Jump to content

Hariiroowwan Baayoloojikaalawaa

Wikipedia irraa
Walnut inni gurraacha keemikaala bu'uura isaa irraa biqiltoota ollaa miidhu baasu, fakkeenya walqixxummaa walqixxeessummaa.

Sirnakkoo kamuu keessatti orgaanizimiin kophaa isaa jiraatu hin jiru. Tokkoon tokkoon orgaanizimii sirnakkoo keessatti walwajjin kan jiraatuufi walirratti kan hirkatuudha. Haala uumamaa keessatti lubbuqabeeyyii waliin jiraatan kallattiidhaanis ta’e al-kallattiidhaan dhiibbaa walirraan geessisu. Yammuu sanyiiwwan garaagaraa waliin jiraatan, nyaataaf, bakka jireenyaafi amaloota orgaanizimii irratti hundaa’uun hariiroowwan hedduun orgaaniziimota gidduutti ni gaggeeffamu. Waliin jireenya orgaanizimootaa keessatti, lubbuqabeeyyii garee adda addaa waliin jiraatan wal-fayyaduu, wal-miidhuu akkasumas, tokko fayyadamaa ta’ee kan biroo miidhamaa ta’uu ni danda’a. Hariiroon baayoloojikaalawaa(xinlubbaawaa) sirnakkoo keessatti gosa hedduu qaba. Isaanis akka armaan gadiitti ibsamaniiru. Hariiroowwan baayoloojikaalaa gareewwan orgaanizimootaa adda addaa gidduu jiru kan akka walutubbii(Mutualism), Soorachiisuu ykn utuubamuu ykn wal-jiraachisaa-baaqee ykn bu'eeffanna Addiyyoo (Commensalism), (huubama addiyyoo)amensaalizimii, dorgommiifi maxxantummaa fa’a dha.

Dorgommii fi Adamsoo(Competition & Predation)[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Leecalloo murtaa’aa ta’eef lubbuqabeeyyii tokkoo ol ta’an fedhii ofii guuttachuuf jecha dorgommii taasisu. Fedhii si’ataa orgaanizimiin tokko qabeenya murtaa’aa (nyaata, bishaan, ifa aduu, bakka jireenyaafi kan kana fakkaatan) irratti orgaanizimii biroo caalee argamuun dorgommii jedhama.Adamsoon hariiroo orgaanizimoota adda addaa gidduutti uumamu yoo ta’u, hariiroo kana keessatti adamsituun kan fayyadamu yoo ta’u, adamsamtuun immoo ni miidhama.

fknf:-Hariiroon leencaa fi gafarsa gidduutti uumamufakkeenya ta’a.Adamsitoonni qaama nafa salphaa fi si’atoowaan qabaniif salphaatti adamsanii soorataargachuu ni danda’u. Bineeldoonni kan akkaleencaa fi qeerransaa foolii dha’uun adamsamtuuisaanii hordofuun argachuu danda’u.

Hubama addiyyoo (Amensalism)[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Hubamni Addiyyoo hariiroo sanyiiiwwan garaagaraa gidduu ta’ee kan sanyiin tokko miidhamaa itti ta’uufi sanyiin inni biraa garuu miidhamaas fayyadamaas kan hin taaneedha. Kana jechuun, hariiroo orgaanizimoota sanyii adda addaa gidduu ta’ee; kan inni tokko guddina isa biroo gufachiisudha. Fakkeenyaaf: hariiroo fangasii “Peenisiiliyeemii” jedhamuufi baakteeriyaa. Fangasiin baakteeriyaa kana irraan hubaatii geessisuu danda’a; garuu fangasiin hin fayyadamus hin miidhamus.

Soorachiisuu(Commensalism)

sorachiichuun ykn waljirrachisni baaqee(Ingiliffan:Commensalism) hariiroo sanyii adda addaa gidduu ta’ee kan sanyiin tokko fayyadamaa ta’ee inni biraa garuu kan hin fayyadamnee fi hin miidhamnee dha. Fakkeenyaaf, qurxummii xiqqaan Riimooraa jedhamu qurxummii shaarkii jedhamu jalatti qabatee haftee nyaata shaarkii soorata. Shaarkii irra miidhaan gahu kan hin jirre yoo ta’u faayidaan inni argatus hin jiru. Riimooraan garuu fayyadamaadha. Allaattiiwwan loon jala adeemuun yeroo loon marga dheedan ilbiisoota marga keessaa yaa’an sooratu. Loon irraa miidhaan qaqqabu hin jiru; bu’aas hin argatan. Allaattonni garuu fayyadamtootadha. Simbirroonni muka irratti man’ee isaanii ijaarrachuun fayyadamu, mukti garuu fayyadaa argatus ta’e miidhaan irra gahus hin qabu.

