Dhukkuba Chaagas

From Wikipedia
Jump to navigation Jump to search
Dhukkuba Chaagas
Qooqodama fi ooddefanoowan aalaa walqabatan
Dhukkuba Chaagas
Photomicrograph of Giemsa-stained Trypanosoma cruzi
ICD/CIM-10B57 B57
ICD/CIM-9086 086
DiseasesDB13415
MedlinePlus001372

Dhukkuba Chaagas, YKN American trypanosomiasis, kun mudhii lafaa dhukkuba ilbiisotaan darbu kn uummamu protozo’aMaq. Trypanosomacruzi.[1] Yeroo baay’ee kan ittin tamsa’u ilbiisakissing bugsjedhamtee beekamtuuni.[1] Mallattoowwan erga dhukkubichi qaama keessa galee /faale/ kaasee jijjiirramaa deema. Sadarkaa jalqabaarratti, mallattoowwan hin mul’atan yookin dhukkubbi xiqqoo: kan akka hoo’ina qaamaa fi ita’uu mudaamuddii, dhukkubbii mataa, YKN idoodhumtii ciniinname sun ita’utu mul’ata. [1] Torban 8-12 booda,namootni gara sadarka dhukkubicha waliin yeroo dheeraa jiraachutti /Chronic/ itti waan ce’aniif dhibbanta 60-70% mallattoo dabalataa hin argisiisan. [2][3] Namootni kun dhibbanta 30 anga 40 erga faallamanii kaasee wagoota 10 fi 30 gidduutti mallattoowwan biraa argisiisu malu. [3] Kunis guddachuu Idda onnee/ ventricles of the heart aga dhibbanta 20-30 dabaluun gara dadhabuu onneetti/heart failuregeessa.[1] kan enlargedesophagus YKN guddachuun qaama marumaanii namaoota dhibbanta 10 ta’an irratti ni mul’ata.[1]

Ka’uumsaa fi tooftaa ittin adda baasan[edit | Lakkaddaa gulaali]

T. cruzi n yeroo baay’ee namaa fi bineeyyii oosisanitti kan dadarbu ilbiisa dhiiga-xuuxxuu gosa"kissing bugs" jedhamtee beekamtuuni Triatominae.[4] Ilbiisonni kun iddoowwan adda addaatti maqaawwan adda addaatiin beekkamu, kunis: Arjentiinaa, Booliviya, Chiilii fi Paraguayi keessativinchuca, Braazil keessatti barbeiro (the barber, Kolombiyaa keessatti pito, giddu-gala Ameerikaa keessattichinche, akkasumas Venzuweelaa keessattichipo jedhamuun beekkama. Dhukkubnu kun tarii dhiiga walii dabarsuudhan, qaama nama tokkoo isa gara biraatiif dabarsanii dhaabudhaan, nyaata dhukkubichaan faalame nyaachu, fi, haadharraa gara daa’imaatti daddarbuu danda’a.[1] Sadarkaa duraa/jalqabbii irratti maayikirooskooppii fayyadamuudhaan raammoo dhukkubicha fidu addaan baasun ni danda’ama. [3] Dhukkubichii yeroo dheera erga tureen booda aqaama ittiftuu /antibodiesT. cruzi dhiiga keessa ilaaludgaan addaan baasun ni danda’ama.[3]

Ittisaa fi yaala[edit | Lakkaddaa gulaali]

Dhukkubicha ittisuuf yeroo baay’ee ilbiisa “kissing buge” jedhamtu kana balleessu fi cinniinaa ishii dhabamsiisudha.[1] Tarkaanfiin ittisaa gara biraa yeroo dhiiga walii dabarsan sirriitti sakatta’uudha.[1] Akka lakkoofsa faranjootatti anga 2013 itti talaallin hin uummamnne.[1] Dhukkubichi yeroo jalqaba nama qabu yoo yaallaman qorichoota benznidazole YKN nifurtimoxtiin fayyuun ni danda’ama.[1] Ammuma dhukkubni “Chagas” namarra turu sadarkaan fayyuu gadi deema kan dhufu yoo ta’eyyu, jalqaba irratti dafanii yoo yaallaman amma gutummaa guututti dhiyaatun ni fayyu. [1] Erga yeroo dheeraa namarra tureen booda yaallamuun mallattowwan dhukkubbii dhumarra mul’atan akka turan yookin akka hin mul’anne ittisuuf gargaara. [1] “Benznidazole” fi “Nifurtimox”n namoota dhibbantaa aga 40 ga’an irratti yeroodhaaf dhiibbaa maddii [1] kan akka dhukkubbii gogaa, summaa’uu sammu, fi gubaa qaama garaa irraatti mul’isuu danda’a. [2][5][6]

