa waan jiru mara isa uume sanaaf jiruufi jireenya isaa guyyaa guyyaa keessatti iddoo guddaa fi ol’aanaa kennee hawaasa jiraatudha. Sodaafi safuun waaqaaf qabus kanuma irraa madda jedhu hangafootni Oromoo. Uummatni Oromoo waaqa tokkichatti amana. Waaqni tokkichi kun dhugeeffata ykn fakkaatti kan hin qabne Uumaa Waaqaafi dachee kanaati jedha. Nama ta’ee nama dhugaa kana shakku yoo arge Waaqni akka itti hin mufanneef Oromoon araara kadhataaf. Garaa isaa qulqulluu ta’een waan kadhatuuf Waaqni isaa kunis ni dhaga’aaf. Kanaaf, Oromoon Uumama Waaqaafi harka namaa ta’an kamiinillee bakka Waaqaa buusee hin waaqeffatu garuu uummama kanatu gochaafi humna Waaqaa ibsa jedhee raajeffata. Kanaaf, Oromoon lageen, tulluuwwan, mukkeetii, gaarreewwaniifi wanneen kana fakkaatan itti hin waaqeffatu. Haala kanaan, Oromoon Waaqa Uumaa waa hundaa ta’e kana bifaafi adeemsi ittiin waaqeffatuufi galateeffatu Irreechadha. Irreecha jechuun “Waaqa tokkicha sana galateeffachuudha” jedhu abbootiin. Kaalandara Oromo (Akkaataa Oromoon itti Bara Lakkaa’u) Waa’ee yeroo fi seenaa irratti Oromoon yaada bal’aa qaba. Oromoon jiruu fi jireenya isaa, jiloota adda addaa, yeroo itti dhimmota siyaasaaf wal-gahu, yeroo itti aangoo walitti dabarsu fi kkf hundaaf dursee bara, ji’aa fi guyyaa beekamaa ta’etti baallama qabata. Kaalaandarri Oromoon yeroo yaadachuuf itti gargaaramu sirriitti kan qindaa’ee fi qarame dha. Akka kaalandara biyyoota biroo aduu dhiitee bariitu qofa irratti hundaawu utuu hin taane sochii ji’aa(baatii) fi urjii irratti illee kan hundaawe dha. Kalaandarri akka kan Oromoo ji’aa fi dhahaa urjii irratti hundaawe seenaa uummatoota biyya lafaa keessaa aadaa uummatoota sadi’ii qofa keessatti galmaa’e. Isaanis Chaayinaa, Hinduu fi Maayaa dha. Kaalandarri Oromoo tuuti urjii torban tokkoo tokkoon isaanii yeroo isaan itti ji’a walin toora tokko irra dhufan faana dhahanii ilaaluu irratti kan hundaawe dha. Kun Dhaha Urjii (guided by stars) jedhama. Ji’a ykn baatii tokko kan jedhamu guyyoota ji’i jalqaba itti baatee fi deebitee baatu gidduu jiran oggaa ta’u isaanis guyyoota 29 fi walakkaa(29.5) dha. Akka kanaan waggaan tokko keessa guyyoota 354tu ji’ooya 12tti qoodama. Kaalaandara Girigoorii ykn warra Awurooppaa wajjin garagarummaa guyyoota 11 qaba jechuu dha. Oromoon kaalaandara isaa kan warra Awurooppaa wajjin wal qixxessuuf akka uummatoota garii ji’oota akka Qaammee(Intercalary month) tolchuuf itti hin rakkanne. Ji’ooti(lunar months) kudha lamaan Oromoo: 1. Amajji 2. Guraandhala 3. Bitootessa. 4. Ebla. 5. Caamsaa 6. Waxabajji 7. Adoolessa 8. Hagayya 9. Fulbaana 10 Onkoloolessa 11. Sadaasa 12. Mudde jedhamu. Guyyooti torbaniin osoo hin taane ji’aan lakka’amu. Guyyooti ji’a tokko keessa jiran hundi maqaa ofii isaanii qabu. Akka kanaan maqoota guyyaa 27tu ji’a tokko keessa jira. Ayyaanota ykn Ayyaana jedhamu (Asmerom Leggese, Gadaa, 1973 fi Marco Bassi, 1988). Ayyaana jechuun Guyyaa jechuu dha. Maqaan guyyootaa turban torbaniin naanna’uu kan jalqabe baroota dhihoo as. Maqaan guyyootaa torbatti gadi bu’uu fi naannoolee Oromiyaa adda addaa keessatti maqaa adda addaa horachuunis barootuma dhihoo keessa kan dhufe dha. Maqooti Ayyaanaa(guyyaa) 27n akka itti aanan kana dha: Innika, Lumaasa, Gidaadaa, Ruudaa, Areeri, Areerii Lammaffaa, Aduulaa, Aduulaa Lammaffaa, Garba, Garba Deettii, Bitaa, Sorsa, Algajima, Arba, Walla, Basaa duraa, Baasaa Lammaafaa, Carawaa, Dureettii, Salbaan, Salbaan Deettii, Dullatti, Gardaaduma, Buusaa, Bal’oo, Qaraa fi Rurruma. Maqoota