Echinococcosis
Echinococcosis | |
---|---|
Qooqodama fi ooddefanoowan aalaa walqabatan | |
Echinococcus life cycle (click to enlarge) | |
ICD/CIM-10 | B67 B67 |
ICD/CIM-9 | 122.4, 122 122.4, 122 |
DiseasesDB | 4048 |
Echinococcosis, akkasumas hydatid disease, hydatidosis, YKN echinococcal disease, jedhamee kan beekkamu parasitic disease sababa tapeworm gosa Echinococcus kan dhufuudha. Namoonnis gosa dhukkubba kanaa lamaan qabamu, “cystic echinococcosis” fi alveolar echinococcosis. Gosoonni lama immoo kan baay’ee hin beekamnes “polycystic echinococcosis” fi “unicystic echinococcosis” ni jiru. Dhukkubichi jalqaba irratti mallattoo tokko male kan nama qabu si’a ta’u bifuma kanaan waggaa tokko turuu mala. Mallattoo fi dhukkubbiin mul’atu iddo itti dhiiton/iitoon uummamee fi ammanttaa isaa irratti hundaa’a. Dhukkubni “Alveolar” yeroo baay’ee tiruu irraa yaa jalqabu malee gara qaama biraa kan akka sonbaa fi sammuu itti faca’a. Yeroo tiruun miidhamu dhukkubsataan dhukkubsachuu qama garaa abdominal pain, ulfni isaa hir’achuu, fi biftii jijjiirramu yellow tu irratti mul’ata. Dhukkubni sonbaa tarii dhukkubsachuu laphee fiduu, shortness of breath fi qofaasisuu fiduu danda’a.[1]
Cause[gulaali | lakkaddaa gulaali]
Dhukkubichi kan faca’u soorataa fi bishaan hanqaaquu raammoo dhukkubicha fiduun faallame fayyadamanii fi beeylada dhukkubsateen yoo wal tutuqqiin jiraatedha. [1] Hanqaqun bobbaa /gadi teessuma/ beeylada foon nyaatan kan dhukkubichaan qabamanii keessatti argama. [2] Beeyladoonni dhukkubichaan qabamuun beekkaman: saroota, sardiidotaa fi yayii faa dabalatu.[2] eeyladoonni kun dhukkubichaan qabamuuf qaama organsjechuun foon kan akka hoolaa fi illeentti dursanii dhukkubsatanii nyaachuu qabu. [2] Gostii dhukkuba nama qabuu garuu gosa raammmmoo Echinococcus faallama fiduu irratti hundaa’a. Qorannaan yaalii yeroo baay’ee ultrasound karaa computer tomography (CT) YKN magnetic resonance imaging (MRI)tiin fayyadamuun geggeeffama. Qorannoon dhiigaa antibodies qaamni ammam akka dhukkubicha ofirraa ittisuuf yaalii gochaa jiruu ilaalunis biopsy tarii fayyaduu danda’a. [1]
Ittisaa fi yaalii[gulaali | lakkaddaa gulaali]
Dhukkuba kanaa beeyladooda dadabarsuu danda’anii kan akka sarootaa yaalu fi hoolota talaalchisuun too’achuun ni danda’ama. Treatment is often difficult. Dhukkubni kun yeroo qoricha fudhatan qaama gogaa jalatti bishaan godhachuu YKN dhiita’uu danda’a. [1] Yeroo tokko tokko dhukkubni akkasii mul’achuu /argamuu/ danda’a. [3] Gosti dhukkubichaa kan “alveolar” qoricha fudhatametti aansudhaan baqaqsanii baasuu barbaachisa. [1] Qorichii fudhatamu albendazole waggaadhaaf fudhatamuu barbaachisuu mala. [1][3] Dhukkubni gosa “alveolar” kun du’aatii geessisuu ni danda’a. [1]
Faca’iinsa isaa[gulaali | lakkaddaa gulaali]
Dhukkubichii kutaa biyyoota addunyaa baay’etti kan mul’atu si’a ta’u yeroo ammaa kana namoota miiliyoona tokko ta’an miidhaa jira. <! -- [1] --> Naannowwan kibba Ameerikaa, Afriikaa fi Asiyaa keessatti uummanni dhibbantaa 10 ta’utu miidhamaa jira jedhameet tilmaamama. [1] Bara 2010 keessa dhukkuba kanaan namoonni 1200 kan du’an si’a ta’u kunisa bara 1990 keessa du’aatii sababa dhukkuba kanatiin uummamee ture 2000n yoo wal bira qabamee ilaallmu gadii bu’uu argisiisa. [4] Ubaatiin dhukkubichi diinagdee irratti geessisu waggaatti gara doolaara Ameerikaa biiliyoona 3 itti tilmaamama. <! -- [1] --> Dhukkubni kun beeyladoota kan akka booyyee, saawwanii fi fardeenis ni miidha. [1]
Maddawwan[gulaali | lakkaddaa gulaali]
- ↑ 1.00 1.01 1.02 1.03 1.04 1.05 1.06 1.07 1.08 1.09 1.10 "Echinococcosis Fact sheet N°377". World Health Organization. March 2014. Retrieved 19 March 2014.
- ↑ 2.0 2.1 2.2 "Echinococcosis [Echinococcus granulosus] [Echinococcus multilocularis] [Echinococcus oligarthrus] [Echinococcus vogeli]". CDC. November 29, 2013. Retrieved 20 March 2014.
- ↑ 3.0 3.1 "Echinococcosis Treatment Information". CDC. November 29, 2013. Retrieved 20 March 2014.
- ↑ Lozano, R (Dec 15, 2012). "Global and regional mortality from 235 causes of death for 20 age groups in 1990 and 2010: a systematic analysis for the Global Burden of Disease Study 2010.". Lancet 380 (9859): 2095–128. PMID 23245604. doi:10.1016/S0140-6736(12)61728-0.