User talk:Izeddinkelifa

Page contents not supported in other languages.
Wikipedia irraa

Seenaa

Kun Qophii keenya Kutaa 1ffaa Gola Seenaati. Gola Seenaa keenya jalqabaatiinis seenaan jechuun Maal jechuu dha kan jedhu waliin kan ilaallu ta'a hanga xumura atti nuu waliin turaan affeeraa keenyaam.


Seenaa jechuun : maalummaa ilmi namaa keessa darbee ijaaramaa ijaaramaa dhufee kan inni ittiin of ilaalee amma eessan jira jechuun of baree, gara fuulduraattis maalan ta'uu qaba waan jedhu kan ittiin karoorsudha. Wolumaa galatti seenaa jechuun kaleessaa kee kan sibarsiisu , maaluummaa hadhaa keetii guutummaatti maal keessa akka jirtu kan siif ibsu akkasumas, borii keetiif kan siif karoorsudha.

Seenaan barumsa,jireenya ummataafi mootummaa biyya tokkoo keessatti bakka guddaa kan qabuudha.

Seenaan saba tokkoo seenaa gootota isheeti. Seenaan duudhaa, afaanii fi amantiidha. Eenyummaan saba tokkoo kunimmoo seenaadhaan mirkanaa'a.

Seenaan Ergaafi xiinxala gadi fagoos ni qaba. Kanaafuu beekumsa ilma namaa keessaa damee kanatti xiyyeeffachuun waan dhokataa mul'isuuf, qabatama jiru ifa baasuuf, miira kakaasuuf, barumsa irraa fudhachuuf, yaada jeequmsaa dhaabsisuufi hirriba irraa dammaqsuuf kan akkaan ilma namaa barbaachisu dha

Sabni tokko afaan isaatiin gaafa barate ni qarooma; ni dagaaga.

Ummanni seenaa isaa yeroo darbee hin beekne amma maal keessa akka jiru beekuun itti ulfaata. Fuuldurattis maal akka ta'u karoorsuufi tilmaamuu hin danda'u.

Hawaasni tokko ykn gareen tokko,garee tokko miidhuu yoo barbaade tooftaa inni ittiin gargaaramu keessaa inni tokko akka ati deebitee dudduubba kee hin ilaalle akkasumas seenaa ulfina keetii, seenaa kabajaa keetii akka ati hin ilaalle sigochuudhaan akka waan ati seenaa hin qabnee dhiibbaa gochuudhaan gara fuulduraatti akka ati hin tarkaanfanne sigodha.


Kana malees akka saba keenyaatti yoo ilaalle. Ummanni Oromoo saba Gadaan Waggoota dheeradhaaf bulee wal bulchaa turee dha. Yeroo Booda garuu sirni Nafxanyootaa biyya Oromoo koloneeffachuun goota hin qabdan; seenaas hin qabdan jechuun ummata seenaa hin qabne jedhanii nu moggaasani. Inumaayyuu Oromoon lammii biyya kanaa miti jedhaanii itti qoosaa turan! seenaa isaanii nu barsiisan. Afaan isaanii nu dubbachiisan. Aadaa isaanii nu dhaalchisuun Eenyummaa Oromoo dagachiisanii Oromoon akka of jibbu fi of tuffatu taasisaa Turanii ardhallee itti jiru..

Maal kana Qofaan dhaabbatan?! Maqaa lafaa fi namaa jijjiiruun, kan ofiitiin bakka buufachuun. Aarsaa fi wareegama gootonni Oromoo kaffalaa turan ittiin of waamuun siidaa fi yadannoowwan addaa addaa ijaaranii seenaa hin hojjenneen dhaadataa har'dha ga'an. Seenaan biyya keenyaa yeroo baayyee loogii irraa kan bilisa ta'e miti. Haala kamiin loogii irratti hundaa'ee barreeffame isa jedhu yoo ilaalle, qabxileen adda addaa jiraachuu malu. Fakkeenyaaf seenaa sabaa fi sablammii bifa madaalawaa ta'een hayyootni kutaa,kutaa irraa wolitti dhufanii hin barreessine.akka sabaatti haayyotni seenaa biyya keenyaa barreessuu keessatti qooda fudhatan hayyoota gara kaabaa waan ta'aniif toftaalee adda addaatti fayyadamuudhaan seenaa barreessaa turan. Toftaalee jarri itti fayyadamaa turan keessaa~

1seenaa filatanii barreessuu
2seenaa irra utaaluu
3 seenaa xureessuu fi 
4 hiika seenaa jallisuudhaani.


Sabni Oromoo aadaa ormaa dhiisee yoo gara eenyummaa ofiitti deebi'e male misoomuu fi qaroomuu hin danda'u jedhu Dr. Muhammad Shamsuddin

Akka barreessitoonni seenaa Jedhanitti. seenaan kaleessa qofa osoo hin taane hardhaafi boris of keessatti hammata. Har'a maal keessan jira, bor immoo akkam ta'uun qaba jedhee xiinxala. Eenyummaan nama tokkoo kan inni ittiin baramu seenaadhaani. Yoo seenaa ofii hin beekne eenyuun akka ta'e of baruu hin danda'u. Jechuu dha. Kanaafuu seenaa biyya ofii bifa madaalawaa ta'een qorachuun murteessaadha. Seenaa dhugaa irratti walii galanii fuulduraaf karoora baasuun ummata hunda fayyada. Barri nuti keessa jirru kun. yeroo ummanni seenaa isaa darbeefi abbootii ofiitiin dhaaddatuudha. Kana malees bara namni waan hidhannoo godhatee hordofu wallaalee dhamoo keessa jiruudha. Kanaafuu seenaa abbootii keenyaa qorannee isa gaggaariitti hidhannee dogoggora uumame sirreessaa deemuun ga'ee dhaloota ammaati.

izeddin kelifa Seenaa Gootittii Oromoo Bilillee afaan Oromoo language[lakkaddaa gulaali]

Bilillee (Mahbubaa ) intala Oromoo Bareeduman Qalbii Faranjii Fudhate


Maqaan warri isii moggaasaniif Bilillee dha. Kan dhalatte oromiyaa kibba dhihaa, Godina Jimmaa naannoo guumaa jedhamutti yoo tahu barri dhaloota isii 1820 keessa ture. Dhalattee waggaa 10 yoo guuttu, bara 1835/36 biyya isiin itti dhalattetti lolli gale. Abbaa fi obboleeyyan isii jaha lola saniin ajjeefaman. Isii fi obboleettiin isii ammo booji’amanii gabroomani gara Goondaritti geeffaman. Achitti gargar bahan san booda wal hin agarre. Bililleen goondar irraa dura kara kaartum(sudan), itti aanee kara Gibxii(kaayiroo) bara 1837 keessa gurgura daldala gabraatiif geeffamte. Yeroo kana biyyoota bahaa daawwachuuf bara 1835 eegalee karaarra kan ture ilmi mootii Jarman, Harmaan Paklar kaayiroo gahe. Guyyuma kana Bilillee gurguraaf gabaa baasani waan tureef, innis akkuma naatoo Bililleen qabdu arkeen bituuf itti gaggabe. Bites maqaa isii Mahbuubaa ja’ee moggaase. Hiikkaaniis afaan arabaatiin ‘jaalallee koo’ jachuu dha. Yeroo kaan umriin isii waggaa 10 hin caalu ture. Umriin isii xiqqaa tahullee, yaadaa fi hojiin isii akka nama guddaa ture. Naatoo fi amalli isii akka Paklar baayyisee jaalatu taasise. Akkuma bitateen doo’annaa isaa itti fufe, misra irraa gara biyyoota biraa Bilillee qabatee waliin deeman. Paklar haadha mana isaa Jarman jirtuuf waa’ee gabroota Misraa bitee xalayaa barreessseefi ture. Waa’ee Bililleetiis jaalala isii qabu fi isiinis isaan gargar baatee jiraachuu akka hin dandeenye deddeebisee barreessaaf ture. Mahbuubaan dubaarti iftoominaa fi haqummaan guutamtee dha. Paklar haqummaa fi iftoomina Mahbuubaa irraa ka’e, “Nama dhugaan wajjiin jirtu wajjiin ooleen yeroo baayyee booda nama dhugaa tahe.” Ja’a ture. Paklar fi Mahbuubaan bara 1840 gara Awuroppaa deebi’an. Bililleen yeroo kaan dhukkuba sombaa fi heexoo isii qabee hukkubsattullee paklar muskatti isii dhiisee gara Barlin haadha mana isaa tan dhukkubsattu laaluuf kute ture. Yeroo kana mahabuubaan dardara biyya isii Oshuu Aagaa wajjiin wal barte. Isa irraan hayyicha biyya Jarman kan afaan oromoo qoratu, Karl Tutischek waliin wal barte. Bililleen dandeetti walaloo barreessuu fi sirbuutiis waan qabduuf, Karl Tutischekiis sirba isiin afaan oromootiin sirbite galmeessee ka’ee jira. Dhukkubiin itti cimaa waan deemteef xalayaa paklariif barreessuullee hin dandeenye. Doktorri isii barreesseefii ergite. Paklariis haati mana isaa tan duraa baayyee waan jalaa dhukkubsatteef dhufuu hin dandeenye. Xalayaa barreesseefi ture. Yeroo booda xalayaa rakkina isarra jiru barreessee meetii maqaan “MAHBUUBAA” ja’u irratti became waliin ergeef. Yeroo xalayaa fi meetiin onkololeessa, 27,1840 Muskaa gahu, Bililleen arguu hin dandenye. Hirriiba dhuma hin qabneen moohamtee, addunyaa kana irraa boqotte. Aniis Bareedduu oromoo fakkii bareedina addunyaa taatee tana biyyee irraa haa saphlisuu jachaa, dinqiisifannaan isiif qabuu walaloo gabaabduu armaan gadii kanaaniin xumura:- “BILILLEE MAHBUUBAA!!” Yaa takkitti oromoo hambaa seena addunyaa, Yeroo hammaateetuu si geeyse fageenyaa, Rabbii nu badheesee ati kennaa teenyaa, Yoomillee sin dagatuu seenaan keenyaa. Bilillee too yaa mahbuubaa! Umamni kee ajaa’ibaa,bareeni kee nama dhibaa, Boontuu bareedduu urjii sabaa, Oromtittii too dhiiga qulqulluu sii faaruu qabaa, Siin faarfadhaa, siin leellifadha akka jabaa. Luucaan rifeensaa keetii gad bu’ee mudhiirra ciisaa, Nyaarri kee kuulaa ijji tee goobanaa bakkalcha bariisa, Dhaabbanni kee looshaa akka harooreeysaa, Ilkaan kee caama naanaa addeenyi isaa, An maal himeetiin maalumaa dhiisaa, Bareenni kee ifa aduu golgoleessaa. Biftii kee magaalaa halluun kee buskutaa, Bareedinaan dhugaatti abbaa feetee caaltaa, Mil’uu ijaa qofaan nama hundaa boojitaa, Sabboonummaa keetiis if beeytee ittiin boontaa, Hanga ammaa waan lubbuun jirtuu na fakkaataa, Si faarsuuf dhugaatti jechaatu natty xiqqaataa, Afaaniif aadaa tee enyuu caalaa jaalattaa, Bilillee too seenaa teetu garaa na nyaataa. X2 @lammiif Izeddinkelifa (talk) 05:10, 3 Haggaya 2019 (UTC)[reply]

Izeddin kelifa Seenaa abbaa Jifaar[lakkaddaa gulaali]

Seenaa Abbootii keenyaa baruun boriif nu fayyada oromoon naannoo hundaa dubbisaa dheerina hin qabuu……

  1. Seenaa_Dhaloota_Abbaa_jifaar_fii_ijaaramiinsa_masaraa Abbaa Jifaar

Abbaan Jifaar bara 1852 tti abbaa isaanii Abba Gommoolii fi Haadha isaani Guumayitti irra dhalatan Abbaan Jifaar dhalatanii woggaa 15ttii Abbaan isaanii Abbaan Gommool du’an Abbaan Gommool kan du’an bara 1875 tti Abbaan Jifaar Maqaa adda addaa qabu 1)Tulluu 2)Muhammad ibni daawud 3)Abba jifaar Yeroo Abbaan isaani du’an irraa eegalanii abbaan jifaar biyya bulchuu eegalan waggaa 3 haadha isaani Guumayitti wojjin bulchan sababni isaan haadha isaanii wojjin bulchaniif yeroo sanatti Abbaan Jifaar woggaa 15 waan ta’aniif akkasumas dandeetti biyya bulchuutiif umuriin isaani xiqqoo waan ta’eef Yeroo wagga 18 guutanutti guutummaan guutuutti biyya bulchuu eegalan kan isaan biyya jimma bulchanis bara 1878 hanga 1933 tti Maqaan isaani akka biyyaatti Tulluu jedhamanii waamamu sababni isaan tulluu jedhamaniif dheerina isaani irraan kan ka’e Abbaan jifaar dheerinni isaanii meetira 2 fi sentimetira 10 Maqaan isaani gara islaamaatiin ittiin waamaman Muhammad ibnu daawud Akka maqaa kabajaattimmo Abbaa Jifaar A/Gommool jedhamanii waamamu

Masaraan Abbaa Jifaar kan argamu lafa olka’aa jireen irratti argama Jireen magaala Jimmaa irraa km7 fagaatee argama akkasumas Hospitaala Jimmaa irraa km3 fagaatee argama Masaraan Abbaa jifaar kan ijaarame nama lammii Hindii ta’ee maqaan isaa #tikem jedhamuun Haala ijaarumsa isaa keessatti meshaan tokko tokko kan biyya hindirra dhufe ni jira fknf meeshaan tokko akka meshaa teknikaatti kan yeroo bubbeen bubbisu bubbee manarra dhorku tokko gubbaa masaraa isaani gara fuula duraarra ni jirti masaraa sanarratti kan argamu kan imaaraa fakkaatu sun kallattii Afur qaba kallatti kaabaa Kallatti kibbaa Kallatti bahaa Kallatti dhiha kallattiin 4 kun hundinuu kallatti ittiin to’annaan gaggeeffamu Masaraa sana keessatti meedaan yookan bakkeen bakki kaadimoonni ykn hojjattoonni isaani itti Taphatantu ni jira akkasumas bakki mootiin Abba jifaar ta’anii yeroo kaadimeen isaani wollaansoo waan adda adda woliin taphatanu ilaalanu ni jira Yeroo masaraan kun ijaaramutti ummanni naannoo Jimmaa killee ykn hanqaaquu wolitti qabuudhaan gumaachaa turan ijaarumsi masaraa sanaa yeroo jalqaba xuubii dhaafi killee wolitti qabuun girgiddaan ykn jidaarri isaa kana lamman irra ture Masaraan Abba Jifaar kan ijaarame bara 1870 tti yeroo ijaaramu baasiin itti ba’e worqii kg 400 fii Doolaara Awustiraliya(Maantereza)65,000 tti tilmaamama

Masaraa kana keessa kanjiru masjiida dhiiraa fi dubaraa adda ba’ee kan jiru akkasumas bakka qur’aana itti qara’an kan dhiiraa fi kan dubaraa adda ba’uudhaan jira

Masaraan kun yeroo ol seenan jalqaba isaarratti ykn balbala isaarratti jecha laailahaillallah Muhammadan Rasuulallah jedhutu barraa’ee jira itti Aansee Abubkri Umar Usmaan Aliyyii kan jedhutu barraa’e jira Abbaan jifaar teesso isaani jireen godhachuudhaan ummata isaanii akka guutuu biyyattiitti gargaaraa turan keessumayyu ummata muslimaa maallaqaan lafa adda adda kennuufidhaan Yeroo jalqabaatiif Akka guutuu biyyattiitti Amantiin islaama jimma irra ka’e akka baballatu kan godhe Mootii Abbaa jifaari Abbaan jifaar ummata isaaniitiif saudi Arabiyaa makka keessatti mana ijaaruudhaan bakka ummanni keenya qubatu taasisanii jiru ummanni keenya yeroo umraa fi hajjiidhaaf gara makka deemu bakka kana deemee qubata bakki kun kaabaa irra meetira 300 qofa fagaata Akkasumas madiina irrayis akka lafa fudhatanii turan seenaan ni dubbata

Haala kanaan Mootiin Abba jifaar bara 1878 irra hanga bara 1932tti jiraatan Izeddinkelifa (talk) 05:12, 3 Haggaya 2019 (UTC)[reply]

Izeddin kelifa Seenaa masaraa Abbaa Jifaar[lakkaddaa gulaali]

Waa'ee Masaraa Abbaa Jifaar Kana Beektuu ? .  Bara Hundeeffaama ----------------------------1870  Mootii Hundeesse ------ Abba Jifaar lammaaffaa.  Ogeessa Masaara kana ijaaru irratti qoodaa fudhaate --- ogeessa biyyaa hindii Tiikaam jedhaamu .  Bay'iina kutaalee Masaraan kun qabu --- -----29  bay'iina foddaa masaraa-------------------------- 54  bay'iina balbala ------------------------------------- 65  bakka argama masaraa ---------magaalaa jimmaa ganda jireen.  haalaa ijaarsa masaraa ---- abbaa darbii 1 fi bakka eegichaa darbii lammaffaa irra keessaatti kan qabu.  Haalaa Ibsama Foddaa Darbii 2ffaa ykn bakka eegichaa Wardiyyoota


Balbala Shawaa Balbala Kafaa Balbala Limmuu Balbala Dawuroo jedhamuun kan gutateedha.  Mooraa Keessaati Manneen argamaan------- Masgiida Mootii abba Jifaar fi Maatii isaani. Masgiidaa Uummata Masaraa Abba Jifaar yommuu ta'uu ; masaraan kuniis kutawwaan addaa addaa tajaajiila gara garaa kennan guttatee jira . Yaadaa Keessaanniin ....Like,Share,Comment Gochuun Bakkeewwan Hawwata Turiiziimi Kana Beksiisuuf Finiinsa..... Izeddinkelifa (talk) 05:13, 3 Haggaya 2019 (UTC)[reply]

Izeddin kelifa[lakkaddaa gulaali]

Seenaa Dr @Abiy Ahimad

Naannoo Oromiyaa Godiina Jimmaa Aanaa Goommaa Magaalaa Bashashaa ganda 01tti Abbaa isaanii Obbo Ahimad Alii Dheeraa fi Haadha isaa Aadde Tizzitaa Waldee irraa bara 1969 dhalatan. Yeroo Umriin isaanii barumsaaf gahu Mana Barumsaa Bashashaa Sadarkaa 1ffaatti barachuun, Barumsaa Sadarkaa 2ffaa ammoo Mana barumsaa Aggaaroo Sadarkaa 2ffaa barachaa osoo jiranii dhiibbaa fi gidiraa Mootummaan Abbaa Irree Dargiin uummata irraan geechisaa jiru mormuun barumsa isaanii adda kutuun bara 1983 umrii ijoollummaan qabsoo hidhanootti makamuun iddoo dhalootaa irraa kaasee guutuu biyya keenyaatti iddoowan adda addaarra naannawun mootummaa Dargii kuffisuu kessatti onnee guutuun dirqama isaanii bahachaa turaniiru. Kufaatii sirna Dargii boodas Loltummaan iddoowwan adda addaatti bobba'uun hanga Waraana Shaabiyaa irratti hirmaachuun biyya isaaniif oolmaa guddaa oolanii jiru. Dr. Abiyyi biyya keenyarra darbuun Miseensa Raayyaa Ittisa Biyyaa ta'uun wal waraansa Ruwaandaa keessa ture qabbaneessuuf biyya keenya bakka ba'uun hojii boonsaa hojetanii Ambaasaaddara Nageenyaa ta'uun milkiin gara biyyaatti deebi'anii turan. Dirqama itti kenname bahachuun erga biyyatti galaniis hojii nageenya kabachiisuu maddiitti barumsa isaanii adda kutan itti fufuun Finfinneetti Barumsa barachuun qophaa'inaas qabxii olaanaa galmeessisuu Yunvarsiitii Finfinnee irraa Digrii Jalqaan yoo eebbifaman, MA Computer Saaynsiin Arfriikaa Kibbaa irraa erga fudhatanii booda INSA hundeessuun hanga Daareektaraatti INSA hoogganuun shoora olaanaa taphachuun biyya kanaaf oolmaa guddaa oolanii jiru. Bara 2002 Miseensa Raayyaa Ittisa Biyyaa Keessaa bahuun hanga Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataaf dorgomanitti Miseensummaa irraa eegalee hanga sadarkaa Leetnaal Koloneelaatti argatanii jiru. Barumsa isaaniis hanga PHD tti barachuu gama hundanuu of cimsaa, bakka hundatti waan haaraa shaakalaa barachaa fulduraati deemuu itti fufan. Dr. Abiy osoo MM hinta'in waan hojjetan keessaa muraasa: 👉INSA hundeessuun sadraa har'a gaheen geechisuun biyyaaf ashaaraa guddaa kaa'an. 👉OBN akka hundaa'uuf Dr. Abiy harka keessaa qabu. 👉OBS mataa isaa guyyaa tokko seenaan ni baasa, Obbo Dinquunis waan beekan guyyaa tokko ni himu jedheen yaada. 👉LTV mataa isaan yaada keessaa qabu. 👉OBN miidiyaa biyyalessaa jala akka galuuf wayyaaneen gaafa murteessitu Dr. Abiyyitu fuldura dhaabbatee Proposal qarshii miliyoona hedduun wayyaaneen hojjette taphaan ala godhe. 👉Riifoormii Raayyaa Ittisa Biyyaa hojjetee ture, garuu Wayyaaneen harkaa kuffiste. 👉Hidhamtoonni siyaasaa akka hikamaniif bara 1999 irraa kaasee nama yaada addaa dhiyeessaa tureedha. 👉Adeemsa dimokraasii dhugaatti akka ADWUI'n deebi'uuf watwaataa ture. 👉Bara 2002 gara Paartii erga dhufee Paartiin miira injifannoo akka qaabaatu OPDO keessatti hojii guddaa hojjechaa ture. 👉Paarlaamaa keessatti Labsiin Liizii mormee jira. 👉Afaan Oromoo akka Afaan hojii Mootummaa Federaalaa akka ta'uuf Mana Maree ADWUI keessatti hoggantoota OPDO 45 keessaa qofaa isaa mormee sagalee keennee baheera. Achii bahee Ittis qoratamee doorsifamee jiras. 👉Leenjiiwwan Riifoormii heddus hoggantoota olaanoo leenjisuun dinqisiifannaa addaa argachaa tureera. 👉Albuudni Oromiyaa dargaggoota naanichaa waldaan gurmaa'aniif akka kennamu yaada dhiyeessuun hojiirra oolchee jira. 👉Yeroo Misooma Manneenii fi Magaalaa hoogganaa ture lafa heektaara 20,000 Wayyaaneen seeraan ala saamte deebisiisee jira. 👉Wayyaaneen akka kuftuu fi OPDO'n akka onnaattuuf shoora olaanaa taphatee jira. 👉Qabdoon Oromoo akka finuunuufi Kufaatii Wayyaanee ariifachiisuf Oro_Mara isatu yaada dhiyeesse.

