Taaksonoomii ykn xinramaddii

Wikipedia irraa

Taaksonoomii ykn xinramaddii[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Akka sirna ramaddii ammayyaatti, orgaanizimoonni hariiroo uumamaa qaban irratti hunda’uudhaan sadarkaalee gulantaawwan adda addaatti ramadamanii jiru. Sadarkaaleen ramaddii kun gulantaawwan torbatu jiru. Isaanis, Mootummaa, Murna, Gita, Oordarii(citagtaa), Warra, Qacceefi Sanyiidha. Sadarkaaleen gulantaawwan ramaddii kun tartiibaan xiqqaa irraa gara guddaatti (Sanyii irraa gara Mootummaatti) yookiin immoo guddaa irraa gara xiqqaatti (Mootummaa irraa gara Sanyiitti) tartiibessuun ni danda’ama. Fakkeenyaaf, guddaa irraa gara xiqqaatti.

Mootummaa- ramaddii orgaanizimootaa keessatti sadarkaa guddaafi bal’aa ta’eedha. Mootummaan gulantaa olaanaafi kanneen hafan mara ofjalatti haammata. Fakkeenyaaf, mootummaan biqiltootaa, biqiltoota hunda ofjalaa qaba. Mootummaan fangasootaa, fangasoota hunda of keessaa qaba.

Murna- murni mootummaatti aanee kan argama.

Gitawwan walfakkaatan murna tokko jalatti ramadamu. Fakkeenyaaf, gitni qurxummiilee, amfiibiyaanotaa, reppitaayilootaa, allaattiwwaniifi hoosiftootaa murna kordaataa jedhamu jalatti ramadamu. Gita- gitni oordariiwwan amaloota walitti dhiheenya qaban ofkeessatti hammata.

Oordarii/ citagitaa- oordariin warra adda addaa amaloota walitti dhiheenya qaban ofkeessatti hammata.

Warra- warri qacceewwan amaloota walfakkaataa qaban ofkeessatti hammata.

Qaccee-qacceen sanyiwwan amaloota walfakkaataa qaban kan ofkeessatti hammatudha. Fakkeenyaaf, leencaiifi qeerransi qaccee tokko jalatti ramadamu. Qacceen isaanii Paanteraa jedhama.

Sanyii- sanyiin sadarkaa ramaddii keessaa isa xiqqaa ta’ee bu’uura taaksonoomiiti. Sanyiin orgaanizimoota akaakuu tokkoo wal irraa horuu danda’aniifi dhalattootni isaaniis itti fufiinsaan kan walhoruu danda’anidha. Fakkeenyaaf, nama, leenca, birbirsa, waddeessaafi kan kana fakkaatanidha. Walumaagalatti sadarkaa mootummaa irraa gara sadarkaa sanyiitti yommuu deemamu wal-fakkeenyi orgaanizimootaa dabalaa adeema.