Jump to content

Summuugamuu

Wikipedia irraa
Summuugaa'uu

Gaasotni faalkaalee wantootaa keessaa isa tokko ta’ee, suudotni isaanii baay’ee walirraa fagatanii argamu. Gaasotni salphaatti summuugamu. Suudotni faalkaa gaasii keessatti argaman walirraa fagaatanii jiraachuu isaanirraa kan ka’ee, waliiwalii isaanii wal hin harkisan. Faalkaa gaasii irratti dhiibbaan yoo dalagaa’e, suudotni isaa dhiibamanii walitti dhufuun bakka xiqqoo qabachuuf dirqamu. Walumaa galatti dhiibbaan alaa yoo irratti dalagaa’e, dhiibamanii walitti dhufuun bakka xiqqoo qabachuun suudota faalkaa gaasii summuugamuu (Compression) jedhamuun beekama.