  1. Erga_aangoo_qabatanii!

👉Akkuma aangoo qabatanin labsii yeroo muddamaa kaasan. 👉Lammiilee buqqa'an qubachiisan. 👉Hidhamtoota siyaasaa mana hidhaa baasan. 👉Hattoota Meeteek seeratti dhiyeessan. 👉Abdii ilee seeratti dhiyeessan. 👉Maa'ikalaawii cufsiisan. 👉Dhaabbilee Siyaasaa fi qaamota adda addaa biyyatti galchan. 👉Midiyaalee ugguraman OMN ONN, ESAT biyyatti galchan. 👉Wayyaanee xalayaa sarara lamaan Maaleetti galchan. 👉Waldhabdee Abootii amantaa Ortodokiisii hiikuun Sinodoosii gargar baye araarsuun biyyatti galchan. 👉Wal dhabdee Abbootii Amantaa Islaamaa gidduu jiru hiikuun walitti araarsan. 👉Dinagdee biyya keenyaa Wayyaaneen lamsheete bayyanachiisan. 👉Pirojektootaa fi Paarkiiwwan industirii akka hatattamaan xumuraman kallattii kaa'an. 👉Lammiilee biyya keenya biyyoota adda addaatti hidhaman hiiksisan 👉Riifoormii Raayyaa Ittisa Biyyaa gaggeessan. 👉Aangoo siyaasaa saba bicuun dhuunfatame sirreessan. 👉Biqiltuu dhaabanii dhabsisuun addunyaa irratti seenaa haaraa galmeessan.

  1. Akka_Gaanfa_Afrikaatti:

👉Itoophiyaa fi Eritiraa araarsan. 👉Keeniyaa fi Somaaliyaa araarsan 👉Somaaliyaa fi Jibuutii araarsan. 👉Wal dhabdee Suudaan kibbaa mariin hiikanii araarsan. 👉Suudaan biyya bittinnaa'uuf turte Finciltootaa fi Waraana walitti araarsuun oolmaa guddaa biyyattiif oolan.

  1. Sadarkaa_Idi_Addunyaatti

👉Dhageetti biyya keenyaa akka dabalu hojii dipilomaasii guddaa hojjetan. 👉Liqaa biyyoota adda addaa haqsiisan. 👉Liqaa gurguddoo biyyi tun waggaa 27 hin arganne argachiisan. 👉Deeggarsa biyyi tun waggaa 27 keessa argattee hin beekne argachiisan. ❤osoo shirri meeqa biyya keessaa fi alaa irratti raawwatamuu, ilmi Abbaa GadaaBadhaasa Noobeelii Nageenyaa lammiin Itoophiyaa tokkollee hin arganne, badhaasa guddaa addunyaa kanaa injifatan. 🤔Seenaan goota kanaa barreefamees dubbatamees waan dhumu hin fakkaatu. Kan hafe itti deebina.” Izeddinkelifa (talk) 19:46, 18 Muddee 2019 (UTC)[reply]

Good Izeddinkelifa (talk) 16:30, 20 Amajjii 2020 (UTC)[reply]

Izeddin kelifa / Seenaa Dagaa deenoo[lakkaddaa gulaali]

SEENAA GOOTA OROMOO jaal DAGAA_SHEEK_HASAN_MAATII Haadha isaa

  1. Badiriyaa_Abbaa_Awajii irraa dhalate.

kan inni ittiin beekkamu #Dagaa_deenoo jechuudhaan beekama. Jaal DAGAAN kun dhaloonni isaa Godina #Jimmaa Aanaa #Saxxammaa GAATTIRAA Ganda #Doonee jedhamtutti yoo ta'u gosti isaa #Deenoo dha Dagaan obbolaa dhiiraa-4 qaba obbolaa dubraa-2 qaba walumaa gala ilmaan sheek hasan-7 turani Dagaan haadhaa fi abbaa isaatiif ilma 2ffaa dha Hangafti isaa obboleettii Tiruun isaa Aadde

#Giddee_Sheek_Hasan kan hanga ammaa kan lubbuun jirtu umuriidhaan manguddoo taatee jirti

Rabbi umrii nuuf haa dheeressu jenna! Abbaan goota kanaa haadha manaa tokko qofa qaba Haadha gootaa Aaddee BADIRIYYAAdha Jaal DAGAAN nama sirriitti amantaa ofii hordofanuu fi nama karaa gara garaatiin sabaaf waan gaarii godhaa tureedha. Jaal Dagaan ijoollee dhiira lamaaf dubara tokko haadha manaa isaa AADDE #Mukarramuu_qaasim_Abbaa_Diiduu irraa argate MUSLIIMAA DAGAA Mifta DAGAA Abdurazzaaq DAGAA jedhamu

barri dhaloota 

Jaal Dagaa Deenoo bara 19,57 Akka lakkofsa ethiopia_tti yoo ta'u barri wareegama isaa 19,87 baatii ramadaanaa guyyyaa 15 gurraandhala/yekkaatit bultii-10 guyyaa kamisaa waaree booda sa'atii 7:30 irratti umurii isaa waggaa-30tti imaanaa isaa lammii isaatti kennatee hojii fi gootummaa isaa fi jaalala guddoo onnee saba isaa keeysatti dhiisee dachee kana irraa gara dachee rawdaa jannatul-firdawsitti akka godaane Rabbii keenyarraa abdii guddaa qabna! Mee seenaa jaal #Dagaa_SheekasanDeenoo bal'inaan hamma odeeffannee fi hamma maatii isaa lubbuun hanga guyyaa har'aatti dachee addunyaa kanarra jiranu irraa arganne walumaan haa ilaalluu nu faana bu'aan affeerraa sabboonummaa fi gootummaa,dirqama oromooti

><[lakkaddaa gulaali]
          • <>*****

Dagaan ijummaadhuma isaarraa eegalee hamma gaafa guyyaa wareegama isaatti hojiilee dhalli dhalaaf hojjachuu qabu hunda bu'aa ba'ii baay'ee keeysa dabraa wantootni inni lammii isaatiif jedhee raaw'ataa ture ga'ee isarraa eeggamuu-ol taphataa tureera Bara sirna nama nyaataa mootummaa dargii sana keeysatti dhalli oromoo hedduun dirqamaan waraana mootummichaatti akka hirmaachifamaa ture ijaaf gurra keenya duraa dhokataa miti! Egaa jaala Dagaas dirqisiisuun kun gaafa isa dhaqqabu bara 19,77 keessa waraana dargii sanatti akka makamu dirqameera (ANDANYAA ZUUR) erga dhaqee jaratti makamee achi keessatti gootummaa guddaa agarsiisaa waggoota lamaaf baatilee saddeet jaraa wajjin tureera Achi keessattis dagaan nama amantaa isaa islaamummaa sirriitti eeggatu yoo ta'u ...yaroo saatiin salaataa ga'u yoo maal irrayyuu jiraates jala dabree hin beeku! gaafa jalqabaatiif yaroo inni salaata magribaa salaatuuf ol ka'u waardiyyootni kaambii sana keeysaa dhorguuf yaalanuyyuu hin dandeenye Dagaan erga gara maatiitti deebi'ee akkas nuun jedhe jedhu obbolaan isaa kan hamma lubbuun jiranu "utuun salaataa jiruu akkan salaata koo addaan kutuuf dhukaasni sodaachisaa mataa koo irraan narra dhukaafamus yoon du'e shahiida(dirqama Rabbi natti kenne utuun raaw'adhuun wareegame) jedhameen waamama waanta'eef addaan hin kutu jedhee murannoo dhaan sodaa tokko malee salaata koo raaw'adheera" jedhe obboleessi keenya dagaan Achi boodas yaroo heddu erga yaalii taasisanii dadhabanii booda adabbii dhaaf jedhanii yaroo qabbanni ykn qorri jabaatu keeysatti haroo guutuu tokko na geeysanii huccuu hunda uf irraa baasii seeni naan jedhanii ergan qorra sana hunda danda'ee seenee hamma tokko keeysa turee boodas Raashina (qallaba)isaa fi kan waraanaa torban tokko hunda itti fe'anii/baachisanii himala dheeraas akka himalchiisan dagaan maatii isaatti himeera! Garuu kanuma hunda waliin hamma achi turetti adabbiilee adda addaa kan isaan adabanu hunda adabamaa salaata isaa guyyaa tokkollee utuu hin dhiisin jarris booda waan godhanu dhabanii 'kun maraatuu dha' jechuu dhaan dhiisaniiru Erga dirqama isaa waggaa lamaaf baatilee saddeet xumuree gara biyyaatti deebi'e. Erga deebi'ee jalqaba bara 80 keeysa bultii horate(fuudhe) Erga fuudhees takkaa bultii koo qofaafin jiraadha jedhees jiraatees hin beeku dagaan! Madaa qubaa dhukkubsachaa lammiin koo akkamitti akkanatti ukkaamfamee jiraata jedhee sammuu isaatiin wal lolaa tooftaa ittiin naannottii keeysa naannawaa dirqama isaa ba'atu akkuma durii itti fufe innis... Durumaan utuu gara waraana dargiitti hin makaminiin dura hayyama daldala loonii mootummicharraa fudhate waggaa lamaaf erga daldalee gara waraana sanaa deemuuf dirqame erga waraana dargii keessaa galee hammas hayyama sanaan itti fufe Daldala isaatiinis gabaa biyya keeysaa kan akka gabaa guyyaa kamisaa kan ganda saataa goonoo jedhamtu keessatti argamu

Gabaa guyyaa sanbataa/xinnaa kan sigimootti arraafi irraa fi gabaa guyyaa dilbataa/guddaa asuma gaattiraa jiru irraas sangoota bitee gara gabaa aggaaroo, caggoo, toobbaa fi k.k.f erra deddeemee bitee gurguraa ture daldalaa cimaa ykn adda duree daldaltoota naannoo kanaas ta'uu isaa argaa dhageettiin ragaadha

Gaaf tokko gabaa magaalaa aggaaroo kan guyyaa kibxataa keeysatti daldalataa oolee utuu inni gara mana hiriyaa isaa tokko kan naannawa sanitti argamu deemaa jiruu hawaasa gara gabaa kanaatii daandii gara mana hiryaa isaa geeysu irratti saamamuu, tumamuu fi olii fi gadi fifiigu arge! "Maal balaan kun?"-jedhee hubatee yoo laalu saamtota naannawa sanii kan yaroodhuma hunda namoota daldalaaf karaa qaxxaamurus ta'ee kan gara gabaa deemuu fi galu achi dhaabbatanii waan barbaadan saamaa warra ture ta'uu hubate! Yaroo kana tooftaa baafate ...maqasii qeensaa(xifir maqorocaa) tokko kiisii isaa keeysaa qaba ture! Isii kana kiisa isaatii gadi baafatee akka nama shugguxii fayyadamaa jiruu sagalee-llee itti uumee sassagaleessisee harka isaa keeysatti qabatee itti deeme! Jarris shugguxii seetee rifatteetti keessaa isa jabaa harka tokkoon qabee miidhee laaffisee "Kottaa fuul-dura koo deemaa hundi keeysan" jedhee jara saamtota kana waamee jarris fuul-dura isaa bu'anii deeman Adeemsa miilaan daqiiqaa 30 ta'u erga deemanii mana Hiriyaa isaa ga'anii "kottaa cal'isaa deemaa" jedhee yoo karaarra buusu jarris "edaa si'ii daga?" Jedhanii karaa jaraa irra bu'an. ummanni gabaa aggaaroos akkas jedhan. shiftoota hattuu ija jabaa Dagaa guumaa male eenyutu Nurraa qabee dhaabaa jedhu ture...

Utuma kanaan jiruu dagaan bara 84 gara Adda bilisummaa oromootitti makame Gaafa deemuuf ka'u akkas jedhe maatii isaatiin "Ani gabroomee, hacuucamee, lammiin koo tuffatamaa haala kanaan hin jiraadhu du'een bada malee lubbuun ba'uu dhiisee yoo lafeen caccabee daaraa ta'es hamma na ga'eera quba koo uf irratti nyaachuun.. nagaan naaf jiraadhaa Yaa #mukarramuu haadha mana koo ijoollee koo naaf guddisi yoon lubbuun jiraadhe anuu dhufeen si laala yoon du'e jannata keeysatti kottaa achitti wal garraa" jedhee ba'e! Dagaan nama gaarii ture nama arjaa nama jagna nama alaammatee hin dhabne ta'uus hiyyaafatni seenaa ragaa dha Gaarummaa isaa irraa namootni ganda isaa guutuun gibira lafaatiif yaroo mootummichi hidhaatti guuree turetti Dagaan gara waajjira poolisii gaattiraa deemee tokko tokkoon nama hidhamee kana hamma gibira isaa gaafatee erraa kafalee namoota fudhatee galeera! Dagaan erga gara ABOtti makamees wantoota oromoo boonsan hedduu raaw'ateera Akkuma dhaqeen tilmaamaan utuu waggaa hin guutin rasaasni diinaa miilla isaa tokko jilbaa gadiin cabsiteetti hiriyoonni isaas gara ospitaala Aayiraa akka inni deemee yaalamu godhaniiru Ospitaala Aayiraa deemee toora baatilee 5-6 wal'aanamee ennaa xinnoo lukki isaa itti fooyyoftu gara bosona naannawa gaattiraa jiranutti dhufee seenuu dhaan hammas agarsiisa hojii isaa itti fufe! Bosona kana keessattis waan isa irraa eeggamuu ol raaw'ataa tureera Konkolaataa waraana diinaa kan karaa iluu abbaa boorii fi kan karaa magaalaa jimmaa irraa bosona #galliga'oo jedhamu kana keeysa qaxxaamuranii gara magaalaa gaattiraa fi sigimoo naannawaa ishee seenuuf deemanu achi keessatti daaraa bubbeen fuute gochaa tureera gootichi oromoo dagaan deenoo! Manni isaa fi kan maatii isaa naannawa bosonaa waan ta'eef gara mana isaallee deemuuf danda'eera Utuu inni mana isaa keeysa jiraataa jiruu waraanni diinaa yaroo tokkoo hanga Afur4 hanga wareegama isaatti itti deddeebi'aa turaniiru Garuu yaadni diinaa dafees hin milkoofne male!hamma duraanii utuma uf irraa deddeebisuu utuma hinjifatuu utuma hidhannoo diinaa booji'atee itti fayyadamuu garuu gaafa guyyaan ga'e gaafa hafuurri keeysaa raaw'atte gaafa galmeen jireenya isaa lafarraa cufamte godaanuun dirqama waan ta'eef falmii fi lola guddaa isa xumuraa kan hamma nafsii isaatti geggeeffameen bara 19,87 yekkaatitii 17 ganama keessaa sa'atii 4:00 irraa "yaroo ani mana obbo dagaatti ol seenu obbo dagaan qawwee isaanii ceekuutti hirkifatanii harka tokkoon qur'aana qabatanii madabii isaanii irraa gara ulaa balbalaa kanatti siqanii taa'anii qara'u jedhan yaroon isaan biraa gadi ba'u jarri tokko meeshaa gurguddaa baattee caakkaa keessaa gadi natti yaate yaroon isaanittin hima jedhee kara manaa ol deebi'uuf yaalu na qepha'anii gadi nadeebisani! Namni lama jara keessaa na qabuuf nafaana fiigdii ijoolleen dubraa namni lama (zakuu obboleettii keenyaa fii hindiyyaa shamarreen jedhamtu kan mana keenyatti guddatte) arganii dhagaa fudhatanii jara kana lamaan narraa dhorkani dhagaa itti guuranii kara manaatti yaroo jarri fiigdu diinnis faana buutee kara manaa qajeelte! Ijoolleen lamaan akkuma mana seenteen huccuu jijjiirrattee utuu jarri kara mana obbo dagaa deemaa jirtuu diinnis argee 'jara miti kun' jedhee bira kutee kara mana obbo dagaatti darbe.. Yaroo jarri ijoollettii lameen barbaadaa ol seentu obbo dagaan silaa dhagahaa jiru (sagalee garaa garaa) qophiidhaan eeggatanii taa'ani yaroo jarri ulaa manaa ol saaqxu dhaw...dhaw... itti godhanii lafa naqani! Sana booda diinni bosona boroo mana keenyaa keessa seenee jiru jara lameen kana irraa odeeffannoo eeggachaa kan jiranu yaroo sagalee dhukaasicha jaal dagaan dhukaase dhaga'anu gadi yaa'e Utuu jarri hin dhufin obbo dagaan deessee keenyaaf warra isaanii waamanii Yaa haadha koo, yaa haadha ilmaan koo eda halkan Abjuu tokko argeen jira... abjuun koo sunis xalayaa wahiitu natti fidamee natti kennamaan argee...guyyaa godaansa kootiiti natti fakkaata jedhe.. Kan ani du'uuf lammii kootiif kan ani du'us lafa koo irratti kan ana ajjeesus diina kootii isaa guyyaan guyyaa kamisaatii harra baqachuun woy taatii jechuudhaan deenii/liqii namaa narra jiru hiyyaafadhaatii narraa kafalaa kootis waan nama bira jiru gaafadhaatii fuudhaa ijoollee kootiin naaf guddisaa hamma dafaa karaa duraa maqaa ijoollee koo naaf qabaa asii deemaa" jedhe obbo dagaan jedhe obboleessi isaa kan gaafas qaamaan bira jiru

  1. Yuusuf sh.Hasan Deenoo

Sana booda waraanni dhufee qe'eetti marsee dhukaasni eegale Kan dhukaasni eegales sa'atii 4:00 ganama ture Yaroo jarri sarootaa mana isaa fi qe'ee jara sheek hasan kanatti marsitu akkas jedhe jaal dagaan sagalee isaa ol fuudhee lallabee "obbolaan koo fi firoottan koo fi maatiin koo hundi fi jaallan koo sabboontotni oromoo dhihoo fi fagoo irraa na dhagahaa jirtanu hundi ...Ani obboleessi keessan Dagaan hasan hacuuccaa fi dhiittaa mirga keessanii waanin arguu fi dhaga'uu dadhabeef hamma nafsii kootiitti waan Rabbiin koo na gargaare raaw'ataa tureera hammas nan raaw'adha! Yoon hinjifadhe waliin gammadna, yoon hinjifatames akka waan kaayyoon koo du'eetti hin laalinaatii anaan jannata keeysatti wal garraa isinis haqaafi mirga keeysan falmachuu irraa duuba hin deebi'inaa, amaanaa dha... saroota wayyaanee kanaaf harka hin kenninaa, nuti mana jaraa, lafa jaraa, haqa jaraa, biyya jaraa saamuuf miti. Haqa keenya irraa deebifataarra, mana keenya irraa lolataa jirra, dhiigni keenya xaliila xurii/huuba hin qabnedha, Haqaaf falmanna, dhugaa qabna, adawwii mana keenyatti nutti roorrisu hin sodaannu"

Jedhaa ture jette tiruun isaa Aadde #giddee_sheek_hasan kan daggala keeysa dhaabattee sagalee isaa halaala irraa dhageeyse! Manuma isaa keeysaa goorroo/girgiddaa mana isaa keeysaa dawoo godhatee foddaa fi qaawwa garaa garaatiin harka lamaaniin mirgaa fi bitaa duraa fi duubaan erraa fi jalaan utuu dhukaasu nanaanna'ee utuu diina lafa naquu yaroo sa'atiin waaree booda/zuhurii booda 7:30 taatu diinni walitti labsee humna-llee dabalatee Akka cabbiitti utuu rasaasa itti roobsuu utuu meeshaalee gara garaa fayyadamuun ibidda qabsiisuudhaan dadhabsiiseera!! Kana keeysa manni isaa fi kan abbaa isaa fi masjidni mooraa jaraa keeysaa tookkoo fi manni midhaanii akkuma midhaan(tuullaa xaafii) guutee jiruun ibiddaan barbadaa'eera Gootaraan/gombisaan-3 kan xaafii dhaan guuttamee jirus ibiddaan gubataniiru qarshiin 60,000(kuma)ta'us kana keeysa gubateera kan Dagaa manni obboleeysa isaa tokkos gubateera yaroo kana innis rasaasa diinaatiin rukutameera Jarri duraan waraana/humna baay'eetu nuun lolaa jira seete ture sababa loltootni sarootaa baay'iinaan dhiigni ishee mooraa/qe'ee sheek #Hasan kana keeysatti dhangala'eef) garuu...yaroo jarri seentee reefka gadi guuruuf jettu nama tokko qofatu du'ee ciisa!!!! Innis kan biraatiiree? GOOTICHA DAGAA SHEEK HASAN MAATII DEENOOti tokkocha hamma kumaa qal'aa akka soonsaa hiddaa akka bofaa jagna akka qeerransaa hayyuu goota akkaan sodaatamaa akka leencaa Dagaa sheek hasanoo ti!!

