Dhuukkuba Sarre Maraataa

Wikipedia irraa
Dhuukkuba Sarre Maraataa
Qooqodama fi ooddefanoowan aalaa walqabatan
Sareen rabiisii qabuu sadarkkaa naafachaa irra
Sareen rabiisii qabuu sadarkkaa naafachaa irra
Sareen rabiisii qabuu sadarkkaa naafachaa irra
ICD/CIM-10A82 A82
DiseasesDB11148
MedlinePlus001334

Raabiisiisiin Vaayirasiin kandadaarbuufidhukkuba faalama sammuuilmaan nammoota irraa fi bineensootadhiga ho'aa qabaan irra kan gessuu[1] Malattootnii jalqaba irrati argam ho'a qaamaa fi bakka itti quunameerati dhageeti hiddaa dha.[1] Mallattootnii itti annunn dhagaa'aaman sochilee nama jeeqan, gamachuu to'aachuuf rakkisuu soddaa bishaani,kutaalee qaamaa tokko tokko sochoosuu dadhabuu, bitaa galuu fioff walaaluudha.[1] Malatootnii erga mul'atan booda, Raabiisiin yeroo maraa du'a fiida.[1] Yerroon dhukkuubichaan qabamuu fi malatoolee ilaaluu giduu jirruu ji'aa tokkofi ji'a sadii gidduudha. Ta'ulee, yerron kuuni torbee tokkoo gaddi haama waggaa tokkoo caala garaagarumaa qabachuu danda'aa.[1] Dheerinii yeroo kan hundaa'uu yeroo vaayiirasichii gidduu galaa sirna narvii gahuuf itti fuudhatuu irrati.[2]

Sababaa fi Qooranaa[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Raabiisiin bineensoota birraa irraa gara ilman namaaniti darba. Raabiisiin kan namati darbuu, bineensii faalamee yeroo nama nyaatuu yookin taraaruu dha.[1] Gooroorii bineensa dhuukuubichaan qabamee yoo mukoos meembreenni binensa yookkin nama birraa wajjin wal quuname dhuukuubichii dadarbuu danda'a.[1] Raabiisiin nammoota qabattu yaroo baay'ee saree irra dhuufa.[1] Caalmaa 90% ira Raabiisiin biyyoolee sarooni Raabiisii qaban irrati umamuu saroota irraa dhuufa.[3] BiyooleeAmeerikkaa keesa,hiddi simbira haalkanibaay'inaan dhuukkuuba Raabiisii namattii fiduu, haami 5% gadi immoo saroota iraa dhufa. [1][3] Bineensooni akka hantuutaa jirran yeroo bay'ee dhuukuubichaan hin qabamanii.[3] Vaayirasiin Raabiisiigara samuuti kan bahuu narvoota peerifeeraaliihoordoofuuni dha. Dhuukuubichi kan qooratammuu danda'uu erga malatootnii isaa jelqaban booda dha.[1]

Ittiisaa fi Wal'aansa[gulaali | lakkaddaa gulaali]

To'anaa bineensootaa fi sagantaaleen talaali balaa Raabiisii sababa sareedhaan dhuffuu biyoolee adugnaa bay'ee irraa hir'iseera.[1] Uumatoota balaa guddaa ira jiraaniif yammuu saaxiila hin bahiin talaalii kenuun ni goorfama. Namootnii balichaaf saaxiilamaan, namoota siimbira halkanii wajjin hoojatan fi namoota baka Raabiisiin baay'inaan argammuuti yeroo bay'ee dabarsanii dha.[1] Namoota raabiisiiti saaxilaman kessaa,talaalin Raabiisiifoo yeroo tokko tokko Raabiisii iimuunooguloobiiniiyoo malatooleen dhuukuubichaa mul'aachuu otto hinjalqabiin kenamee dhuukuubicha ittisuuf gargaaruu.[1] Baka maddaa daqiiqaa 15f saamunaa fi bishaaniin,ayoodiinii piirooviidoniiyookiin saamuunaa dhangala'aa tiin dhiqquun vaayiirasii ajeesuu nidanda'a. Akasuumas tamsaa'iina dhuukuubicha hambisuu danda'a. [1] Erga malatootnii mul'atan booda namoota muurraasatuu dhuukkuubiicha irraa haafee. Kuuniis wal'aansa guddaa kan piirootookoolii Miilwaa'uukkee jedhamuun beekamuuni dha.[4]

Talaallii[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Talaaliin Raabiisii Talaaliiittiisa raabiisiif gargaaruu dha.[5] Kan buu'aa qabeesa ta'ee fi balaa kan hinqabnee muurasni jirruu. Ergaa namnii vaayiirasii Raabiisiin sababoota akka ciniinaa saretiin yookiin siibmira haalkaniitin saaxiilamuu fi erga saaxilameen bodda dhuukuubicha ittisuuf gargaara. Dandeettiin-dhibee- ittisuu kan hama-qooricha saddii boda argamuu ciimaa fi yerroo dheraa kan turu danda'uu dha. Yeroo bay'ee kan kenammuu gogaa yookiin irree irati limo waraaniidha. Erga saaxiilaamaan booda talaaliin yeroo- hunda kan fayadammuuimmuunoogiloobbuuliinii Raabiisii wajjiinnii. Namootnii balaa saaxiilamuu guddaa irra jiraatani, yeroo saaxiilamuuf dandaa'aniin duura talaalamuun issanii ni gorfama. Talaaliileen namoota fi bineensoota irrati nihoojettuu. Daandeetii- sarootnii dhibiicha ittisan ijjaruun dhibee namoota irra ittisuf mala bu'aa qabesa dha.[5]

