Jump to content

Xeensa

Wikipedia irraa

Koleeraan ykn xeensi ykn loshaan bacawwii mar'imaanii kan baakteeriyaa summaawaa ''Vibrio cholerae'' kan nama qabuudha. Dhukkubni xeensa dhukkuba garaa kaasaa hamaa kan ta’e dhukkuba fiduu dha. Addunyaa hunda irratti yoo beekame iyyuu jabana kana kan baay’ee argamuu fi argamuu danda’u biyyoota booddeetti hafan keessatti. Imiin ykn miciroon (Germ) dhukkuba kana fidu akkuma baakteeriyoota(merqoota) dhukkuba adda addaa fidanii ija duwwaadhaan arguun hin danda’aamu. Dhukkubni kun yoo nama qabe yeroo gabaabaa keessatti bishaan dhagna namaa keessa jiru karaa garaa yaasaa fixuudhaan dhukkubsataa kana coollgsee ykn gogsee ajjeesa. Dhukkubni xeensa kun kan inni nama tokko irraa nama biraatti darbuu danda’u garaa kaasaan jermii dhukkuba kanaa qabu nyaataa fi bishaan namaatti ogguu dabalamu namni fayyaan nyaata kana nyaachuu yookiin bishaan kana dhuguudhaani. Kanaaf dhukkuba kana daddabarsuuf qulqullina ofii, qulqullina nyaataa fi dhugaatii dhabuun, akkasuma qulqullina naannoo dhabuun qooda ol aanaa qaba, keesumaa bishaan jermii kana qabu yoo dhugan. Dhukkubni xeensa kun al tokkotti namoota baay’ee kan inni qabu bonaa fi arfaasaa dha. Kunis kan akkas ta’uuf namootni yeroo akkasiitti kan caalaatti bishaanitti  dhimma bahani. Dhukkubni kun ijoollee umuriin isaanii waggaa lamaa gadi ta’e keessatti hammeenya hin qabu, of irraa ittisuuf kan gargaaru waan dhalootaan aannan harma haadha isaanii keessa jiru waan hodhaniif jedhamee amanama. Warri ayinaan dhiiga isaanii O ta’e dhukkuba xeensa kanaan qabamuuf carraan isaa ol ka’aa dha, akka qormaatni fayyaa tokko tokko agarsiisutti.


Dhangaggeen (asiidiin) garaacha keessaa jermii dhukkuba kanaa ni ajjeesa. Jermiileen dhangaggee kana irraa hafan gara mar’umaan qallaatti darbu. Mar’umaan erga weeraranii booda keessa mar’umaanii summeessuun garaa kaasaan bishaan ta’ee uumama. Yeroo baay’ee gabaabaa keessatti soogiddis bishaaanii wajjin qaama namaa keessaa baha. Yeroo baay’ee gabaabaa keessatti miidhaa dhukkubsataa sanatti fida. Yoo wal’aansi fayyaa hatattamaa kenname malee namni dhukkuba kanaan qabame ni du’a.

Mallattoo Xeensa:

[gulaali | lakkaddaa gulaali]
  1. Jermiin dhukkuba kana fidu(vibro cholerae) garaa namaatti galee guyyaa lamaa hanga guyyaa sadii booda kan garaa dhukkubbii hin qabne bishaan kan ta’e garaa kaasaadhaan dhukkubni kun battalatti jalqaba.
  2. Jalqaba duraa bifti garaa kaasaa kun bunnii ogguu ta’u gara boodaa keessa bifa bishaan ruuzii affeelamee yookiin bifa dhamaa fakkaata.
  3. Foolii hin qaban
  4. Yeroo baay’ee laydaa(dhagna gubaa) hin qabu.
  5. Namni dhukkubni xeensaa qabate qaama isaa hunda keessaatti dhukkubbiin irree itti dhagahama.
  6. Garaa hammeessaa hin qabu, garuu haqqisaan(balaqqamni) ni jiraata.
  7. Waan bishaanni fi soogiddi qaama isaa keessaa yaa’uuf namni dhukkubni xeensa qabe kun bishaan ni dheebota.
  8. Dadhabbiitu itti dhagahama.
  9. Lafa taa’ee ogguu ol ka’u lafatu ittiin mara,hururri qabaata jechuu dha.
  10. Onneen isaa dafee dafee rukuta(dhikkisi dhiiga isaatii ni jarjara).
  11. Yoo wal’aansa fayyaa hin argatin ture yookiin bishaan soogiddaa dhabe dhukkubichi itti hammaatee waan fincaa’u illee qaama isaa keessaa dhabee fincaanni dhabama.
  12. Dhiibbaan dhiigaas ykn. dhikkisni dhiigaa (pulse) ni dhabama
  13. Iji gadi gala(ni boolla’a).
  14. Ijoollee xixinnoo keessatti gubbeen isaanii ni dhooqqata.
  15. Gogaan nama dhukkubsate sanaa akka gogaa harka bishaan keessa turee shuntuurratu fakkaatee ni shuntuurrata.
  16. Achumaan akka nama hirribni rakkisaa jiruu fakkaatee namni dhukkuba kanaan qabame of wallaala.
  17. Yoo wal’aansa fayyaa hatattamaa argachuu baate kaleen nama dhukkuba kanaan qabamee hojii isaa hojjechuu dadhaba.
  18. Yoo namni dhukkuba kanaan qabame wal’aansa fayyaa hatattamaa argate balaan kun hundumtuu akka nama irra hin geenye ni taassifama, yoo gahes dafee fayya.

Akkuma kanaan olitti jedhametti dhukkubni xeensaa kun bishaanii fi soogidda dhagna namaa keessaa fixuudhaan nama ajjeesuu waan dandahuuf  nama dhukkubni kun qabeef, yookiin walumaa galatti nama dhukkubni garaa kaasaa qabeef bishaan soogiddatti bulbulame baay’isanii kennuufiin baay’ee barbaachisaa dha. Kun du’a irraa hambisuu ni danda’a. Utuu itti jabaatee miidhaa du’aa itti hin fidin dafanii mana wal’aansa fayyaa dhukkubsataa kana geessuun barbaachisaa dha. Keesumaa ijoollee, dullootaa fi kan dhukkuba biraa kan akka HIV(AIDS)-tiin qabamanii qaamni isaanii hubamee jiru keessatti dafee balaan du’aa dhufuu waan dandahuuf daddafanii mana hakiimiitti geessuun barbaachisaa dha.

http://wofo.oromian.net/Dhukuba/Xannee.htm