Koyyaanee Dhilgee

Wikipedia irraa

Allaattiin kun sanyiiwwan allaattii bishaanitti dhihaatanii jiraatan kan Koyyaanee(Ibis )jedhaman keessatti ramadama. Maqaan isaatis Koyyaanee Dhilgee(Scarlet Ibis) jedhama. Koyyaanee Dhilgee allaattii addaa, kan ilaalcha ijaatti nama hawatuudha. Halluun baallii isaa ammoo allaattiin kun akka gaaritti akka beekkamu isa taasiseera. Kan argamus biyyoota Ameerikaa Kibbaa fi jiddu galeessaa keessa yoo ta’u, akka sadarkaa addunyaatti allaattii eegumsi jabaan mootummaan godhaafii jiruudha. Biyyi Trinidad and Tobago jedhamtu ammoo allaattii addaa kana akka mallattoo biyyaatti itti fayyadamti.

Maqaa: Koyyaanee Dhilgee

Umrii jiraatu: Waggaa 16 haga 20

Saffisa barrisuu : saa’aa tokko keessatti Kilomeetira 40

Ulfaatina: Kilograama 1.4

Dargaggeessa umuriin isaa guddaa ta'ee fi tuqa diimaa qabu

Dheerinna: Seentimeetira 55 hanga 63

Dheerina Koolaa: seentimeetira 54

Qaama Koyyaanee Dhilgee[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Koyyaanee Dhilgee halluu baallii isaa kan addaatiin beekkama. Allaattiin kun guutumatti baallii bifa diimaa halaalaa nama hawatu kan qabu yoo tahu, Fiixee koola isaa qofatu gurraacha. Diiminni baallii isaa ammoo diimaa ifaa barbadaa ibiddaa fakkaatu waan taheef, fageenyarraa ija uumama hundaa hawata. Kottee fi qoffeen dheeraan allaattii kanaa halluu daalacha ykn ammoo adiidhaan faayamee jira. Dheerinni uumama kanaa seentimeetira 55 hanga 63 ta’a. ulfaatinni isaatis kilograamaa 1.4 hin caalu. Koolli Koyyaanee Dhilgee haga seentimeetra 54 dheerata. Guddina qaamaatiin kormaa fi dhaltuun hamma murtaa’een wal caalu. Kotteen isaanii dheeraan sun qubbeen irraa gogaa haphii qaba. Kunis rakkoo tokko malee caffaafi bishaan keessa akka deeman isaan gargaara.

Soorata[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Sooratni uumama kanaa hedduminaan bishaan keessaa argama. Rabbiin mootiin haqaa, uumama soorata isaa hedduminaan bishaan keessa argatu kana, diizaayina jabaa naannoo saniif ta’u badhaase. Uumamaaleen naannawa bishaanii jiraatanii fi bishaan keessaa waa sooratan kottee fi qoffee dheeraa qabaachuu qabu. Kunis qarqara bishaaniirra deemuudhaan soorata akka barbaaddatan isaan gargaara. Koyyaanee Dhilgee Yeroo heddu shrimpota bishaan keessaa sooratus, qurxummiillee xixiqqoo fi uumamaalee bishaaniin ala jiranis ni soorata. Dabalataan raammoolee garagaraatis ni soorata.

Amala Koyyaanee Dhilgee[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Mataa Koyyaanee Dhilgee diimaa

Koyyaanee Dhilgee uumama gamtaan jiraatuudha. Qubsumni tokkos miseensota haga soddomaa of keessaa qaba. Miseensonni Allaattii kanaa wayta qilleensa gubbaa barrisan tooftaa addaa fayyadamu. Allaattiin tokko akka hogganaatti fuulduratti wayta bahu, Allaattiiwwan birootis bitaafi mirgaan tarree galanii hiriiru. Wayta kana yoo lafarraa ol laalan hiriirri isaanii kun Qubee V fakkaata. Kun ammoo allaattiiwwan kunniin rakkoon malee qilleensa keessa akka barrisan isaan gargaara. Allaattiin fuul dura irraan jiru sun qilleensaaf saaxilamaa waan ta’eef dafee dadhaba. Deemsa muraasa eega deemaniin booda Inni lammaffaarra jiru duratti bahuun isa jalqabarra ture san lamaffaarratti deebisa. Innis yoo dadhabu akkasuma ka birootiif eddoo gad dhiisaa rakkoo malee yeroo dheeraa barrisuu danda’u.

Akkaataa Wal hormaataa[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Wal hormaataaf miseensonni qubsuma tokko keessa jiran wal dhabbii tokko malee wal morkii qofaan wal injifatu. Kormaawwan garee san keessa jiran agarsiisa adda addaa mul’isuun dhaltuu ofitti hawatu. Qubsuma tokko keessa dhaltuuwwan haga kudhanii hormaataaf qophii ta’uu danda’u. Korommiin qubsuma keessa jiranis dhaltuuwwan kanniiniin jaalatamuuf mala garagaraa fayyadamu. Kana booda warri wal jaalate wal gargaaruun goojjoo hanqaaquun keessatti buufamu qopheessu. Qubsuma tokko keessa dhaltuun kudhan kan hanqaaquu buusan yoo jiraatan, goojjoo kudhan tarree galchuun damee mukaarratti ijaaru.Dhaltuun Koyyaanee Dhilgee yeroo takkaan hanqaaquu sadihii haga shanii buusuu dandeetti. Hanqaaquun kunis guyyoota 23f hammatama. Kana booda ilmooleen keessaa baafamu. Kormaan goojjoo ijaaruu irratti qofa osoo hin taane, Ilmoolee guddisuurrattis dhaltuuf gargaarsa godha. Haga ilmooleen sunniin jabaatanii of danda’anitti gargaarsa isii barbaachisu hundaan bira dhaabbata. Soorata ilmooleef barbaachisu eega barbaadee fidee booda, haadhoon ilmoolee isatti dhiistee biraa deemti. Haga isiin quuftee deebitutti taa’ee ilmoolee eeguun dirqama isaati.