Oof- eegannoo[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Namootnii miiliiyoonoota addunyaa keeseti talaalamani jirruu, kuusin tilmaamaman namoota millioyoona 250,000 ta'an ittusin isa ni tilmaamama.[5] offeganoon godhamuu dan'aan garee umrrrii hundumaaf ni jirruu. namootnii % 35 fi %45 gidduu jiran bakka limoon warraanamee irati yeroo muraasaaf dimachuu mul'issuu. Namootnii %5 fo %15 gidduu hoo'a qaamaa,dhukkuuba sammuu,dhuukuuba garraa qabaachuu ni danda'uu. Raabiisiin saaxilamuun boda balaan issan itti fayyadamuu wajjin walqabattee dhuffuu hin jirruu. Talaaliileen baay'een tiimeeroosaa of kesaa hin qabanni. Talaalileen tishuulee naarvoota irraa hojeetaman biyyoole muraasa kessati ni fayadammuu, bay'inaan Eshiyyaa, Ameeriikaa kibaa kessati haata'uu malee, bu'aan issani xiqaa fi rakkoo caalaa qabuu. Isaaniitii fayadamuun Buufataa Fayyaa Adhunyaatiin hin goorfamuu.[5]

Bara 2014 irraa jalqabee,gattin waligalaa Dollara Ameerikkaa 44 fi 78 gidduu baasa.[6] Ameerikkaa Kaabbaa kesatti sangantaan talaalii Raabisii tokko Dollara Ameerikkaa 750 baasa.[7]

Qoorannaa tamsaasa dhiibee[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Raabiisiin bara tokkoo kesatti nammota 26,000 hanga 55,000 adduugnaa mara keesattii ajjeesa.[1][8] Duunii 95%ira kan caaluu kan uumamuu EshiyaafiAfrikkaa keesa dha.[1] Raabiisiin biyoollee 150 ira caalan kessa ardii Antartiikaan alla arrdillee hunda keesatii argama.[1] Umatootni milliyoona 3 irra caalan nanoolee Raabiisiin itti argamuu keesa jiraatuu.[1] Awuuroopaa fi Awuustraliyyaa keesati, Raabiisiin haarka-caalaati siimbira haalkannii kesatii argama.[9] Nammootni odooloota xiixiiqoo irrati jirratan raabiisii goonkuumaa hin qabaannii.[10]

Waabbii[gulaali | lakkaddaa gulaali]

  1. 1.00 1.01 1.02 1.03 1.04 1.05 1.06 1.07 1.08 1.09 1.10 1.11 1.12 1.13 1.14 1.15 1.16 1.17 "Rabies Fact Sheet N°99". World Health Organization. July 2013. Retrieved 28 February 2014. 
  2. Cotran RS; Kumar V; Fausto N (2005). Robbins and Cotran Pathologic Basis of Disease (7th ed.). Elsevier/Saunders. p. 1375. ISBN 0-7216-0187-1. 
  3. 3.0 3.1 3.2 Tintinalli, Judith E. (2010). Emergency Medicine: A Comprehensive Study Guide (Emergency Medicine (Tintinalli)). McGraw-Hill. pp. Chapter 152. ISBN 0-07-148480-9. 
  4. Hemachudha T, Ugolini G, Wacharapluesadee S, Sungkarat W, Shuangshoti S, Laothamatas J (May 2013). "Human rabies: neuropathogenesis, diagnosis, and management.". Lancet neurology 12 (5): 498–513. PMID 23602163. doi:10.1016/s1474-4422(13)70038-3. 
  5. 5.0 5.1 5.2 5.3 "Rabies vaccines: WHO position paper". Weekly epidemiological record 32 (85): 309–320. Aug 6, 2010. 
  6. "Vaccine, Rabies". International Drug Price Indicator Guide. Retrieved 6 December 2015. [dead link]
  7. Shlim, David (June 30, 2015). "Perspectives: Intradermal Rabies Preexposure Immunization". Retrieved 6 December 2015. 
  8. Lozano R, Naghavi M, Foreman K, Lim S, Shibuya K, Aboyans V, Abraham J, Adair T, Aggarwal R (Dec 15, 2012). "Global and regional mortality from 235 causes of death for 20 age groups in 1990 and 2010: a systematic analysis for the Global Burden of Disease Study 2010.". Lancet 380 (9859): 2095–128. PMID 23245604. doi:10.1016/S0140-6736(12)61728-0. 
  9. "Presence / absence of rabies in 2007". World Health Organization. 2007. Retrieved 1 March 2014. 
  10. "Rabies-Free Countries and Political Units". CDC. Retrieved 1 March 2014.