Haadha Waaqoo (allattiiwwan)

Wikipedia irraa

Haadha Waaqoo (Pelican) Ardii Antarkitikaa yoo taate malee, Ardiiwwan hunda keessatti ni argama. Sanyiin uumama kanaatis saddeettu jira. Sanyiiwwan kunniin cufti naannawa qilleensa owwaa, qarqara lagaa fi haroowwan cinatti argamu.

Peelikaanonni Zoo Biyyaalessaa, Baanglaadeesh keessatti argaman
Peelikaan Awustiraaliyaa bal’ina kiisha qoonqoo isaa agarsiisu (Lakes Entrance, Victoria).
Australian pelican gliding
Peelikaan Awustiraaliyaa baallee isaa gurguddaa diriirsee balali'aa jiru

Bidoolee[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Jireenya allaattii kanaatiif bishaan haalaan barbaachisaadha. Soorata isaatis hedduminaan bishaanuma keessaa argata. Gaafa bishaan hin jirre jireenyi isaa rakkoo keessa jira jechuudha. Haa ta’u malee akkuma nuti hundi beeknu, qaamman bishaanii dachii tanarra jiran rakkoo hamaa keessa jiru. Balfi garagaraa kan bishaanitti gatamu bishaan faalutti jira. Dabalataanis lubbu qabeeyyii akka qurxummii kan bishaan keessatti argaman miidhutti jira. Kun ammoo allaattiin kun soorata gahaa akka hin arganne dhiibbaa itti godheera. Sababuma faalama kanaarraa kan ka’e Allaattiin Haadha Waaqoo jedhamu lakkoofsi isaa haalaan xiqqaachutti jira.

Qaama[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Haadha Waaqoo allaattiiwan haalaan gurguddoo ta’an keessaa isa tokko. Dheerinni allaattii kanaa haala sanyiitiin garaagarummaa qaba. Inni xiqqaan meetira tokkoof walakkaa kan dheeratu yoo tahu, guddaan ammoo haga meetira 1.8 dheerachuu danda’a. koola isaa lamaan yoo addaan bal’isu ammoo, haga meetira 3.2 bal’ata. Walumaa galatti allaattiin kun haalaan guddaadha.  Gama ulfaatina qaamaatiin haga kilograama 13.6 ulfaata. Qoffeen isaa haalaan dheeraadha. Allaattii keessaallee dheerinna qoffeetiin tokkoffaadha.

Qoffeen sanyii gurguddaa haga seentimeetira 48 ykn haga ciqilee tokkoo dheerata jechuudha.  Akkasuma qoffeen isaa kun waan akka korojoo gama jalaatiin qaba. Korojoon isaa kunis yeroo tokkoon bishaan leetira heddu qabachuu danda’a. korojoon isaa kun hedduminaan soorataa fi bishaan kuusuuf kan tajaajilu ta’us, yeroo qilleensi akkaan oowwu qaama qabbaneessuufis ni tajaajila. Allaattiin kun wayta oowwI itti hammaatu, korojoo isaa san garanaa garas hafarsuudhaan qaama isaatiif qabbana kenna. Walumaa galatti Haadha Waaqoo qaama haalaan guddaa, miila gabaabaa, qoffee fi koola haalaan dheeraa ta’e qaba.

Haadha Waaqoo Allaattii guddaas ta’u samii irra barrisuu irratti rakkoo hin qabu. Yeroo qilleensi haalaan owwutti, lafarraa meetira kuma 3 ol ol fagaatuun samii keessa barrisuu danda’a. qubbeen isaa jidduu ammoo tishuu ykn gogaa haphiitu jira. Kunis allaattiiwan naannawa bishaanii jiraataniif faaydaa guddaa qaba.

Soorannaa[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Soorata isaanii hedduminaan bishaan keessaa waan argataniif, bishaan keessa daakuudhaaf gogaan haphiin kun tajaajila guddaa kenna. Haaluma kanaan Haadha Waaqoo bishaan keessas rakkoon malee sosocho’uu danda’a jechuudha. Yeroo garii qurxummii qabachuuf haga meetira 18 bishaan jala lixee daakuu danda’a.

Haadha Waaqoo hedduminaan qurxummii soorata. Dabalataanis lubbu qabeeyyii biroo kan naannawa bishaanii jiraatan ni soorata. Soorata hedduminaan qilleensa gubbaa barrisuudhaan barbaaddata. Ijji isaa haalaan qaroo waan taateef, waan bishaan keessa jiru qilleensuma gubbaa ilaalee adda baafata. Kana booda, waan argate san qabachuudhaaf saffisa jabaan qilleensa gubbaa gara bishaanii seena. Waan ija irra buufate sanis qabateetuma deebi’a. Allaattiin kun gareenis ni adamsa. Gareedhaan walitti heddummaatani koola isaaniitiin bishaan faffacaasanii booressu. Yeroo kana qurxummiileen heddu jeequmsa kana dheefa gara qarqara bishaanii utaalu. Achi booda rakkoo takka malee warra gara qarqara bishaanii dhesse kana qabataa sooratu.

Haadha Waaqoo Allaattii garee uumee qubsuma guddaa keessa jiraatuudha. Qubsumni tokkos miseensota 100 ol qabaachuu danda’a.

Wal Hormaata[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Yeroo wal qunamtii wal hormaataatti, kormaaleen garee tokko keessa jiran agarsiisa garagaraa irratti hirmaatuudhaan, qalbii dhaltuu hawatuudhaaf dorgomu.kormaaleen Haadha Waaqoo dandeetti bifa kokkee, korojoo fi qoffee isaanii jijjiiruudhaa qabu. Kanaafuu dhaltuu duratti bahuudhaan bifa garagaraa mul’isuun wal dorgommii taasisu.

Inni moohate carraa wal qunnamtii wal hormaataa raawwatuudhaa argata. Kormaan moohate kun carraa wal qunnamtii raawwachuu qofa osoo hin taane, goojjoo hanqaaquun keessatti kunuunfamtu ijaaruunis dirqama isaati. Dhaltuu wajji wal gargaaranii goojjoo ijaaru. Kana booda dhaltuun Haadha Waaqoo hanqaaquu hanga sadihii qofa buusti. Ji’a tokkoo oliif eega hammatteen booda ilmoolee keessaa yaafti. Ilmooleenis haga of danda’anii soorata adamsuu jalqabanitti, qoffee haadhaa keessaa soorata fudhataa guddatu. Gidduugaleessaan Allaattiin Haadha Waaqoo tokko waggaa 10 hanga 30 jiraachuu danda’a.