Maagneetii(loobilaa)

Wikipedia irraa
" loobilaa boca kottee fardaa ykn Hokkoo " alnico, sibiilaa irraa hojjetame. loobilaan kun boca fardaa, utubaawwan loobilaa lamaan walitti dhihoo qaba. Bocni kun dirree loobilaa cimaa utubaawwan gidduutti uumuun loobilaa sibiilaa ulfaataa akka fudhatu taasisa.

Maagneetiin ykn loobilaa ykn Quraatarkisaan cittuu sibiilaa ta’ee wantoota akka ayiranii, makaa ayiranii, niikeeliifi kanneen kana fakkaatanii kan ofitti harkisuudha. loobilaan yeroo jalqabaaf biyya Turkii magaalaa maagineezhiyaa jedhamuttii argame. loobilaan uumamaan kan jiraniifi ilma namaatiin kan tolfaman nijiru. Dhagaan liidii loobilaa kan uumamaan argame yommuu ta’u, loobilaawwan nam-tolcheen immoo namaan kan tolfaman ta’ee ayiranii yookiin laaqii ayiranii irraa tolfamu. loobilaan nam-tolcheen boca adda addaatiin oomishamu. Isaanis: loobilaa boca siliindaraa, boca piiriizimii, boca kottee fardaa, fi kanneen kana fakkaataniin argamu.

Wantoota loobilaawoofi Mit-loobilaawoo[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Wantoonni hundi loobilaan harkifamuu hin danda’an.Wantootni humni loobilaa irratti dalagaa’uu fi dalagaa’uu dhabuu isaa irratti hundaa’uun iddoo lamatti qoodamu. Isaanis: a) Wantoota loobilaawoo: Wantoonni humna loobilaatiin harkifaman wantoota loobilaawoo jedhamu. Fakkeenyaaf: ayiranii, mismaara, lilmoo, niikeelii, koobaaltiifi kanneen kana fakkaataniidha b) Wantoota Mit-loobilaawoo: Waantootni mit-loobilaawoon wantoota humna maagineetitiin harkifamuu hindandeenyeedha. Fakkeenyaaf: muka, pilaastikii, dungoo, koopparii, alumuuniyamii, warqii, dhagaa, fuulleefi kanneen kana fakkaataniidha

loobilaa Gonnonee fi loobilaa Sinsinnee[gulaali | lakkaddaa gulaali]

loobilaan amalli maagineettummaa isaa osoo hin badin yeroo dheeraaaf turuu danda’u loobilaa gonnonee jedhama. Fakkeenyaaf: loobilaa mana yaaliitti tajaajilan, loobilaa ispiikarii keessatti fayyaduufi kanneen kana fakkaataniidha. loobilaan amalli maagineettummaa isaa yeroo gabaabaaf qofa turu loobilaa sinsinnee jedhamu. Fakkeenyaaf: mismaara loobilaan rigame yeroo gabaabaaf amala loobilaa akka horatu taasisa

Amaloota loobilaa[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Amaloota loobilaa Amalootni beekamoon loobilaa akka armaan gadiitti tarreeffamanii jiru.

• loobilaan bantoowwan lama qaba. Isaanis: bantoo kaabaa fi bantoo kibbaa jedhamu. Humni loobilaa naannoo bantoowwaniitti nicima. Bantoowwan loobilaa addaan baasuun hin danda’amu, kana jechuun loobilaan bantoo tokko qofa qabu hin jiru.

• Bantoowwan loobilaa walfakkaatan lama yoo walitti dhiheessan waldhiibu. Bantoowwan loobilaa lama wal hin fakkaannee immoo wal harkisu. Inni kun, seera loobilaazimii jedhama.

• loobilaan kamiyyuu walaba ta’ee qilleensa keessatti rarra’e fiixeewwan isaa gama kallattii kaabaafi kibbaatti of sirreessee dhaabbata.