Tamsa’iina dhukkubicha[edit | Lakkaddaa gulaali]

Namootni miiliyoona 7 aga 8 itti tilmaamaman baay’een isaani biyoota Meeksiiko, Giddu-gala Ameerikaa fi Kibba Ameerikaa jiraatan dhukkuba Chagaasin qabamanii argamu.[1] Akka raga bara 2006 itti waggaatti namoota 12,500 ajjeesa. [2] Namootni edduun dhukkuba kana waliin jiraatan hiyeessota [2] fi namootni dhukkuba kanaan qabamanii jiran baay’een isaani faallamuu isaanillee hin beekan/hin hubatan. [7] Sosochiin uummataa edduumminaan iddoodha gara iddotti taasifamuu bakki dhukkubnii Chagas itti argamu akka babal’atu kan taasise si’a ta’u kunis yeroo amma biyyoota Awuroopaa edduu fi Ameerikaa dabalata. [1] Naannowwan kun waggoota anga 2014 keessatti olka’iisa argisiisaniiru.[8] Dhukkubichi yeroo jalqabaatif kan argame bara 1909 nama Carlos Chagas jedhamuun si’a ta’u sana booda maqaa kanatti moggaafame.[1] Dhukkubichi nama malees bineessota 150 caalan kan miidhudha.[2]

Madda odeeffannoo[edit | Lakkaddaa gulaali]

  1. 1.00 1.01 1.02 1.03 1.04 1.05 1.06 1.07 1.08 1.09 1.10 1.11 1.12 1.13 1.14 1.15 "Chagas disease (American trypanosomiasis) Fact sheet N°340". World Health Organization. March 2013. Retrieved 23 February 2014. 
  2. 2.0 2.1 2.2 2.3 2.4 Rassi A, Rassi A, Marin-Neto JA (April 2010). "Chagas disease". Lancet 375 (9723): 1388–402. PMID 20399979. doi:10.1016/S0140-6736(10)60061-X. 
  3. 3.0 3.1 3.2 3.3 RassiA, Jr; Rassi, A; Marcondes de Rezende, J (June 2012). "American trypanosomiasis (Chagas disease).". Infectious disease clinics of North America 26 (2): 275–91. PMID 22632639. doi:10.1016/j.idc.2012.03.002. 
  4. "DPDx – Trypanosomiasis, American. Fact Sheet". Centers for Disease Control (CDC). Retrieved 12 May 2010. 
  5. Bern C, Montgomery SP, Herwaldt BL, et al. (November 2007). "Evaluation and treatment of chagas disease in the United States: a systematic review". JAMA 298 (18): 2171–81. PMID 18000201. doi:10.1001/jama.298.18.2171. 
  6. Rassi A, Dias JC, Marin-Neto JA, Rassi A (April 2009). "Challenges and opportunities for primary, secondary, and tertiary prevention of Chagas' disease". Heart 95 (7): 524–34. PMID 19131444. doi:10.1136/hrt.2008.159624. 
  7. Capinera, John L., ed. (2008). Encyclopedia of entomology (2nd ed. ed.). Dordrecht: Springer. p. 824. ISBN 9781402062421. 
  8. Bonney, KM (2014). "Chagas disease in the 21st Century: a public health success or an emerging threat?". Parasite 21: 11. PMC 3952655. PMID 24626257. doi:10.1051/parasite/2014012.  Template:Open access