Jaal dagaan yaroo hiriyyoota isaa fi firoottan waliin yeroo haasa'u akkana nuun jedhaa ture jedhan "garaa ofii tiif jedhee kan jiraatu kan saba isaaf hin yaadne nu keeysatti hin dhalatin, kan dhalatee jiru nu keeysaa ha ka'u, gantuu fi yartuu basaastuun jiraachuu mannaa dhiigni isii baqee baduu wayya" jedhee nu gorsa jedha hiyyaafatni seenaa yaroo dheeraa hiyyaafatame.

San booda reeffa isaa fudhatanii shubbisaa dhiichisaa gara maayibaasa gandoolee naannoo kanaa magaalaa GESECHAAtti baachisanii akka inni achi bulu godhanii utuu jarri achitti reeffa isaarraa dhiichisaa jirtuu ummatni oromoo kan magaalaa fi baadiyyaa naannawa sanii hiriira ba'ee dhaqee reeffa goota keenyaa nuuf kennaa jedhee yaroo gaafatu didanii achuma bulchanii gaafa 18 ganama Ramadaana 16 gara waajjira poolisii gaattiraatti geessan! Ummanni magaalaa gaattiraas gandoolee baadiyyaa dabalatee har'as tokkoomee wal gurmeessee ganamaan waajjirichatti yaa'ee gaafatee itti ciche jarris akkas jette "egaa namtichi kun isa dhiiga jaallan keenyaa dhangalaasee dhugaa turee fi isa hawaasa nu jalaa jallisaa turee fi isa seexana yidduu keenyaaf gidduu hawaasaa seenee waliin nu fixaa ture waan nafseen isaa harka keenya seentee jirtuuf eda harka keenya buleeraa har'a isiniif kenninaa nu eeggadhaa jedhanii saroota OPDO Aanaa kanaa waliin mari'attee reeffa isaa akka ummataaf kennitu murteeysite! Ummatnis erra deddeebi'ee yaroo waajjirattii gaafatu reeffa isaa argatee fudhatee ulfinaa fi kabajaa guddaa dhaan asuma magaalaa gaattiraa naannoo #gomaaxaa_masalxanyaa jedhamtu naannawa awwaalcha/qabrii muslimaatti awwaalateera! Ilil goota koo tokkocha hamma kumaa lubbuun kee jannata keeysa nuuf haa jiraattu nuti-mmoo amaanaa kee galmaan ga'uuf qophii isin raaw'attan sana hunda hojiitti hiikuuf kunoo jirra siin jenna leenca koo Abbaa dagaa koo! Sana booda obbolaan isaa jarri yaadni fi hojiin jaraa walitti dhihaatu sadeen IMAAM SHEEK HASAN SULXAAN SH HASAN RAJAB SH. HASAN Jarris booda isaa sababa kanaan gara bosonaatii qe'eetti deebi'anii waan obboleeysa jaraa goota keenya jaal dagaa irratti raaw'atame hiyyaafachuuf yeroo dhufanu rasaasa saroota diinaatiin butamaniiru jechuu obbolaan hafan Yuusuf fii aadde Giddee fi aadde Zakuun ragaa dha

Imaam fi sulxaan ganda doonee sana keeysatti boolla tokkotti akka awwaalamanis obbolaa fi namoonni awwaalcha jaraa erratti argaman ragaadha! Sababni boolla tokkotti awwaalamanis yaroo sana boolla lama qotuu dhiisii tokkoon suniyyuu rasaasa diinaa jalaa baqataa jalaa gadi jechaa waan qotamuuf akkas ta'e nuun jedhan! Abbaan isaanii erga baqatee gara biraa dhokatee waggaa tokko booda mul'atee innis dhibee dhaan wal qabatee waggoota muraasa dura dachee irraa godaane Rabbi jannata keeysatti wareegamtoota oromoo waliin haa qananiisu Abbaa gootaa sheek hasan fii ilmaan isaa hunda wareegaman waliin.. Haati jaraas aadde Baduriyyaan sana booda takka bubbultee darsa ishee dachee kana irraa xaxattee deemteetti Rabbi haa rahmatu haadha gootaa!

Haati manaa isaa ijoollee ishee akka'oo isaanii biratti dhiistee ganda gellaa jedhamtu keeysatti heerumtee hamma ijoollee 6 horattee lubbuun jirti Ijoolleen jaal dagaa isheen hangafaa #Musliimaan heerumtee ilmaan lama argattee jirti Ilmi isaa inni lammataa

  1. Miftaan kara abbaa isaa, wasiillan,akaakayyuu fi akka'oo isaa godaanee boqotee jira

Ilmi dagaa inni sadaffaa

  1. Adurazzaaq barnoota isaa xumuree asuma magaalaa gaattiraa keeysaa carraa hojii eeggataa jira

Horii fi qabeenyi jaraa marti fi lafti jaraa kan ganda doonee keeysaa gaafa jarri erraa baqatanu irraa eegalee mootummicha wayyaanee seericha qondaalota abbaa hirreetiin saamameera jedha hiyyaafannaan argaa fi dhageettii kanaanis loon gaafaa walumaa galatti-45

faradoon gaammaa-15 
hoolotni lakkoofsa hin qabdu
midhaan qe'ee jaraatii barbadaa'e   tilmaamaan daawullaa-50oli jedhu jarri lubbuun jiranu.

Manni jaal dagaan gaafa duraa magaalaa gaattiraa keeysatti ijaarrate yaroo sanaaf loltootni wayyaanee akka dawootti itti gargaaramaa turanii gaafa fedhii guuttattu dhiistee ofumaan galte! manni kun nataa'ee hanga har'aa kunoo jira.

ijoolleen isaa (kan dagaa) wasiila isaaniitti gurguratanii wasiilli jaraatu keeysa jiraataa jira 

fuul-dura masjidul-fathii magaalaa gaattiraatti argama...

Egaa gootatu goota qorata mitii Nutis xurree gootaa hiyyaafannee dhalootaaf katabnee keenya jennee akkuma dhamaatii guddaa goone kunoo gargaarsa Rabbiitiin hamma tokko dhalootaaf galmee seenaa keeysa keenyeerra.

Qabsaa'aan ni kufa qabsoon itti fufa Waan dubbistaniif galatni keeysan wareegamtootni keenya caayaa jannataa nuuf jiraachuu isiniif waltaanee kayyoo jaraa galmaan gahuu nuuf ha ta'u

Kan qideesse Ajee Zenuu Kadiir Kan katabe Ajee Zenuu Kadiir Fi Jaalataa Lammii Kan maxxanse JAALATAA LAMMII Hiyyaafata goota biraatiin hamma walitti deebinutti horaa bulaa bara dheeraaf seenaan dhugaa ukkaamfamee dhokatee abbaa dhabee ture harra kunoo yeroo jalqabaatiif seenaa goota jabaa tokko ummata oromootiin gaheen jira warreen hafanis qorachuuttin jira dhokatee hin afu seenaan gootaa!!

2016/2008 Share Share nuuf gochuun dhamaatii guddaa isin hin gaafatu waan ta'eef hammuma kanaan jaalalaaf kabaja goota kanaaf qabdanu nu agarsiisaan dhaammannoo koo isa xumuraati!

HINJIFANNOON KAN UMMATA HAQA ISAAF UTUU FALMATUU GOOTA HEDDUU KAFALEE HAMMAS KAFALAA JIRUUTI Rabbi erra nu haa aansu yaa saba koo guddaa Izeddinkelifa (talk) 19:52, 18 Muddee 2019 (UTC)[reply]

izeddin kelifa // dhimma Ijoollee Oromoo mana hidhaa saudi arabia keessatti rakkataa jiranii![lakkaddaa gulaali]

Ijoolleen mana hidhaa Sa'ud Arabiyaa keessatti rakkataa jiran ammallee akkuma itti fufanitti! Jiru!. Ijoolleen kun hedduun isaanii waggaa darbe waqtii ho'aa keessa kan Walitti Guuramaniidha. ammas Gubaan kun Manuma hidhaa keessatti yeroo 2ffaa itti deebi'ee jira! Ijoollee Ho'aa fi qorra keessa dabaruun lafa Gogaa irratti Barri achuma kessatti irratti wal jijiiraa jiru! Rakkina hamaaf saaxilamanii jiru!. Kan Nama Yaachisu Guddaan! Baatiin soomanaa ykn ji'a rahmadaana itti seenuuf guyyoota muraasa qofa kan hafe! Ijoolleen kun akkamitti jireenya Akkanaa keessatti soomu kan jedhu Yaaddoo guddaa ta'ee jira!...

Mootummaan ethiopia torbaan keessaa namoota 1000 ni galchina jedhus ijoollewwan kana keessaa harka 2 fuudhee warreen kafakatanii galuu barbaadan 98% keessa wal makuun ittiin maqaa of waamaa jira! Ummanni mana hidhaa Sa'ud Arabiyaa keessa jiran yoo xiqqaate kuma dhibbaa oli .kun akkanatti yoom Galee dhuma ?;! Ammallee dhimma kana irratti ummatichi callisuu kan Qabu miti! .. Izeddinkelifa (talk) 07:24, 18 Bitootessa 2021 (UTC)[reply]

Filannoo Ethiopia kan waggaa shan shaniin Geggeeffamu maal fakkaata?![lakkaddaa gulaali]

Filannoon Ethiopia waggoota 5 shaniin adeemsifamu haqa Qabeessummaan isaa maal fakkaata!?...

Yeroo dhiyootti Sagaleen isin bira Ga'a...

Akkuma beekamu Ethiopian maqaa filannoo Geggeessina jechuun waggoota 5 5niin kan Adeemsiftuu yammuu ta'u filannoon isheen geggeessitu kunis yeroo baayyee kan saamichaa fi loogiin Guutamuu dha ..

Kana jechuun tibba filannoon biyyattii dhiyaachuuf paartileen mormituu ummata isaanii keessa adeemuuf Qophii Gochuu eegalanitt Qabanii hidhuun amala mootummoota biyyattii darbaan dabarsa walirraa dhaalaa ardha Ga'anii dha!

Kanas kan ta'uu danda'e hattuun hojii ishee beektiif namicha dhokatti akkuma jedhamu. Dorgommii Filannoo haqa qabeessa yoo kan biyyatti keessatti geggeessan ta'e amantii hawaasicha irraa dhabuun akka Guutummaa guututti Hin moo'anne waan beekaniif Paartilee morkattootaa akkasumas miseensota paartilee morkattootaa ragaa sobaan maqaa garaa garaa itti moggaasuun mana hidhaa tti darbuun kan Yeroo Ofii ittiin Dheereffatanii dha..

Keessumaa hawaasni biyyatti Mirga abbaa barbaade filachuu Osoo Qabuu sababa afaan Qawween Humnaan Dirqisiifamuuf Sagalee isaa kan saamamuu dha..

Kun ijaaramiinsa mootummaaa biyyaattii irratti kan hundaa'e waan ta'eef Afaaniin diimokraasii Labsaa hojiin Isaanii Gabrummaa irratti xiyyeefataa kan Ardha Ga'ee dha..

Kun Eega kana ta'ee Ummanni biyyattii faayidaan inni Filannoo biyyatti irraa argatu maali!?

..... ..

Keessumaa Filannoo Ethiopian gegeessitu kana keessatti paartileen siyaasaa Oromoo Durii hanga ardhaatti kan keessaa dhiibamaa jiraniidha... Filannoo biyyaattiin Geggeessitu irratti Paartileen Oromoof Qabsaawan maalif mootumma biyyaatti biratti sodaa guddaa keessa galchuu fi oromoon mootummaaa biyyatti ta'uuf qaama biyya bulchuun maalif sidaatamu...?

.....

......

Gochoota Durii hanga Ardhaa mootummaaa biyyaattiin paartilee morkattootaa Oromoo irratti Raawatamaa jiru wal bira Qabnee yoo ilaalle Garaa Garummaan kan hin jirreedha..

Bara 1973 hundaa'uun qabsoo hidhannoo akka eegale kan himamu ABO'n, qabsoo hidhannoo mootummaa Dargii fonqolchuuf taasifame keessaa qooda qabaachuu qondaalonni dhaabichaa ni dubbatu.

Kufaatii Dargiin booda paartilee siyaasaa kaan waliin ta'uun mootummaa ce'umsaa hundaa'e keessatti qooda fudhachaa kan ture dhaabichi, shira siyaasaa TPLF irratti raawwateen mootummaa cehumsaa keessaa akka bahu dirqamuun gara qabsoo hidhannootti deebi'uu hogganoonni dhaabichaa. Lubbuun jiran kan dubbataa jiraniidha...

Kana malees Bara 1992 yeroo Chaartariitti sana sochii ABO'n Oromiyaa fi siyaasa biyyichaa keessatti gochaa ture ilaaluun TPLF ol aantummaa humna waraanaa fi siyaasaa harka isaa galfachuun tarkaanfii gurguddaa akka irratti fudhate Hoogganaan dhaabichaa Obbo Daawud. Ni dubbatu..

Hoggansa hidhuu fi doorsisuu, humna waraanaa dhaabichaa haleeluu, xumura irratti ammoo waajjira muummee dhaabbichaa saamsuun hanga dhaabichi biyyaa bahutti qaqqabsiisuu dubbatu.

Bara san ABO'n Oromiyaa keessatti deeggaraa hin qabu jedhanii chartara seensisanii turaniim. Yeroo gabaabaatti filannoon yaalii gaggeeffamee % 94n mo'ate. Finfinnee keessattis barcuma 12 ol argate. Kun isaan rifachiise.

Booda deeggartootatti irratti dhukaasuu, hidhuu, bakka waraanni jirutti haleeluun shororkaa uumaa turan. Bakka Mootummaan Eertiraa fi ambsaadarri Ameerikaa jiraniitti, Waraanni kaampii akka galu waliigalame. tole jennee mooraatti deebisnaan ammoo didanii lola nutti banan,kan hedhan hoogganaan ABO jaal Daawud Ibsaa.

Kanumaan warri biyya keessa jirtan biyyaa bahaa, kaan silaa lola seenani jechuun humnaan dhiibamnee biyyaa baane jedhuum...

Itti aansee ammoo hanga ADWUI aangoorra turetti dhaabbichi tarree shororkeessitootaa keessa akka galu taasifame jedhu.

Ammas waggoota lamaan darbe kana kanumatu paartilee Oromoo irratti yaalamaati jiraa..

Gochoota kanaan duraa Keessaa Bara 1991 Wayyaanee (OPDO) fi Shaabiyaatu wal tahee ABO qabsoo karaa nagaa keessaa waraanee Baasuun isaa kan wal nama gaafachiisu miti! Har'as waggaa 30 booda Nafxnyaa (OPDO) fi Shaabiyaatu wal tahee seenaa wal fakkaataa Oromoorratti lammeessaa jira. Nama Oromoo kan bara 1991 siyaasaa keessa turee lubbuun jiraatee taatee amma tahaa jiru kanas dhaqqabee argaa jiruuf dubbiin kun hangam akka nama dhukkubsu tilmaamuun rakkisaa hin tahu. Rakkoon keenya maali, maaliif baruma baraan boolla tokkotti kufna kan jedhu kan of nama gaafachiisu dha.

Paartileen siyaasaa Oromoo Filannoo biyyaatti keessatti Qoida fudhachuu Dhabuun isaanii maaltu Isaan irraa hanqatef dhiibamu?.

.....

......

Akkuma Hundi keenya tibbana waliin argaa fi dhagayaa jirru .Filannoo galfata Minilik seeraan gad dhaabuuf M/Biyyattiin karoorfame kana akka gufuu itti hin taaneef paartileen siyaasaa Oromoo ijoo ta'an ABO fi KFOn akkuma Gaafa ABO ce'umsaa 1991 sanitti filannoo keessaa dhiibamaa jiraachuu yeroo baayyee irra deddeebiin kan Dubbataa jiraniidha.

Ragaa kanaas ammoo kan argachuu dandeenyu isaanuma warreen shira kana xaxaa jiran Argachuu kan dandeenyuu dha . kunis namoota Jajjabaa miseensota paartilee kana 2nii ta'an bakkoota adda adda6a Qabuun dirqiin Sababa malee sodaaa filannicha irraa Qabaniif maqaa gara itti moggaasuun kan mana hidhaatti Guuranii dha...

Kana malees wajjiroota Paartilee kana lamaanii gubbaa hanga jalaa kan saamsanii jiranii dha.

. Kaleessa 1991tti Wayyaaneetu aangoo dhunfachuuf qawwee harkaa qabu abdatee Oromo keessaa dhiibe. Har'as guddisuma Wayyaaneetu qawwee gaafasii sana dhaalanii warra galfata Minilik deebisee nutti fe'uuf kakatee waliin tahanii sabicha irratti fe'uuf Wuxxifataa jiraniidha. Warra kaayyoo Minilikummaa deebisuu irratti xiyyeeffate wal tahe kanatu sabboonummaa Oromoo diinomfatee sabboontota dhugaa garii ajjeesee, garii hidhaatti naqee Garii isaanii alatti hafes dhiibbaati jira.

Kun yeroo tahu qoodni ummata Oromoo maal tahuu qaba? Akka sabaatti bara 1991 fi 2021 gidduutti eessaa kaanee eessa geenyee jirra? Bara sana maal hanqannee nyaatamne? Barana hoo hanqina gaafasii sanirraa maal barannee jirra? ......

......

......

Gaafas ABOn yoo mootummaa cehumsaa keessaa dhiibamu Oromoon waan birmateefii akeeka diinaa sana fashalsuu hinqateef qaba. Barana hoo, hangam jijjiiramne? Hangam waan keenyaa fi waan ormaa addaan baafnee waan keenya tikfachuuf murannoo horanne?

ABO fi KFO ummata isaanii Abdachuun. filannoo biyyattiin sobaan geggeessitu kana keessaa of baafne jechuun sabni filmaata biraa akka laallatu yoo lallaban hangam ummatni isaan dhagahuuf qophii dha?

Hangam waliin wareegama baafnee salphina waggaa 30 booda nutti deebi'e kanarraa of baraarra kan jedhu irratti Hayyoonni Oromoo Sabichaaf kallattii kaa'uun saffisaan akka irra aanu Gochuuf dirqama isaanii ba'uu Qabu.

Keessumaa tibba filannoon biyyatti dhiyaachaa adeemu Mootummaa biyyattii biratti kan beekame bakkoota duraan dagatan hundatti dhagaa bu'uuraa jechuun kan ummaticha Sossobaa umurii gabrummaa hawaasicha irratti ittiin dheerefatanii dha..

Dhaloonni ammaa kunis Jecha osoo hin taane gichatti waan amanuuf Goonkumaa Nagaa buusuu malee dhagaa dharaa dhaabuun kan isaaf liqinfamuu miti..

Ummanni biyyattiis Filannoo kijibaa fi hannaa irratti kan xiyyeefate kana irraa haqa eeguu dhiisee .filannoo naga qabeessaa fi haqa Qabeessa ta'e Argachuuf hidhamtoota isaa daandii dhugaa irratti Mootummaa biyyattiin Hidhaatti guuraman irratti Qalbii isaa tokkoon baafachuun isaanii wajjin Geggeessuu kan Qabuu dha...

Hayyoota biyyattiif wabii ta'anii egeree dhalootaa jijjiiran mana hidhaa keessatti Dararaa As deebi'anii ummatichaan Filannoo diimokraatawaa geggeessina jechuun Goonkumaa hawaasicha biratti kan fudhama argatu mitiim.

Filannoon keenya filannoo galfata Minilik dhugoomsuuf dhiichisamuu osoo hin taane filannoon keenya hidhamtoota Qaalittii fi Qilinxoo keessatti dhumaa jiran jennee murteeffachuu Kan Qabnuu dha

Kun dhimma ijoo yeroo kanaa tahuu kan Qabuu dha . Izeddinkelifa (talk) 07:29, 18 Bitootessa 2021 (UTC)[reply]

Izeddin kelifa/Bilisumma Kelifa[lakkaddaa gulaali]

Izeddin kelifa & Bilisumma Kelifa i was born 1987 ethiopia number. born in West oromia jimma zone sexxemma wareda Gaattira City erea birth suuusaa Atilla miinjoo i am Oromo and MY family oromo muslim sunnih.i'am MY family son one elder. MY sister is 1 she is name * Qibxiyya kelifa.and one brother Xaalib kelifa.

