Gudeeddii

Wikipedia irraa
(Gudeedu irra kan qajeele)

Gudeeddiin yaakka saalaa guddaa tahee feedhi namittiin/namichaan malee waliin ciisu ykn dirqisiisun walqunnamtii saalaa raawwachuudha. Gudeeddiin sodaachisuun, angoo ykn humna fayyadamuun, ykn nama gahumsa murtii kennu hin qabne kan akka maraata, ofwallaala waliin walqunnamti godhuudha. Walqunnamti saalaa bifaa fudhatama hin qabneen nama irratti raawwachuun gudeeddii keessatti lakkaawama

Gudeeddaan gosa miidhaa saalaa walqunnamtii saalaa ykn bifa biraa seensa saalqunnamtii nama tokko irratti raawwatameef hayyama isaanii malee raawwatamuudha. Labsichi humna qaamaa, dirqisiisuun, aangootti fayyadamuudhaan, ykn nama hayyama seera qabeessa kennuu hin dandeenye, kan akka nama dammaqina hin qabne, dandeettii dhabe, qaama miidhamummaa sammuu qabu, ykn umurii seeraa gadi ta’een raawwatamuu danda’a Jechi gudeeddii jedhu yeroo tokko tokko jecha miidhaa saalaa jedhuun wal jijjiiruun itti fayyadamuu Hawaasa addunya kana keessatti gudeeddii bakka tokkoo tokkotti himannaa fi yakkamaa gudeeddiitiin aangoo murtii gidduutti garaagarummaa qaba. Akka idil-addunyaatti, taateewwan gudeeddii bara 2008 keessa galmeeyfaman, namoota 100,000 keessaa, Azarbaajaan 0.2 irraa gara 92.9tti Botswana keessatti Lituwaaniyaa keessatti 6.3 akka gidduugaleessaatti.Addunyaa guutuutti, gudeeddii dabalatee jeequmsi saalaa gababafame, adda durummaan dhiirota dubartoota irratti raawwataman.Gudeeddaan namoota hin beekne yeroo baayyee namoota miidhamtichi beeku caalaa baay’inaan hin mul’atu, akkasumas gudeeddii mana hidhaa dhiiraa fi dubartiin dubaraa irratti mul’atu baay’ee waan ta’eef bifa gudeeddii xiqqaa ta’uu danda’a.Gudeeddaa bal’aa fi sirna qabeessa (fkn, gudeeddii waraanaa) fi garbummaa saalaa yeroo waldhabdee idil-addunyaa ta’uu danda’a. Gochoonni kun yakka dhala namaa fi yakka waraanaa irratti raawwatamaniidha. Gudeeddaan akkasumas yakka duguuggaa sanyii ta’ee kan beekamu yoo ta’u, guutummaatti ykn gartokkoon isaa saba xiyyeeffannoo argate balleessuuf yaadamee yoo ta’e. Namoonni gudeedaman miidhaan qaamaa irra gahuu fi dhibee dhiphina boodaa (stress stress disorder) uumuu danda’u.Miidhaan cimaan balaa ulfaa fi infekshinii walqunnamtii saalaatiin dhufu waliin dhufuu danda’a. Namni tokko nama gudeede irraa jeequmsa ykn doorsisa, yeroo tokko tokko immoo maatii fi firoottan miidhamaa irraa mudachuu danda’a.https://om.m.wikipedia.org/affan oromo


