Leishmaniasis
Leishmaniasis | |
---|---|
Qooqodama fi ooddefanoowan aalaa walqabatan | |
![]() | |
ICD/CIM-10 | B55 B55 |
ICD/CIM-9 | 085 085 |
DiseasesDB | 3266 |
MedlinePlus | 001386 |
Leishmaniasis YKN leishmaniosis jechuun dhukkuba sababa prootozo’a paarasayitii sanyii Leishmania tiin dhufuu fi karaa hiddaa/ciniinnaa tisiisa ashawaa/sandflies daddarbuudha. [1] Dhukkubichii karaa sadiin jechuu: “cutaneous”, “mucocutaneous”, gosa “leishmaniasis” qaama keessaatin mul’ata YKN uummama. [1] Gosti inni “cutaneous” gogaa si’a orbobbeessu, gosti isa “mucocutaneous” gogaa dabalatee afani fi funyaan mammadeessa. Gosti inni qaama keessatti uummamuu immoo dura gogaa irraa eegalee booda hoo’ina qaamaa fida, seelii dhiiga diima gadii xiqqeessa, akkasumas rajiijji fi tiruun akka guddatu taasisa. [1][2]
ka’uumsa isaa fi qorannoo isaa[gulaali | lakkaddaa gulaali]
Dhukkubni kunkan namatti dhufu karaa Leishmania gosa 20 ol ta’aninii. [1] wantoonni balaa kana ammeessan: hiyyummaa, hanqina nyaataa, manca’iinsa bosonaa, fi babal’achuu magaalatii. [1] Dhukkubni gosa sadaniyyuu paarasayitii maaykiroskooppi dhaan ilaaludhan baramu/addaan ba’u. [1] Dabalataan, dukkuba isa qaama keessatti uumamu dhiiga qorachuudhaan bira qaqqabuun ni danda’ama. [2]
Ittisaa fi yalii[gulaali | lakkaddaa gulaali]
Dhukkubni “Leishmaniasis” amma tokko saaphana keemikaala farra bookee cuuphame jala rafuudhaan ittifamuu ni danda’a. [1] Tarkaanfiwwan ittisaa kaawwan keemikaala farr bookee biifu fi namoota dhukkubsatan dursanii yaaludhaan akka hin tamsaane ittisuudha. [1] Yaalin barbaaddamu dhukkubichii eessaa akka nama qabe, sanyii/gosa Leishmania, fi gosa dhukkubichaa irratti hundaa’a. [1] Qorichoonni dhukkuba isa qaama keessatiif oolan: liposomal amphotericin B,[3] walitti makaa pentavalentantimonials fi paromomycin,[3] fi miltefosine faa dabalata. [4] Dhukkuba gosa “cutaneous” tiif, paromomycin, fluconazole, yookin pentamidine fayyisuu danda’u. [5]
Tamsa’ina/facaatii Epidemiology[gulaali | lakkaddaa gulaali]
Namoonni gara miiliyoona 12 ta’an yeroo ammaa biyyoota 98 keessatti[6] miidhamanii argamu.[2] gara miiliyoona 2 kna ta’an haraa wayita ta’an[2] waggaa waggaatti kuma 20 anga kuma 50 kan ta’an immoo lubbuu isaanii dhabu.[1][7] Namoonnii miiliyoon 200 ta’an Asiya, Afrikaa, kibbaa fi wadhakkeessa Ameerikaa, fi kibba Awurooppaa keessaiitti iddoo dhukkuba kanaaf saaxilame jiraatu.[2][8] WorldDhaabbanni Fayyaa Addunyaa yaalii dhukkuba kanaatif jecha qorichoonni tokko tokko gatiin isaanii akka gadii bu’u tasiiseera. [2] Dhukkubni kun beeyledoota edduu kan akka saroota fi sanyiiwwan hantuuta faa qabuu danda’a.[1]
Maddawwan[gulaali | lakkaddaa gulaali]
- ↑ 1.00 1.01 1.02 1.03 1.04 1.05 1.06 1.07 1.08 1.09 1.10 "Leishmaniasis Fact sheet N°375". World Health Organization. January 2014. Retrieved 17 February 2014.
- ↑ 2.0 2.1 2.2 2.3 2.4 2.5 Barrett, MP; Croft, SL (2012). "Management of trypanosomiasis and leishmaniasis.". British medical bulletin 104: 175–96. PMC 3530408. PMID 23137768. doi:10.1093/bmb/lds031.
- ↑ 3.0 3.1 Sundar, S; Chakravarty, J (Jan 2013). "Leishmaniasis: an update of current pharmacotherapy.". Expert opinion on pharmacotherapy 14 (1): 53–63. PMID 23256501. doi:10.1517/14656566.2013.755515.
- ↑ Dorlo, TP; Balasegaram, M; Beijnen, JH; de Vries, PJ (Nov 2012). "Miltefosine: a review of its pharmacology and therapeutic efficacy in the treatment of leishmaniasis.". The Journal of antimicrobial chemotherapy 67 (11): 2576–97. PMID 22833634. doi:10.1093/jac/dks275.
- ↑ Minodier, P; Parola, P (May 2007). "Cutaneous leishmaniasistreatment.". Travel medicine and infectious disease 5 (3): 150–8. PMID 17448941. doi:10.1016/j.tmaid.2006.09.004.
- ↑ "Leishmaniasis Magnitude of the problem". World Health Organization. Retrieved 17 February 2014.
- ↑ Lozano, R (Dec 15, 2012). "Global and regional mortality from 235 causes of death for 20 age groups in 1990 and 2010: a systematic analysis for the Global Burden of Disease Study 2010.". Lancet 380 (9859): 2095–128. PMID 23245604. doi:10.1016/S0140-6736(12)61728-0.
- ↑ Ejazi, SA; Ali, N (Jan 2013). "Developments in diagnosis and treatment of visceral leishmaniasis during the last decade and future prospects.". Expert review of anti-infective therapy 11 (1): 79–98. PMID 23428104. doi:10.1586/eri.12.148.