kanneentu ji’a ji’aan guyyaa 29.5 keessa adeemee ji’oota 12 bahan booda marsaa isaanii xumuree waggaa tokko ta’a. Guyyooti ji’a tokko keessa jiran 27 waan ta’aniif Ayyaanni(guyyaan) inni jalqabaa ji’i bahuu ykn ji’a tokko guyyaa 2.5 dursee naanna’ee dhufa. Kanaaf Ayyaanni(guyyaan) jalqabaa ji’a isa itti aanuu guyyaa biraa irra ta’a jechuu dha. Akka kanaan guyyooti deebi’anii yeroo lama ji’uma tokko keessa dhufan jiru jechuu dha. Guyyaa inni guyyaa jalqaba ji’aa ta’ee dhufu ji’uma sana keessa guyyaa 28ffaa irratti dhufa jechuu dha. Guyyaa inni guyyaa sadaffaa ykn afraffaa ture ji’a isa itti aanu keessa guyyaa tokkoffaa ta’ee dhufuu danda’a. Guyyaan ji’aa kan jalqabaa Ayyaana ykn gaafa ji’i haaraan itti mul’attu dha. Ogeeyyiin waa’ee kaalandara Oromoo tolchanii beekan Ayyaantuu jedhamu. Ogeeyyii kanneen biratti guyyooti 27 jiran hiika mataa isaanii qabu. Fakkeenyaaf namni Ayyaana ykn guyyaa Gardaadumaa dhalate nama akkamii akka ta’ee fi amala akkamii akka qabaatuu himuu danda’u. Ayyaantuun bara, ji’aa fi guyyaa dhimmi siyaasaa ykn ayyaanoti adda addaa itti raawwataman yaadannoo sammuutiin himuu danda’u. Yoo yaadachuu dadhaban qixa ji’aa fi urjiiwwan torban irra jiran faana dhahanii qormaata urjiitiin guyyaa fi ji’a isaa bira gahuu danda’u. (Asmerom Laggasee, 1973). Urjiileen torban Ayyaantuun guyyaa, ji’aa fi bara lakkaawuuf itti gargaaraman: Lamii, Buusan, Bakkalcha, Algajimaa, Arba,gaadduu, Urjii- wallaa jedhamu. Urjiileen torban tarree galanii mul’atu. Warri Ayyaantuu walitti dhufeenya ji’i tokkoo tokkoon urjiiwwan kanaa wajjin qabdu ji’a ji’aan jala bu’anii qorachuudhaan maqaa ayyaanotaa ykn guyyootaa adda baasu. Ambaan seenaa fi aadaa Oromoo durii qormaata kan waa’ee Urjii fi ambaa seenaa duriitiin (by The Archeo-Astronomic) kaaba Keeniyaa keessatti argame, akka Oromoon dhaloota Kiristoos waggaa 300 dura Dhahaa Urjiin guyyaa, ji’aa fi bara lakkaawaa akka ture ibsa. Kunis kan bara 1978 namoota Lynch fi Robbins jedhamaniin bakka booda Dhahaa Urjii “Namoratunga” jedhu moggaafametti argame. Akka Lynch fi Robbins qoratanii bira gahanitti, Utubaan dhagaa gurraachaa (Oromoon Utubaa Jaanjaroo jedhee waamu) 19 ta’an kallattii Urjiiwwan murtaawoon irra jiran agarsiisu. Oromoon utubaawwan dhagaa kallattii agarsiisuuf dhaabe kanneenitti gargaaramee walitti dhufeenyaa fi jijjiirama ji’aa fi urjiiwwan jedhamanii gidduutti yeroo yerootti ta’u herreguudhaan guyyoota adda baafatu. Akka kanaan akka kaalaandara Oromootti maqaan guyyaa aduun dhiitee barihuudhaan osoo hin taane Ji’aa fi urjidhaan herregama. Oromoon bara lakkaawuuf marsaalee sirna Gadaattis ni gargaarama ture. Oromooti seenaa dabre yaadachuu fi ta’iinsota dabran wal duraa duuba isaanii akkasumas hidhata isaan wal gidduutti qaban qindeessanii himuu irratti dandeettii guddaa qabu. Lubooti Gadaa yoom fi akkamitti akka wal duraa duubaan dhufan hima afaaniin waliif dabarsu. Akka sirna Gadaatti Luba baasi maqaa tokkoo Gadaa 36(8×36) ykn dhaloota torba(7×40) booda deebi’ee dhufa. Kana malees tooftaa Daaccii jedhamuun bara lakkaawuun waanuma ture. Innis ta’iinsa seenaa beekamaa ta’e tokko bara eenyuufaa akka raawwatame waan yaadatamuuf sanyiin sanyii namoota seenaa ciccimaa hojjetanii gaafa aangootti dhufan seenaa akaakilii fi abaabilii isaanii dabaluuf jecha seenaa wal fakkaataa hojjetu.Warri ogummaa bara lakkaawuu qaban Dhaaccii kanattis ni gargaaramu jechuu dha. Walumaa gala Oromoon malli inni bara lakkaawuuf itti gargaaramu baayyee qaroo fi ibsuuf illee kan ulfaatuu dha.  

