Maqdhaala

Wikipedia irraa

jecha iddoo maqaa bu’uun tajaajilu jechuudha. Barreeffama keessatti maqaa tokko irra deddeebi’uun yoo fayyadamne nama nuffisiisuu danda’a. Nuffii akkasii hambisuuf maqaa yeroo tokko yoo caqasne sanaan booda bamaqaatti fayyadamuu dandeenya.

Fkn. Intalli magaalli sun obboleettii tiyya. Ishiin barattuu kutaa kurnnaffaati. Jechi ishiin jedhu, bamaqaa yoo ta’u gaalee maqaa intalli magaalli jedhu bakka bu’a. Tajaajila isaa

Akaakuu Bamaqaa[gulaali | lakkaddaa gulaali]

 Bamaqaan bakka gurguddaa jahatti qoodama

1. Bamaqaa matayyaa /dhuunfaa/ramaddii (Personal pronoun) fkn. Ani, nuti, ati, isin  Haasaa namootaa bu’uura taasifata.

2. Bamaqaa ufnaa (Reflexive Pronoun ) Namni tokko ofuma isaatii waan tokko raawwachuu isaa agarsiisa.

Fkn. Abdiin of jajjabeesse.

Isheen ofiif mana ijaarratte.

3. Bamaqaa eertoo/akeektuu (Demonstrative pronoun) = fkn. Kun, sun, kana, sana

4. Bamaqaa iyyaafannoo(Introgative pronoun)= fkn. Akkamitti, eessa, kam, maal, yoom, maliif

5. Bamaqaa waliyyoo(Resprocal pronoun)

 Namoonni ykn wantoonni lamaafi isaa ol gocha isaan walirratti, waliif ,waliiniifi kkf raawwatan agarsiisa.

Fkn. Tufaafi Toltuun wal jaalatu

Nuti walumaan hojjennee waluumaan guddanna

Aniifi Abdiin kitaaba waliin barreessine.

6. Bamaqaa waliingaa/firoomsee (Relative pronoun)

 Gaalee maqaafi gaalee gochimaatti suuqamee argama.

Fkn. Barattootni warri qabxii olaanaa galmeessisan badhaafaman.

Intala ishee gurraattii sana barbaadi.