Seenaa
Mayyuu Gammoojji qa,ee seena Lafa seena-qabeettii mayyuu!
Gaafa qa'ee gammoojji yaadan buunu sochii qabsoo hidhannoo nu dura dhufaa, qaanqee qabsoo bilisummaa akka hangasuu nuti ifee mul'ataa. nama fi sa'aan warra bu'uura tahee hunda yaadan irraa naanna'uu feena. seenaa qabsoo bilisummaa keessatti qa'ee hunda dursee qabsawoottaa hirirsee, hegeere dhalotaa ammoo Qajeelfama diriiraa godhe sochoosuu jalqabe qubsumaa dabbal duuba kana jechuu dandeenyaa. qaanqee qabsoo bilisummaa achitti biqilee. manguddoon ta'e haasa'uu isaanii wa'ee qabsoo Coollee Anniyyaa, Katabee Mayyuu dubbattuu qunnamtaa. ijjoollee ammoo isaani jechoota warraaqsattiin muka gubba iyyituu dhaggeysaa, yeroo kanaa hidda qabsoo bilisummaa tahuu qofa hubachuu dandessaa!
Mayyuu qa'ee jajjabaa diina itti kufee fi lafa lafee gootota itti cabxee qofa osoo hin taane warra seenaa beekuu birattii ammallee dhiiga waregamtoota qabsoo bilisummattii lafa diimate nuti mul'ataa. waregaama Ayyaantuu dagaa fi Aneeysoo waaree faa garaa nu yaadata. Magaalaan Huusee magaalaa seena-qabeettii handhuura qabsoo bilisummatti. Qa'ee gootota akka Katabee Mayyuu, Dalool Mayyuu, Jaal Futtaas,kullani boruu, boonsisoo boona, Sayyid Maaruuf, Xalaha Ahmad bakar, Sayyid Kamaalii fi Khabiir Turroo faadha. gaafa dahoo qabsoo dubbannu ammoo waa'ee qabsawoottaa dubbachuuf dubbii dirqitte itti nu naqaa malee miseensumaa paartii Siyaasaa fudhachuu jechuu miti. lafa fi lafeen seenaa qaban!kanaaf yoo dubbannu onaa qabsoo fi namaa qabsoo adda baafne seenaa isaani barressuun dirqama dhaloota jirutti jennaa! Sabni tokkummaa qabu ni mo,a!