Jump to content

Sirna hargansuu

Wikipedia irraa

Sirna hargansuu ykn sirna fiilaa( Afaan ingiliziin:The respiratory system) sirna lubbuu qabeeyyiin gaggeessuu kessaa isa tokko ta'ee kan qilleensa qulqulluu (oksijiinii hedduminaan of-keessaa qabu) gara keessaatti ol-fudhachuufi qilleensa xuraawaa (kaarboondaayoksaayidii hedduminaan of-keessaa qabu) gara alaatti baasuuf tajaajila. Caasaaleen sirna hargansuu qaawwota funyaanii, gola funyaanii, Qoonqoo, saanduqa sagalee (laarniksii), ujummoo qilleensaa (tiraakiyaa)fi somboota lama yoo ta’an sombi Qolka qillensaa ykn domokkee (biroonkaayii), Birkii Qillensaa ykn Bikkokkee (biroonkiyoolsii) fi afuuffeewwan qilleensaa (alviyoolaayii) of-keessatti hammata.

Sirni hargansuu qilleensa gara keessatti ol-fudhachuufi gara alaatti gadi baasuuf nugargaaruun alatti faayidaalee biroos qaba. Isaanis: 1. Qilleensi qulqulluu somba akka gahu godha: rifeensi funyaan keessatti argaman qilleensa alaa seenu keessaa dhukkeefi jarmoota calaluun hambisu. 2. Sochii qilleensaa (hargansuu) dhaabbataa uuma: qubeelaawwan morgaa ujummoo qilleensaa irra jiran ujummoon kun yeroo hunda banaa ta’ee akka turu eegu. Sababa kanaaf hargansuun gufannaa malee adeemsifama. 3. Oksijiinii qaamotaaf dhiheessa: qilleensi erga somba gahe booda wal-jijjiirraan qilleensaa afuuffeewwan qilleensaafi ujummoolee dhiigaa(kaappilaroota) gidduutti gaggeeffama. Haaluma kanaan oksijiiniin afuuffee qilleensaa keessaa gara ujummoolee dhiigaatti (kaappilaroota) dabruun qaamotaaf raabsama.

Funyaani fi Gola Funyaanii

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Funyaan qammoolee ala funyaanii kaasee hanga Qoonqoo hammata.Funyaa qaamoota keessoo fi alaa qaba. qaamoonni alaa funyaanii kan jedhaman kannen akka Sulula funyaanii(bridge), Bantii funyaanii(apex nasi), kolaa funyaanii(ala nasi) fi Qaawa funyaanii(nostrils). Qaamoolee kessoo funyaanii ykn Gola funyaanii(nasal cavity) kanneen akka Galloo funyaanni(nasal septum) kan funyaan kan gola funyaan keenya bakka lamattii qooduu; fi Holqa funyaanii ykn Hallayyaa funyaanitti (nasal fossa) fadha. tokkoon tokkoon holqa funyaanii fuulduraan karaa qaawwa funyaaniin(nostrils), duubaan immoo karaa uraa funyaanii(nasal aperteres) gara Funyaagaan ykn Funyoonqoon (nasopharynx) geessuutti banaadha.

Gola funyaanii kessattii qilleensii fuudhatamuu osoo somba hin gahin buheeffamee (hoo'ifamee),qulquleeffame, jiffama.Lubbiyyooleen nyaree(goblet cell )fi xannachootni furrii gola funyaanii keessa jiran furrii uumuun qilleensa afuura fudhatamu keessatti dhukkeewwan fi dhuukuba fiddoota kanneen akka baakteriyaa, jarmootaa ofitti maxxansanii qabuun akka qilleensii qulquulluun galuu taasiisa. Rifeensee(cilia) ;- caasaa rifeensa fakkatu ruqoolee gara Qoonqootti dhufan kiyyeffachuun gara ifduubatti deebisa. Gola funyaanii gama olii keessatti Siphisoo ykn simaattuu miira funfannaa( Olfactory) kan foolii addan baasuu fi funfachuuf nu gargaaruuttu jira. holqee Ykn saayinasii (sinus) iddoo banaa naannoo holqa funyaaniin duuba agamuudha. saayinisii ykn kishiinii funyaanii dhukkuba fiddootaan (paatojeenootaan) qabamee dhukkuba saayinisii ykn dhitta'inna holqee jedhamu  fida.Dhukkubni saayinasii ykn dhitta'ina holqee kan uumamu yeroo furriin huguggee ykn meembiranii keessatti dhangala’u dhiita’ee holqee(sinus) cufamedha