ABOUT THIS ARTICLE View edit history Updated today View talk page Discuss improvements to this article Content is available under CC BY-SA 3.0 unless otherwise noted. View article in browser Izeddinkelifa (talk) 07:32, 18 Bitootessa 2021 (UTC)[reply]

Seenaa izeddin kelifa[lakkaddaa gulaali]

Izeddin kelifa & Bilisumma Kelifa Bara 1987 akka lakkoofsa ethiopia tti Naannoo Oromia godina Jimmaa Guumaa aanaa saxxamma magaalaa Gaattiraa bakka Suusaa Atillaa Ganda miinjoo jedhamutti kanan dhaladhe Guddadhe .Umriin mana barumsaa yoo Ga'us achuma mana barumsa magaalaa Gaattirra sad 1ffaa 1 hanga 8 baradhe mana barumsa sad 2ffaas achuma bakka addaa ambuu jedhamutti Barachuun osoo hin xumurin carraan imala Godaansaa jireenya Biyyaa hambaa isa Qunname! Barumsa kutaa 9:5tti addaan kutuun karaa seeraan alaatiin gara biyyoota arabaa deemuun jireenya biyya ormaa dhandhama jira! Haa ta'u malee Jireenya biyya hambaa kana keessatti dabarseen Qabsoo sabichaa dirqama dhalli Oromoo tokko ba'achuu Qabu osoo haalli fi bakki inni jiru isa hin daangessin Hawaasa sagalee dhabeef barruufi sagaleen qabsaawaa turee jira! Fkn karaa social media irratti fb youtube fikkf irratti hawaasichaaf hanga dandeettii isaatti kan Of kennee hojjaataa ture! Kun kan isa boonsuu dha Akkasumas itti gammadaa fi seenaa Gaarii isaaf tahuudha! Qabsoon sabichaa dhaabbii kan hin qabne dhaalaan walirraa fudhachuun darbaan dabarsa kan ardha ga'ee dha.kun ammoo kaayyoo Gootota abbootii keenya irratti wareegamaa asiin ga'an waan ta'eef nutis falmannee falmiin bilisa ba'uu ta'uu baatu.biyya keenyaaf of kennuun Dirqama dhaloota kanarra jiruu dha. Izeddinkelifa (talk) 07:13, 18 March 2021 (UTC) Izeddinkelifa (talk) 07:33, 18 Bitootessa 2021 (UTC)[reply]

OK Good izeddin Izeddinkelifa (dubbadhu) 15:25, 20 Muddee 2022 (UTC)[reply]

Galmee Dinqisisaa Addunyaa kanaa[lakkaddaa gulaali]

Namni yeroo jalqabaatif bilbila harka isaa haadha manaa Godhate! aaron chervenak jedhama

Namni yeroo jalqabaatif miila bitaafi mirgaa dachaa dachaan dhalatte! JOSPHINE MYRTLINE jedhamti



Namtichi lammii Faransaay Antonio Cheval jedhamu si'a 17 dubartoota wajin Jaalala eegalee tokkoo isaanii waliin illee sadarkaa bultii ijaarrachuu irra gahuu hin dandeenye. Kanaaf akkuma olii argitan kana of fuudhee ofitti heerumeera. Izeddinkelifa (dubbadhu) 04:23, 12 Haggaya 2021 (UTC)[reply]

Wanta Ajaaibsiisaa (Dinqisisaa) kana beektuu laata?![lakkaddaa gulaali]

ME AJAA'IBA KANA DUBBISAA.

Ajajaan warraan Ingliiz(britain) kan ture major jeneral Stamford namni jedhamu tokko bara 1918tii bakakkaadhaan rukutame. Amas waggaa jaha(6) boda bara 1924 yeroo lammaffaatif bakakkaadhaan rukutame midhaan irra gahe. Amas waggaa jaha( 6) boda  bara 1930ti yeroo 3ffaaf bakakkaadhaan rukutame balaa ciimaan irra gahe,ergas waggaa 2 erga ture boda du'e. Erga stamford du'e boda ammas waggaa jaha(6) boda bakakkaan yeroo afurafaf(4) qabrii Stamford irratti bu'udhaan qabricha dige caccabse. Amas waggaa jaha(6) boda bakakkaan yeroo shanafaaf(5) bu'e ilma Stamford oso inni moraa isaa keysa dhaabbachaa jiruu rukute. Me akkaam jattu.

Source:Amazing story with fact. Izeddinkelifa (dubbadhu) 04:25, 12 Haggaya 2021 (UTC)[reply]

Makmaaksa haala yeroo 😍😍😍😍😍😍😍[lakkaddaa gulaali]

Hantuutin boolla lamaa ala bulti" jedha oromoon

👉□》"Kan mootu dhaani jennaan gowwaan galee niitii ofii dhaane"

👉 □》Dhukkubni funyaan qabe hidhii hin hanqatu.

👉 □》Kan tuffatantu nama caala, Kan jibbantu nama dhaala.

👉□》Leenci maal nyaata jennaan, liqeeffatee jedhe, maal kanfala jennaan, eenyu isa gaafata jedhe

👉□》 Qoonqoon darbu, maqaa hin dabarre nama irra kaa'a.

👉□》 Qoonqoon bilchina eeggattee, qabbana dadhabde.

👉□》 Qoricha ofii beekan namaa kudhamu

👉□》Re'een baala agarte, qeerreensa hin agartu.

👉□》Nama foon beeku, sombaan Hin soban.

👉□》Hiyyeessaaf hin qalan, kan qalame nyaata.

👉□》Akkan sobee ragaa siibahe argitee jennaan, akkan si taajjabe ammoo argitee jedhe jedhan namichi.

👉□》Bagan si'arge jennaan, bagan sin dhokatin jedhe hattichi

👉□》Walii galtee dhabaaf sareen tokkittiin bowwaatti(godatti) nu naqxii jedhe jaldeessi.

👉□》ilkaan hamma wal waqartu, utuu nyaata alanfattee, qaata na quubsite jedhe garaan.

👉□》Isa ati baalaan martee fidde, gabaan sirratti barteeti didde.

👉@bishaan mataa gahe miila hin hanqatu @Afoola_Oromoo Izeddinkelifa (dubbadhu) 04:31, 12 Haggaya 2021 (UTC)[reply]

Afoola Oromoo Hiibboo[lakkaddaa gulaali]

Hojii waaqaa mukti buuphaa buuse (Jirbii) 8• Bixxilleen lamaan tabbatti hirkatte (gurra) 9• Hoolaan gurraachi abbaan koo naaf qale dhiiga hin qabu (mixii) 10• Ilmoon haadha keessaa baatee haadha dhiitti (kibriitii) 11• Funyaan qabdii hin haxxifattu (Shumburaa) 12• Qamadii garaa jalaa bokkaan hin tuqu (Harma sa’aa) 13• Bakka qottiyyoo diimaan ciise margi hin margu (ibidda) 14• Osoon kolfuun gubadhe (Akaayii/Akaawwii) 15• Loon baay’ee keessaa kormaa tokko qofa (Addeessa) 16• Shaa jettii shanbaa jettii harkaan nan tuqin jettii (Doobbii) 17• Ilkaan hin qabduu dheedhii nyaachuu hin dadhabdu (Hindaaqqoo) 18• Osoo boossuu kofaltii osoo haatuu mar’atti (Majii) 19• Gabaabaa qalbii dheeraa (Hindaaqqoo) 20• Dheeraa qalbii gabaabaa (Farda) 21• Mana hin qabduu nyaata hin dhabdu (Tafkii) 22• Loon hin qabduu ni elmiti (Silmii) 23• Hamma majii geessii biyya waliin geessi (Aduu) 24• Bifaan gurraattii amalaan giiftii (Eelee) 25• Hin dhiqattu hin dibattu ni bareeddi (Hiddii) 26• Ganama argee guyyaa dhabe (Fiixensa) 27• Lafarra kaattii saree fakkaatti (Sardiidoo) 28• Jiraa du’aa baatu du’aa jiraa baatu (Fardaafi kooraa) 29• Yoo bahu mana ilaalaa yoo galu ala ilaala (Gaafa re’ee) 30• Ani asin kaa’ee maaltu achirra sikaa’e (dabaaqula) 31• Ani silaalaa ati waaqa ilaalta (eegee re’ee) 32• Arraba hin qabuu daaraafi awwaara arraaba (Qilleensa) 33• Yoo nyaatu ni fayyaa yoo dhugu ni du’a (ibidda) 34• Balbala cufattee sirbiti (ittoo) 35• Sangaa gurraachi bosona keessa deema (injiraan) 36• Baala fakkaataa waaqarra kaata (Billaacha) 37• Foon diimaa mataatti baata ofii hin nyaatu namaaf hin laatu (Lukkuu kormaa) 38• Jaarsa gabaabaa bareedaa kan afaan areedaa (Boqqolloo) 39• Adii dhalaa gurraacha horsiifata diimaa guddifata (Barbaree) 40• Haati lafa dhiittii ilmoon haadha dhiitti (Mooyyee fi bolotaa) 41• Ilmoon ni deemna ni deemna jettii haati ni teenya jettii (dhagaa daakuu) 42• Gabaa hin dhaqxuu dhadhaa hin dhabdu (Boraatii) 43• Ganama hiyyeessaa galgala dureessa (Mooraa loonii) 44• Godoo gamaa balballi ishee lama (Funyaan) 45• Ani lafan si kaa’e maaltu waaqa irra si baase (Bishingaa) 46• Asuma taa’ee walitti qabe (Yaada) 47• Abbaas hin fakkaatu haadhas hin fakkaatu (Gaangee) 48• Akka ayyaana keenyaa halaala irra teenya (Harma) 49• Yoo ergan ni fagaatti yoo waaman ni dhiyaatti (Bilbila) 50• Lafee hin qabuu ija hin dhabu (Biddeena) 51• Karaarra teessee qullubbii qollaati (Gufuu)

52• Asii fiigee gunbii diige (Hantuuta) 53• Afur taatee boolla tokkotti fincoofti (Mucha sa’aa) 54• Abbaa garbee iyyaa darbe (Waraabessa) 55• Isuma tumuu isumaan qabuu (Sibiila) 56• Akaayyii ishee hin nyaatanii gaaddisa ishee hin taa’ani (Xaafii) 57• Bifaan wal fakkaatti hojiidhaan wal caalti (Kanniisa) 58• Tokko ganama jibba Tokko gagala jibba Tokko ganna jibba (kan ganama jibbu nama liqiin irra jiru, kan galgala jibbu nama niitiin qoccoltu, kan ganna jibbu nama manni dhimmisu) 59• Fuuldura mootii teessee fincoofti (Jabanaa) 60• Bisingaa gaara irraa gadi jige (Eegee sa’aa) 61• Uleen abbaan koo naaf kenne hin cabduus hin dabduus (Maqaa) 62• Ani ergaan dhaqaa ati eessa dhaqxa (Gaaddidduu) 63• Luka Afur qaba garuu laga hin cee’u (Siree/teessoo) 64• Kaballaan dhahee Albaase (Gingilchaa) 65• Ooyiruu guddaa baaqelaa facaase (Waaqaf urjii) 66• Bakka saani gurraachi ka’e adiin ciise (Daaraa) 67• Sabbata aayyoo maree mareen dadhabe (Karaa) 68• Yoo loo’u akka bofaa, yoo taa’u akka dhagaa (Dabaaqulaa) 69• Wajjumaan nyaannaa maaf huqqata (Fal’aana) 70• Abbaan gabaabaan lafa jala fiiga (Maarashaa) 71• Gamaanis gaara gamanaanis gaara keessi fardaan magaala (Marqaa) 72• Calaq calaqqisee meetii sodaachise (Bakakkaa) 73• Muree muree manarra tuule (Citaa) 74• Jabbii jabbii hootu (Furriifi quba harkaa) 75• Sangaan gaafa dalgee bookkisaa gadi darbe (Xiyyaara) 76• Qotiyyoon abbaa kiyyaa eegee qaban malee hin qottu (Maqasii) 77• Sulula qal’oo araddaa bal’oo (Qoonqoo) 78• Ejersa jigoo bo’oo kanniisaa (Numa du’e) 79• Namichi daboo kadhatee warri daboo deebi’ee, inni achumatti hafe (Reeffa) 80• Ulee awwaalarraa bareeddeef hin muratan (Obboleettii) 81• Obboleettii gabaabduu qaqqabdee hin dhungattu (irree) 82• Boollatti galti yaa shurrubbaa ishee (Xaddee) 83• Mucaan koo shaalee shaalee gara waaqaatti ol erge (Gaagura) 84• Fayyaan du’aa dhalaa du’aan fayyaa dhala (Lukkuu,buuphaa,cuucii) 85• Balluxee fi qalluxeen wal qabattee wal huute (Qacceefi muka) 86• Karaan gibee naannoo naannoo (Gundoo) 87• Fardeen laga wancii mudhii qaqallatti (Goondoo) 88• Dukkanni gumbii guute (Nuugii) 89• Bishaan Buutu xabuluq hin jettuu daggala seentu shokok hin jettu (Lilmoo) 90• Osoon kaadhuun wanta adii gatee darbe (Hancufa) 91• Shaa jedhe hin dhangala’u (Eegee fardaa) 92• Afaan banatee nama ilaala (Hubboo) 93• Ulee gantuu mataan gadi jedhe (Ookkoo) 94• Bakkalcha fakkaatti lapheerra kaatti (Amartii) 95• Ni deemaa ni deemaa hin dhaabbatu (bishaan) 96• Yoo tuqan ni boo’a (Adaamii) 97• Hiriyoonni lamaan wal fakkaatuu waliin deemu (kophee) 98• Kophaa deemtii hin sodaattu (Biiftuu) 99• Ganama luka afur, guyyaa luka lama, galgala luka sadi (Daa’ima,Dargaggeessa,Jaarsa) 100• Ija waliin dhalattee osoo hin laalin duute (Biddeena) 101• Laga bu’een ulee qajeelaa dhabe (Lafee cinaachaa) 102• Guutan hin ulfaattu (yeroo/sa’aatii) 103• Hamma fudhattu gadhiisaa deemti (Tarkaanfii miilaa) 104• Yoo haadduun murtees godaannisa hin qabu (Bishaan) 105• Kan ol-deemu tasa kan gadi hin deebifamne (umurii) 106• Gamana taa’ee gamatti waraane (ija) 107• Aayyoo baruxeen karaatti duute (Qaanqee) 108• Kittaa buufattee waajjira seentee (Muuzii) 109• Ani anuma hin nyaadhuu hin dhugu (suuraa) 110• Hinuman si dhiqa maaf daalachoofta (Qodaa bukoo) 111• Obboon bulukkoo uffatee rafe (Dibaa abiddaa) 112• Ejersa dabe falli hin deebisu (Gaafa hoolaa) 113• Mataa filattee gabaa baate (Suufii) 114• Lafa keessaa lafa abaaramaa (Boolla) 115• Re’een maraatte abdola afuufti (Buufaa tumtuu) 116• Morma qabdi mataa hin qabdu (Buqqee) 117• Hibakka bookkise dallaatti si rakkise (Bubbee) 118• Ulee qal’oo qabatee farda sadi yaabbate (Distii/Marqaa) 119• Haati nama ilaalti ilmoon nama nyaatti (Rasaasa) 120• Ganama kaatee lafa arraabdi (Hartuu) 121• Dura Diigamee booda ijaarama (kaarra loonii) 122• Abbaan eeboo dhibbaa laga keessaa sirba (Meexxii) 123• Galgala faca’u galgala dhabamu (Urjii) 124• Gaaraa gugatee daaraa uffate (Qoraan) 125• Ollaa walii ta’anii wal hin argan (Ija) 126• Kan bu’ee hin banne kan hattuun hin hanne (Beekumsa) 127• Fardeen gamaa dhuftu luugamni hin deebisu (Hoqqisaa) 128• Burqaa gaaraa balballi saddeeti (Mucha/Harma saree) 129• Muka diimaa diimate jedhanii bira hin darban (Harbuu) 130• Akka bofaa loo’aa addunyaa hundaa mo’aa (Hirriiba) 131• Tokko ni deemna jedha, Tokko ni dhaabbanna jedha, Tokko ni teenya jedha (Bishaan, Muka, Dhagaa) 132• Hiddi isaa lafa lixee ijji isaa nama fixe (Qaaraa) 133• Ninyaata hin dhugu (Daana’oo) 134• Gaara guddaa jala re’een adiin cicciiste (ilkaan) 135• Bixxilleen aayyoo jilbarratti hin cabu (Missira) 136• Mana ijaaree karaa isaa wallaale (Tuulaa midhaanii) 137• Maree sirra taa’e (Gogaa) 138• Damee qabdii hin yaabbatamtu ija qabdii hin nyaatamtu (Hiddii) Izeddinkelifa (dubbadhu) 04:52, 12 Haggaya 2021 (UTC)[reply]

Makmaaksa Oromoo[lakkaddaa gulaali]

Kan akka Fardaa nyaatu gaafa akka namaa nyaatu du'a

Garaacha dheedhii garaatti beeki

Midhaan warra raatuu bona bona nyaatu

Haadha hinqabdu hakkoof boochi/boossi

Keessuma qamalee raafuu kessati argu

Hiyyeessa boo'icha hin gorsani hinnuu jalleesee naqa

Sareen sarbaa hinqabdu Muka arbaa hin yaabbattu; gadheen qalbii hinqabdu kan darbe hin yaadatu

"Kan lafatti wal hin taane muka waliin hin koru"

"fincaan lukkuu kan arge haa himuu"

"durattuu durii maalayyaa waaqoo lama tahe" "arrumaa salaattee arrumaa maraatte" "yaanni karaa hin dhaleessu"

"qilleensarratti mana hin ijaaran"

Dhugaan ni qallatt malee hin cittu"

"Osoo gubadhuu kolfa jette akaayiin" "Eboo darbatanii jinfuu hin qabatan"

"Akka cabanitti hokkolan" "Ni turra malee ni urra jette boonbiin" "alaa manatti galan"

"kokkolfaa nama nyaatti gonfaan"

"katuffatantu ardaa dhaala"

"Bara barri argate buqqeetu dhagaa cabsa"

"harreen fe'aa barbaaddu ufiin ooydaa dhufti"

"Sooqidda ofii jettu mi'aayi anaa jettu dhagaa tahi"

"Kormi biyya ofiitti bookkisu biyya ormaatti ni mar'ata"

"Qeerrensa eegee hin qaban qaban gad hin dhiisan"

"Muka biyya jiruun mana ijaaran"

"Haatee durbaa jennaan dur kaa jedhe mucaan"

"Ka bira dhahan hin beekne isaa dhahan hin beeku"

"Galle jette lafoon farda jala galtee"

"Hadaamii ollaa hagamsaa imimmaan irraa hin qooru"

"Baddu baddi malee ija hin dhiqan saree"

"Worruma keennaa harreen hin taane jedhe namichi booyyee ari'ee"

Iilkaan mutaan seene budaan seene" "Moluu tiyya boruufuu si'abdadhe" jedhe jaarsi aduun mtaa dhoofte.

"Garaa ofiituu wollaalaaf heexoo itti dhugani"

"Suuta ejjatan suuta qoreen nama woraanti"

"Bor ni agarta jennaan edana akkamitti bulee jedhe ballaan"

"Dhukkubni na'ajjeesuu hin jirre hamaaf tolaa addaan naaf baase"

"Cabaan baqaqatti erkate"

"Ija jirtu qorsa buusani"

"Ka qotiyyoon iyyu qacceen iyyiti"

"Ni ta'a jennaan harree qallee hin ta'u jennaan harree gannee"

Ollaa fi dugdaan ka'an.

Gonfoon calqaba baddeet dhoofnan kutaa hanqatte.

Gogaa naaf hafaa jedhe waraabessi biyya isa hinbeekne dhaqee.

Hriyaan garaa walii hin beekne malkaa ceetu maratti walkaksiifti.

Hiriyaa garaa firaa gadheetuu garaa hiraa.

Boriif boorri jiraa.

Garbbittiin gargaarsa argatte majii dhoksittii.

Hamman sii massakkare beettaa jennaan, hamman si tajjabee beettaa itti jedhe jedhu.

Bitaan yaabanis mirgaan yaabanis waligeenyi kooradhumaa.


Sabab jette ballaan farda yaabdee.

Ijoolleen gajee torbaa anatuu keessaa korma jedhee geerare namichii jedhama.

Yaawaaq siifan ka’a, achumaanan gaayyaa koo fudhadha jette jaartiin Niitiin afaan kaa’a barte, kabaluuf jennaan afaan bante Sanyii ibiddaa daaratuu nama guba.(Hubadhaa!Mammaaksonni Oromoo kan ummata Oromooti.) Qeesii mataa sabbataa Amajaaja dabboo sanbataa jedhu

Haalle luyyaa Yaa rabbi sooressa ajjeesi,

Nyaannee dhugnaa jedhee abbateen taskaara yaade jedhuu.

Aaki Jedhan waa tufan Mammaakan waa himan

Miila lama qabaataniif muka lama hin Koran

Qottoon maal nu godhe, kan nu miidhe muka keenya isa jallate dha jedhan mukoonni jigan jedhan.

Yoo hundumasaa dubbatan garaan duwwaatti hafa jedhan.

Yaa marqaa si afuufuun si liqimsuuf jedhan.

Ituu beeknuu hubaa wajjin nyaanna jette sareen jedhan.

Mana eegaan bara eega jette sareen jedhan.

Akka garaakoo jette sareen nama gararraan bishaan dhugdii jedhan.

Biddeen nama quubsu eelee irratti beekuu jedhan.

Akka abaluun sirbaan boquu nama jallisa jedhan.

Akka abaluun sirbaan morma nama jallisa jedhan.

Eee amma naaf ifee jedhe maraatan mana gubee.

Lafa rukutanii maggaanyaa ofiin qixxeessu jedhan.

Kopheen muka yaabdee seexanatu na kuffise jettaa jette seexanni jedhan.

"Maqaan baduu mannaa, mataa baduu wayya" jette gondaan ciniintee haftee

Ulfeessaniit ulfaatu jettet haati ilmaaf farda qabde.

Firaan boonu malee firatti hin boonan.

Harreen ofiifuu hingaltuu loon galchitiiree?

Midhaan dura facaasan sinbirri nyaattet nama dura dubbate namni komata.

ol kaayan malee olka’aniif hin fuudhan!

Boru hin beeneen qodaan bukoo ishee lama!

Argaa toleef goromsi hin ottoomu!

Sareen namaan buluuf udaan namaa nyaati!

Kan kunootii hiin argine kuunnotii hin argu!

Kan harree hin qabne gaangee tuffata!

Abbaan daadhii dhugeef ilma afaan hin urgaayu!

Akka ormaa sirbaan morma nama jallissa!

Kana ceenaan lagin hin jiru jette haatikoo!

Akka jedhan dhageetee shaniin gufufaan deete!

Harkaan dhaabanii barbareen nama gubdi!

Taakuu dhiiftee dhundhuma deemti!

Wolalaan bishaan biratti dheebota!

Wol jaalateef lafoon woli hin hudeeltu!

Namin lafarratti wol shaku muka woliin hin koru!

Morki baduu mannaa mormi cituu woyya!

Akka ija tiyyaa maaltu naaf kajeela jete sareen!

