Aabbush Zallaqaa
Aabbush Zallaqaa weellisaa Oromoo sirbaa aadaa naannoo Booranaa fi Gujii weellisuun beekkamu fi ummata biratti baayyee jaalatamudha. Aabbush sirboota godinoota Booranaa fi Gujii sirbuun kan beekamu ta'us, sirboota naannoo fi saba biroo afaan garaa garaan sirbee jira.Abbush sirbuu kan jalqabe baandii Gumii gaayyoo keessattiidha. San booda Finfinneetti galuun sirbuu itti fufe. Albama "Arrooy" jedhuun uummata biratti jaalatamummaa guddaa goonfate. itti fufuunis albamootaa fi sirboota heddu Afaan Oromoo, Afaan Amaaraa fi kanneen biroon hojjatee beekkamtii daran horachuu danda'eera.
Badhaasaawwan garaa garaa fudhachuus danda'eera. "Coke Studio Africa 2019" irrattis hirmaachuu danda'eera.
Albamoota
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Aabbush albamoota heddu kan qabu yogguu tahu, isaan keessaa muraasni:
- Arrooyi (2010) - Mana muuziqaa Abbaa Gadaa fi Solomon video production kan raabsame.
- Jaala Jiloo (2013)
- "Hid zeyerat"
- "Awtut keparlamaw"
- "Ende Abate ewedshalw" albamoota jedhaman hojjateera.
Abbush namoota hedduuf fakkeenya yeroo tahu, sirboota siyaasaa erga sirbuu jalqabee namoota gariin immoo ceem'aa horateera. Abbush ammas hojii isaa itti fufee, qeenxee fi albama garee isaa "Rufa Film Production" wajjiin hojjachuu itti fufeera.