Uummatni Oromoo saboota kaaba baha Afiriikaatti argaman keessaa isa tokkoofi saba guddaa, aadaa badhaadhaa qabu, dachee uumamaan badhate irra qubatee jirudha. Uummatni Oromoo duruma uumama isaa irraa kaasee sirna aadaa isaa ittiin geggeessu, amantii isaa ittiin ibsatu, barootaaf itti fayyadamaa kan ture, kan dhuunfaa isaa waan ta’e sirna Waaqeffannaa kan qabudha.Oromoon waaqa isa dacheefi waan isa irra jiraatu akkasumas garaa dachee keessa waan jiru mara isa uume sanaaf jiruufi jireenya isaa guyyaa guyyaa keessatti iddoo guddaa fi ol’aanaa kennee hawaasa jiraatudha. Sodaafi safuun waaqaaf qabus kanuma irraa madda jedhu hangafootni Oromoo. Uummatni Oromoo waaqa tokkichatti amana. Waaqni tokkichi kun dhugeeffata ykn fakkaatti kan hin qabne Uumaa Waaqaafi dachee kanaati jedha. Nama ta’ee nama dhugaa kana shakku yoo arge Waaqni akka itti hin mufanneef Oromoon araara kadhataaf. Garaa isaa qulqulluu ta’een waan kadhatuuf Waaqni isaa kunis ni dhaga’aaf. Kanaaf, Oromoon Uumama Waaqaafi harka namaa ta’an kamiinillee bakka Waaqaa buusee hin waaqeffatu garuu uummama kanatu gochaafi humna Waaqaa ibsa jedhee raajeffata. Kanaaf, Oromoon lageen, tulluuwwan, mukkeetii, gaarreewwaniifi wanneen kana fakkaatan itti hin waaqeffatu. Haala kanaan, Oromoon Waaqa Uumaa waa hundaa ta’e kana bifaafi adeemsi ittiin waaqeffatuufi galateeffatu Irreechadha. Irreecha jechuun “Waaqa tokkicha sana galateeffachuudha” jedhu abbootiin. Kaalandara Oromo (Akkaataa Oromoon itti Bara Lakkaa’u) Waa’ee yeroo fi seenaa irratti Oromoon yaada bal’aa qaba. Oromoon jiruu fi jireenya isaa, jiloota adda addaa, yeroo itti dhimmota siyaasaaf wal-gahu, yeroo itti aangoo walitti dabarsu fi kkf hundaaf dursee bara, ji’aa fi guyyaa beekamaa ta’etti baallama qabata. Kaalaandarri Oromoon yeroo yaadachuuf itti gargaaramu sirriitti kan qindaa’ee fi qarame dha. Akka kaalandara biyyoota biroo aduu dhiitee bariitu qofa irratti hundaawu utuu hin taane sochii ji’aa(baatii) fi urjii irratti illee kan hundaawe dha. Kalaandarri akka kan Oromoo ji’aa fi dhahaa urjii irratti hundaawe seenaa uummatoota biyya lafaa keessaa aadaa uummatoota sadi’ii qofa keessatti galmaa’e. Isaanis Chaayinaa, Hinduu fi Maayaa dha. Kaalandarri Oromoo tuuti urjii torban tokkoo tokkoon isaanii yeroo isaan itti ji’a walin toora tokko irra dhufan faana dhahanii ilaaluu irratti kan hundaawe dha. Kun Dhaha Urjii (guided by stars) jedhama. Ji’a ykn baatii tokko kan jedhamu guyyoota ji’i jalqaba itti baatee fi deebitee baatu gidduu jiran oggaa ta’u isaanis guyyoota 29 fi walakkaa(29.5) dha. Akka kanaan waggaan tokko keessa guyyoota 354tu ji’ooya 12tti qoodama. Kaalaandara Girigoorii ykn warra Awurooppaa wajjin garagarummaa guyyoota 11 qaba jechuu dha. Oromoon kaalaandara isaa kan warra Awurooppaa wajjin wal qixxessuuf akka uummatoota garii ji’oota akka Qaammee(Intercalary month) tolchuuf itti hin rakkanne. Ji’ooti(lunar months) kudha lamaan Oromoo: 1. Amajji 2. Guraandhala 3. Bitootessa. 