Gaafa maal nyaanna jedhan damma nyaatan!

Hirribin hiryaa du’aati!

Afaaniin sheekuseen lukaan gara mukaa!

Afaan lafa taa’u lafee alansha!

Horiin deegaa qilee irra dheeda!

Lafa itti hin deebine maqaaf hin badadan!

Bishaan malaan woddan!

Baraan barruu horan!

Dhugaan hin qaldhatti malee hin cittu!

Jaarsi du’uu ka’e si hin abaarin daa’imni guddatu si hin jibbin!

Waaqatu nu eega jedhanii balbala banaa hin bulan!

Hin ta’a jennee saganee woma ta’uu dhabne!

Hin taane kristinaan Badhaanee!

Guddateef dubbii harretti hin fe’an!

Qaallu salphattu nama du’utti waaman!

Graan badaan waan nyaatan nama himsiisa “jedhe abbaan kiyya”!

Harkaan dhaabatan lukaan dhiitan!

Ka Arba ajjeese furrii hin baafatuu?

Waanyoon yoo kufan waan caban nama seeti!

Namni Farda koorse galgala kooraa baata!

Farda hidhatan machiin tolti!

Gowwaa sobii Qaroo qeensaan qabi!

Karaan dheeraan lubbuu nama dheeressa!

Soddaa jiruu sanuu balbala jiruu wol hin lolan!


Aak jedhan waa tufan mammaakan waa himan.

Olkaayaniif malee ol ka'aniif hin fuudhan.

Haati hattuun intala hin amantu.

Abbaa gabaabaa ijoolleen hiriyyaa seeti.

Abbaan daadhii dhugeef ilma afaan hin urgaayu.

Abbaan iyyatu malee ollaan hin birmatu.

Horii abaan gaafa cabse ollaan ija jaamsa.

Haadha laalii intala fuudhi.ijaaran"

Baraaf furgugoo gad jedhani jala darban.

Duutu duuti malee saree ija hin dhiqan.

soddaan sodaa dha.

walii galan alaa galan.

ol kaayan ol ka'ani fuudhan.

duuti biyyaa wajji hirriba.

namni mana tokko ijaaru citaa wal hin saamu.

Namni ija tokko qabu cirrachaan hin taphatu.

Abbaan of dhahu of hindandamu.

Horii abbaan gaafa cabse ollaan ija jaamsa Izeddinkelifa (dubbadhu) 04:53, 12 Haggaya 2021 (UTC)[reply]

Hortee ummata Oromoo[lakkaddaa gulaali]

Hortee ummata Oromoo ______________________________ Booranii kaa Oromoti Oromoon kaa xaboti Xaboo kaa waaqoti Waaqoo kaa dadhiti Dadhiin kaa uteeti Uteen kaa biteeti Bitee kaa waalabuti Waalabuu kaa jilichati Jilichi kaa daawaroti Dawaroo kaa hoofati Hoofaan kaa sharati Sharaan kaa haadiyati Haadiyaan kaa Rabati Rabaan kaa dooriti Dooriin kaa mormor Mormor kaa mamati Mamaan kaa warari Warar kaa waayuti Wayuun kaa goodedi Gooded kaa maridhati Marin kaa galani Galan kaa waaditi Waadin kaa shunkur Shunkur kaa lmaar Imaar kaa batayi Batay kaa lubaay Lubaay kaa Malik Malik kaa kuush Kuush kaa haamii Haamii kaa nuuhii Nuuhii kaa Malik Malik kaa matoshati Matoshan kaa yahiti Yahati kaa muhalalii Muhalal kaa Akuni Akun kaa Anushi Anush kaa shishiti Shishin kaa Adaam Adaam kaa biyyeetii Biyyyeen kaa bishanii Bishaan kaa qilensaa Qilensii kaa quduraa Qudaraan kaa rabbii

<<<Izeddinkelifa (dubbadhu) 19:33, 16 Guraandhala 2022 (UTC)```=<<<<<<<=====[lakkaddaa gulaali]

Oromoon ilmaan lama(2)dhale. 1- Booranaafi 2-Bareentuu Booranni Ilmaan 12 dhale Isaanis 1-Wallagga 2-Callabba 3-Goree 4-Goofaa 5-Sidaamoo 6-Arii 7-Dacee 8-Garrii 9-Guraa 10-Giriirraa 11-Naayroobii fi 12-Gujii Bareentuun Ilmaan 5 dhale 1. xummuungaa 2-murawwaa 3-karrayyuu 4-Hunbanna 5-Qal’oo Xummuungaan Ilmaan 3 dhale 1-Arsii 2-Asoosaa 3-Hawaasaa Murawwaan 1 dhale Innis:- Ituudha jedhama Ituun 10 dhale isaanis:- 1-waatee 2-Gaamo 3-Baayee 4-Galaan 5-Addaayyo 6-Baabbo 7-Waaree 8-Algaa 9-Gaaddullaa 10-Elellee Karrayyuun Barentuu Ilmaan 12 dhale 1-Dullachaa 2-Abbichuu 3-Gonbichuu 4-sayyuu 5-Oboo 6-Oborii 7-Jiillee 8-Bullaalla 9-Mucee 10-Galaan 11-Salaalee 12-Wallo Hunbannaan Ilma 1 dhale Innis:- Anniyya jedhama Anniyya 7dhale 1-Malkaa 2-Baabboo 3-Dinbii 4-Baaduu (biduuu) 5-muci 6-Naannaa'a 7-kudheedhee Qallo 4 dhale 1-Ala 2-Daga 3-Oborraa 4-Baabbile Ala 12 dhale 1-Abbayi 2-Nuunnu 3-kaaku 4-Buubbu 5-Diiramu 6-Abbaadho 7-Goollo 8-Eeri 9-Utayyu 10-Galaan 11-Meettaa 12-Arroojji Daga 3 dhale 1-Noolee 2-Jaarsoo 3-Huume Oborraan 3 dhale 1-Akkichu 2-bil'I 3-Dooranii Baabbile 3 dhale 1-Gantuub 2-Hawiyyaa 3-Hawaasilee Arsiin 2 dhale 1-sikkoo 2-mandoo sikko 5 dhale 1-Bullaalla 2-Wucaale 3-wooji 4-Jaawwi 5-Ilaannii Mando 7dhale 1-Raayituu (Raa'idoo) 2-Hawaxxuu 3-Karaara 4-karrayyuu 5-Meettaa 6-Arroojii 7-Garjeeda Akkichuu Oborraa ilma 2 dhale 1-dhaayi 2-biliidaa Dhaayi 3 dhale 1-Dukkoo 2-Kooyee 3-Allaatayya Billiidaan 3 dhale 1-Godaanaa 2-busaa 3-Allaa Gujiin Boorana 3 dhale 1-Hookkuu 2-Uraagaa 3-Matii (maatii) Hookkuun 7dhale 1-Galalcha 2-Oborraa 3-Michille 4-Heeraa 5-Bundhituu 6-Kinnoo 7-Baallaa Uraagaan 6 dhale 1-Goolloo 2-Hallaa'oo 3-Agantuu 4-Daraartuu 5-Sarboortuu 6-Waajituu Maatiin 3 dhale 1-Hirqaantuu 2-Linsoolee 3-Hunde Maddii issaa kitabaa seennaa irraa ☜

Engineer Ayyaanaa Birruu , Horroo Guduruu Wallaggaa.[lakkaddaa gulaali]

Kana beektuu?

Namni yeroo jalqabaaf bara 1930tti keybordii afaan amaaraa(Amharic language keyboard ) amma kompiterri ittiin barreessu kalaqe Injiner Ayyaanaa Birruu dhalataa Horroo Guduruu Wallaggaa ta'uu beektuu? Silaa wallaggaaf galata galchuu kan qabu Amaara ture.

"Kanaaf garaa jabaatu,aangoof humna qabaniin ijibbaataan falmatu." 2A02:9B0:4000:B6FE:8956:69AD:9DA4:22A3 14:08, 17 Guraandhala 2022 (UTC)[reply]

Abbaa jifar[lakkaddaa gulaali]

SULXAAN/MOOTI ABBAA JIFAAR ❄❄❄❄❄❄❄❄❄❄❄❄❄ Kutaa 1ffaa ✫✫✫✫✫✫

“Muhammad Ibnu Daawuud – Yeroo kuma tokko gabricha Rabbii” (Abbaa Jifaar) ☪☪☪☪☪☪☪☪☪☪☪☪☪☪☪☪

Seenaa Itoophiyaa keessatti namummaaleen Muslimaa leelliffamoon heddu uumamaniiru. Baay’eewwan isaanii seenaan jaraa faaraan hin beekkamu. Isaan biroo ammoo hubannoon dogoggoraa isaan irratti uumameera. Gariiwwan hooggantoota yoo ta’an isaan biroo immoo Ulamootaa dha. Mootummaaleen Islaamummaatis hundeeffamaniiru.

Sulxaaneetonni seenaa leellifamoo qabaataa turan dabaree dabareedhaan haleellamaa kufaniiru. Kanneen keessaayis xumura irratti kan carraan ishee dhaqqabe Jimmaa Abbaa Jifaarii turte. Mootota Islaamummaa gidduu xumura irratti kan turan Abbaa Jifaar yoo ta’an Muslimoota Itoophiyaa isaan cunqurfamaniifi miidhamni isaan irra gaheef hirikannaa turan.
Atsee Yohannisiin Muslimoota Wolloo irratti ciramiinsi yommuu raawwatamu Jimmaan iddoo dheefaa tokko turte. Biyya bulchiinsa Islaamummaa taatee hanga jaarraa digdamaatti tan itti fullaate kutaa bulchiinsa Itoophiyaa tan qofaatis turte. Seenaa ishee leellifamoo kanaaf akkuma akaakayyoota isaanii gumaachi Abbaa Jifaar olaanaa ture. 

Muhammadii Osoo Hin Dhalatin Mootome ✳✳✳✳✳✳✳✳✳✳✳✳✳✳✳✳

Mootittiin(gennee) Haliimaan bint Anshaa dhayuudhaaf dhihaataniiru. Mootichi Abbaa Gomool Abbaabooqaa (Daawuud bin Alii) mootittii maatii mooteffannoo Muslima Gumaa irraa yommuu fuudhan ilmi isaanii kan angafaa dhaalaa aangoo ta’uuf waliigaluun ture. Wiixata Rabii’al Awwal 12-1281 Hijiraatti (A.L.A Hagayya/August guyyaa 15,1864tti) yeroon isaa gaheetiin ilma dhiiraa dhayan. “Muhammad” yoo jedhan maqaa ittibaafatan.

Muhammad abbaa isaatiif ilma afraffaa ta’us mootittii Haliimaaf immoo ilma angafaati. Dhiira ta’uusaatiin bu’uura waliigaltichaatiin akka isaan bakka bu’u abbaan yoo beekan itti gammadanu. /Kitaaba Seenaa Abbaan Joobir Abbaaduulaa Abbaajifaar Arabiffaan barreessan/

Maqaan isaanii kan Islaamummaa Muhammad bin Daawuud jedhamus bu’uura aadaa Oromootti maqaan “Tulluu” jedhamu baafameef. Qur’aana achumatti masaraa Jimmaa Jireenitti baratan (qara’an).

Afaan Arabaatii fi barumsa Diiniitis siyaasa duukaa baratan. /Barlu Tafla, Asma Giyorgis and His Work History of the Oromo and the Kingdom of Sawa, Franz Steiner Verlag Wiesbaden GMBU Stutiear 8, 1987, p.720/

A.L.A 1875tti abbaan isaanii mootichi Daawuud (Abbaan Gomool) du’an. Ilmi isaanii Muhammad bin Daawuud hanga mootomutti duuti Abbaa Gomool iccitiin qabame. 

Masaraatti sirni mooteffannoo adeemsifame. Sirnicha irratti Muhammadiin ol-guddataan seenaa mootummaa Jimmaa keessatti maqaa guddaafi leellifamaa kan qabaataa turan maqaa “Abbaajifaar Duraa” tiin maqaa mooteffannoo isaanii “Abbaa Jifaar” jechisiisanu. Abbaan Jifaar Duraa 1830-1854tti Jimmaan kan hoogganan yoo ta’an mootota Jimmaa gidduu yeroo jalqabaatiif 1830tti Islaamummaa kan fudhataniifi Islaamummaan amantii mootummaa akka ta’u kan godhaniidha. Mooteffamuu isaaniitiin booda maqaan ishee “Jimmaa Kakaa” (mootummaa Jimmaa kakuudhaan hundeeffame) jedhuutti jijjiirame.

Maqaan dhaloota isaanii “Sannaa” kan jedhaman Abbaan Jifaar Duraa Jimmaan jajjabeessanii leellifamtuu taasiisaniiru. Maarree mootichi ol-guddataan Muhammad bin Daawuud maqaa abaabayyuu isaatiin maqaa mooteffannoo isaa mooggaasuun “Seenaan ofdeebisa” akkawaan jechuu ture. Aangoon mooticha ol-guddataa badada harmee isaa mootittii Haliimaa (Gennee Gumaytii) fi Abbaa Goolee Abbaa Jiilchaa fi qondaaltoota olaanoo biroo jala godhame. Kana booda duuti mooticha Abbaa Gomool ifa godhame. Akkanas jedhamee labsame:

Iyyaa iyya dabarsaa Mootichi darbaniiru Ilmi Gennee Guumittii mootomaniiru.

/ Ketebo Abdiyo, Abba Jifar II of Jimma Kingdom, 1861-1934; A Biography, 2003, Jimma University, p.13-14/

Badaddoota gidduu shoorri harmee isaa kan mootittii Haliimaa olaanaa ture. Turtii woggoota afuriitiin booda Bitooteessa/March/ 1878tti Abbaan Jifaar Lammaffaa off danda’anii hoogganuu eegalan.

/ Chris Prouty Rosenfeld, A Chronology of Menilek of Ethiopia, African Studies Center of Michigan State University, USA, 1976, p.79 /

Islaamummaan biyya isaanii keessatti akka cimuus godhuu jalqaban. Kutaalee bulchiinsaa jahaattamman\60\ keessatti Qoorroo (adda addaa) keessa jiran Madrasaalee Islaamummaa jahaatamanuu keessatti Qir’aatin cimee akka ittifufu taasisan. Wolloon irraa cirama Atsee Yohannisii fi Minilikii fa’aan Ulamoonni gara Jimmaa dheessan Masjidaafi Madrasaalee keessa taa’anii akka qaraasisan jajjabeessuu qabatan. Aalimoota doggomuufi kooluu galchuun dahoo jaraaf ta’anu.

/ Ketebo Abdiyo, p.37/

Minilikii Shawaa wajjiin biyya addaan ciccirachuuf waldorgommii keessa kanneen seenan Takla Haymaanootiin Goojjaamii A.L.A 1881tti Jimmaan gabbarsiisuuf woraana ergan. Woraanicha Raas Darasuun hooggananii gara Jimmaa dhihaatan./ Ketebo, p.15/

Mootichi dargaggoon umrii 17 Abbaan Jifaar Ulamootaafi qondaaltoota isaanii walgahii waaman. Dhimmicha addeessaniif. “Hattattamaan furmaata irra gahuu qabna” jedhan. Ulamoottaniifi abbootiin murtii garaagarummaa meeshaatiifi dhihaatiinsa diinaa ibsuudhaan gara “Ofirraa ittisuun nama rakkisa” jedhuutti daban. Abbaan Jifaar garuu diinaaf gabbaruun isaaniif hin liqifamne. “Maaliif Jihaada hin labsine?” jedhan.

Battalumatti naannichatti kanneen turan mootummaalee Muslimaa ta’an hooggantoota Gummaa, Gommaa, Limmuufi Geeraa hattattamaan “Jihaada waliin labsineetiin mataa keenya haa ittismaatnu” jechuun waamicha godhaniif. Woraanni diinaa sardamaa jira waan ta’eef dhaabsisuufi yeroo bitachuuf raayyaa woraana isaanii keessaa filatanii toora “Xiroo Afataa” jedhamu irratti diina qunnaman. Woraanni Abbaa Jifaar yoosuu injifatame. Abbaan Jifaar yeroo kanatti Abbaa Reebuu Qajeelloo erguun Darasuun maal akka barbaadu akka qulqulleeffatu ergan. Ittismaata wal wajjiitiif kan waamame woraanni naannichaa ni barfate. Ulamooni Abbaan Jifaar Jihaadaaf akka hin labsine gorsaniin. Keessattuu Sheekh Aadam Gummaa (Sheekkota Gummaa) “Diinni naannoo keenya keessa erga seeneen booda Jihaada akka hin labsine!” jechuudhaan akeekkachiisanu. Goolabbii “Gabbaruu woyya” jedhamu irra gahame. Gara woraana Darasuu kan ergaman Abbaan Reebuu Qajeelloo deebi’anii “Darasuun kan barbaadu Gibiraafi biyya keessan keessa darbuu qofa” jechuun ibsan. Yeroo kanatti dhiibbaan haadha isaaniitiifi Ulamootaa kan itti cime Abbaan Jifaar gabbaruudhaaf waliigalanu. Woraanni Darasuutis akka daangaa Jimmaafi Limmuutiin darbu taasifame. 

Mootichi Gummaa Abbaan Joobir gabbaruu Abbaa Jifaar yeroo dhagahetti dallanuudhaan kophaa isaatti Jihaada labse. Gummaatti dhiheenya laga Deddessaatti maqaan isaa kan addaa “Bakkee Ganjii” irratti woraanni guyyaa tokkoof adeemsifame. Humna woraanaatiin tan caalamte Gummaan ni injifatamte. Mootichi Abbaan Joobirii fi obboleessi isaanii Abbaan Diggaa Jihaadicha irratti wareegamanu. Gummaanis too’annaa jala oolte.

/Abdulkarim Aba Garo, the History of Jimma Kingdom Under Abba Jifar II 1877-1933, Yekatit 66 Political School, Addis Ababa, 1988, p.46-47/

Yeroo kanatti Minilik morkataa isaa woraana Takla Haymaanootii Goojjaamitiin injafatamuu Gummaatiifi gabbaruu Jimmaa dhagahe. Hoogganicha woraanaa Goobana Daaccee hattattamaan gara naannichaatti erge. Disambar 1881tti woraanni Raas Goobanaa gahe. Woraanni Minilikiifi woraanni Takla Haymaanootii Goojjaamii walworaansa qunnaman. Hooggantoota woraanaa lamaan gidduutti Goobanaafi Darasuu gidduutti woraanni cime. Jaboomuu woraana Minilikii kan ilaale Darasuun duubatti siiquun naannicha irraa dheesse.

/Guluma Gemeda, Gomma and Limmu: the Process of State Formations among the Oromo in the Gibe Region C. 1750-1889, 1984, p. 159-160/

Woraana mootichi Takla Haymaanootii kan ari’e woraanni Minilikii Abbaa Jifaar wajjiin irradubbannoon (Negotiation) godhame. Waliigaltee irras gahan. Qabxichi waliigaltee kan itti aanu ture: 

A/ Dhimma Jimmaa kan keessaa Minilik gidduu akka hin seenne.

B/ Jimmaan keessatti bataskaanni akka hin ijaaramne (Jimmaan biyya Islaamaa waan taateef).

C/ Woraanni Minilik Jimmaan keessa akka hin bulle (hin qubanne) yoo ta’u Abbaan Jifaar dabaree isaaniitiin Minilikiif wogguuyyuu gabbaruuf, aangoo isaaniitiif beekamtii kennuufi barbaachisaa yoo ta’e woraanaan tumsuuf waliif mallattessan./ Ketebo Abdiyo, p.16/

Waliigaltee kanaan booda Abbaan Jifaar wogguuyyuu Minilikiif ni gabbaruu ture. Mootummaalee Muslimaa shanan Gibee (Mootummaalee Shanan Gibee) keessaa Jimmaan alaa kanneen jiran afran woraanaan barbadaayanii woraana Kiristaanaa jala oolan. Bataskaannis keessatti ijaarame. Abbaan Jifaar gorsa Ulamootaa dhagayuu isaaniitiin nagayaan gabbaruuf waliif mallatteessan. Mootummaa Islaamawaa isaaniitis hubaatiifi badii jalaa baraaran.

