Tarree Ciigoo Oromoo
đŽđđđđđđđđ đđđđđđđ
| Ciigoo | Sabbooqoo | Sorgoo | Sookoo |
|---|---|---|---|
| Nuu sifoofnaan hunduu nyaachuu maal qabaree Garuu garuu hunda caala kan barbaree. |
kan barbaree | Nyaanni barbaree qabu nimiâaawa | Kan bara beeku hunda caala |
| Miâa baate malee ofii nama hin hubuu Bakka geessu hin beeknuu inni abbaa hin qabuu. |
abbaa hinqabu. | Mini/meeshaan sun kan eenyu akka taâe hin beekamu/ | abbaan isaa dhalche hin beekkamu |
| Hojjaa hin bulchiinaa mee fixaa bayeessaa Waayaas mimiiccadhaa bareechaa addeessaa. |
Addeessaa | sirriitti qulqulleessaa miiccaa | galgala taâullee Addeessi jira |
| Daadhiis taâe farsoo hundarraa of eegaa Qulqulluu bishaanii isa wayya dhugaa. |
isa wayyaa dhugaa | bishaan dhuguutu filatama | haqa ( dhugaa) wayyaa |
| Osoo waa hinnyaatin torban guute agabuu Hojjedhee akka hinnyaanne anuu quba hinqabu. |
quba hinqabu. | qaamni koo hirâuudha | Odeeffannoo hinqabu ( hindhageenye) |
| Cululleen saamtuudhaa yaada hinqabdu fayyaa Ani ishee hineeguu sinbirallee wayyaa. |
Ciigoo : sinbirallee wayyaa | Cululleerra sinbirroo wayya | Isin wajjin ( isin bira wayya) |
| Ani buna hindhugu garaa kutaadheera Buna kee lammaffaa egaa kakadheera. |
lammaffaa | Buna barakaa hindhugu | natti hindeebiâu |
| Yeroon ani xiqqoo hawwii koo kan ture Amma naaf guddattee magaalaa Naqamte |
Naqamte | Magaalli Naqamtee guddatte | magaala keessatti naqamte |
| Ishiin si jaalatti ati maa jibbita Intala ulfeessi yaa gurbaa ulfaataa |
ulfeessi | kabaji | Ulfa godhi |
| Yoo facaasuuf lafa babbaqse Balleessumaaf jedhee ija qabee cabse |
Ija qabee cabsuu | arge | |
| Hojjettee hin-nyaattuu duraan maaliif hatta Abbaan sangaa dhufee amma akkam kee taata? |
abbaan sangaa | Nama sangaa qabu | dhukkuba abbaa sangaa jedhamu |
| Asis jenne godaas hinarganne. Ishee qarree gamaa gaafadhaa jedhamne. |
qarree | Ishee gama jirtu | durba |
| Aadaa osoo beektuu fuullee namaa kaatti Kaleessa hinhafnee harâas kunoo nidhufti |
Nidhufti | Har'as deebitee dhufte | Dhuufuu dhuufte |
| Bara baraan kan dhageenyu sirbumasaa Nimiidhagaa afaan isaa |
afaan isaa | dubbiin/qooqni isaa ni bareeda | |
| Kan akkas bariidhaan kaate Mucaan sun simbira taatee. |
simbira taatee | Gosa hallatti-simbiraa | Isiin bira dhuftee |
| Erga bokkaan roobee caamee Namni loolaan dhume. |
Loolaan dhume | Namni lolaa roobaatiin miidhame | Namni Waraanaan dhume |
| Silaa raammoo miti yoom bahee mulâataa Suuta suuta jedhee gurra nama nyaata. |
|||
| Maaluma haataâuuf kana funaannattaa Mana kanaa baasaa eenyu fedha gataa |
|||
| Gurraaf taati jettee meetii gabaa bittee Isallee hanqattee lafa teessee haftee |
Dubbiin kaleessa sanumaa Gurbaa dubbichii dhuguuma