Jump to content

Asoosama

Wikipedia irraa
Fakkeenya asoosama Lewis Carroll 's 1865 Alice's Adventures in Wonderland irraa, kan agarsiisu protagonist asoosamaa, Alice, tapha ajaa'ibaa croquet taphachuu

Asoosamni gosa ogbarruu keessaa hojii kalaqa ilma nama jiruuf jireenya dhuunfaa hanga hawaasaatti gocha raawwatee fi hin raawwatamne bifa seenessuutiin kan qopheessuudha. Asoosama guutu guututti wanta qabatamaa qofa oso hin taane addunyaa mata ofii uumuun ilaalcha, yaada fi hawwiis kan itti ibsani. Asoosama ragaan deeggaramee fi osoo hin deeggaramnee qopheessun ni danda'ama. Asoosam dhugaa kan ragaan deeggarame yoo ta'eewuu irraa hir'isuuf itti dabaluun akkaataa nama hawwatuuu fi gurra ummataaf toluun qophaawa.

Asoosamni gosa ogbarruu barreeffamaa bifa holooloon dhiyaatu keessaa tokko ta’ee, kan barreessaan gochaalee addunyaa haqaa keessatti namoota hawaasa keessa jiraataniin raawwataman ykn raawwatamuu danda’an bu’uura godhachuun akka hubannoofi muuxannoo isaatti qindeessee kan barreessuudha. Asoosamni fakkii lubbu-qabeessa yaanni sammuu barreessitoota keessaa madde ykn gochaaleen dhuguma raawwataman barreessitootaan uumamanii mudannoofi gochaalee adda addaa seenessuuf kan gargaaruudha.

Caacculee ykn Ruqoota Asoosamaa

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

caacculeen asoosamaa asoosamni yeroo barreeffamu kanneen asoosama tokkotti lubbuu horuun hojii kalaqaa ta’uusaa agarsiisaniifi ulaagaa asoosamichaa madaalsisaniidha. Kanneen gaditti tarraa’an ta’u:

  1. Ijaargocha(Plot) :- Ijaarsa gochaa jechuudha.Haala seenaan asoosama tokkoo sababaafi bu’aan walqabatee tooraan ijaaramudha.Askeessatti,sababni waan tokkoo jiraachuufi gocha sanarraas bu’aan argamuusaatu mul’ata.Taateen tokko raawwachuuf sababni quubsaan jiraachuu qaba.Jaargochi ulaa dubbisaan addunyaa barreessaatti seenudha.Daandii waldiddaan namfakkiilee ira qaari’uun galma ga’anidha.Gochatu duraa duubaan ijaarama.Waldiddaatu sababa tokkorraa ka’ee walxaxaa deema.Ijaargochi utubaa seenessama tokkooti.Asoosamni asoosama ta’ee akka achi deemuuf ijaargochu isa bu’uuraati.

Caasaan jaargocha tokkoo gulanta shan(5) ofkaassaa qaba. Hayyoonni kaan garuu gulantaa 5,6,7tti qoodu.

Isaanis:

1. Saaxila/Tuqata (Exposition/ Initiating Incidence)

  • Bakka namfakkiileen gochoota asoosamaa raawachuuf itti saaxilaman.

2. Finiina (Rising Action)

  • Waldiddaan tuqatame gara fuulduraatti akka deemuf bakka gochoonni itti walxaxaa deemanidha.
  • Bakka itti qalbiin dubbistootaa waan qabee waan gadhiisu dhabudha.

3. Bantmiir (Climax)

  • Bakka itti waldiddaan olaanaafi gaddisisaan raawatamee, humnoota wal-falman lamaan keessaa tokko isa biroorraatti ol-aantummaa xumuraa argatudha.
  • Walitti bu’insi jirus askeessatti gocha nama gaddisiisuun guutamee dhangaa’a

4. Sigigoo/tasgabbii (Falling action)

  • Waldiddaan gadi bu’aa deema.
  • Xiyyeeffannoon isaa yaada gara furmaataatti luuccessuuf saffisuudha.

5. Furmaata/araara (Resolution)

  • Gochi bakka itti furmaata argatudha.

Barreessaan asoosama tokkoo karaa sadii jaargocha eegaluu danda’a.

i. Gidduu, jalqabaa fi xumura

ii. Xumura, gidduufi jalqaba

iii. Jalqaba, gidduufi xuura

  1. Waldiddaa(Conflict)
  • Seenaa asoosamaa keessatti walitti bu’iinsa ykn walmormii namfakkiilee gidduutti uumamudha. Sunis hayyuduree fi masaanota gidduutti kan uumamudha.
  • Waldiddaan hinjiru taanaan seenaan gara fuulduraatti deemuuf humna hinhoratu.
  • Lafee dugdaa asoosama tokkooti.
  • Namni asoosama jalqabee kan addaan hinkunne kanaafi.
  • Kanaafi kalaqa cimaadhaan qindeeffamanii jarreen kana nama dubbisu seenaa asoosamichaa keessatti akka liqimsamu humna taasisu qaba.
  • Waldiddaan gosoota gurguddoo lamatti qoodama:
  • Waldiddaa Keessaa:-

- kan namfakkiin tokko sammuusaan walfalmudha.