Ahmeddin jabel irraa 2A02:9B0:4003:5E15:1964:F65:470C:FB4D 19:36, 25 Guraandhala 2022 (UTC)[reply]

Seenaa Mooticha Oromoo Jaarraa 15 keessa India Bulche malik Ambar[lakkaddaa gulaali]

✅moticha maliik ambaar sabaa oromo kan hindi bulche 1549 -1626

Oromoon garbummaan taraa 4 fur gurguramee 5ffarratti mootii Hindi tahuun biyya Hindi bulche eenyu Seenaa kana ka dubbise waa irraa ni barata je'eetin yaada Kutaa 1ffaa Ona huumbannaa ykn lafa teessuma gosa Huumbannaa irraa kan burqe akkuma beekkamu gosti humbannaa gosa gootummaa fi qaroomina aadaa fi seenaa duudhaa fi hoodan kan beekkamtu yo tahu qaroo sabaa tahuun gala'aa seenaa guduunfatan. ilmaan humbannaa jireenya hawaasummaan kan beekkamu yoo tahu walitti dhufeenya biyyoota ollaa cimsuuf biyyoota akka arabaati fi somaalen wal keessa hojjachuun qooda guddaa gumaachaa turaniti jiru Yoo gootummaatis goota qixxee kumaa kan akka Bakar waaree fi murti guutoo hordofuun seenaa oromoo keessatti qooda ykn gumaacha guddaa bahachaa warra as gaheedha As keessatti seenaa gooticha ilma humbannaa kan gootummaan isaa tulluu Everest tahee addunyaa dinqisiise tokkoonin wal isin barsiisa gootichi kun maqaan isaa Malik Ambar je'ama Malik Ambar dhala hidda humbannaa balbala noolerraa bara 1549tti nama dhalateedha Malik Ambar yeroo umriin isaa waggaa 16 haadhaafi abbaa isaa jala bara 1886 keessa akkuma gurraacha africa haguugamee butamuun galoo galaana diimarraan qaxxaamurfamee birishiyaa kibbaa yaman magaalaa guddittii Al mukiya ti gurgurame dha nooleen balbala guddaa dhangaggoo ka'ee hanga cirotti horee danboobee jiraachaa jiruudha balballi kun ammoo ibiddaan akkuma qoodamaa deemu maayaa xiqqoo fi maayaa guddoo ja'amee bakka lamatti qoodama maayaa xiqqoo fi maayaa guddoon wan yaadan hudumaa kan gurmuun raawwatufi xiyya darbatuun gosa beekkamtuudha dhangaggoo hanga cirotti kan jiraattu gosti tun maqaa haramaaya kanas haramaayaf gumaachiteti jirti haramaayaa seenan akka dubbatutti nama beekkamaa maqaan isaa maayaa je'amurraa maqaan isaa kan mogga'eef yoo tahu goonni kun gosa maayaa guddaa jedhamurraa kan dhalate tahun beekkama Goonni kun dhaabiif dhaabbata bareedaa osoo qabuu gurraachota africa Walii biyyaa fi biyyoo isarraa cancalamee carraan akka meeshatti gurguramu isa mudate Malik Ambar osoo garbummaan haguugamee hin gurguramin dura maqaan isaa shambaa ture shambaan akkuma gurraachota africa kanneen biroo abbaa fii haadha isaa jalaa butamee galoo galaana diimarraan qaxxaamurfamee birishiyaa kibbaa yaman magaalaa Al mukiya ti geeffamuun daldalaa lammii portugali pitar piroces ti gurgurame pitar pirocesn kun Malik Ambar bituu qofa osoo hin taane nama maqaa isaa shambaa irraa Malik Ambar tti jirjiiredha pitar pirocesn akkuma Malik Ambar biteen amalaaf dandeetti inni qabu erga laalen booda hambifachuu caalaa gabahaa birootti yoo geesse maallaqa guddaa akka baasuf hegeree isaa tilmaame daldalaan Portugal kun akkuma karoorfate gama iraaqitti geessuun gabaa qaalii alqowado maccaa baaqdaaditti nama maqaan isaa kiyazii husseen je'amutti maallaqa guddaan yeroo lammaffaaf gurgurate kiyazii husseen Malik Ambar gama hundumaan erga laale madaale booda birrii bank baasufi banki galchuu barsiise kana boodas amalaaf si'aahummaa inni qabu erga jaalate booda maqaa masoo husseen Je'amu Malik Ambarif moggaase erga yaamaa ture yeroo gabaabduu booda namni kun yoo du'u Malik Ambar ammas hireen isaa yeroo sadaffaaf gurguramu mudate namni Isa bitate kun maqaan isaa Qaasim je'ama Malik Ambar Qaasim Al baaqdaaditti erga gurguramee booda Isa dhumaa gabaa kibba hinditti daldaladach pitarvad rockenti yeroo Arfaffaaf ni bitame Gabaan kun gabaa booree gootummaa Malik yoo tahu yeroo dhumaaf Mm Hindi kibbaa dizea shai siziniingi ti gurgurame Hindi dekan akkuma Saba oromoo saba duudhaa siyaasa diinagdeefi hawaasummaa bareeda qabdu wan taatef Malik Ambar akkuma dhaqeen agarsiisa aadaa fi shubbisa garaa gararratti hirmaatee Hindi kan Ija dachee dhaloota isaatin laalaa turee tahuu ragaan ni mul'isa Malik yeroo hedduu agarsiisa akkanarratti yoo hirmaatu namoonni hedduun akka isatti bitamanii Hindi dhufan jiraachuu ni qeeqeffate achumaan ka'ee hegeree isaatis ni tilmaammate jireenya garbummaa moo'achuuf akka qabsoon Isa barbaachiftus ni murteeffatee Mm Hindi kan yeroo sanii akka malee Malik Ambar wan jaalatuuf loltummaa waraanaa yoo barsiise akka isaafii maatii isaa akka eegu murteesse haaluma kanan Malikis waggaa 9f of eeggannoo cimaafii amala qabeessan Mm erga tajaajile booda Mm Hinditis afaan arabaa fireanch erga barsiise loltummaafi basaastummaas ni barsiise Malik Ambar haaluma kanan osoo jiruu sulxaanota hindi xixiqqoo waliin wal baruu jalqabe erga sulxaanotaan wal bare booda adeemsa siyaasaa biyyattii xiinxaluu jalqabe haaluma kanan immoo dhoksaan maqaa mootii biyya kanaat waliin tajaajilla jedhuun yerorraa yerotti marii geeggeessa ture suutuma suutan osoo je'uu harka lafa jalaatin Oromootaa akka isatti bitamanii Hindi dhufan qunnamuun dhoksaadhan waraana nama 1500 jaarate Malik Ambar erga waraana isaa kana haalan leenjifate booda maqaa riphee loltootaniin bobbaasee dhahuu jalqabe Malik Ambar erga lola jalqabe booda teessoo isaa magaalaa guddittii kibbaa hindi parainda ti ni jirjiirrate Malik Ambar lola isaa erga itti fufeen booda mooti xiqqaa kibbaa hindi kan abharin ja'amu tokko ni ijifate Ethiopia isa jalqaba biyya namaa weeraree aangoo qabate tahuun beekkame boodarra garuu humnoota loltoota kuraaminiin moo'atamullee abdii muree osoo hin taain riphee loltummaa isaa itti fufe ijifannoo haaraya galmeesse ijifannoo kananis bulchiinsa beerari fi ambihar harka isaatti galfate akkuma ijifateen naannoo lamaan tana bulchuuf sulxaanota waliin ni mallatteesse Kanumaasi jeneralota lama kan kiyano kiyanin je'amuun rukutamus ni kuffise haaluma kanan ammas humni jajjabaan lama kan Mm Hindi ajajamun kan maqaan isaanii likeoji fi dhadharo jedhamuun wal waraanuu jalqabee osoo hin ijifatamin humna jabaafi teknika waraanaa itti jirjiirun jara hundumaa dhabamsiisee Mm Hindi tahuun aangoo qabate bilchaata biyyattii tahe Malik Ambar dubartii siidi jedhamtu fuudhudhan joollee afur argate dhiira lamaa fi dhalaa lama isaanis biibbi fi kariim dubararraa fatii fi chanzi godhachuun bara 1626 ti waggaa 80maffaa isatti addunyarraa boqate Malik Ambar erga boqate boodan intalti isaa ilma warra mootitti heerumuu isii seenaatu dubbata 2A02:9B0:4006:4565:F823:2534:30D4:695C 17:53, 3 Caamsaa 2022 (UTC)[reply]

Seenaa gabaabaa magaalaa jimmaa FI Qaroomina bara mooticha Gibee Duraanii kan ta'e abbaa jifaar abbaa gomol[lakkaddaa gulaali]

Seenaa Gabaabduu Magaalaa seena Qabeettii ykn Teessoo mootii jedhamuun kan beekamtu. Jimmaa abbaa jifaar.

Magaalaan Jimmaa magaalota Oromiyaan qabdu keessaa ishee tokko yoo taatu, handhuura Oromiyaa Magaalaa Finfinneerraa 356 km gara Kibba Lixaatti fagaattee kan Argamtuu dha.

Magaalaan Jimmaa, magaalaa seena qabeettii jaarraa 18ffaa keessa mootummaa ammayyaa mataashee Shanan Gibee jedhamee waamamu hundeeffattee bulaa turteedha. Jimma, biyya Mootii Abbaa Jifaar Abbaa Gommool kan taate, qabeenya uumamaafi iddoowwan hawwata tuurizimii hedduun kan badhaateedha.

Maqaa Jimmaa jedhu kan argatte gosa hidda sanyii Jimmaa waayyuu irraati. Magaalli Jimmaa waggaa 194 (1820 ALH) dura Abbaa Jifaar jalqabaatiin kan hundoofte ta’uu qorannoon adda addaa ni mirkaneessu. Yeroo hundeeffamte giddu galeessi jalqabaa Jireen akka ta’etu himama.

Jimmaa Abbaa Jifaar  qaroomina Itiyoophiyaa duraa keessatti gahee adda durummaan kan qabduu fi addunyaa mara irratti kan ittiin beekamtu gosa bunaa kooffii Arabikaa addunyaaf gummachitee jirti.

Bunni yeroo jalqabaaf kan argame Godina Jimmaa Aanaa Gommaa Ganda Coocee, bakka addaa kattaa Mudhugaa jedhamutti akka ta'e seenaan ni ibsa.

Jimmaa Abbaa jifaar << Dhuma jaarraa 19ffaa hanga jalqaba jaarraa 20ffaa >>wiirtuu daldala  gaanfa afriikaa taatee Turte.

Yeroon kun seenaa keessatti yeroo addunyaan maqaa jimmaa Abbaa jifaar mootummaa shanan gibee waan lamaan  kaasaa turte dha kanneen keessaa "worraaqsa omishaa ( crop revolution) fi dinagdee  cimaa  gochuun akka idil adunyaatti  networkii daldalaa karaa heddduun dambali'aa tureef wirtuu ta'uun tajaajilaa kan turtee fi giddu galli gabaa hirmaataa jimmaa, giddu gala gabaa gaanfa afrika( center of comerce in horn of africa) jedhamuun kan beekamtee dha ✅

Moottummaan jimma Abbaa Jifaar walitti dhufeenya daldalaa diriirsuun Walloo Warra Hemanuu keessaan diriirfatee ,baha Oromiyaa Harariin ,buufata Zeeylaa fi Taajuraa wolitti hidhuun  daldala Bunaa ,kan akka Warqee  midhaaniif omisha  kanneen biroo  gabaa biyya alaatti erguun warraaqsa dinagdee cimaa diriirsuu danda'eeti ture.. Haaluma kanaan gaanfa afriikaa keessatti daldala karaa dheeraa    toora Lamaan gaggeeffamaa ture keessatti jimmi  wirtuu(terminal point ) akka taatu isii dandeesise(served as entrepots or terminal point for international long distance trade) akka turte seenaan ragaa ba'a..


Jimmaa Abbaa Jifaar teessoo abbaa miila sadii (Barcuma) addunyaaf kan gumaachite yoo ta'u,

Hiikaan Luka (miila)sadan barcumaa kanaas. nagaa, jaalalaa fi tokkummaa ibsa. Akkuma miilli barcuma sadan taa'umsaaf namaaf mijatu sana, yoo haalli sadan kunneen jiraate boqotanii taa'uun danda'ama. Inni luka sadan irra jiru bakki irra taa'an ammoo boqonnaa calaqqisiisa, jechuun ibsan.


Bunni, Xirinyiin, Ilkaan Arbaa, Warqeefi Gabri akka meeshaalee ijootti naannolee kanneen irraa sassaabaman gara giddugala gabaa guddoo Jimmaa kan taate Hirmaataatti fidamu. Haaluma walfakkaatuun achirraayis daldaltoonni shaqaxaalee kanneen bituudhaan gara kutaalee biyyattii garaagaraattifi akkasumas alergiidhaaf geejjibsiisu.

meeshaalee ijaarsaa kan akka akaafaa, mismaaraafi muka adda addaa akkasumas uffata jirbii irraa oomishamanii fi bu’aalee ogummaa harkaa hedduuf Jimma bu’uura guddaa keessee jirti.

Maal kana Qofa Qaroominni Bara bulchiinsa abbaa jifaar magaalaa jimmaatti raawatamaa ture waan addaatim.  Isaan keessaa Tokko biyyattiis ta'u akka Adduniyaatti yeroo jalqabaatif Goondaa Ykn mixii horsiisuun kan dhimma itti bahaa turaniidha.sababni mixii horsiisuuf isaan kakaase kunis barri sun bara Diinaan wal bira gahuun  wal lolaa turan waan ta'eef  dirree lolaa sanatti  Gadi naquun diina macheessanii Kan ittiin  Injifannoo adda addaa galmeessaa turaniidha.  Goondaan Naannoo magaalaa jimmaa irraa kilo meetira 7 fagaattee argamtu jireen mooraa masaraa mootichaa keessatti kan  horsiifamaa turtee dha.

Namni mixii kana horsiisu Baatitti mindaan isaaf kan kaffalamuuf Yoo ta'u Kana irraa ka'uun "abbaa mixii" jedhameetu maqaan akka aadaa naannoo jimmatti moggaafameefi kan tureedha.

Hayyuun seenaa Albert Lewis ,Mootummaan Abbaa jifaar wolittii hidhamiinsa gabaa  Cimaa biyyoota Addunyaa walin qaban barruu isaa keessatti haala nama ajaa'ibuun ibsa.. Mootummaa shanan gibee dinagdeen akka dagaagu wantoota godhan keessaa inni guddaan walitti hidhaminsa daldalaa yeroo sana Abbaan jifar uumanii turani dha jedha Lewis.Neumann yeroo jimmaan daa'wwatu gabaa jimmaa guyyaa tokko keessa qofa  irratti namoonni hanga 25,000 ol kan ta'an akka irratti hirmaatan ragaa baha .e Magaalli Jimmaa teessoo fi giddu gala Mootolee Shanan Gibee (Jimmaa, Gommaa, Geeraa, Gumaay fi Limmuu Innariyaa) ta’uun tajaajilaa turte. 2A02:9B0:4037:14A0:457B:E86E:3944:D8F4 06:05, 7 Waaxabajjii 2022 (UTC)[reply]

Gorsa Osho afaan Oromoo (Osho Tips in afaan Oromo)[lakkaddaa gulaali]

Namoonni waan hundumaa akka waan guddaatti waan ilaalaniif ba’aa isaaniif ta’a.

 Caalaatti kolfuu baradhu.  Anaaf kolfi akkuma kadhannaa Waaqaati.
Gochi hundi bu’aa battalaa argamsiisa.  Xiyyeeffannoo godhaa ilaalaa.  

Nama bilchaataa jechuun nama of argate, waan gaarii fi hamaa isaaf ta’u murteessedha.

Inni ofii isaatii waan hojjeteef, warra yaada hin qabne irra faayidaa guddaa qaba.

Hundi keenya addadha.  Namni kamiyyuu waan sirrii fi dogoggora ta’e agarsiisuuf mirga hin qabu.  

Jireenyi yaalii yaad-rimeewwan jijjiiramaa jiran kana guyyaa guyyaan itti ibsinudha. Yeroo tokko tokko, waan dogoggoraa hojjechuu dandeessa, garuu sababa kanaan faayidaa guddaa argatta.

Yeroon Waaqni dhufee balbala kee rukutu ni jira.  Karaa miliyoona tokko keessaa karaa tokkoon Qofa ta’uu danda’a – 

aduun lixxuu ykn aduun bahuu ... Dhaga’uuf banaa ta’i.

Waan hin baratamne ta’uuf carraaquun fedhii baay’inaan mul’atudha.  Garuu boqochuu fi idilee ta'uun dhuguma waan hin baratamnedha.
Jireenyi iccitii fi iccitii walitti aanee jiruudha.  

Dursee tilmaamamuus ta’ee tilmaamuun hin danda’amu. Garuu yeroo hundumaa namoonni iccitii malee jireenyatti quufan jiru – sodaa, shakkii fi yaaddoon isaan waliin deema ture.

Jalqaba of dhaga'i.  Dhaabbata keessatti of gammachiisuu baradhu.  Namni tokko sitti dhufus taĘźee dhufuu baatus kana booda akka si hin dhiphisneef baayĘźee gammadi.  Duraan guuttee jirta.  Nama balbala kee rukutu arguuf sodaa guddaadhaan hin eegdu. Waan ta'eef. 
Yoo dureessa taate itti hin yaadin;  yoo hiyyeessa taate hiyyummaa kee akka waan guddaatti hin fudhatin.  Addunyaan agarsiisa qofa akka taate yaadachuun nagaan jiraachuu yoo dandeesse, bilisoomta, 
 Gidiraan kan dhufu ilaalcha cimaa jireenyaaf qabaachuu qofa irraati.  Jireenya akka taphaatti ilaaluu jalqabi, itti gammadi.
Sodaa hunda keessa osoo jirruu hamileen gara hin beekamnetti ce'aa jirra.  Hamilee jechuun sodaa dhabuu miti.  Sodaa dhabuun kan uumamu yeroo ati ija jabinaafi ija jabinaan dabaltudha.  Garuu jalqaba irratti garaagarummaan abshaala fi ija jabaa gidduu jiru hangas guddaa miti.  Garaagarummaan jiru abshaalli sodaa isaa dhaggeeffatee hordofa. jajjabeessaan ammoo cinaatti dhiisee itti fufa.
Yeroo hundumaa jijjiiramaa jirta.  Ati akka lagaati.  Har’a kallattii fi haala qilleensaa wal fakkaatuun yaa’a.  Boru – kan biraa keessatti.  Fuula tokko yeroo lama argee hin beeku.  Wanti hundi jijjiiramaa jira.  Wanti bakka dhaabbatu hin jiru.  Garuu arguuf ija baay’ee hubataa ta’e Qabaachuu barbaachisa.  Yoo kana hin taane biyyeen kufee wanti hundi dulloome;  waan hunduu duruu waan ta'e fakkaata. 2A02:9B0:4038:1518:9C24:97D:59FD:FA76 07:59, 14 Waaxabajjii 2022 (UTC)[reply]

Dogongora kee irraa maal Baratta?[lakkaddaa gulaali]

Namni Hin Dogoggorre! Akka nama Utaalee Gufatee Kufeeti! Dogoggoruu keetti Hin Gaabbin. Garuu Dogoggora hiryaa Godhattee waliin Hin Adeemin! Irraa Baradhu malee!.

Galatooma/Thanks/

Izeddin Kelifa ti 2A02:9B0:402C:E85E:B42B:B966:DAFB:7017 17:28, 11 Onkoloolessa 2022 (UTC)[reply]

Jiruu....Gorsa Gabaabduu[lakkaddaa gulaali]

Jira jechuu kee kan beektee murteessitu! Gaafa waan jiraatteef Of biratti argitee dha!


Izeddin Kelifa ti 2A02:9B0:402C:E85E:B42B:B966:DAFB:7017 17:30, 11 Onkoloolessa 2022 (UTC)[reply]

Gola Seenaa Oromoo[lakkaddaa gulaali]

Kutaa 3ffaa Gola seenaa kutaa 2ffaa keessatti seenaa biyya keenyaa keessatti xiyyeeffannoon kan itti kennamee barreeffame seenaa worra kaabaa fi amantiinimmoo amantii ortoodooksii ta'uu huubannee jirra.

garuu faallaa isaatinimmoo seenaan oromoo akka wolii galaattiifi seenaan amantii musliimaa akka wolii galaatti hedduu hin barreeffamne. Caaalumattiyyuu eenyummaan kun lamaan hanga yeroo dhiyootti biyya kana keessatti yakka guddaa ta'ee ilaalamaa ture.

Eenyummaan kun lamaan yakka ta'uudhaan wolqabatee, amma hammamtu barreeffame jennee yoo ilaalle as diheenyatti naannoo bara 1980 mootaa keessa seenaan Oromoo hayyoota baayyeedhaan barreeffameera.

Kitaabootni kun eenyuufaadhaan akka barreeffaman kan jedhu armaan gadiitti kan waliin ilaallu ta'a.

Akkuma kanaan dura jedhaa turre barreessitootni kaabaa kun sodaafi jibbiinsa qabanurraan kan ka'e ummatni oromoo akka waan bakka biraatii dhufeetti barreessaa turan.

Kun garuu dogoongora guddaadha. Sababootni baayyeen ummatni Oromoo ummata durii kaasee biyyattii kana keessa jiraachuusaafi bu'uuressaa biyya kana ta'uu ibsu hedduudha

.Fkn 1 seenaa arkioloojisyootni ykn kitaabumti amantii jaraa barressan ummatni kuush ummata afrikaa keessa jiraataa ture akka ta'e akeeka. Asirratti kitaaba amantii kakuu moofaa woggoota 4000n dura barreeffame yoo ilaalle ummata nuubaa ,ykn ummata naannoo suudaam jiraataa turan ummata kuush jedhanii waamaa ture.

2 akka arkioloogistootni jedhanitti ummanni kuush woggaa 8000n dura kaaba-baha afriikaa keessa jiraataa turan kan jedhudha.

3kitaabni Dr lasphisoos asirratti ragaadha(ummatni kuush naannoo kana woggoota 15000n dura jiraataa turan jedha.

4gara biraatiin ragaan worroota afaan qoratanu yoo ilaallu ummatni kuush ummata kaaba-baha afriikaa turaniifi boodarra gara giddu galeessaatti godaananii jiraata turanidha jedhu.

Asirratti wanti huubatamuu qabu horteewwan kush hedduu keessaa oromoo qofa qobaatti baasanii biyya biraatii dhufe jechuun isaanii dogoggora seenaa wollaaluu irraa dhufedha.

Godaansi Oromoo duraan kaaba irraa gara kibbaatti ture garuu boodarra yemmuu mootummaan salamoonawaa ijaaramu keessa dhiibbaa guddaan giddu galeessa irratti ummata oromoorra gahaa ture.yeroo kana keessa wirtuun gadaa oromoo giddu galeessa biyyattii jiraachuu waan dadhabeef wirtuu gadaa oromoo kan ta'e odaa nabee( duukeem ammaa) bara 1316 buqaahe. Ammas marsaa lammaffaf ijaaramee ture taus ammas achii buqqa'un gara madda wolaabuutti godaane. Osoo hedduu hin turin ammas ummatni Oromoo bara gadaa gichillee sirna haaromsaa godhatee haccuuccaa duraanii ofirraa deebisuu jalqabe. Sochiin oromoo Booranaa fi baarentuu ammas deebi'ee lafa jaraa qabachuu eegalan.

