Robart Mugaabee

Wikipedia irraa
Gara kallatti ce'i Gara barbaadutti ce'i

Roobert Gabreel Mugaabee (A.L.A Gurraandhala 21, 1924 - ) pirezedaantii Zimbaabuwee duraanii filannoo eerga kolonii jalaa bahan godhame mo'uun bulchaa jalqabaa taheedhe.

Seenaa duubaa[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Gurraandhala 21, 1924 maatii hiyyeeyyii shoonaa irraa kibba dhiya Roodeeshiyaa, Kutaama jedhamutti dhalate. Barnoota isaa kolleejjii kutaamaatiif kan yuunvarsiitii Foort-haareetti barateen booda, manneen barnoota biyyoota Gaanaa kibbaaf kaaba Roodeeshiyaa barsiisaa tureera. Kolonii biyyoonni adiin Zimbaabuwee irratti godhan mormuun mirgi abbaa biyyummaa Afrikaa kabajamuu qaba jechuun, warra qabsaa'ee faranjiii lole keessaa tokko ture. Kanaafuu waggoota kudhan mana hidhaatti dabarsuun, erga achii gadi-lakkifameen booda gara Mozaambiikittii baqachuun paartii Izaanuu jedhamtu hundeesse. Filannoo Zimbaabuwee kan bara 19 saddeettamoota keessa godhame mo'uun bulchaa Zimbaabuwee kan jalqabaa ta'uu kitaabni isaa, 'The Dinner with Mugabe' jedhu ni mul'isa. Rooberta Mugaabee ergii du'ee waggaan lamaan booda awwaalli isaa diigamuun akka haaraatti awwaalamuuf jedhan.

Waa'ee falmisiisoo[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Namni kun Afrikaa jabduu jaalata. Warra adiif gadi hin jedhu. Jechoota faranjiif nadheen tuttuqan illee ni darbata. Barnootallee digirii torba qaba. Waggoota 37 oliif Zimbaabuwee bulchaa kan ture yoo ta'u, warroota aangoo akka haadhaatti jaalatan jedhaman keessaa sadarkaa duraa irratti yaamama. Bara 1945-60 tti manneen barnootaaf kolleejjii garaa garaa barsiisaa tureen booda, 1960 barnoota iskoolaar shiip argachuun gara biyya Ingiliiziitti imale. Achitti Paartii Biyyaalessa Afrikaa (African National Congress) tti makamuun marii hayyoonni Afrikaa irratti yaada kennan irratti argamuun qooddachuu jalqabe. Haasaa warra sooshaalistii jabduu jaalata. Maatama Gaandii immoo akka fakkeenyaatti fudhata. Sababbii ijoolluummaarraan kan ka'e, 'Faranjii lubbuun jirtu dhiisii, kan duutellee hin amanu' jedha. Mugaabeen siyaasaa caalaa barnootaaf nama iddoo guddaa qabu ture. Aangoo argachuun dura jechoota jibbisiisoo dubbatte jedhamee qabamee hidhamuun, mannee hidhaa gurguddaa sadii keessatti nama hidhameedha. Manneen hidhaa kana keessattis Mugaabeen barnoota akka Ingiliffaa fi Herreegaa nama barsiisaa turedha jedha seenaan isaa. Namoonni hedduun hayyuu jaare ganna 95 biyya bulchuu hin danda'u yoo jedhanii qeeqan, innimmoo 'Ani dhiira duulaati, yoo barbaaddan biyya bulchuu mitii durba guntutaayyuu hafuura kuttee raffisa' jechuun dhaadachaa ture. Jechoota isaa keessaa waa'ee adiif gurraachaa irratti waan inni dubbate waan nama ajaa'ibu garuu yeroo hundaa gaafan mana fincaanii deemu waraqaa adii waanan fayyadamuuf, baay'ee natti hin dhaga'amu. Waa'ee dubartootaa irratti hoo maal jedha? Utuu dubartoonni hanga qorichi HIV/AIDS argamutti wal- quunnamtii saalaa hin goonu jedhanii didaniitii, dhiironni guyyaa soddoma keessatti argatu.

Wabii[gulaali | lakkaddaa gulaali]