4. Ebla. 5. Caamsaa 6. Waxabajji 7. Adoolessa 8. Hagayya 9. Fulbaana 10 Onkoloolessa 11. Sadaasa 12. Mudde jedhamu. Guyyooti torbaniin osoo hin taane ji’aan lakka’amu. Guyyooti ji’a tokko keessa jiran hundi maqaa ofii isaanii qabu. Akka kanaan maqoota guyyaa 27tu ji’a tokko keessa jira. Ayyaanota ykn Ayyaana jedhamu (Asmerom Leggese, Gadaa, 1973 fi Marco Bassi, 1988). Ayyaana jechuun Guyyaa jechuu dha. Maqaan guyyootaa turban torbaniin naanna’uu kan jalqabe baroota dhihoo as. Maqaan guyyootaa torbatti gadi bu’uu fi naannoolee Oromiyaa adda addaa keessatti maqaa adda addaa horachuunis barootuma dhihoo keessa kan dhufe dha. Maqooti Ayyaanaa(guyyaa) 27n akka itti aanan kana dha: Innika, Lumaasa, Gidaadaa, Ruudaa, Areeri, Areerii Lammaffaa, Aduulaa, Aduulaa Lammaffaa, Garba, Garba Deettii, Bitaa, Sorsa, Algajima, Arba, Walla, Basaa duraa, Baasaa Lammaafaa, Carawaa, Dureettii, Salbaan, Salbaan Deettii, Dullatti, Gardaaduma, Buusaa, Bal’oo, Qaraa fi Rurruma. Maqoota kanneentu ji’a ji’aan guyyaa 29.5 keessa adeemee ji’oota 12 bahan booda marsaa isaanii xumuree waggaa tokko ta’a. Guyyooti ji’a tokko keessa jiran 27 waan ta’aniif Ayyaanni(guyyaan) inni jalqabaa ji’i bahuu ykn ji’a tokko guyyaa 2.5 dursee naanna’ee dhufa. Kanaaf Ayyaanni(guyyaan) jalqabaa ji’a isa itti aanuu guyyaa biraa irra ta’a jechuu dha. Akka kanaan guyyooti deebi’anii yeroo lama ji’uma tokko keessa dhufan jiru jechuu dha. Guyyaa inni guyyaa jalqaba ji’aa ta’ee dhufu ji’uma sana keessa guyyaa 28ffaa irratti dhufa jechuu dha. Guyyaa inni guyyaa sadaffaa ykn afraffaa ture ji’a isa itti aanu keessa guyyaa tokkoffaa ta’ee dhufuu danda’a. Guyyaan ji’aa kan jalqabaa Ayyaana ykn gaafa ji’i haaraan itti mul’attu dha. Ogeeyyiin waa’ee kaalandara Oromoo tolchanii beekan Ayyaantuu jedhamu. Ogeeyyii kanneen biratti guyyooti 27 jiran hiika mataa isaanii qabu. Fakkeenyaaf namni Ayyaana ykn guyyaa Gardaadumaa dhalate nama akkamii akka ta’ee fi amala akkamii akka qabaatuu himuu danda’u. Ayyaantuun bara, ji’aa fi guyyaa dhimmi siyaasaa ykn ayyaanoti adda addaa itti raawwataman yaadannoo sammuutiin himuu danda’u. Yoo yaadachuu dadhaban qixa ji’aa fi urjiiwwan torban irra jiran faana dhahanii qormaata urjiitiin guyyaa fi ji’a isaa bira gahuu danda’u. (Asmerom Laggasee, 1973). Urjiileen torban Ayyaantuun guyyaa, ji’aa fi bara lakkaawuuf itti gargaaraman: Lamii, Buusan, Bakkalcha, Algajimaa, Arba,gaadduu, Urjii- wallaa jedhamu. Urjiileen torban tarree galanii mul’atu. Warri Ayyaantuu walitti dhufeenya ji’i tokkoo tokkoon urjiiwwan kanaa wajjin qabdu ji’a ji’aan jala bu’anii qorachuudhaan maqaa ayyaanotaa