- Keessumaa hayyudureen kaayyoosaa fiixaan baafachuurratti yeroo baay’eee sammuunsaa bakka lamatti qoodamuu mala. Yeroo kana ‘nan raawwadhaafi hinraawwadhuu’ jechuun karaan dhaanquu/ bal’oo ta’ee itti dhufa.

  • Waldiddaa Alaa:
  • Waldhabdeen uumamu sammuu ofii wajjin osoo hintaane namfakkii ykn wantoota biro waliini.
  • Waldiddaan alaa gosa sadiitti qoodamuu danda’a.

i. Waldiddaa Namaafi Namaa

  • Waldhabdee namfakkiifi namfakkii jiddutti uumamudha.
  • Walsimannaan yaadaa dhibuurraan kan ka’e waldiddaan ummama.
  • Haalli akkanaa hayyudureefi masaanuu jidduutti uumama.

ii. Waldiddaa Namaafi Hawaasaa

  • Mormii namfakkiin tokko aadaa, duudhaa, heeraa fi seera hawaasaa keessa jiraatu waliingodhudha
  • Namfakkiin tokko duudhaa, aadaa, haala jireenyaa hawaasaa fudhachuu dhiisuun diddaa uuma.
  • Yaadaa fi Ilaalchaa hawaasaa balaaleffatee, kan fedhe raawwachuuf wargama.

iii. Waldiddaa Namaafi Uumaa/Uumama

Beelli, balaan qilleensaa, balaa roobaa, gogiinsi, cabbiin, kirkirri lafaa, dhukkubnii fi wantootni kana fakkaatan kaayyoo dhala namaatti gufuu ta’uu danda’u. Namoonnis kana dandamachuuf bu’anii bahu; kufanii ka’u. Kunis waldiddaa isaan uumaa fi uumama waliin godhan mul’isa.

  1. Yoomessa (Setting)
  • Yoomessi wantoota sadii kan ofkeessaa qabudha. Isaanis: Yeroo seenaan sun keessatti raawwate, bakka seenan sun itti raawwateefi haala hawaasummaa seenaan sun irratti kalaqamedha
  • Yeroon kallattii fi alkallattiin kan ibsamu yommuuta’u, jaarraa dhimmi sun irratti xiyyeeffatuun walqabatee haala hawaasummaa tuqa. Yeroo sana keessa , hawaasni gammadaa ykn gaddaa, acuucamaa ykn bilisoomaa, hiyyeessa ykn sooressa ta’uu danda’a.
  • Yoomessi kun ifa bahuu ykn dhokachuu danda’a.
  1. Ija Seenessaa (point of view)
  • Kallattii seenaan irraa himamudha.
  • Barreessaan seenaa asoosama tokkoo yeroo qindeessu nama dubbistootatti seenicha himu walliin kan kalaqaman ija seenessaa jedhama. Namni kun tarii nama seenicha keessatti hirmaate ykn nama seenaa ala dhaabatee ilaalu ta’uu danda’a.
  • Ijji waan hundaa waan arguuf isa jalaa wanti dhokatu hinjiru.
  • Ijji waan hundaa argu kun sammuu namfakkootaa keessa seenuun waan namni tokko yaadu,itti dhagahamu baasee seenessa.

Ulaagaa lamaan ija seenessoo qooduu dandeenya. Isaanis: Hirmaannaafi Beekumsa Seenaatiinidha.

i. Hirmaannaa seenaatiin ija qooduu:

Seenaa keessatti hirmaachuufi dhiiseedhaan ija seenessaa gosa lamatti qooduu dandeenya.

Ija namtokkeessoo (1st person narrator): - Seenessaa namfakkiilee keessaa filatamudha.

- Nama seenaa keessatti qooda fudhate ta’ee, yeroo baay’ee namfakkii hayyuduree ta’a.

- ‘Ana, nuyi ’ jedhee akka seenicha keessatti hirmaataa jiru mul’isa.

Ija namsadeessoo (3rd person narrator): - Seenessaa seenicha keessatti hinhirmaannedha.

- Seenicha halaala dhaabatee daawwachuun nutti hima.

- Gola seenee dhoksaa namfakkiilee gadi yaasuun dubbistootatti beeksisa.

