Jump to content

Tarree Walaloo

Wikipedia irraa

Tarreen kun walaloo gabaaboo beekaman akka fekkeenyaaf tahuuf dhiheessa.

Yaa barumsa

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Kitaaba barataa Afaan Oromoo irrattii walalo akka fakkeenyaatti dhihaateedha.

Yaa Barumsa Yaa Barumsaa
Yaa Madda Bekumsaa
Wa'e Fayidaa Kee
Meeqansaan Ibsa
Inni Tokkofanii
Sammuu Nama Cimsa
Barumsii Qabenyaa
Kan Hunduma Keenyaa
Kan Bu'ee Hin Cabne
Kan Moofa'e Hin Shamne
Kan Hattuun Hin Hanne
Warrii Baratan Xiiyyaraa Oofuu
Warrii Hin Baranne OKkite Sofuu!
Okkotee sofuun barumsa
Garuu barnootni safuu nama barsiisa

Utubaa guddinaa
Kan fuuldurrii banaa
Haabarannuu jabaannee
Sabaa keenyaaf ibsaa taanee
Walaalli duukkana
Keessaa bahuuf hin laafinaa
Kan barateef akki godhaa
Fakkiin isaan murteessadha
Sammuu keenyaa hidhatnee
Marrii barnootaaf kaanee
Walummaan tolaatti hin dhaabbatamuu
Baruuf namnidirfama kan qabatuu

Nu hin buqqisu

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Tokkumaan Hummna!
Gaaddisa Odaa jala gadi teenyee
Yoo wal-hubannee wal dhagenyee
Yoo wal jalaa kaafne dhagaa
Yoo waliif yaadne nagaa
Tokkummaan wal qabannee
Yoo walii wajjiin dhaabbanne
Kattaan gaaraa yoo dhodho’e
Cabbiin roobee yoo lola’e
Buubbeen kaabaas haa bubbisu
Nu hin sochoosu nu hin buqqisu!

Qawween koo boraatiin koo
Kan rasaasa liqimsu
Yaada garaa koo keessaa
Danda’ee naaf hin ibsu
Rasaasa itti guuttadhee
Gaafan banu cancala
Biyyi'o gurra qabtee
Fiigee lixa daggalaa
Wal caccabsee gulufa
Wanta qabu harcaasee
Qawween nageenya hin fidu
Nagaa dhahee mancaasee
Allaattiin waaqarra kaattu
Bineensi bosona kessaa
Sagalee qawwee kootii
Hin jaallatu ni dheessa
Ati garuu qubee koo
Qubee koo quba jabduu
Nagaa buusuufis taanaan
Gita tokkoyyuu hin qabdu

Sin jaalladha hiriyaa koo

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Utuu naaf hindhagayin
Firrikoo gamaanaa fi gamaa
Bakka rakkoo kiyyaatti
Situ dursee argama
Aantiidhaafi obbolaa koo
Dursitee natti siqxa
Caba koo naaf dhidhiibdee
Dhiiga koo narraa dhiqxa
Kaasuu keetti na fuutee
Qabdee lafaa na kaasta
Dugda keetti na baattee
Bowwaa keessaa na baafta
Gaafa guyyaaa gammaachuu
Wajjiniin nyaannee kolfaa
Gaafa guyyaa dhiphinaa
Kan dhukkubaa fi golfaa.