As keessatti kan nuti ilaallu sochii kan ilmaan booranaati. Worreen ilmaan booranaa jedhaaman( maccaa fi tuulama) gara kibba dhihaa itoophiyaa lafa duraan irraa fudhatame kana deebiifachuu eegalan. Qaamni odaa nabee duraan irraa ariaman deebi'ee dhufee qabate maccaa fi tuulamadha bara (1559).suuta suuta keessa oromoon macca fi tuulamaa hanga dhufee odaa bisil gahutti woliin qabsahaa ture. Booda maccaa fi tuulamni adda bahee, macci giddu galaafi naannoo gibee akkasumas worri kaan gara dhihaatti godaanan.akka kitoobootni tokko tokko jedhanitti macci bakka 2 tti bahe

Isaanis ilmaan afreefi Ilmaan sadee ykn sadachaati.

Ilmaan maccaa sadan ( sibuu, akaakuu fi obuudha) gara giddu galeessa gibee kana qubatan. Ilmaan maccaa sadan gara gibeetti godaanan kun jaarrota dheeraf naannoo sana erga jiraatanii booda mootummaa mataa, mataa isaanii uummachuun of bulchaa turan. Akkasumas mootummaa mataa, mataa jaraatiin of bulchuu eegalan yoo ilaalle mootummaa limmuu inaariyaa, guumaa, goommaa, jimmaa fi geeraa jedhamuun beekamu. Mee waa'ee seenaa mootummoota shanan kanaa osoo hin ibsiniin dura , seenaan mootummoota kanaa maaliif barreeffamuu dhabe? Maaliif seenaan jaraa dhokfamee fi eenyutu dhokse kan jedhu woliin ilaalla. Akkuma kanaa olitti ibsuuf yaalle seenaan Oromoo kibba dhihaa fi dhihaa hayyoota tokko tokkoon barreeffamaniiru fkn

profeesar mahammad hassan  xiyyeeffannoo guddaa gochuun kitaaba Oromoofi itoophiyaa jedhu keessatti seenaa oromoo shanan gibee baldhinaan qoratee jira. Akkasumas Dr negaasoo gidaadaa seenaa Oromoo gara dhihaa irratti xiyyeeffachuun kitaaba barressaniiru.

Gara biraatiin Alberti luwis Namni jedhamu seenaa oromoo shanan gibee keessaa kan limmuufi jimmaa hanga ta'e barreesseera. Asiratti wanti huubatamuu qabu seenaan barreeffame kun faffaca'aadha malee qindaahee bifa shanan gibee fakkaatuun hin barreeffamne.

Egaan Sababni seenaan oromoo shanan gibee haala barbaadameen guutamee hin barreefamneef keessaa inni tokko qorattootni seenaa naannoo kanaa qoratan qaccee dhuma qaccee tuquun irra darbuu isaaniti. Akka fakkeenyaatti yoo fudhanne mootumotumti shanan gibee eenyuun akka hundeeffame,yoom akka hundeeffame,akkamiin akka hundeeffame, mootumootni meeqa akka turan,yoom akka kufan kan jedhu sirriitti deebii kana deebisuu hin dandeenye ture. Asirratti kitaabni seenaa shanan gibee irratti barraahan keessaa kitaabni hanga ta'e jalqabbii bareedaan seenaa naannoo kanaa ibsu kitaaba"seenaa shanan gibee" jedhu kan injinar Gaalii abba booriin barraahedha.

Namoonni seenaa Shanan Gibee kana barreessan irra hedduun isaanii Sirriitti Gad fageenyaan Qorachuu dhiisuu fi Amantiis jiddu Galeessa Godhachuun kan barreessanis Ni jiru. Akka Fkn-tti yoo ilaalle.

kitaaboleen gariin akka biyyi aadaa Oromoo baay'ee balleesse Jimma ta'etti barreessuuf yaalu.kana malees Sirna gadaa kan balleesses Jimmaan gochuuf yaalu.

Jila gara gadaa deemu akka mootoleen Shanan Gibee hundi dhorkanii

balleessanitti dhiheessu.

Yoo dogoggora mootii tokko irraa argatan isii fuudhanii mootii Shanan Gibee hundaa waliin ga'u. "Oromoonni labsii mootummaatiin sirna gadaafi amantii waaqeffannaa dhiisanii amantii Islaamaa qofa akka fudhataniif dirqamsiisaniiru" jedhu.

Kana kan ragaa Godhatanii Yeroo garaa garaatti maqaa Jimmaa fi Gootota ishee xiqqeessan keessaa Tokko Abbaa Jifaari

Abbaan jifaar sirna Gadaa dimokraatawaa Oromoonni shanan Gibee ittiin bulaa turan diiguudhaan mootummaa giddugaleessaa Jimmaa cimaa ijaaruu danda’aniiru. Isa kana Oromoon baay’een ija farrummaatiin ilaaluun hin hafne. Inni tokko tokko sadarkaa nafxanyummaatti kan isaan farrajus hin dhabamu. Haa ta'u malee ummata saanii dhumatii jalaa baraaruuf aangoo ofii aarsaa godhanii mootummaa abbaa irree Atsee minilikiin hoogganamuuf harka laachuuf dirqamaniiru. Yeroo sanatti humna walgitu waan hinqabneef harka kennachuun ala carraa biraa hin qabanu ture.

Kana hammeenyatti jijjiiranii ittiin Alagaa tti dhiibaa turani. Kun Ammoo Dhumaatii ummata isaaniif yaadanii  humna Qaban madaalanii meeshaa aadaa waggaa hedduu lafa tureen meeshaa Ammayyaa nafxanyootaa dura dhaabbachuun waan hin danda'amneef  kallattii kanaan Ummata isaanii baraaraa akka turan seenaan kan ragaa nuuf ba'uu dha.

Kana malees mootolee Gibee shanan keessaa yeroo sanatti afranuu muuda ergaa turan. Tokkoon isaaniillee dirqamaan Muslima nama hin goone ykn dirqamaan amantii Islaamaa nama hin fudhachiifne. . Inumaayyuu Gommas sababa ummanni hundi 1820moota keessa Muslima ta'eef dhiifame malee waaqeffataan tokko biyyattii keessa jiraatee mirgi isaa dhiibamee muuda irraa hin dhorgamne. Abbaan Manoos akka namni dirqiin amantii isaa dhiisee Muslima ta'u hin goone. Wanti beekamuu qabu bara sanatti naannoon fedhii muuda dhaquu qabu hunduu qabeenyi kennameefii muuda deemaa ture. Kana immoo kitaabichi mataan isaa bakka baay eetti dubbateera. Oromoon Limmuu hedduun isaanii 1870moota keessa sirna hawaasaa, diinagdeefi siyaasaa Odaa jalatti geggeessa akka ture Triminghaam himeera. Antoniin bara 1843 achi ture Abbaan Bogiboo mataan isaa wareega akka qalaa ture dubbata. Islaama keessatti raaga qaalluu jala deemuun dhorgamaa ta'uu wajin Abbaan Bogiboo nama biroo dhorguu dhiisii ofii isaatiif wareega qalaa akka turee kitaabichi mataan isaa dubbateera.9 Yeroo jalqabaa sanatti Gommaan malee mootummoonni Shanan Gibee kanneen biroos akkasuma turan. Barreessaan kitaabichaa osoo kana beekuu qomoo isaa irratti waan akkanaa barreessuun Sirrii miti.

Haa ta'u garuu seenaa naannichaa ilaalchisee odeeffannoo bu'a qabeessa tokko tokko ni qaba. Barreessitoonni qomoo keenyaas osoo kana beekanii "maaliif fedhii biraa itti maku kan jedhu gaaffii guddaadha. kana fakkeenyaaf kaasne malee wantoota akkanaa baay' ee kaasuun ni danda'ama.

Yeroo seenaa barreessan osoo fedhii keenya barreessuu dhiifnee dhugaa jiru qorannee

lafa keenyee irra saba keenya fayyada. Amanamummaas yeroo sana arganna.

Amantii fedhan hordofuun mirga Rabbiin ilma namaatiif kenneedha. Nama amantii sirrii dide Rabbitu isa adaba malee namaa miti. Garuu amantiif jedhanii seenaa saba ofii haaluun cubbuu guddaadha.

Kan nuti warra Natxanyaa komataa turreefis kanumaafi. Nuti waan 

tokkoo fedhii wahiitiif jennee seenaa walii hanga ta'e jiJJiirra taanaan kan isaanii homaa hin komachiisu. Walumaa galatti "eenyutu akka ija kootii naaf kajeela?" jette Sareen, "bofti abbaatu of mara" jedhe jedhama. Dhalattoonni naannichaa Of dagatanii taa'anii nama biraatu seenaa nuuf barreessa, addunyaatti nu beeksisa jedhanii eeggachuun gaalessummaa bira darbee gowwummaa ta'a.

Garuu namoonni dhuunfaan Sochii tokko tokko godhaa jiru. Kanaafuu sochiin dhuunfaa haala kanaan godhamu qofti bu aa guddaa fiduu hin danda'u. Warraaqsi seenaa godhamee sirriitti qoratamee hambaaleefi kitaaboleen Dhaloota kanaaf Ol kaawamuu kan Qabuu dha ✅.

Warri seenaa biyya kanaa barreessuuf qalama isaanii fudhatan baay'een kanneen duriifi ammayyaallee waan Oromoofi Islaama ilaallatu barreessuu keessatti shira fakkeessaatiin irra deemaa turan. Seenaan isaa haalamuufi dhugaan isaa dhokfamuun Oromoo hundaafi Muslimoota hunda ilaallata. Oromoonni Shanan Gibee immoo yakka Oromummaafi Islaamummaa waan walitti hammatanii qabaniif jecha seenaan isaanii haalamee, gootni isaanii dhokfamee, bu'aan isaan biyyaaf gumaachanis jijjiiramee

Maqaa isaanii Qofatu tuqama malee barreeffamoonni seenaa sirriitti Qoratanii Adduniyaatti isaan beeksisan hanga ammaatti hanga ta'e mitaaba " seenaa shanan gibee" kan injiner gaaliin barreeffame male hin jirani..

Warra sirna Qarooma nafxanyaa Qaroome Qofatu odeeffannoo biyyattiin barbaadduu fi hin barbaadne murteessaa Turani. Kanaafuu wanti isaan fedhan ni barreeffamaa wanti isaan hin barbaadne Ni hafa.

Keessumatyu irra hedduun barreessitoota seenaa ethiopia Gam Tokkee waan ta'aniif seenaa dhugaa haaluun irra utaaluun kan beekamanii dha.

Kunis sabaaf sablammoonni biyyattii seenaa Ofii wallaalee akka Of Dagatu Gochuu keessatti Ga'ee Guddaa taphatee jiraa...

Walumaa galatti seenaa isaan Gammachiisuu dide haala Isaanii mijaa'e hundaan haalanii dhoksuuf yaalu yoo dhoksuun hin mijoofneef ammoo odeeffannoo Hanquu wayii Qofa gabaasanii isa barbaachisaa Ukkaamsuuf Yaalu. Haala kanaan Seenaan biyyattii darbaan dabarsa Butamaa dhokfamaa Dhaloota kana bira geesse Jechuu dha kan Oromoo shanan gibee mudates kanuma

Xumurre! Izeddinkelifa (dubbadhu) 06:02, 26 Sadaasa 2022 (UTC)[reply]

Gola Seenaa Oromoo[lakkaddaa gulaali]

Seenaa Gibe Media Network irraa

            """""""""""""

Kun Qophii keenya Kutaa 1ffaa Gola Seenaati. Gola Seenaa keenya jalqabaatiinis seenaan jechuun Maal jechuu dha kan jedhu waliin kan ilaallu ta'a hanga xumura atti nuu waliin turaan affeeraa keenyaam.


Seenaa jechuun : maalummaa ilmi namaa keessa darbee ijaaramaa ijaaramaa dhufee kan inni ittiin of ilaalee amma eessan jira jechuun of baree, gara fuulduraattis maalan ta'uu qaba waan jedhu kan ittiin karoorsudha. Wolumaa galatti seenaa jechuun kaleessaa kee kan sibarsiisu , maaluummaa hadhaa keetii guutummaatti maal keessa akka jirtu kan siif ibsu akkasumas, borii keetiif kan siif karoorsudha.

Seenaan barumsa,jireenya ummataafi mootummaa biyya tokkoo keessatti bakka guddaa kan qabuudha.

Seenaan saba tokkoo seenaa gootota isheeti. Seenaan duudhaa, afaanii fi amantiidha. Eenyummaan saba tokkoo kunimmoo seenaadhaan mirkanaa'a.

Seenaan Ergaafi xiinxala gadi fagoos ni qaba. Kanaafuu beekumsa ilma namaa keessaa damee kanatti xiyyeeffachuun waan dhokataa mul'isuuf, qabatama jiru ifa baasuuf, miira kakaasuuf, barumsa irraa fudhachuuf, yaada jeequmsaa dhaabsisuufi hirriba irraa dammaqsuuf kan akkaan ilma namaa barbaachisu dha

Sabni tokko afaan isaatiin gaafa barate ni qarooma; ni dagaaga.

Ummanni seenaa isaa yeroo darbee hin beekne amma maal keessa akka jiru beekuun itti ulfaata. Fuuldurattis maal akka ta'u karoorsuufi tilmaamuu hin danda'u.

Hawaasni tokko ykn gareen tokko,garee tokko miidhuu yoo barbaade tooftaa inni ittiin gargaaramu keessaa inni tokko akka ati deebitee dudduubba kee hin ilaalle akkasumas seenaa ulfina keetii, seenaa kabajaa keetii akka ati hin ilaalle sigochuudhaan akka waan ati seenaa hin qabnee dhiibbaa gochuudhaan gara fuulduraatti akka ati hin tarkaanfanne sigodha.


Kana malees akka saba keenyaatti yoo ilaalle. Ummanni Oromoo saba Gadaan Waggoota dheeradhaaf bulee wal bulchaa turee dha. Yeroo Booda garuu sirni Nafxanyootaa biyya Oromoo koloneeffachuun goota hin qabdan; seenaas hin qabdan jechuun ummata seenaa hin qabne jedhanii nu moggaasani. Inumaayyuu Oromoon lammii biyya kanaa miti jedhaanii itti qoosaa turan! seenaa isaanii nu barsiisan. Afaan isaanii nu dubbachiisan. Aadaa isaanii nu dhaalchisuun Eenyummaa Oromoo dagachiisanii Oromoon akka of jibbu fi of tuffatu taasisaa Turanii ardhallee itti jiru..

Maal kana Qofaan dhaabbatan?! Maqaa lafaa fi namaa jijjiiruun, kan ofiitiin bakka buufachuun. Aarsaa fi wareegama gootonni Oromoo kaffalaa turan ittiin of waamuun siidaa fi yadannoowwan addaa addaa ijaaranii seenaa hin hojjenneen dhaadataa har'dha ga'an. Seenaan biyya keenyaa yeroo baayyee loogii irraa kan bilisa ta'e miti. Haala kamiin loogii irratti hundaa'ee barreeffame isa jedhu yoo ilaalle, qabxileen adda addaa jiraachuu malu. Fakkeenyaaf seenaa sabaa fi sablammii bifa madaalawaa ta'een hayyootni kutaa,kutaa irraa wolitti dhufanii hin barreessine.akka sabaatti haayyotni seenaa biyya keenyaa barreessuu keessatti qooda fudhatan hayyoota gara kaabaa waan ta'aniif toftaalee adda addaatti fayyadamuudhaan seenaa barreessaa turan. Toftaalee jarri itti fayyadamaa turan keessaa~

1seenaa filatanii barreessuu
2seenaa irra utaaluu
3 seenaa xureessuu fi 
4 hiika seenaa jallisuudhaani.


Sabni Oromoo aadaa ormaa dhiisee yoo gara eenyummaa ofiitti deebi'e male misoomuu fi qaroomuu hin danda'u jedhu Dr. Muhammad Shamsuddin

Akka barreessitoonni seenaa Jedhanitti. seenaan kaleessa qofa osoo hin taane hardhaafi boris of keessatti hammata. Har'a maal keessan jira, bor immoo akkam ta'uun qaba jedhee xiinxala. Eenyummaan nama tokkoo kan inni ittiin baramu seenaadhaani. Yoo seenaa ofii hin beekne eenyuun akka ta'e of baruu hin danda'u. Jechuu dha. Kanaafuu seenaa biyya ofii bifa madaalawaa ta'een qorachuun murteessaadha. Seenaa dhugaa irratti walii galanii fuulduraaf karoora baasuun ummata hunda fayyada. Barri nuti keessa jirru kun. yeroo ummanni seenaa isaa darbeefi abbootii ofiitiin dhaaddatuudha. Kana malees bara namni waan hidhannoo godhatee hordofu wallaalee dhamoo keessa jiruudha. Kanaafuu seenaa abbootii keenyaa qorannee isa gaggaariitti hidhannee dogoggora uumame sirreessaa deemuun ga'ee dhaloota ammaati. Izeddinkelifa (dubbadhu) 06:04, 26 Sadaasa 2022 (UTC)[reply]

Gola Seenaa Oromoo[lakkaddaa gulaali]

Gibee Media Network irraa!

Akkuma kutaa tokkoffaa irratti tuquuf yaalle. seenaan biyya keenyaa loogii irraa bilisa ta'ee barreeffame miti.sababni isaas

Hayyoonni seenaa biyyatti barreessuuf carraa argatan irra hedduun isaanii kutaa murtawaa tokko irraa waan dhufaniif eenyummaa murta'aa tokko qofa giddu galeessa godhachuun 

. seenaa isaanii gadi fageenyaan cimsanii barreessanii seenaa eenyummaa isaaniin ala ta'emmoo akka waan sabni sun abbaa biyyaa hin taaneetti, akka eenyummaan saba sanaa biyya biraatii dhufeetti fudhatanii barreessuu danda'ani

akkasumas tooftaa adda addaatti fayyadamuudhaan seenaa ofiif fedhan qofa filatanii, kaanimmoo cilatteessanii, irra utaalanii,jallisanii barreessaa turan.

Sababa kanaaf seenaan itoophiyaa keessatti barreefaman baayyinaan seenaa kutaa kaabaa irratti xiyyeeffatu malee kutaa kibbaa , bahaa fi dhihaa hedduminaan hin ammanne.

Seenummaan worra kaabaatu akka waan qoodameetti seenaa worra kibbaa, dhihaa, bahaati jedhaamee barreffamaa ture.akkasumas akka amantiitti amantiin bakki guddaan kennameefi seenaan isaa irra deddeebi'amee barreeffamu amantii ortodooksiiti.

Tooftaalee barreessitootni kun itti fayyadaman keessaa~

1 seenaa filachuu: as keessatti barreessitootni kun :bara, taatee,hidda mootummootaa,aadaa fi afaan, Eenyummeessaa saba tokkoo qofa irratti hunda'anii barreessaa turan. Fknf barri jarri xiyyeefannoo guddaa kennanniif jaarraa 4ffaa____ 7ffaa, 13ffaa___16ffaa, jaarraa wolakkeessa 19 ffaa irraa hanga ammaati.

taateen Jaarraa 4ffaa__7ffaa tti ta'e maali jennee yoo ilaalle

Bara mootummaan aksuum itti cimee naannoo sanarra darbee biyyoota adda addaa to'ataa turedha. Keessattuu bara mootummaa  izaanaa fi kaaleb biyyoota kanneen akka nuubiyaa, biyyoota arabaa( yeman) itti to'atanidha.

Akkasumas bara amantiin kiristaanaa biyya keessa seeneef akka biyyattiitis babaldhatedha.

Taatee jaarraa 13__16ffaa keessa tahe maali? Yeroo kanatti mootummaan sirna salamoonawaa ofiin jedhee kijibaan dokumentarii sobaa "kibre nigist" jedhu baafachuun , nuti hidda latiinsa salamoonawaa waan taaneef mootummaan namarraa osoo hin taane Rabbi irraa nuuf kenname jechuun Aangoo fudhatee bulchaa turedha.

Taatee wolakkaa jaarraa 19ffaa irraa hanga ammaa jiruhoo maali?

Yeroo mootummaan salamoonawaa jedhu kan duraan laaffatee ture deebiyee itti cimedha.mootummaa kana jalatti kan hammataman( Tewdroos, minilik, haylessilasee....) faadhaa.

2 seenaa irra tarkaanfachuu barri jarri seenaa irra tarkaanfataa turan Keessaa jaarraa 7ffaa__ 13ffaa, 16ffaa, 17 ffaa, 18ffaadha


sababni jarri jaarraa7ffaa___13ffaatti irra tarkaanfataa turaniif maali?
* Bara mootummaan seem( aksum) itti dadhabee mootummaan ilmaan kush( zaguwe daynestii)  itti asgore bara kana ture.
  • Bara amantiin islaamaa biyya galeefi baayyees itti babaldhatedha.akkasumas bara mootummaa mataa isaa kan mootummaa shawaa jedhamu itti ijaarratee jaarra( 9__13 )tti bulchaa turedha.


Sababa jarri jaarraa 16ffaa irraa tarkaanfataniif maali?

  • Bara mootummaan salamoonawaa itti dadhabeef bara mootummaan islaamaa( adaal) humna guddaa godhatee mootummaa salamonawaa kana rukutedha.seenaa kana keessatti kan beekamu imaam Ahmad ibrahim algaaziidha.sababa kanaaf ture Ahmad giraany jedhanii kan moggaasanif.
  • Bara ummanni Oromoo itti cimeefi lafa duraan irraa saamamee ture deeffatedha.

Sababni jarri jaarraa 17 fi 18 ffaa irra tarkaanfataniif maali?

  • bara ummanni Oromoo mootummaa mataa isaa danda'e ijaaredha( shanan gibee, horroo harargee, wolloo fi k.k.f).
  • Bara islaamni mootummaa islaamaa cimaa( sulxaaneet) itti uummatee socho'aa turedha.

