Durbummaa
Durbummaan (ykn Dubrummaa) qulqullummaa qabaachu ykn muuxannoo walqunnamtii saalaa dhabuu dha. Dubartootni durbummaa qaban qaamni saalaa isaani qaama haphiin haguugamaa dha. Uumamaan qaama haphii gosni garaagaraa yommuu jiraatu baayyinaan qaama saalaa dhalaa hanga inchi 2 haguuga. Shamarraan baay'een wal-qunnamtii saalaa yeroo jalqabaaf gaafa godhan haphii kana qaamni saalaa dhiiraa dhiibbatee gaafa seenu duraa tarsaasuun xiqqoo dhiigsa. Darbee darbee kan shamarran muraasaa kan hin dhiignes ni jira. Dhiigni kun akka mallatoo durbummaa qabaachutti aadaa baayyee keessatti fudhatama. Haphiin kun farda yaabuun, saaykili oofun fi gocha ispoorti garagaraan badu dandaha. Sababa kanaan shamarran muraasi wal-qunnamtii saalaa utuu hin godhin gaafa godhan dhiiguu dhiisee rakkoon xiinsammuu fi wal-dhabdee jaalalaa irra gahu dandaha.