Qoonqoo(pharynx)

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Nyaataa fiqillensa dabarsuuf gargaara.uraa funyaanii(nasal aperteres) fi Sanduuqa sagalee (larynx) giddutti argama.

Sanduuqa sagalee (larynx)

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Ujummoo qillensaa (trachea) fi Qoonqoo(phrynx) walqunnamsiisa.Sanduuqni sagalee caasaalee akka Lummaa(adams'apple), hutuu (glottis), Cufokkee (epiglottis) fi funyoo sagalee (vocal cords)

of kessatti hammata. Sanduuqni sagalee qilleensa sombaa kessaa ol bahuu, funyoo sagalee irra dhaqee sagalee dubbii akka kennuudhaaf qajeelcha.

Ujummoo Qileensaa(Trachea)

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Tiraakiyaan, ujummoo qilleensaa jedhamuunis kan beekamu, ujummoo morgaa kan sanduuqa sagalee fi Qolka qillensaa (biroonkaayii) sombaa walitti hidhu yoo ta’u, qilleensi akka darbu kan taasisu yoo ta’u, kanaaf bineensota harganan hunda keessatti argama. ujummoon qileensaa  sanduuqa sagalee irraa diriiree gara Qolka qillensaa (biroonkaayii)   lamaan ttii qodama. Gubbaa ujummoo qillensaa irratti margaa qubeellaawaa sanduuqa sagalee irratti maxxane. Ujummoo qileensaa kan uumamu morgaawwan boca kophee fardaa qabaan baay’eedhaan, kanneen ligamentii ykn maceera olka’aa ta’aniin  walitti hidhamanii fi maashaa tiraakiyaa dhuma isaanii irratti argamuun kan uumamu dha.

Qolka qillensaa (biroonkaayii/biroonkiin)

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Ujummoon qillensaa jechuun karaa ykn ujummoo qilleensaa ujummoo sirna hargansuu keessatti qilleensa gara sombaatti geessudha. Qolka qillensaa (biroonkaayii) jalqabaa fi guddaan ujummoo sirna hargansuu keessatti argamu tiraakiyaa yoo ta’u, innis damee gara Qolka qillensaa (biroonkaayii) gurguddoo lamatti kan qodamuu yoo ta’u, Qolka qillensaa (biroonkaayii) guddaan mirgaa fi Qolka qillensaa (biroonkaayii) guddaan bitaa, Qolka qillensaa (biroonkaayii) gurguddoo lamaan jedhamuunis beekama. Qolkootni qillensaa (biroonkaayii) lamaan kun naannoo handuura sombaa jedhamutti somba keessa waan seenaniif Qolki qillensaa keessaa bal’inaan kan argaman yoo ta’u, sana booda tokkoon tokkoon biroonkiin biroonkiin sadarkaa lammaffaa xixiqqoo daayameetira qabanitti qoodamu isaanis dabaree isaaniitiin hanga biroonkii alveolar, fi alveolar kanneenitti qoodamuu itti fufu biroonkiin dabareedhaan qooduun biroonkiin kutaa ykn biroonkiin kutaa kenna. Qoodinsi kan biroonkii kutaa booda uumamu biroonkii kutaa tartiiba afraffaan, tartiiba shanaffaa fi tartiiba ja’affaa jedhamuun beekama, ykn maqaa tokko, biroonki kutaa xiqqaa jalatti walitti gurmaa’uu danda’u. Biroonkiyoolonni baay’ee dhiphoo ta’anii fi tishuuwwan kaartilaajiitiin deeggaramuu hin dandeenye biroonkiyoolota jedhamuun beekamu. Jijjiirraan gaazii biroonkii keessatti hin raawwatamu.