Dracunculiasis

Wikipedia irraa
Dracunculiasis
Qooqodama fi ooddefanoowan aalaa walqabatan
Raammoo giinii luka namaa keessaa baasuuf muka kibriittii fayyadamuu
Raammoo giinii luka namaa keessaa baasuuf muka kibriittii fayyadamuu
Raammoo giinii luka namaa keessaa baasuuf muka kibriittii fayyadamuu
ICD/CIM-10B72 B72
ICD/CIM-9125.7 125.7
DiseasesDB3945

Dracunculiasis, akkasumas dhukkuba raammoo giinii jedhama (GWD), fallamamuu guinea wormtiin dhufa.[1] Namoonnii dhukkuba kanaan kan faallaman yoo bishaan water fleas raammoo giiniitiin faallame dhuganii larvae.[1] Jalqaba irratti mallattoon omaatuu hin mul’atu.[2] Gara waggaa tokkoo booda, raammoo ishii dhaltuun gogaa itessuu waan jalqabduuf dhukkubsataan qaama isa ooqsisuu yookin gubuu jalqaba, yeroo baay’ee jilaa gadii.[1] Itti aansudhaan raammoon torban muraasa keessatti qaama keessaa yaa’uu eegaltii.[3] Wayita kanatti, deemuuf yookin hojjachuuf baay’ee rakkisa.[2] Dhukkubichi yeroo baay’ee lubbuu dabarsuudhaan hin beekamu.[1]

Lubbu qabeeyyii jiran keessaa ilma namaa qofa kan raammoo giinii tiin faallamuu danda’u.[2] Raammoon giinii furdina milii meetira tokko anga lamaa fi dheerina milii meetira 60-100 qabdi (raammoon inni dhiiraa caalmatti gabaabadha).[1][2] Qaama namaatin halatti hanqaaqun raammoo kanaa torban sadiif jiraachuu danda’a.[4] Kana dura ilbiisota bishaan irraatin nyaatamu qabu.[1] Hanqaaqun gara raammotti jijjiramuuf jedhu/laarvaan qaama ilbiisota bishaanii keessa ji’oota afuriif tora.[4] Kanaaf dhukkubni kun otoon hin badin naannoo tokko turuuf waggaa waggaadhan nama qabuu qaba jechuudha.[5] Qorannoon isaa yeroo baay’ee mallattoo fi dhukkubbii nama irratti mul’atu irratti hundaa’un kan geeggeeffamu ta’a.[6]

Ittisuun durasanii sakatta’uudhaan yookin qorachuudhaan dhukkubsataan bishaan dhuguun akka hin madoofne ittisuudhaanii.[1] Tarkaanfiwwan biraa: bishaan qulqulluu fayyadamuu yookin yoo bishaan qulqulluu hin taane dhinbiibanii fayyadamuu faa dabalata.[1] Uccuu qulqullina qabuun dhinbiibu yeroo baa’ee ga’aadha.[3] Bishaan dhugaatii faallame keemikaala temefos jedhamuunis hanqaaquu raammichaa irraa ni qulqulla’a.[1] Qorichi yookin talaallin dhukkubicha ittisu hin jiru.[1] Raammoo kana suuta suuta muka irratti maruudhan torban muraasa keessatti qaama namaa keessa baasuun ni danda’ama.[2] Dhooqni madaa raammoo kanaan qaama namaarratti uumamu baakteeriyaadhan kulkuluu danda’a.[2] Erga raammoon qaama keessaa ba’een booda dhukkubbiin ji’ootaaf itti fufuu danda’a.[2]

Bara 2013 keessa dhukkubsattoota 148 tu gabaafame.[1] Kun bara 1986 miiliyoona 3.5 turerraa kan gadi hir’ate tauu argisiisa.[2] Tamsa’inni bara 1980 biyyoota 20 keessatti mul’achaa turerra amma gara biyyoota Afrikaa 4 gadii bu’eera.[1] Biyyoonni dhukkubichi baay’ee itti mul’atu Afrikaa kibbaa/South Sudan.[1] Dhukkuba kana dhabamsiisuf kan jalqabaa tatii jedhameetti eegama parasitic disease.[7] Dhukkubni raammoo giinii yeroo duriirraa eegaleeti beekama.[2] Baroota 1550 irraa eegalee yaalii fayyaa biyya Misiraa Ebers Papyrus, keessatti ni beekama  BC.[8] Jechi/maqaan “dracunculiasis” jedhamu Latin "jaalala dragon xiqqoo” irraa moggaafame,[9] maqaan raammoo giinii/"guinea worm" kan dhufe erga warrii Awuroopaa dhukkubicha biyya Guinea nannoo West Africa jaarraa 17ffaa keessa arganiin booda.[8] Sanyiin raammoo biraa kan raammoo giinii waliin walfakkatu beeladoota biraa irratti dhukkuba uumanis ni jiru.[10] Isaan kun mana irratti miidhaa hin geessisani.[10] Dhukkubni kun dhukkuba dagatame neglected tropical disease Keessatti ramadama.[11]

Maddawwan[gulaali | lakkaddaa gulaali]

  1. 1.00 1.01 1.02 1.03 1.04 1.05 1.06 1.07 1.08 1.09 1.10 1.11 1.12 "Dracunculiasis (guinea-worm disease)  Fact sheet N°359 (Revised)". World Health Organization. March 2014. Retrieved 18 March 2014. 
  2. 2.0 2.1 2.2 2.3 2.4 2.5 2.6 2.7 2.8 Greenaway, C (Feb 17, 2004). "Dracunculiasis (guinea worm disease).". CMAJ : Canadian Medical Association journal = journal de l'Association medicale canadienne 170 (4): 495–500. PMC 332717. PMID 14970098. 
  3. 3.0 3.1 Cairncross, S; Tayeh, A ; Korkor, AS  (Jun 2012). "Why is dracunculiasis eradication taking so long?". Trends in parasitology 28 (6): 225–30. PMID 22520367. doi:10.1016/j.pt.2012.03.003. 
  4. 4.0 4.1 Junghanss, Jeremy Farrar, Peter J. Hotez, Thomas (2013). Manson's tropical diseases. (23rd edition ed.). Oxford: Elsevier/Saunders. p. e62. ISBN 9780702053061. 
  5. "Parasites - Dracunculiasis (also known as Guinea Worm Disease) Eradication Program". CDC. November 22, 2013. Retrieved 19 March 2014. 
  6. Cook, Gordon (2009). Manson's tropical diseases. (22nd ed. ed.). [Edinburgh]: Saunders. p. 1506. ISBN 9781416044703. 
  7. Lua error in package.lua at line 80: module 'Module:Citation/CS1/Suggestions' not found.
  8. 8.0 8.1 Lua error in package.lua at line 80: module 'Module:Citation/CS1/Suggestions' not found.
  9. Barry M  (June 2007 ). "The tail end of guinea worm — global eradication without a drug or a vaccine ". N. Engl. J. Med.  356  (25 ): 2561–4 . PMID 17582064  Check |pmid= value (help). doi:10.1056/NEJMp078089 . 
  10. 10.0 10.1 Junghanss, Jeremy Farrar, Peter J. Hotez, Thomas (2013). Manson's tropical diseases. (23rd edition ed.). Oxford: Elsevier/Saunders. p. 763. ISBN 9780702053061. 
  11. "Neglected Tropical Diseases". cdc.gov. June 6, 2011. Retrieved 28 November 2014.