Qurcii

Wikipedia irraa
Qurcii
Qooqodama fi ooddefanoowan aalaa walqabatan
A 24-year-old man from Norway, infected with leprosy, 1886
A 24-year-old man from Norway, infected with leprosy, 1886
A 24-year-old man from Norway, infected with leprosy, 1886
ICD/CIM-10A30 A30
ICD/CIM-9030 030
OMIM246300
DiseasesDB8478
MedlinePlus001347

Qurcii, akkasumasdhukkuba “Hansen” (HD)jedhamuun kan beekamu, kun chronic dhukkuba karaa baakteeriyaa nama qabuudha Mycobacterium leprae[1] fi Mycobacterium lepromatosis.[2] Jalqaba irratti, dhukkubichi mallattoo dhukkubbii tokko malee waggoota 5 anga 20 itti akkanumatti tura. [1] Mallattoowwan uumaman granulomas kan narvootaqaama afuura baafannaa, gogaa, fi ija irratti argamani. [1] kunis sababa qaamni adoodu fi dhukkubbiin hin dhaga’amneef jecha madaa walitti aansee uummamuun ciccituun qubeenii, funyaan fi qaamoole gara biraa irratti uummama. [3] Dadhabbii fi sirriitti arguu dhabuunis ni uummama. [3]

Gosawwan dhukkuboota bifa lamaa baay’ina baakteeriyaa argamee irratti hundaa’a: “paucibacillary” fi “multibacillary”. [3] Gosawwan lamaan kun kan addaan ba’an baay’ina xiqoo kan faca’e, gogaan bifa adda ta’ef adoode argamu, “paucibacillary” shan ykn sanaa gadii fi “multibacillary” shan caalu waliin argama. [3] Qorannaan isaa kan mirkanaa’u acid-fast bacilli gogaa bakka dhukkubsate keessaa ykn kara “DNA” argachuudhaan polymerase chain reaction isaa ilaludhaan ta’a. [3] Dhukkubni kun baay’inaan kan beekkamu warra hiyyummaa keessa jiraatan biratti si’a ta’u kan tamsa’us karaa dhangala’aa qaama afuura baafannaa keessaa ba’uun akka ta’e amanama. [3] Garuu waan baay’ee wal tutuquudhaan darbu miti. [3]

Quriin dhukkuba yaalidhaan fayyuudha. [1] Yaaliin dhukkuba gosa qurcii “paucibacillary” tiif qorichawwan dapsone fi rifampicin ji’oota ja’aaf fudhachuudha. [3] Yaaliin gosa qurcii “multibacillary” tiif rifampicindapsone, fi clofazimine walitti ji’oota 12 fudhachuudha. [3] Yaliiwwan kun karaa Dhaabbata fayyaa addunyaa tola/bilisa kennamu. [1] Qorichoonni baakteeriyaaf kennaman kan biroo baay’eenis fayyadamu malu. [3] Sadarkaa addunyaatti bara 2012, namoonnii dhukkubichaan qabamanii turan 189,000 si’a ta’an haaraa kan qabaman immoo 230,000 turan. [1] Baay’inni namoota qabamanii dhukkubicha waliin jiraachaa turanii bara 1980 miiliyoon 5.2 kan turerraa gadii hir’achaa dhufeera. [1][4][5] Dhukkubichaan haaraa qabamaa kan jiran biyyota 16 keessatti si’a ta’u kana keessaa Indiyaa keessatti kan qabaman harka wadhakkaa ol ta’u. [1][3] Waggoottan 20 darbanitti namoonni miiliyoona 16 sadarkaa addunyaatti qurciirraa fayyaniiru. [1]

Qurciin waggoottan kumaatamaaf nama miidhaa ture. [3] Dhukkubichii maqaa kana kan argate jecha Latin lepra, jechuun waan jabaataa "scaly", si’a ta’u jechi "Dhukkuba Hansen" ogeessa fayyaa Gerhard Armauer Hansenirraa moggaafame.[3] Namoota qooduun/ofirraa fageessun leper colonies ammallee biyya akka Indiyaa keessatti, kan kumaatama caalan irratti; [6] Chayina keessatti, namoota dhibbatamaan lakkaawwaman irratti; [7] fi Afrikaa keessatti. [8] Ta’us, qoodinis bakka baay’etti dhaabbateera. [8] Qurciin Qoodinsa hawaasummaa waliin seenaa duubaa dhufeen wal qabata, [1] kunis dhukkubsattoonni dursanii akka hin bakkesifannee fi dafanii yaalii hin arganne godhaa jira. Guyyaan qurcii addunyaa warra qurciidhan miidhaman biratti ubannoo uumuuf bara 1954 irraa eegale. [9]

Maddawwan[gulaali | lakkaddaa gulaali]

  1. 1.00 1.01 1.02 1.03 1.04 1.05 1.06 1.07 1.08 1.09 "Leprosy Fact sheet N°101". World Health Organization. Jan 2014. 
  2. "New Leprosy Bacterium: Scientists Use Genetic Fingerprint To Nail 'Killing Organism'". ScienceDaily. 2008-11-28. Retrieved 2010-01-31. 
  3. 3.00 3.01 3.02 3.03 3.04 3.05 3.06 3.07 3.08 3.09 3.10 3.11 3.12 Lua error in package.lua at line 80: module 'Module:Citation/CS1/Suggestions' not found.
  4. "Global leprosy situation, 2012". Wkly. Epidemiol. Rec. 87 (34): 317–28. August 2012. PMID 22919737. 
  5. Rodrigues LC, Lockwood DNj (June 2011). "Leprosy now: epidemiology, progress, challenges, and research gaps.". The Lancet infectious diseases 11 (6): 464–70. PMID 21616456. doi:10.1016/S1473-3099(11)70006-8. 
  6. Walsh F (2007-03-31). "The hidden suffering of India's lepers". BBC News. 
  7. Lyn TE  (2006-09-13 ). "Ignorance breeds leper colonies in China ". Independat News & Media . Retrieved 2010-01-31. 
  8. 8.0 8.1 Byrne, Joseph P. (2008). Encyclopedia of pestilence, pandemics, and plagues. Westport, Conn.[u.a.]: Greenwood Press. p. 351. ISBN 9780313341021. 
  9. McMenamin, Dorothy (2011). Leprosy and stigma in the South Pacific : a region-by-region history with first person accounts. Jefferson, N.C.: McFarland. p. 17. ISBN 9780786463237.