Jump to content

Kulkula

Wikipedia irraa
Miilli sababa adanyoo sefakloriitiin kulkule

Kulkula jechuun deebii jalqabaa sirni ittisa qaamaa bacawwii(infection) ykn qaamni looluu irratti kennudha . Innis yaalii sirni ittisa qaamaa weerartoota ofirraa fincicuuf fi qaama suphuudha. Kutaa qaamaa hedduu keessatti ta’uu kan danda’u yoo ta’u, yeroo baay’ee tarkaanfiiwwan shanan armaan gadii of keessaa qaba:

  1. Bakki kulkule sun diimaa ta'a.
  2. Bakki kulkule ho'u.
  3. Bakki kulkule sun dhiita'uu jalqaba.
  4. Bakki kulkule miira tasgabbii dhabuu jalqaba.
  5. Bakki kulkule qaamonni naannoo isaanii jiran akka hin hojjenne gochuu danda'a.

Kulkula gosa lamattu jira: Isaanis sinsinnee(acute) fi turaa (chronic). Kulkuli sinsinnee haalaancimaa ta’us yeroo gabaabaaf kan turu yoo ta’u, Kulkuli turaan ammoo cimaa kan hin taane ta’us yeroo dheeraa kan turudha. Fakkeenyonni Kulkuli sinsinnee jeequmsa gogaa (fkn, psoriasis, dandruff) fi kulkulbuusaa(arthritis), i Kulkuli turaan dhukkuboota akka cawwee, dhukkuba onnee, dhukkuba sukkaaraa gosa 2 fi dhukkuba otontoraa( Alzheimer's) itti gaafatamummaa qabaachuu danda'a.

Wabiiwwan[gulaali | lakkaddaa gulaali]