Wal-utubbii (Matualism)[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Wal-utubbii keessatti yeroo baay’ee sanyiiwwan lamaan walitti dhiyeenyaan ykn dhaabbiin waliin jiraatu. Sanyiin waliin jiraatan lamaanuu walirraa fayyadamu. Altokko tokko jireenyi sanyii lamaanii wal irratti kan hundaa’u (interdependent) ta’uu irraa kan ka’e kopha kophaa bahanii jiraachuu hin danda’an.

Fakkenya walutubbii

Hariiroo walutubbii bineeldoota fi biqiltoota gidduutti uumamu:Hariiroo kun ilbiisootafi daraaraa gidduutti kan mul’atu dha. Ilbiisoonni kan akka kanniisotaa fi bilaachawwaniidhangala’oo daraaraa xuuxxachuu irratti bobba’u. Ilbiisoonni kun nadhii daraaraa xuuxxachuuf jecha daraaraawwan biqiltoota adda addaa irra qubatu. Yommuu kannatti darbuukiiwwan (poolenoota) daraaraa biqiltuu tokko irraa gara biqiltuu biraatti geessu. Haalli kunis,darbuukiissuu (poolineeshinii)f mijaawaa ta’a jechuudha. Biqiltoonni daraaraa hedduun ilbiisotaan adeemsa darbuukiissuu (poolineeshinii) gaggeessu. Kanaafuu, ilbiisoonni fi biqiltoonni hariiroo kanarraabu’aa ni argatu jechuudha.

Hariiroo walutubbii fangasootaa fi saaphaphuu gidduutti uumamu:-Arriin dhagaa walutubbii fangasii fi saaphaphuu gidduutti uumamu yoota’u, lubbuqabeeyyii lamaan walirraa faayidaa argatu. Hariiroo kana keessatti saaphaphuun halluu magariisa waanqabaniif nyaata qopheessuu ni danda’u. Fangasoonni immoo bakka jireenyaa ta’uun akkasumas, bishaan nyaanni ittiin qophaa’u dhiyeessu.

Hariiroo walutubbii baakteeriyaa fi beeladoota alal-dhaheeyyii gidduutti uumamu:-lubbuqabeeyyii soorattoo margaa kanneen alala guuran seeluuloosii marga keessa jirubulleessuu hin danda’an. Sababni isaas inzaayimii seeluuloosii bulleessu maddisiisuuwaan hin dandeenyeef dha. Kanaafuu, gargaarsa baakteeriyaa barbaadu. Baakteeriyaangaraacha alala guurtotaa keessa jiraatan immoo inzaayimii seluuloosii bulleessuudanda’u burqisiisuu. Baakteeriyaan bakka jireenyaa fi soorata alala guurtoota irraa argatu.Kanaafuu, baakteeriyaani fi alala guurtoonni lamaanuu bu’aa walirraa argatu.

Maxxantummaa(Parasitism)[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Maxxantummaan hariiroo orgaanizimoota sanyiiadda addaa lama gidduutti uumamu yoo ta’u,orgaanizimiin inni tokko yeroo mara fayyadamaa yoota'u, orgaanizimiin inni biroon immoo ni miidhama.Orgaanizimiin inni fayyadamaa ta’emaxxantuuyoo ta’u, inni miidhaan irra qaqqabu immookeessummeessituudha. Akkaataa madaqiinsan maxxantoonni akaakuu lama qabu. Isaanis:

Maxxantuu qaama keessa keessummeessituu.Fakkeenyaaf raammoo minnii, raammoo maagaa,raammoo hookkoo fi kan kanafakkaatan.

Maxxantuu qaama ala keessummeessituu.Fakkeenyaaf silmii, injiraan, fi kan kanafakkaatan.Maxxantoota qaama keessa keessummeessitootaajiraatan keessaa marsaa jireenya raammoohookkoo fi raammoo minnii fakkiiwwan armaangadiin ibsamaniiru.

Raammoon-hookkookaraa gogaa keessumattuugogaa miilaan seena. Sanaan booda marsaa dhiigaaqabachuun dhiiga xuuxuun hir'ina dhiiga diimaa fida.

Raammoon minniiimmoo foon dheedhiiloonii fi booyyee maxxantuu kana of-keessattiqabate nyaachuun kan dhufu dha. Maxxantuun kun mari'imaan namaatti maxxanuun soorata xuuxxaatti.