- Yeroo seenessu ‘isaan, isheen, inni’ jedhee seenaafi gocha nama biraa dubbata.

ii. Beekumsa seenaatiin ija qooduu: Ija hunda beekii fi ija daanga’aa jechuun bakka lamatti qoodama.

  • Ija hunda beek: - Seenessaa waan hunda haalaan beekudha.
  • Yaada namfakkii keessaa fuudhee dubbistootatti dhoksaa hima.
  • Mana keessa taa’ee waan alatti ta’aa jiru hunda dubbata.
  • Seenaa sana keessatti wan gara fuulduraatti ta’uuf jedhullee dursee raja.
  • Ija daanga’aa: - Beekumsi inni seenaa sana irratti qabu kan murtaa’aa tahedha.
  • Ammuma ofiisaatii keessatti hirmaate yookaanis daawwate qofaa beeka malee daangaa hubannoon alatti waan himu hinqabu.
  • Yeroo baay’ee kallattii hayyudureerraan qofa seenaa hima.Wantoota sanaa alatti ta’aa jiran tokkollee hinseenessu.
  1. Namfakkiilee (Characters)
  • Nama lubbuu qabu jechuu osoo hinta’iin namatti kan fakkeeffamu dha.
  • Namfakkoonni kan jiraatan addunyaa asoosamaa keessa qafa; garuu hawaasa keessa amala isaaniin kan walfakkaatan hedduun jiraachuu danda’u.
  • Namoota barreessaan uumamanii, seenaa asoosama tokkoo raawwatan ykn seenaan irratti raawwatamudha.
  • Lubbu maleeyyii ta’anis, seenaa asoosamichaa keessatti amala lubbu-qabeessaa horatu.
  • Amala dhala namaa hunda calaqqisiisu.
  • Addunyaa dhugaa utuu hinseeniin addunyaa kalaqaa keessatti hafu
  • Barreessaan tokko namfakkiilee karaa armaan gadiin bocuu danda’a:
  • Namfakkii qaamaan bocuu: qaama xiyyeeffachuun namfakkiilee uumuudha. Kana jechuun wantoota bakkeetti argaman kenneen akka guddinaa,dheerinaa , miidhaginaa fi kkf ibsuun fakkeessuudha
  • Namfakkii amalaan bocuu: amala inni agarsiisuun namfakkii bocuudha.Amalli kunis gaarii ykn gadhee ta’uu danda’a.
  • Namfakkii hawaasummaan bocuu: jireenya hawaasummaa keessattii gahee namfakkichi taphatu irraatti xiyyeeffachuun uumuudha. Fkn. Jaarsa araaraa
  • Namfakkii xiinsammuun bocuu: fedhiifi hawwii namfakkiin tokko dhuunfaan qabu xiinxaluun ibsuudha. Fkn. jaalachuu, jibbuu, hubachuu

Namfakkiilee asoosamaa ulaagaalee: ga’ee hojii, waldiddaa uumamuu fi amala isaan seenicha keessatti agarsiisaniin bakka adda addaatti qooduu dandeenya.

  • Seenaa keessatti ga’ee hojii isaan qaban irratti hundaa’uun namfakkiilee bakka gurguddoo lamatti qoodna.
  • Namfakkoota gurguddoo(Major Characters) :- Seenaa asoosamaa keessatti hirmaannaa olaanaa kan qabanidha.

- Ijaarsa jaargochaa keessatti daandii baay’ee qaxxaamuru.

- Yeruma tokko mul’atanii hinbadani. Yeroo gabaabaa yoo turanis seenaa

hindagatamne raawwatanii darbu.

  • Namfakkoota xixiqqoo jedhamu (Minor characters):- namfakkoota guguddoo tumsuuf yeroo barbaadamanitti kan dhufanidha.
  • Yeroo baay’ee aluma tokko mul’atanii badu.
  • Lafa isaan ka’an malee lafa isaan ga’an arguun dirqama miti.
  • Waldiddaan namfakkiilee qooduu :Kallattii waldiddaa uumamuun ammoo
  • Hayyuduree (Protagonist) :

- Seenaan asoosama tokkoo isumarratti jalqabee isumarratti xumurama.

- Jaargochi asoosamichaa isarratti ijaarama. Kanaaf waa’een isaa jalqabaa hanga dhumaatti dubbatama.

-Seenaa asoosamichaa fuuldura deemsisuu keessattis hunda caalaa ga’ee guddaa taphata. Kanaaf namfakkiilee gurguddoo keessatti ramadama. Namfakkiilee gurguddoon hayyu duree qofa miti, namoonni hedduun jiraachuu danda’u.Hunda caalaa kan seenicha keessatti qooda fudhatu garuu hayyudureedha.

- Seenaa asoosama tokko keessatti, hayyudureen namfakkii tokko. Namfakkii tokkotu seenicha keessaa jalqabaa amma dhumaatti qaari’uun galma gaha.