Bara kana ture "zemena masafint" ykn bara mootummoota xixiqqoo jedhanii kan itti moggaasan.

3 seenaa xureessuu Tooftaan kanatti kan jarri fayyadamaniif seenaa sana guutummaan guututti dhoksuun yoo waan hin danda'amne ta'edha.fkn saba tokkoof fakkii bineensummaa itti maxxansuuf fi gara lafeessa akka hin taane barreessuun dhalootatti dabarsu

4 seenaa jallisuu Asirratti seenaa dhugaan sabni tokko qabu,isa gaarii keessaa kan ofii godhatanii, isa dabaa ofii jaraa immoo kan saba sanaa godhanii barressuun seenaa dhara dhugaa irraa fagaate Dhaloota dhaalchisanii jiru.

Xumurre nagaatti Izeddinkelifa (dubbadhu) 06:05, 26 Sadaasa 2022 (UTC)[reply]

Seenaa Shamarree Oromoo Ganamee Yaa'ii[lakkaddaa gulaali]

Seenaa shamarree Oromoo Gabrummaan Yeroo 12 Ol Gurguramte.

Ganamee Yaa'ii Lixa Oromiyaa naannoo Jimmaa, Guumaa ganda Labuu jedhamutti kan dhalatte yoo ta'u barri isheen itti dhalattes bara 1832 keessa ture. ganamee Yaa'ii daaimummaa isheen Abba fi haadha Kan dhabde yoo taatu.

abbaan ishee Obboo Yaa'ii Sasheedaa Odaa yeroo isheen daa’ima ganna ja’aa turte, lola irratti akka ajjeefamee fi Akkasumas haatishee ijoollummaatti jalaa akka duute, Galmeen seenaa ishee kan nuuf mirkaneessuu dha

Haaluma kanaan Ganameenis qobaatti hafuun jireenya Gaddaaf Gadadoon Guutame keessummeessuuf Dirqamteem.

Ganameen Abbaf haadha isheetiif ilmoo tokkittii turte, sababa kanaan erga maatiin ishee Boqotanii bakka awwaalcha Abbaaf haadha ishii yeroo hunda deemtee daawwatti.

Haaluma kanaan gaafa tokko Osoo isheen Awwalcha maatii ishee daawattee deebituu,

wanti isheen hin beekin YKN eegin ishee muudate. Kunis.
karaatti warri daldala garbaa yeroo sana deddeemanii hojjetan arganii battalumatti Ganamee Butuun fuudhanii  deeman.Sana booda “Jimma irraa gara Gondar, achirraa gara Masriitti gurguramuun Masirii keessatti yeroo 12 irra deddeebiin erga gurguramtee booda, akka qabeenya lammii Masrii, Mehmeet Alii jedhamuutti Kaayirootti geeffamte. Achittis Gola mootii masrii keessa hojjachaa akka turtee fi amantaa Islaamaas hordofaa akka turte Galmeen seenaa ishee kan ragaa nuuf ba'uu dha

Ganameen dubartii waa daftee baruu fi qabachuu dandeessudha Akkasuma afaan baay'ee dubbachuu Nama dandeessuu dha fknf Afaan Oromoo Arabiffa Faransayiffa Engiliffa boodarramoo Afaan Jarmanii barachuun Kan Dubbataa turtee dha

Bara 1847’tti lammiin Jarmanii Joon Baaroon jedhamu Masiriitti imaluun daawwannaa taasiseen. Mootiin Masirii kun geeggeessaa isaaf taasise keessatti Ganamee akka kennatti Joon Baarooniif dabarsee isaaf kenne...

Joon baaron Yeroo Jarman, Kornitaal geessutti maqaan ishii Ganamaa irraa mulquun Fatimaatti jijjiramee akka turee fi cuphaa kiristaanumma booda maqaan ishee gara Pooliin Johaanitti akka geeddarame Liidarhoos eeruun Wolbert Simiidti qorannoo isaa irratti maxxanseera.

Kana malees. Ganameen erga bitamte booda akkataa itti mana kunuunsan akka barattuuf mana baruumsaa yemmuu seentetti “baruumsaan baay'ee cimtuu waan taateef” amantaa Kiristaanummaa fudhachuun bara 1852’tti erga cuphamtee booda, dhiyeenyaan luboota fi mishinaroota waliin hojjachuu eegalte.


Ganameen kiitaabaa seenaa ishee mata duree ‘Intala Oromoo’ jedhu kan isheen barreessite boodarra erga isheen duutee maxxanfamee gara afaanota 30 oliitti hiikameera.


Osuma hin turiin baruma sana jechuun 1855 dhukkuba sombaan qabamtee dandamachuu waan dadhabdeef  boqotte.
Osoo hin boqotiin dura garuu dhaamsa tokko warra misinarootaatti dhaammachuun Uummatashee Oromootiif barnoota Ammayyaa fi Amantii akka barsiisaniif dhaammattee boqotte. 

Warri misiyooniis dhaamsashee fudhatanii yaalii baay'ee godhanis milkaayuu hin dandeenye, bara sana Mootiin habashaa Yohannes IV manneen barnootaa Afaan Oromoo barsiisan bara 1860moota keessa banamanii turan minilik 2ffaan akka cufsiisu ajaje kun 1870keessa jechuudha.

Yohannes Oromoo wallootti duulee baay'ee isaanii booji'ee qabee warra garba bitanitti gurguraa ture, warri misiyooniis carraa kanaan Oromoota argatan fudhatanii gara jarman geessanii barsiisanii gara Oromiyaatti deebisuus yaalanis, ijoolleen achi geeffaman dhibee sombaatii dhuman.
Kitaabni Ganameen Intala Oromoo jedhu bara 1855(bara Onesmos dhalate) barreessite maxxanfamuun afaan jarmanii fi afaan birootti hiikamuun galii baay'ee argamsiise galii sanaanis boodarra kitaabni Qulqulluu Onesmos hiikee barreesse akka ittiin maxxanfametu himama.

Awwaalchi Ganamee magaalaa Riyeen keessatti akka awwaalamte. Maddi seenaa ishee kan Ragaa nuuf ba'uu dha.

Izeddin Kelifa ti Izeddinkelifa (dubbadhu) 15:52, 19 Muddee 2022 (UTC)[reply]

koflaa 196.191.221.151 23:13, 26 Adooleessa 2023 (UTC)[reply]

Kun seenaa Gabaabduu Dargaggeessa Jireenya bineensaa irraa gara villaatti jijjiiramee kan isin biraan Geenyu ta’a ,hanga xumura sagantichaatti Nuu waliin turaa kan isiniin jedhu, Dargageessi Nsanzimana Elie, ykn ammoo namoota naannoo isaa biratti “mucaa saree” jedhamuun beekamu bara 1999 bulchiinsa kibba Ruwaandaa, Lafa Tulluu kan jiraattota biratti Ganda gorillaatiin beekamtu keessatti dhalate. Dargaggeessi kun haadha isaatiif Ilmoo 6ffaa yoo ta’u Haati isaa ijoollee shanan jalqabaa du’anan erga dhabdee booda, “mucaa kamiyyuu akka argatu Waaqayyoon kadhachuu isheedubbatteem . Nanzimanan yeroo dhalatu mataan isaa xiqqaa fi bifti fuula isaa kan hin baramne waan ta’eef hiriyoota isaa irraa adda isa godheera. Akka Giddu-galli To’annoo Dhukkuboota (CDC) jedhutti, dhukkubni Guddina sammuu hin baramne kun yeroo ulfaa uumamu irraa kan maddu yoo ta’u sababoonni dhukkuba maaykirooseefaalii kan beekamu miti, garuu jijjiirama jiiniiwwan daa’immanii irraa uumamuu kan Kan danda’e dha jedha, Dargaggeessi Nsanzimana Elie jedhamu bosona keessa kan jiraatu yoo ta’u, bifa isaa irraa kan ka’e ganda isaa keessatti dorsifamaa fi namoonni saree jedhanii isa waamu. Haati isaas ijoollee ishee jalqabaa shanan erga dhabdee booda kadhannaa isheef deebii Waaqaa waan ta’eef akka isatti hin qaanofnes dubbatti. Nanzimanan Yeroo guddachaa deemu sirnaan dubbachuu waan hin dandeenyeef yeroo baay’ee bosona Nyungwe keessa dhokatee nyaata bilcheefame dhiisee muuzii fi fuduraalee addaa addaa nyaachaa jireenya isaa bosona keessatti Akka dabarsuufi marga akka nyaatu haati isaa kan dubbattee dha Sababa kanaa Haati isaa kun guyyaa guutuu bosona keessa fiigaa waan tureef halkan hunda gara manaatti isa fiduuf isa ari’aa akka turte dubbatteetti. Kana malees Nyaata akka hin jaallannee fi osoo inni hin nyaatin guyyaan akka darbu dubbatteetti. Haati Eliyaas yeroo hunda ollaan ilma ishee,kanaan saree, gorillaa fi maqaa fokkisaa biroon yeroo arrabsan garaan ishee akka cabsu dubbatteetti. Akka Sheen jettutti, Namni tokko yeroo isa doorsisu, isa arrabsu ykn isa reebu yeroon dhaga’u hundatti dhuguma dhukkuba onnee natti fida. Mucaan koo qulqulluudha, gonkumaa nama irratti miidhaa hin geessisu, yeroo tokko tokko namoonni bineensota jedhanii yeroo isa waaman fi akka namaatti isa ilaaluu dhiisuun aarii koo kan Dabaluudha jettiim Maqaa balleessiin hawaasummaa kun jiraatus, haati isaa gaaffii fi deebii miidiyaa televijiinii irratti taasisaniin Qaama hir’uu fi bifa fokkisaa qabaatus harmeen Elin ‘mucaan kiyya kennaa Waaqati, qajeelaadha,hamaa hin dalagu, mucaan koo maaliif jibbama ? yeroo namoonni arrabsaniif tuffatan onneen kiyya baayyee caba’ jechuun jaalala isaaf Qabdu dubbatti. Kana malees, “Elie mucaa koo isa ja’affaa yoo Ta’u Erga obboloonni isaa du’anii booda addaan baane. Mucaa biraa akka argannuuf Waaqayyoon kadhanne akka carraa ta’ee, Elie’n eebbifamne. Amma akka kennaa samii Waaqayyo biraa argadheetti isa nan jaalladha, baay’ees isa jaalladha.” Jette. Kanarraa kan ka’e maatiin isaa fedhiiwwan bu’uuraa biroo keessaa nyaata dhiyeessuu dabalatee qormaata hedduutu mudate. Seenaan isaa Fulbaana bara 2021 keessa erga qilleensarra ooleen booda mata duree oduu ta’ee deeggartoota irraa deeggarsa guddaa argateera. Arjoomtonni mana haaraa ijaaranii meeshaalee manaa isaaniif mijatan hunda Guutanii ittis ilma fi haadha Waliin jireenya isaanii itti jijjiiraniiru, Mucaan saree” Ruwaandaa amma nama jijjiirame ta’eera. Waggoota dheeraaf bosona keessa dhokatee erga turee booda, Waggaa 21 booda garuu Naziman Elin TV biyyatti irratti dhiyaatee seenaan isaa guutummaatti jijjiirame.Ummanni Ruwaandaas qarshii walitti qabaniifii holqa keessaa ba’ee villaatti akka galu godhan.Amma Elin nama beekamaa addunyaa kanaati.Namoonni suuraa isa waliin ka’uuf dabaree eeggatu.Eilin yeroo ammaas Uffata beeksisuun dizayineroota biratti nama filatamaa ta’eera.Nazimana Elin amma dureessa beekamaa ta’eera.Namni bineensota faana holqa keessa jiraachaa ture amma namoota faana jiraachaa jira.Namoota biratti Jaldeessaaf Gorillaa haa jedhamu malee Elin haadha isaaf kennaa Waaqaa akka ta’e namni tilmaame hin turre. Namoonni kanaan dura karaa isaa jibban amma deeggartoota isaa waan ta’aniif hedduun isaanii ofii isaanii waliin suuraa ka’uu barbaadu kunis Elie gara nama beekamaatti jijjiireera. Asirraa Wanti Nu hubannu tokko Ilmi namaa eenyumtuu Akkaa fi bakka Filatee kan irraa dhalatee miti! kanaafuu Jarjarree Murtee Boru itti Nu Qaanfachiisu murteessuu irraa Akka of Qusachuu Qabnuudha, Kana malees jireenyi Ati ardha Jiraattu Boru Jijjiiramuu akk danda’us Hin dagatin, Bifaa Fi Qabeenyi Nuti Ardha ittiin boonnu kunis nu Dogoggorsuu hin Qabaatiini, Hunduu yeroo isaa eeggatee Osoo Nuti hin beekin Nurkaa Deemuu Akka danda’u Yaadataa jiraadhu jechuun Dhaamsa koo Asumarratti xumura[lakkaddaa gulaali]

Izeddin kelifa (seenaa dargaggeessa biyya riwandaa gorilla jeshamuun beekamu. 2A02:9B0:404C:19FB:C173:4A77:E2A0:A8D9 16:35, 20 Sadaasa 2023 (UTC)[reply]

Akka Seenaan Seenessutti Abbaan jifaar, jalqaba yommuu mootaman kanfuudhanii miti. Erga aangoo Qabatanii Biyya Bulchuu eegalanii kan fuudhanii dha, Abbaan Jifaar Yeroo woggoota 54 aangoo irra turan keessatti, haawwota warraa jaha fuudhanii kan turandha. Haawwonni warraa isaanii “Gennee Jaarsittii” (Gosa Jaarsoo irraa), “Gennee Sapheertittii”, “Gennee Limmittii” (Limmuu irraa), “Gennee Miinjittii” (Saba Kafaa irraa - Miinjoo), “Gennee Harsittii” (Gosa Harsuu irraa) fi Haadhakadir turan. Jalqaba irratti tan fuudhan Gennee Jaarsittii (Mootittii Jaarsoo) yoo ta’u ilma isaanii kan hangafaa Abbaa Duulaa dayanii osoo hin turin ture kan du’an. Xumura irratti tan fuudhan immoo “Haadha Kadiriin” ture. Isaan sallamsiisanii kan fuudhan biyya Guraagee “Inmoor/Indagaanyi” irraa ture. Maqaan isaanii kan jalqabaa “Walatta Maariyaam Walda Masqal Gadaamuu” ture. Abbaan Jifaar yommuu ishee fuudhanitti “Laxiifaa” jedhanii maqaa itti baasan. Laxiifaan kan du’an umrii isaanii woggaa 113tti bara 1994tti ture. Haawwota warraa isaanii irraa ilmaan Abbaa Duulaa, Abbaa Foogii, Abbaa Fiixaa, Mannul Kariim, Unsal Habiib, Najumu Sahar, Abbaa Jabal, Diggittii Naadaa, Diggittii Afataa fi Lij Iyyaasutti heerumsiisanii tan turan “Haadha Usee” jedhaman qabaa turanu. Abbaan Jifaar osoo hin du’iniin duratti woggoota torbaaf dhukkubsatanii akkaCiisan. Manguddooliin naannichaa tokko tokko Abbaan Jifaar Rabbiin fayyaadhaan akka isaan hin ajjeefne Du’aa’ii Ofitti godhaa akka turan kan ibsanii dha, Du'aa,ii isaan ofitti kadhaataa ture keessaas, “Yaa Allaaha! Gooftaa ta’uu kee osoon beeku ‘Gooftaa’ jedhameen waamame; naaf araarami! Akkanatti oftuulee Si bira dhihaachuu hin barbaadu!’ jechuudhaan mataa ofii irratti Du’aa’ii godhuu ture” jedhu. A.L.A guraandhala 1925tti Abbaan Jifaar konkolaataa Jarmaniin irraa fichisiisaniin imalaaf ka’uun. Konkollachisuummaa “Abbaa Gaaroo Abbaa Joobiriin” obbolessa isaanii ‘Abbaa Waajii Gooytaa’ gaafachuuf gara Deedoo imalan. Kaayyoon isaanii obboleessa quxusuu isaanii bira guyyoota shaniif turuuf yemmuu imalan. Yoo Achi gahan dhukkubbiin itti hammaatee. Gara Jimmaa deebi’anii ciisan. Isaan dhukkubsatanii yoo ciisan itti gaafatamummaan bulmaataa muummoota Ministeeraa lamaan gateettii Abbaa Bushan Gibeefi Abbaa Waajii Tigree irratti kufe. /Abdulkarim Abagaro, Akka jedhutti Abbaan Jifaar ilma isaanii kan jalqabaa Abbaa Duulaa bakka buusuuf barbaadanis ilmi isaanii Ibaadaa (waaqeffannaa) fi kitaaba amantii (dubbisuu) waan idileessuf “Siyaasaafi biyya bulchuuf jedheen Salaanni Subhii akka Qadaa natti ta’u (na jala darbu) hin barbaadu; natti haa hafu” jechuun Aangoo isaaf kennames Ofirraa deebisee, Yegguma kana Ilmi ilma isaanii Abbaan Joobir Abbaa Duulaa bakka buufamanu. Jaarsooliin biyyaa akka jedhanitti waytii tokko Abbaan Jifaar dhukkubsatanii ciisaa jiranu Gariibaawwan baalee irraa dhufanii “Sheekanaa Huseentu isinitti nu ergee jennaan isin fayyisuuf dhufne!”jechuun yoo Gaafatan, abbaan Jifaaris Dhukkubsatanii kan ciisan, dallananii oljechuun “Somad (Rabbiin) eessa deemeeti isin kan na fayyiftan?” jechuudhaan mufii Guddaan Waaridiyicha masaraa waamsiisanii “Jara gabrummaan Akka gurguraman” ajajaniim, Abbaa jifaar Mana haadha warraa isaanii “Gennee Limmittii” keessatti dhukkubsatanii woggoota torbaaf osoo ciisaa jirani haati warraa isaanii “Gennee Limmittiin” yeroo gabaabaaf dhukkubsatanii adduunyaa irraa boqotani’. Gennee Limmittii” du’anii guyyaa afurtammaffaatti Abbaa Jifaariitti dhukkubni Ulfaate, Boraatii irratti irkatanii masaraa isaanii keessatti A.L.A 19/9/1934) umrii isaanii woggaa 73tti gara addunyaa itti aanuutti adeeman. Achuma Masaraa keessatti kafanaman. Dhiheenyatti kan argamu gara “Masjida Afurtamaa”tti janaazaan isaanii fudhatame. Ummatichi gaddaa imaamummaa Sheekh Diggootiin irratti sagade. Achumatti awwaala abbaa isaanii cinatti awwaalaman. Awwaalamanii woggaa 16ffaa isaaniitti A.L.A 14/10/1950tti awwaalli isaanii galoodhaan jigfame. Lameessoo reeffi (janaazaan) isaanii bahee lafeen isaanii guurrame./ Manguddooliin Jimmaa tokko tokko yeroo awwaalli isaanii jigeetti erga awwaalamanii woggoota ta’us qaamni Abbaa Jifaar akka hin diddiggamin dubbatu./ Kafana haarawaan awwaala jalqabaa cinaattis awwalaman. Qabriin jalqabaatiifi kan lammaffaa tokkummaan Simintoon ijaarame. / Abbaan Jifaar haga ammaatti qalbii Muslimoota Jimmaa fi ummata naannichaa keessa ni jiru. A.L.A 1910tti Abbaa Jifaariin kan daawwate, Henarii Derlii lammii biyya Biriitaaniyaa kan tae akkana jechuun barreessee ture: (Abbaan Jifaar) erga du’ee qaabatamni isaa sammuu ummatichaa keessaa hin badu. Sababni isaatis inni ummaticha kan baraare saamiinsaafi ajjeechaa Habashootaa irraa qofaa miti. Daldala babaldhise; gammaddoota isaan taasise. Qanani’aa kan ta’e ummata Afrikaa ofiin ofbulchaa isaan godhe.”jechuun Henry Darely, kitaaba isaa fuula 124 irratti barreesseera Atseen Hayla Sillaasee mootummummaa bilisaawaa Jimmaa kan Muslimaa diiguudhaaf sossocha’an. Abbaa Jifaariin kan bakka buufame ilma ilma isaanii Abbaa Joobir Abbaa Duulaa dhiisanii bulchaa Amaara Kiristaanaa ramadan. Abbaan Joobir gochicha morman. Garuu Atseen Hayla Sillaaseen Abbaa Joobiriin Ankoobaritti hidhan. Waliigalteen Minilikiifi Abbaa Jifaar sarbamee Jimmaan mootummaan ishee kan Muslimaa hafe. Du’a Abbaa Jifaariin booda kun akka uumamu lammiin Ingilizii Hanarii Derlii sodaa isaa akkana jechuun barreesseera: “Garuu yeroo du’anitti biyya tanaa (Jimmaaf) carraa ishee kan fuulduraatiif nan sodaadhaafi. Biyyattii tana keessa yoo imalan afaan Habashaa (Kiristaana) kamiituu hancuufa roobsa. Ani mirkaaa’aadha (inni yoo du’u) biyyattii (Jimmaan) qabuuf tattaaffiin hin goone hin jiraatu. Kana yoo godhan biyyattiin yoosuu haala biyya Habashaa birootti jijjiiramti.”jedhee sodaa isaa barreseee Tureem, (Awwaala Abbaa Jifaar – Xumura barreeffamichaa irratti “Gaabal badru alaa Jimmaa” jedha. Hiikkaan isaatis “Addeessi guutuun Jimmaan irraa fagaate” akka jechuuti) /[lakkaddaa gulaali]

Seenaa Du'a Abbaa jifaar Abbaa Gommol, Izeddinkelifa (dubbadhu) 18:28, 25 Sadaasa 2023 (UTC)[reply]

SeenaaBarnootaa 196.189.242.227 16:32, 27 Sadaasa 2023 (UTC)[reply]

Udaan xirinyii 196.188.188.169 19:19, 17 Caamsaa 2024 (UTC)[reply]