Gubaa sulula qiinxamaa

From Wikipedia
Jump to navigation Jump to search
Gubaa sulula qiinxamaa
Qooqodama fi ooddefanoowan aalaa walqabatan
ICD/CIM-10A92.4 A92.4
ICD/CIM-9066.3 066.3
DiseasesDB31094

Gubaa sulula qiinxamaa (RVF) kun dhukkuba vaayirasii kan hoo’ina qaamaa (dhukkubbii salphaa) argamsiisun dhukkubbi cimaaf geessisuudha. Mallattoowwan dhukkubbii hoo’ina qaamaa (salphaa)kun: gubaa, dhukkubbii qaama foonii, fi bowwoo mataawan yeroo baay’ee torbaniif turu dabalatu. Dhukkubbiwwan cimoon tari kan dabalatu: erga qabamanii kaasee jalqaba torbee sadiirra arguu dadhabauu, tuqamu sammuu kan bowwoo mataa hamaa geessisuu fi raata’uu, fi dhiiguu rakoo tiruu waliin dabalatee guyyoota muraasa keessatti mul’atu faa dha. Warrii rakkoon dhiiguu irratti mul’atu harka 50% kan caalan carraa du’aaf saxilamuut qabu.[1]

ka'uumsa isaa[edit | Lakkaddaa gulaali]

Dhukkubichi kan uummamu kara RVF vaayirasii, gosti isaa filebovaayiras jedhamuuni. Dhukkubni kun kan dardarbuu danda’u dhiiga beeylada summaa’ee yootuqan, naannoo beeyladoonni summaa’an (dhukkubsatan) yeroo qalamannaannoo sanatti qilleensa waliin qaama keessa seenun, aannan dheedhii horii dhukkubsatee dhuguun, yookin ciniinnaa boookeedhukkubichaan faallamteen. Beeyladaaleen kan akka, saawwanii, hoolaa, re’ee fi gaalaa dhukkuba kanaan qabamuu danda’uu. Beeyladoota kanarratti baay’inaan dhukkubichi kan tamsa’u karaa bookewwaniiti. Namni dhukkubsate tokko dhukkubicha gara nama kan biraatti dabarsuun isaa hin mul’anne. Dhukkubicha qorannoodhaan bira ga’uuf ittistuu qaamaa/antibodies qaamni vaayirasii dhukkubichaa ofirraa ittisuuf uumu ilaalun yookin vaayirasichuma mataa isaa dhiiga keessatti ilaalun addaan baasun ni danda’ama. [1]

Ittisaa fi yaalii[edit | Lakkaddaa gulaali]

Dhukkubicha namarraa ittisuun kan danda’amu beeyladoonni akka dhukkuba kanaan hin qabamne talaalli keennudhaan ta’a. Kunis otoo dhukkubichi bifa weerraraatin hin ka’in ta’uu qaba, erga weerrarri ka’een booda yoo ta’e garuu haalicha baay’ee hammeessuu mala. Wayitii weerraraa beeyladoonnii iddoodhaa gara iddootti akka hin sochoone ittisuunis fayyaduu dandaa’a. Baayina bookewwanii hiri’isuu fi akka nama hin ciniinne gochuunis akkasuma faayidaa qaba. Namaafis talaallin ni jira; haa ta’u malee, erga bara 2010 as bal’inaan hin argamu. Once infected there is no specific treatment.[1]

Tamsa'ina fi seena isaa[edit | Lakkaddaa gulaali]

Weerrarri of dhuukkubichaa kan mul’atu Afrikaa fi Arabiabiyya Arabaakeessa qofatti. Weerrarrii yeroo baay’ee kan uummamu yeroo bokkaan eddumaatee booken gar malee wal hortuudha.[1] Dhukkubni kun yeroo jalqabaatif kan gabaafame loon irraati Sulula Qiinxamaa/Rift Valley biyya Kenya keessatti jalqaba bara 1900 keessa ture,[2] akkasumas vaayirasiin isaa yeroo jalqabaatif kan adda ba’ee beekkame bara 1931. [1]

Maddawwan[edit | Lakkaddaa gulaali]

  1. 1.0 1.1 1.2 1.3 1.4 "Rift Valley fever". Fact sheet N°207. World Health Organization. May 2010. Retrieved 21 March 2014. 
  2. Palmer, S. R. (2011). Oxford textbook of zoonoses : biology, clinical practice, and public health control (2nd ed.). Oxford u.a.: Oxford Univ. Press. p. 423. ISBN 9780198570028.