Qaranbullee Bantii
Addunyaa tanarra Sanyiiwwan Biir heddutu jiru. barruu tana keessatti isa Polaar Biir ykn ammo Sea Biir jedhamu waliin daaw’anna. Polaar Biir uumama akkaan guddaa naannawwa cabbii Arkitiik jiraatu keessaa isa tokko. Biifti isaa akkuma cabbii san adiidha. Poolar Biir yeroo isaa hedduminaan cabbii irratti dabarsa. Yeroo barbaadetti bishaan keessallee daakuu ni danda’a. jireenyi isaa, cabbii irratti kan bu’uurawe ta’us, har’aan tana garuu rakkoo hamaa keessa jira. cabbiin bantii kaabaa fi kibbaatti argamu baqutti jira. kun ammoo jireenya isaatiif heddu rakkisaadha.
Polaar Biir hanga meetira lamaa kan dheeratu yoo ta’u, kormaan isaa haga kilograama 600 ulfaata. dhaltuun ammoo walakkaa warra dhiiraati. Isiinis kilograama 300 ulfaatti. Kuntaala 3 fi 6 jechuudha. Hoosiftoota muraasa dachii akkaan dilallaawaa, kana irra jiraatu keessaa isa tokko. Rifeensi gogaa isaa irratti argamu, haala qilleensaa wajji wal simsiifamee toochaa tahee kennameef. Akkasumas hoo’a aduu irraa argamu ufitti fudhatee gara gogaa qaama isaatti dabarsa. Bineensi kun miila jalaallee rifeensa qaba. Rifeensi miila jalaa kunis yeroo cabbii irra deemu akka itti hin qabbanoofne godha. Akkasumas wayta bishaan keessa daakuu rakkoo takkaan malee akka sololi’u isa gargaara. Polar Biir Sanyiiwwan Biir jiran keessaa morma dheeraa qaba. Kunis wayta bishaan keessa daaku morma isaa bishaan keessaa olqabatee naannoo isaa to’aachuuf isa gargaara
Polaar Biir hedduminaan biyya kaanaadaa keessa jiraata. Lakkoofsaan xiqqaatus naannoowwan cabbii Greenland, Alaaskaa, Svalbard fi Russia keessattis ni argama. Lakkoofsi bineensa kanaa xiqqaataa akka jiru himama. Sababa hoo’a addunyaa (Global Warming) irraan kan ka’e, cabbiin jireenya isaatiif mijaawu baqee gara bishaanitti makamaa jira. kun ammoo Polaar Biir eddo kireenya akka dhabu isa godha.
Polaar Biir kopha kophaa jiraata. Cabbii deemsaaf heddu rakkisu sanirra bineensi kun sa’aatii takkaan Kilomeetra 40 fiiguu danda’a. Bishaan keessas sa’aa takkaan Kilomeetra 10 daakuu danda’a. Soorataaf waan isa barbaachisu bishaan keessaa fi cabbii irraa argata. Laga keessaa yoo waa adamsu daqiiqaa lamaaf bishaan jala turuu danda’a. wayta bishaaniin ala waa adamsu ammoo mala lama fayyadama. Inni duraa bineensa adamsu san ari’ee qabatuu yoo ta’u, kan lammataa ammoo boolla qotee haga bineensi adamsamu dhufutti boolla san keessa sa’aa dheeraaf turuun eeguudha.
Bineensi kun hedduminaan bineensa Siil jedhamu soorata. Sababni isaas garaa guddaa san wanti guutuu danda’u akkasumas qaama isaatiif hoo’a kennuu kan danda’u isa waan ta’eef. Coomni Siil keessatti argamu qaamni Polaar Biir yeroo hunda hoo’a akka qabaatu gargaara. Bineensi inni soorataaf sadarkaa duraa irratti filatu Siil ta’us wantoota akka allaattii, raindeer fi walrus illee ni soorata.
Polaar Biir diina isa adamsu hin qabu. Garuu yeroo garii ofumaa wal adamsanii wal nyaatu. Sanyiin biir inni tokko sanyii isa biraa ajjeesuu danda’a. Akkasumas dhaltuuwwan ilmoolee ofii rakkoo tana jalaa hanbifatuudhaaf falmatu. Ilmoolee ofii qabatanii baqatu. Kanaan ala uumamni biroo kan isaanirraan rakkoo guddaa geessaa jiru ilma namaa qofa. Akkasumas hoo’i addunyaa dabaluun isaa bakka jireenya isaanii irratti dhiibbaa guddaa fidee jira. sirni wal hormaata isaaniitis akkaan harkifataa dha. Ilmooleen dafanii hin guddatan, haawwanis dafanii hin dhalan. Rakkoon kun cufti walitti dabalamee, haala amma jiru kanaan itti fufa taanaan, waggaa 30 booda sanyiin Polaar Biir dachii tanarraa dhabamuuf akka deemu qorattoonni dubbatan.
Polaar Biir bineensa kophaa jiraatu yoo ta’u, yeroo wal hormaataa garuu walitti dhufuun dirqama. Rimayni isii haga ji’a sagalii tura. Ji’a sagaliin booda haati takka ilmoo tokkoo hanga afurii dhaluu dandeessi. Ilmoolee tanniinis boolla keessatti dhalti. Ilmooleen tun gaafa dhalattu kiiloo walakkaa gad kan ulfaattu yoo ta’u, rifeensa ofirraa hin qaban, akkasumas ijaanis hin argan. Gaafa ji’a shan guutan nyaata dabalataa sooratu kan jalqaban yoo ta’u, hanga gaafa waggaa 3 guutanitti mucha haadhaa hodhan.
Warri dhala Waqtiin qabbanaawaan yeroo dhufutti boolla qotanii achi keessa galu. Hanga yeroon qabbanaa sun darbutti soorata hamma isaan barbaachisu soorataniiti hibernate godhu. Eega yeroon hoo’aa dhufeen booda bakka jiranii ka’anii sosocha’u. Boolli isaan hibernate keessatti godhan kun isa alaa wajji yoo walbira qabamu digri seentigreedii afurtamaan hoo’a qaba. Warri dhiiraa garuu waggaa guutuu osoo hibernate hin godhin turu.
Bineensi kun gogaa isaa jalaa cooma iinchii afur furdatu qaba. Inni kunis qaamni isaa hoo’aa ta’ee akka turu isa gargaara. Rabbiin keenya uumama cufaaf waan isaaf malu kenne. Naannoo qabbanaawaa cabbiin guutame san keessa hoo’a qaama ofii akka mijeeffatuuf cooma haga iinchii afur furdatu gogaa isaa jalatti uume. Sababa kanaaf dachii sanirra jiraatuu danda’e.