- Namfakkiileen hiriyaa hayyuduree ta’an seenicha keessatti umurii dheeraa qabaachuun turuu danda’u. Isaan akkanaa kunneen hayyuduree osoo hintane, namfakkiilee gurguddoo jalatti ramadamu. Kanaafuu asoosamni tokko hayyuduree tokkoo olqabaachuu hindanda’u jechuudha

  • Masaanuu(Antagonist)

- Seenaan asoosamaa waldiddaafi walfalmii humnoota lamaati. Humnoonni kunis hayyuduree fi masaanuudha.

- Namoonni kaayyoo hayyuduree gufachiisuuf deemuun waldiddaa finiinsan masaanuu jedhamu. Kaayyoon isaanii inni guddaan nageenya hayyuduree sarbuu kaayyoosaa karaatti hambisuudha. Waanuma inni hojjetu gufachiisuuf deemu.

- Sababa nama dubbistoonni jaal’atan miidhuuf deemaniif , dubbistoota biratti baay’ee jibbamu.

Masaanuu ta’uu kan danda’an nama qofaa osoo hintaane, seera aadaafi duudhaa, balaa uumamaa ,du’a, dhukkubaa fi kkfdha.

  • Namfakkiilee amalasaaniin qooduu: bakka lamatti qoodamu.
  • Namfakkii jijjiiramaa/collee/ si’atoo (Dynamic/active/round):

- Amala dafanii haalatti of firoomsuu qabu.

- Namfakkiilee baay’ee hubatoo ta’anidha.

- Waan isaanitti dhufuuf jedhu jalaa miliquuf yeroo baay’ee isaanitti hinfudhatu.

- Eessaa akka ka’anii fi eessa akka ga’an beeku.

- Namni isaan gowwoomsuuf yoo ka’es dafanii bira ga’u.

- Haayyudureen amala jijjiiramaafi hubannaa gadi fagoo qaba. Masaanuunis akkasuma. Fakkeenya namfakkiilee jijjiiramaati.

  • Achumee/raatuu/daagii(flat/dormant):

- Wanta itti dhufu hinbeekan; raatuudha.

- Amallisaanii jalqaba, gidduufi xumura irratti tokkuma

- Adeemsa sana keessatti amala dhaabbataa qabu.

- Ilaalchi isaanii hinjijjiiramu; amantaan qabanis haala kamiinuu hingeeddaramu.

- Namfakkiilee xixiqqoon yeroo baay’ee amala kanaan mul’atu.

  1. Dhaamsa(Theme)
  • Barreessaan ergaa tokko dabarsuuf asoosama kalaqa. Dhaamsi inni dabarsuu barbaadu sunis ergaa jedhama.
  • Ergaan yaada ijoo asoosama tokkooti.
  • Ofdanda’ee as ba’uun hinbarreeffamu; dhokataadha.
  • Ergaan asoosama kamiiyyuu qophaa ba’ee dubbachuu hindanda’u.
  • Jiraachuunsaa dhoksaan dhimmoota birootiin maramee dubbistootaaf dhiyaata.
  • Ergaan asoosamaa waan jiruufi jireenya dhala namaa keessatti nama quunnamu, waan nama mudachuu danda’udha.

vii. Akkaataa: - haala seenaan barreeffamee ittiin dhiyaatudha.

  • Akkaataa barreessaan jechootaafi gaalee filatu ta’ee, akkamitti akka inni qaama himaa fi keeyyattoota itti qindeessuufi seenaa balballoomsu ofkeessaa qaba.
  • Akkaataa ijaarsa himootaa keessatti, fayyadama caaslugaa, fayyadama sirna tuqaalee, gosoota himaa, filannoo jechootaa, cimina sagalee, fayyadama dubbiilee qolaa fa’itu xiinxalama.
  • Tooftaan seenaan itti dhiyaatus akkaataa jalatti xiyyeeffata.
  • Seenaan asoosama tokkoo tooftaa afuriin dhiyaachuu danda’a. Innis:
  • Addeessa: tooftaa barreessaan ittiin waa’ee waan tokkoo sammuu dubbisaa keessatti kalaqee mul’isudha.Bifa suura sammuu namaa keessatti uumuu danda’uun dhiyaata.
  • Duubdeebii: tooftaa seenessaan ittiin duubatti deebi’ee waan yeroo darbe ta’e dubbachuun dhimma tokko dubbisaa hubachiisudha.
  • Durdeemmii: mala barreessaan ittiin waan gara fuulduraatti ta’uuf jiru dubbistoota tilmaamuudha.
  • Waliin dubbii: Barreessaan waliin dubbiitti gargaaramee namfakkiileenwaan raawwachuuf jedhan akka mul’isan gochuufi seenaa namfakkii biroo akka himan mijeessuu danda’a.