Sirna-Biiftuu

Wikipedia irraa
Giraafiksii Sirna Biiftuu (madaltoo qabatamaa irratti kan hin hundoofne) kan Biiftuu, Lafjoo keessaa, girdoo asteroyidii, pilaaneetota alaa, girgiddaa Kuiper, Pilutoo (kanaan dura pilaaneetota jedhamanii ramadaman), fi koomeetii agarsiisu.

Sirni biiftuu kan uumame akka yaada hiddama saayinsii ammayyaatti sochii gaazotaa, duumessaafi dhukkee adda addaa irraa akka ta’e ni ibsa. Adeemsi sochii kana keessatti qaamni gara alaa jiran lafjottii kan geeddaraman yommuu ta’u qaamni gara keessaafi rukkina cimaa qabu gara biiftuutti jijjiirame jedhameeti amanama. Biiftuun handhuura sirna biiftuu keessatti argamti. Sirni biiftuu erga uumamee kaasee waggoota biiliyoona 4.6 ta’a jedhamee yaaddama. Sirna biiftuu keessatti lafjoonni saddettaan daandii / oorbitii/ marsoo jedhamu irra biiftuu naanna’u. lafjoonnii saglan fageenya Biiftuu irraa qabaniin dhihoo irraa gara fagootti yoo tarreessinu Meerikurii, Veenusii, Lafa, Maarsii, ( pilaaneetota dhagaa ), Juppitarii, Saatarnii, Uraanusii, Neeptuunii( gurguddoon gaazii ). Qaamman biroo sirna biiftuu keessatti argaman immoo saatalaayitoota(Batolchee), asteerooyidootaa(Qaam-caccaboo), koomeetotaa(qorsaaa)fi meetiyoorota(dhagaramaa/fufurgisa) fa’a. Saatalaayitoonni qaamman sirna biiftuu keessaa kan pilaanetoota naanna’an yommuu ta’an qorsaawwan, Qaam-caccaboo fufurgisa qaammaan sirnicha keessatti biiftuu naanna’anii dha. .

Biiftuun qaamolee sirna biiftuu keessaa bu’a qabeessa kan taateedha. Sababni isaatiis hoo’aafi ifa waan kennituufi. Osoo biiftuun hinjiraanne ta’ee, lafti baay’ee waan qabbanooftuuf lubbu qabeeyyiin irra jiraachuu hindanda’an ture. Biiftuun Sirna biiftuu keessaa qaama baay’ee guddoodha. Kunis 99.86% taati. Biiftuun urjiilee jiran keessaa lafatti baay’ee dhiyaattee kan argamtuufi l a f a i r r a a fageenya 150,000,000 Kiiloo meetira ta’u irratti argamti. Urjiin fageenya lafa irraa sadarkaa lammaaffaatti argamtu Alfaaseencharii jedhamti. Caarallaan ifa aduu irraa ka’ee lafa gahuuf hamma 8 daqiiqaa ta’u itti fudhata. Biiftuun qaama gara alaa ishiitiin hoo’a hamma 6000ºc kan maddisiiftu yoo ta’u qaama ishii gara keessaatiin immoo hamma 13,000ºc maddisiisti. Waytii halkanii urjiileen baay’een nimul’atu garuu, guyyaa guyyaa hinmuldhatan. Kunis kan ta’eef urjilee biroo irra biiftuun lafatti dhiyaattee argamuu ishii irraa kan ka’e ifti maddisiistu kan urjilee biroo caalaa muldhata left|th mb|256x256px| Biiftuu

Lafjoo[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Lafjoo qaamman sirna Biiftuu keessatti biiftuu naanna’aniidha. Lajoonnii hundinuu biftuu irraa fageenya adda addaa irra kan jiraniifi orbiitii(marsoo) mataa ofii qabu. Marsoon daandii yaadaa boca killee qabuufi kan lafjooleen irra biiftuu naanna’aniidha. marsoo pilaanetootaa hunduu walirra hinbu’an. Biiftuun humna harkisaa qabduun lafjoolee gara ofiitti harkifti. Humni harkisa biiftuu kun humna gara keessaa yookaan humna seentiriipetaalii jedhama. Humni faallaa kanaa ta’ee lafjooleen harkisa walirraa qaban kun immoo humna gara alaa yookiin humna seentiriifugaalii jedhama. Humnoonni kunniin lamaan humnoota walqixaafi faallaa walii yommuu ta’an lafjooleen akka orbiitii isaanii osoo gadi hindhiisin biiftuu naanna’an gargaara. Lafjooleen ifa mataa isaanii hin qaban. Garuu ifa biiftuu irraa argatan calaqqisiisuu danda’u. Lafjoolee keessaa Veenusii (bakkalcha) malee kan hafan ijaan urjiilee biroo irraa gargar baasuun arguun rakkisaadha. Bakkalcha ganamaafi galgala ijaan ilaallee urjiilee biraa irraa adda baasuun nidanda’ama. Pilaanetootaafi urjiilee gargar baasanii beekuuf meeshaa teleeskooppii jedhamutti fayyadaman.

Juupitaar, lafjoo guddaa gaazii fi lafjoo guddaa sirna aduu keessatti beekamtu.

Lafjoo xixiqqoo (dwarf planets)[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Fakkiin Eris, pilaaneetii xiqqaa beekamaa ta'e agarsiisa.

yeroo ammaatti Lafjoo xixiqqoo jalatti ramadamanii kan beekaman shaniidha. Isaanis; seerees, puluutoo, haawmiyaa, makmakeefi eeris jedhamuun waamamu. Seerees kan argamu gidduu maarsii fi juuppitariitti sabbata astirooyidii(Qaam-caccaboo) keessatti yoo ta’u, kan hafan afran immoo neeptuuniin boodatti aduurraa fagaatanii argamu. Wantoon tokko lafjoolee xixiqqoo jedhamuuf ulaagaan waldaa astiroonoomii addunyaa kaahe guutuu qabu. Ulaagaaleen kunniin;

• Aduurra naanna’uu qabu,

• Hanga boca isaanii murteessuu danda’u kan qaban,

• Oorbiitii mataa ofii murtaa’aa ta’e kan hin qabneefi

• Addeessota kan hin ta’iniidha.

Seerees

Diyaameetiriin ishee 950km.Teempireecharri dirra seerees -105o C

Pilaaneetii diwaarfii aduutti hiiqxee argamtuudha.

• Addeessa hin qabdu.

• Altokko aduurra naanna’uuf waggoota 4.6 itti fudhata.

• Lafjoo xixiqqaa yeroo jalqabaaf Doonii hawaa keessa adeemuun daawwatamteedha. • Seerees sakondii tokkotti hanga ishee keessaa 6kg sababa hurkaatiin dhabdi. • Hanga sabbata astirooyidii keessaa tokko sadaffaa gumaachiti.

Wabiiwwan[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Kitaaba barataa hawaasaa kutaa 7 Fi saaayinsii waliigala kutaa 8 Small textSmall textSmall textSmall textSmall textSmall textSmall textSmall textSmall textSmall text