ykn guyyootaa adda baasu. Ambaan seenaa fi aadaa Oromoo durii qormaata kan waa’ee Urjii fi ambaa seenaa duriitiin (by The Archeo-Astronomic) kaaba Keeniyaa keessatti argame, akka Oromoon dhaloota Kiristoos waggaa 300 dura Dhahaa Urjiin guyyaa, ji’aa fi bara lakkaawaa akka ture ibsa. Kunis kan bara 1978 namoota Lynch fi Robbins jedhamaniin bakka booda Dhahaa Urjii “Namoratunga” jedhu moggaafametti argame. Akka Lynch fi Robbins qoratanii bira gahanitti, Utubaan dhagaa gurraachaa (Oromoon Utubaa Jaanjaroo jedhee waamu) 19 ta’an kallattii Urjiiwwan murtaawoon irra jiran agarsiisu. Oromoon utubaawwan dhagaa kallattii agarsiisuuf dhaabe kanneenitti gargaaramee walitti dhufeenyaa fi jijjiirama ji’aa fi urjiiwwan jedhamanii gidduutti yeroo yerootti ta’u herreguudhaan guyyoota adda baafatu. Akka kanaan akka kaalaandara Oromootti maqaan guyyaa aduun dhiitee barihuudhaan osoo hin taane Ji’aa fi urjidhaan herregama. Oromoon bara lakkaawuuf marsaalee sirna Gadaattis ni gargaarama ture. Oromooti seenaa dabre yaadachuu fi ta’iinsota dabran wal duraa duuba isaanii akkasumas hidhata isaan wal gidduutti qaban qindeessanii himuu irratti dandeettii guddaa qabu. Lubooti Gadaa yoom fi akkamitti akka wal duraa duubaan dhufan hima afaaniin waliif dabarsu. Akka sirna Gadaatti Luba baasi maqaa tokkoo Gadaa 36(8×36) ykn dhaloota torba(7×40) booda deebi’ee dhufa. Kana malees tooftaa Daaccii jedhamuun bara lakkaawuun waanuma ture. Innis ta’iinsa seenaa beekamaa ta’e tokko bara eenyuufaa akka raawwatame waan yaadatamuuf sanyiin sanyii namoota seenaa ciccimaa hojjetanii gaafa aangootti dhufan seenaa akaakilii fi abaabilii isaanii dabaluuf jecha seenaa wal fakkaataa hojjetu.Warri ogummaa bara lakkaawuu qaban Dhaaccii kanattis ni gargaaramu jechuu dha. Walumaa gala Oromoon malli inni bara lakkaawuuf itti gargaaramu baayyee qaroo fi ibsuuf illee kan ulfaatuu dha.(Lalisaa dhinsaa)  

Fiilmii Oromoo

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Ispoortii Oromoo

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Nyaata aadaa Oromoo

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Cumboo: nyaata aadaa Oromooti. Tibba birraa, yeroo ayyaana masqalaa hedduminaan Kan nyaatamuudha. Uummata Oromoo Godina Wallaggaa jiraatan biratti beekamaadha. Affeellama Affellamni nyaata aadaa Oromoo Harargee keessa isa tokko Innis maqaa biraa marqaa kormaa jedhamuun beekkama

Ogbarruu Oromoo‎

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Qoricha Oromoo

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Tiyaatira Oromoo

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

=== Wallee O romoo ===

Qoqqoodama Oromo

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Oromoo Baarentuu

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Boorana