Dracunculiasis
| Dracunculiasis | |
|---|---|
| Qooqodama fi ooddefanoowan aalaa walqabatan | |
| ICD/CIM-10 | B72 B72 |
| ICD/CIM-9 | 125.7 125.7 |
| DiseasesDB | 3945 |
Dracunculiasis, akkasumas dhukkuba raammoo giinii jedhama (GWD), fallamamuu guinea wormtiin dhufa.[1] Namoonnii dhukkuba kanaan kan faallaman yoo bishaan water fleas raammoo giiniitiin faallame dhuganii larvae.[1] Jalqaba irratti mallattoon omaatuu hin mul’atu.[2] Gara waggaa tokkoo booda, raammoo ishii dhaltuun gogaa itessuu waan jalqabduuf dhukkubsataan qaama isa ooqsisuu yookin gubuu jalqaba, yeroo baay’ee jilaa gadii.[1] Itti aansudhaan raammoon torban muraasa keessatti qaama keessaa yaa’uu eegaltii.[3] Wayita kanatti, deemuuf yookin hojjachuuf baay’ee rakkisa.[2] Dhukkubichi yeroo baay’ee lubbuu dabarsuudhaan hin beekamu.[1]
Lubbu qabeeyyii jiran keessaa ilma namaa qofa kan raammoo giinii tiin faallamuu danda’u.[2] Raammoon giinii furdina milii meetira tokko anga lamaa fi dheerina milii meetira 60-100 qabdi (raammoon inni dhiiraa caalmatti gabaabadha).[1][2] Qaama namaatin halatti hanqaaqun raammoo kanaa torban sadiif jiraachuu danda’a.[4] Kana dura ilbiisota bishaan irraatin nyaatamu qabu.[1] Hanqaaqun gara raammotti jijjiramuuf jedhu/laarvaan qaama ilbiisota bishaanii keessa ji’oota afuriif tora.[4] Kanaaf dhukkubni kun otoon hin badin naannoo tokko turuuf waggaa waggaadhan nama qabuu qaba jechuudha.[5] Qorannoon isaa yeroo baay’ee mallattoo fi dhukkubbii nama irratti mul’atu irratti hundaa’un kan geeggeeffamu ta’a.[6]
Ittisuun durasanii sakatta’uudhaan yookin qorachuudhaan dhukkubsataan bishaan dhuguun akka hin madoofne ittisuudhaanii.[1] Tarkaanfiwwan biraa: bishaan qulqulluu fayyadamuu yookin yoo bishaan qulqulluu hin taane dhinbiibanii fayyadamuu faa dabalata.[1] Uccuu qulqullina qabuun dhinbiibu yeroo baa’ee ga’aadha.[3] Bishaan dhugaatii faallame keemikaala temefos jedhamuunis hanqaaquu raammichaa irraa ni qulqulla’a.[1] Qorichi yookin talaallin dhukkubicha ittisu hin jiru.[1] Raammoo kana suuta suuta muka irratti maruudhan torban muraasa keessatti qaama namaa keessa baasuun ni danda’ama.[2] Dhooqni madaa raammoo kanaan qaama namaarratti uumamu baakteeriyaadhan kulkuluu danda’a.[2] Erga raammoon qaama keessaa ba’een booda dhukkubbiin ji’ootaaf itti fufuu danda’a.[2]
Bara 2013 keessa dhukkubsattoota 148 tu gabaafame.[1] Kun bara 1986 miiliyoona 3.5 turerraa kan gadi hir’ate tauu argisiisa.[2] Tamsa’inni bara 1980 biyyoota 20 keessatti mul’achaa turerra amma gara biyyoota Afrikaa 4 gadii bu’eera.[1] Biyyoonni dhukkubichi baay’ee itti mul’atu Afrikaa kibbaa/South Sudan.[1] Dhukkuba kana dhabamsiisuf kan jalqabaa tatii jedhameetti eegama parasitic disease.[7] Dhukkubni raammoo giinii yeroo duriirraa eegaleeti beekama.[2] Baroota 1550 irraa eegalee yaalii fayyaa biyya Misiraa Ebers Papyrus, keessatti ni beekama BC.[8] Jechi/maqaan “dracunculiasis” jedhamu Latin "jaalala dragon xiqqoo” irraa moggaafame,[9] maqaan raammoo giinii/"guinea worm" kan dhufe erga warrii Awuroopaa dhukkubicha biyya Guinea nannoo West Africa jaarraa 17ffaa keessa arganiin booda.[8] Sanyiin raammoo biraa kan raammoo giinii waliin walfakkatu beeladoota biraa irratti dhukkuba uumanis ni jiru.[10] Isaan kun mana irratti miidhaa hin geessisani.[10] Dhukkubni kun dhukkuba dagatame neglected tropical disease Keessatti ramadama.[11]
Maddawwan
[gulaali | lakkaddaa gulaali]- 1 2 3 4 5 6 7 8 9 10 11 12 13
- 1 2 3 4 5 6 7 8 9 Greenaway, C (Feb 17, 2004). "Dracunculiasis (guinea worm disease).". CMAJ : Canadian Medical Association journal = journal de l'Association medicale canadienne 170 (4): 495–500. PMC 332717. PMID 14970098.
- 1 2 Cairncross, S; Tayeh, A ; Korkor, AS (Jun 2012). "Why is dracunculiasis eradication taking so long?". Trends in parasitology 28 (6): 225–30. PMID 22520367. doi:10.1016/j.pt.2012.03.003.
- 1 2 Junghanss, Jeremy Farrar, Peter J. Hotez, Thomas (2013). Manson's tropical diseases. (23rd edition ed.). Oxford: Elsevier/Saunders. p. e62. ISBN 9780702053061.
- ↑
- ↑ Cook, Gordon (2009). Manson's tropical diseases. (22nd ed. ed.). [Edinburgh]: Saunders. p. 1506. ISBN 9781416044703.
- ↑
- 1 2
- ↑ Barry M (June 2007 ). "The tail end of guinea worm — global eradication without a drug or a vaccine ". N. Engl. J. Med. . 356 (25 ): 2561–4 . PMID 17582064 Check
|pmid=value (help). doi:10.1056/NEJMp078089 . Archived from the original on 2010-07-06 . Retrieved 2015-09-11 . - 1 2 Junghanss, Jeremy Farrar, Peter J. Hotez, Thomas (2013). Manson's tropical diseases. (23rd edition ed.). Oxford: Elsevier/Saunders. p. 763. ISBN 9780702053061.
- ↑
