Hoolaadiidaa

Wikipedia irraa
Hoolaadiidaa
A flock of wild Argali
CITES Appendix II (CITES)[1]
Scientific classification edit
Mootummaa bineeldoota
murna: lafeeqabeeyyii
gita: hoosiiftoota
tartiiba: kotteeyyii quba guutuu
warraa: Bovidae
cita-warraa Caprinae
gosa: Caprini
qaccee: Ovis
sanyii:
O. ammon
magaaslamee
Ovis ammon

Range of the argali subspecies
Synonyms

Capra ammon Linnaeus, 1758

Barruu tanaan yaadaan gara Ardii Eeshiyaa imallee hoolaa bosonaa tokko isin daaw’achiisna. Maqaan isaa Hoolaadiidaa jedhama. Hoolaadiidaan biyyoota Eeshiyaa jiddu galeessaa keessatti kan argamu yoo ta’u, sanyiilee hoolaa bosonaa keessaallee qaamaan isa guddaadha. Guddina qaamaatiin sanyiin hoolaa isa caalu hin jiru. Ammaan tana sanyiileen Hoolaadiidaa garagaraa 9 akka jiran beekkameera. Sanyiileen hundi yoo kunuunsi addaa godhameef malee dachii tanarraa dhabamuu akka danda’anis tilmaamameera.

Dheerinni lafa irraa haga ceekuu seentimeetira 85 hanga meetira 1.35 ta’a. Dagaletti qoffeerraa kaasee haga eegee isaa ammoo meetira 1.36 haga meetira 2 dheerata. Sanyiilee hunda biratti garagarummaan ulfaatinnaa ni jira. Sanyiileen xixiqqaa jedhaman haga kilograama 58 ulfaatu. Inni guddaan ammoo haga kilograama 160 ulfaata.

Bifti rifeensa gogaa Hoolaadiidaa garaagarummaa qaba. Sanyiin gariin bifa gara keellootti dhihaatu kan qabu yoo ta’u, gariin ammoo magaala ifaa (light brown) qaba. Kanneen umriin dullooman ammoo rifeensa dabalataa kan dheerate biqilu ofirraa qabu. Akkasumas yeroo qabbanaatti rifeensa dabalataatis ni biqilchu. Fuulli sanyiilee hundaatu rifeensa adii heddummaatu qaba. Qaamni isaanii kan gara jalaa jiru, kottee dabalatee, rifeensa adiin uwwifamaadha. Gaafni kormaa haalaan dheeraadha. Gaafni sanyiilee kormaa garii haga meetira lamaa dheerata. Gaafni kun waan mammaramuufi malee dheerinna qaama isaa ni caala jechuudha. Dhaltuun garuu gaafa gabaabaa qabdi. Gaafni kun warra bineensota adamsan biratti haalaan barbaadama. Xiqqaachuu lakkoofsa uumama kanaatiifis adamoon gaafa isaatiif jecha godhamu sababaa guddaa ta’ee jira. Gaafni Kormaa inni guddichi, ulfaatina qaamaa uumama argalii irraallee dhibbeentaa 13 kan ta’u fudhata. Kana jechuun Hoolaadiidaan kilograama 100 yoo ulfaate, gaafni isaa ammo Kilograama 13 ulfaata jechuudha.

Uumamni kun lafa haalaan ol ka’aa ta’e filata. Kan argamus biyyoota Eeshiyaa Kanneen akka Chaaynaa, Neeppaal, Kaazakistaanii fi biyyoota isaanitti dhihaatan keessa yoo ta’u, biyyoonni kunniin ammoo lafa haalaan ol ka’aa ta’e qabaachuudhaan beekkamu. Gaara guddicha addunyaa tanaa kan ta’e gaara Everest irras ni jiraata. Walumaa galatti Hoolaadiidaan lafa olka’iinsi isaa meetira 1000 haga 6000 ta’u irra jiraatuu filata.

Hoolaadiidaan akkuma sanyiiwwan hoolaa kaawwanii marga dheeduudhaan jiraata. Uumamni guyya guyyaa socho’uun soorata barbaaddatu kun, qubsuma tokko keessa hoomaa miseensota haga 100 qabu waliin jiraata. Miseensonni hoomaa tokko keessa jiran saala irratti hundaahuun adda qoodamu. Dhaltuu fi ilmooleen garee tokkotti, warri kormaatis garee tokkotti walitti qabamu. Hoomaan uumama kanaa yeroo heddu wal faana deema. Miseensota hoomaa keessaa inni tokko ka’ee deemnaan, kuuwwanis faanuma yaa’a. Kanaafuu Hoolaadiidaa walirraa fagaatee kophaa jiraatu arguun rakkisaadha. Haa ta’u malee akka tasaa yeroon karaan jalaa badee qophatti hafuu jiraachuu mala. Kunis Hoolaadiidaan sun rakkoo keessa jiraachuu isaa agarsiisa.