Gudunfaa[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Gosi nyaataa afirodisiyaak Yeroo walqunnamtii saalaa yoo goonu carraan ulfaa'uu yoom jiraa yookamii immoo hin jiruu? Akkuma mata duree irratti kaase yeroo walqunnamtii saalaa goonuu carraan ulfaa'uu yoom jiraa yoom hin jirre jennee addaan beekuun hedduu barbaachisaadha.Namoonni lama walitti dabalamanii guyyaa carraan ulfaa'uu hin jirre yoo fayyadaman hawwiin isaanii suni harkaa turuu dandeessi jechuudha. Gara biraatiin namoota dhala argachuu hin feeneefi immoo yoom yoom walqunnamtii saalaa yoo goone carraan ulfaa'uu hin jirre jennee beekuun hedduu barbaachisaadha .Carraan ilmoo godhachuu kooppiloota lamaanii guyyaa hanqaaquun itti gad lakkifamtu/Ovulation day beekuutu barbaachisa.Isa kanarra dhaabannee guyyaa carraan ulfaa'uu jiru/fertile windows kan jedhaman guyyoota kamii hanga kamiiti jennee addaan baafna,erga guyyoota kana beeknee namoota ilmoo barbaadaniif guyyoota kana keessa/fertile windows kani jenne keessa carraan ulfaa'uu waan jiruuf yeroo kanatti walqunnamtii saalaa gochuu qabu jechuudha.Warri ulfa hin barbaanne ammoo yeroo kanatti/fertile windows gochuu hin qaban.Guyyoota kana beekuuf karaa lamaan haa ilaalluu:_ 1. # Dubartoota marsaa xurii laguu guyyaa 28 28n arganiif_arganiif_Guyyaa xurii laguu agarte irraa kaasnee guyyaa 14 lakkoofna guyyaan kun guyyaa hanqaaquun itti gad lakkifamtu/Ovulation day isa jennudha,guyyaa kana irraa guyyaa shan hir'isuun fi guyyaa shan itti dabaluun guyyoota jidduu kana jiran carraa ulfaa'uu guddaadha jechuudha.Asiratti carraan ulfaa'uu adaduma guyyaa oovuleeshiniiti dhiyaatuun dabalaa deema.fkn.warra guyyaa 28 28n xurii laguu arganiif guyyaan oovuleeshinii guyyaa 14 waan ta'uuf guyyaa 11 hanga 17 tti carraan ulfaa'uu 80%dha.Yoo guyyaa 9 hanga 19 ta'e carraan ulfaa'uu 21 hanga 35% dha.Asiratti guyyaa 5 guyyaa hanqaaquun itti gadlakkifamtu/ oovuleeshinii irraa hir'isuu fi dabaluun kan barbaachiseef sanyiin kormaa yoo walqunnamtii saalaa godhame guyyaa 3 hanga 5 turuu waan danda'uuf ,guyyaa shan hir'isuun fi dabaluun filatamaadha .Hanqaaquun yoo guddate sa'aatii 36 turtii erga gadlakkifamtee jennee guyyaa 3 hir'isuun fi dabaluurra guyyaa 5 fayyadamuun filatamaadha. Fkn.Dubartoota xurii laguu guyyoota walfakkaataa 28 28n arganiif:_guyyaan 14 guyyaa oovuleeshinii kanaafuu (14-5,14+5) =(9,19) kanafuu guyyaan 9 hanga 19 jiru guyyaa fertile windows/carraan ulfaa'uu jiruudha. Kanaafuu dubartoonni kunniin yoo ilmoo barbaadan malee guyyoota kana jidduutti walqunnamtii saalaa gochuu hin qaban jechuudha. 2. # Dubartoota marsaan laguu guyyaa 28 28n itti hin dhufneef:-Marsaa xurii laguu keessatti guyyaan xurii laguu arganii kaasee hanga hanqaaquun gad lakkifamtu jiru secretory phase jedhama.Inni kuni dubartii dubartiitti garaagarummaa qaba.Innis dheerina guyyaa xuriin laguu suni turu irratti hundaaya.Guyyaa hanqaaquun gad lakkifamtee kaasee hanga xurii laguu arganiiti jirummoo luteal phase jedhama. Inni kun dubartii hunda keessatti walqixa,guyyaa 14 dha.Kanaafuu asirattii guyyaan hanqaaquun gad lakkifamtu 14 miti,haalli ittiin beeknu:- Guyyaa hanqaaquun gad lakkifamtu/guyyaa oovuleeshinii =dheerina marsaa xurii laguu dubartii sanaa - guyyaa 14/luteal phase Fkn. Dubartii takka guyyaa 30 30n xurii laguu agarti yoo ta'e:_ Guyyaan hanqaaquun gad lakkifamtu =30-14(luteal phase) =16 kanaafuu guyyaan 16 guyyaa oovuleeshinii waan ta'eef guyyaa shan asirraa hir'isuun fi shan itti dabaluun guyyoota 11 hanga 21 jidduu jiru guyyoota fertile windows jennuudha.Kanaafuu namoota ilmoo barbaadaniin alatti warri kuun jidduu kanatti carraan ulfaa'uu akka jiru beekuun barbaachisaadha. Hub:_ carraan ulfaa'uu adadummaa guyyaa oovuleeshiniittii dhiyaatuun dabalaa deema. -Sanyii kormaa guyyaa 3 hanga 5 turuu yoo danda'u,hanqaaquun garuu gadlakkiifamtee yoo guddate sa'aatii 36 turti kanaafuu guyyaa 3 ovuleeshirraa dabaluun gahaadha garuu carraa ulfaa'uu jiru bicuus taatu daraan xiqqeessuuf guyyaa 5n fayyadamuun filatamaadha

  1. Maloota dubartoonni ofirrattii guyyaa oovuleeshinii/hanqaaquun gad lakkifamtu ittiin beekuu danda'an keessaa tokko
  2. .
  3. 1
  4. 1. Dhangala'aan saarviksii irraa maddu hedduu haphii ta'ee hedduu yaa'uu dandbide Halluunii killeema cabde fakkaata.

2.Ho'iniisi qaama guyyaa sanitti kan durii irra hanga 0.5c ni dabala.Kunis ganama ganama guyyoota hedduuf meeshaa addatti isa barbaachisuun safaruu gaafata fi kkk saal qun

irahim Bakri