Hoolaadiidaan diina heddu hin qabu. Lafti inni irra jiraatu haalaan ol ka’aa waan ta’eef, diinni bakka inni jiraatuu uggee dhaqu hin jiru. Haa ta’u malee akka tasaa uumamni soorata dhabee haalaan beelaye gara qubsuma Hoolaadiidaa seenuu ni danda’a. Kanaafuu Hoolaadiidaan yeroo tokko tokkos ta’u diinaaf saaxilamuu mala jechuudha. Yoo diinni tasa itti dhufe jalaa miliquudhaaf mala lama fayyadama. Malli tokko mala hoomaa keessaati. Osoo hoomaan dheedaa jiran yoo diinni dhufe, Hoolaadiidaan jalqaba arge utaalaa fiiga. Kunis diinni dhufuu isaa miseensota beeksisuuf gargaara. Kanaa booda warri kuunis isa hordofee faana fiiga. Argaalin saffisa jabaa qaba. Saa’aa tokko keessatti kilomeetira 60 fiiguu danda’a. Malli lammataa ammoo mala yeroo kophaati. Argaalin osoo kophaa isaa jiru diinni yoo itti dhufe hin dheessu, hin fiigus. Bakkuma jiru sanirraa osoo hin socho’in qajeelee dhaabbata. Yoo diinni itti dhufe sun sodaatee dhiisee biraa deeme tole. Yoo hin taanee garuu bakkuma sanii osoo hin socho’in nyaatama. Diinni guddaan uumama kanaa ilma namaati. Ilmi namaa gaafa isaa dheeraa fi ulfaataa san gurgurachuuf jecha uumama kana adamsa. Lakkoofsi uumama kanaatis sababa bineensa biraatiin osoo hin taane, sababa adamoo gaafaaf jecha godhamu kanaan hir’achaa akka jiru beekkameera.

Yeroo walhormaataa wal aansoo heddutu jira. Lolli kormaa lamaan jiddutti godhamus baramaadha. Akkuma sanyiilee hoolaa hedduu gaafaan walitti bu’uun wal lolu. Haa ta’u malee akka hoolaa nuti beeknuu kana osoo hin taane, akka re’ee kottee duubaa irra dhaabbachuun wal a’u. Wayta gaafaan walitti bu’an kana sagalee haalaan guddaa ta’etu uumama. Fageenya kilomeetira tokko caalu irra dhaabbattanii sagalee walitti bu’iinsaa kana dhagahuu dandeettu. Abbaan wal aansoo kana moohe dhaltuu irratti wal lolan san waliin wal hormaata raawwata. Haa ta’u malee kormaan tokko dhaltuu takka irratti hin dhaabbatu. Dhaltuunis kormaa tokko qofa irratti hin daangeffamtu. Kormaan dhaltuu heddu waliin, dhaltuunis kormaa heddu waliin wal hormaata raawwatu. Kana booda rimayni dhaltuu ji’a 5-6 tura.

Dhaltuun ilmoo dhaluu isiitiin dura hoomaa irraa fagaattee qubsuma addaa tolfatti. Yeroo takkaanis ilmoo takka dhalti. Guyyaa muraasaaf ilmoo isii qabatte achuma qubsuma kophaa keessa turti. Ilmoon Hoolaadiidaa dafee socho’uu hin danda’u. Kanaaf haatis kophatti baatee dhaluun dirqama itti ta’a. Yoo hoomaa keessatti dhalte, hoomaan olii gad waan deemuuf ilmoo isii wajji rakkatti. Kanaafuu kophatti baatee haga ilmoon isii olii gad deemuu dandeettutti kophuma turti. Eega ilmoon sochii jalqabdeen booda qabattee hoomatti makamti. Ilmoonis haga ji’a afurii mucha haadhaa hodhaa jiraatti. Ji’a afur booda mucha guutee jireenya addaa jalqabdi. Ilmooleen kormaa gaafa guddatan hoomaa keessaa bahanii qubsuma addaa qopheeffatanii jiraatu. Ilmooleen dhaltuun ammoo achuma haadha isaanii waliin turu. Hoolaadiidaan takka ilmoo isii kan jalqabaa dhaluuf waggaa lama guutuu qabdi. Kormaan garuu gaafa waggaa shan guutu hormaataaf qophii ta’a. Fedha Rabbiitiin Hoolaadiidaan waggaa 10 haga 13 jiraata.

  1. 1.0 1.1 Reading, R.; Michel, S.; Amgalanbaatar, S. (2020). "Ovis ammon". IUCN Red List of Threatened Species. 2020: e.T15733A22146397. doi:10.2305/IUCN.UK.2020-2.RLTS.T15733A22146397.en. Retrieved 24 January 2022.