Awwaaldiigessa qoree

Wikipedia irraa
Awwaaldiigessa qoree

Uumamni kun Awwaaldiigessa qoree qabu jedhamee waamamus, Awwaaldiigessa wajjiin hidhata takkallee hin qabu. Tarii dheerinna qoffee isaa laalanii maqaa kana itti moggaasan ta’a. Uumamni kun hoosiftoota keessatti ramadama. Haa ta’u malee fakkaatii isaa hin dhalu. Akkuma allaattii hanqaaquu buusee ilmoolee keessaa yaasa. Eegasuu maaf hoosiftoota keessatti ramadameree? Uumamaaleen hoosiftoota keessatti ramadaman kanneen hanqaaquu buusan, monotremes jedhaman. Akka hoosiftoota hedduu ilmoo garatti qabatanii dhaluus baatan, eega hanqaaquu keessaa basanii booda garuu akkuma hoosiftoota biroo aannan obaasaa ykn ammoo mucha hoosisaa guddisu. Uumamni kunis, eega hanqaaquu buusee booda ilmoolee keessaa yaasee mucha hoosisaa guddisa.  Uumamni kun maqaa Awwaaldiigessa qoree jedhamuun waamama.


Awwaaldiigessa qoreen sanyiilee garagaraa lama qaba. Isaanis Awwaaldiigessa qoreea qoffee gabaabaa fi Awwaaldiigessa qoreea qoffee dheeraa jedhaman. Inni qoffee gabaabaa Awustraaliyaa fi Niiw Giinii keessatti kan argamu yoo ta’u, Inni qoffee dheeraa qabu ammoo lafa ol ka’aa Niiw Giinii qofa keessatti argama. Uumamni kun naannawa bosonaa kan jiraatu yoo ta’u, margaa fi eddoowwan muka garagaraa qaban filata. Awwaaldiigessa qoreean qoffee dheeraa qabu yeroo ammaa kana bineesota baduuf dhihaatan keessatti ramadamee jira. Rakkina kanaaf sababaan guddaan manca’iinsa bosonaatiifi balaa tasaa karaa irratti mudatuudha.


Awwaaldiigessa qoreean uumama xiqqaadha. Dheeerinni isaa seentimeerira 34 hanga 76 ta’a. Ulfaatinni isaatis kilograama 3 hanga 10 ta’a. Qaamni Awwaaldiigessa qoree rifeensa gosa lamaan uwwifamaadha. Inni tokko qabaabaa yoo ta’u, faaydaan isaatis teempireechara qaamaa too’achuudha. Inni tokko ammoo dheeraadha. Dheeraan kun fageenyaa wayta ilaalamu qoree Dhaddee fakkaata. Haa ta’u malee akka dhaddee sanitti diina ofirraa ittiin ittisuu hin danda’u. Dhaddeen qoree san diina ittiin waraanuuf kan itti fayyadamtu yoo ta’u, Awwaaldiigessa qoreean garuu ittiin waraanuudhaaf hin gargaaramu. Ta’us diinni qaama isaa akka hin miineef faaydaa guddaa qaba. Wayta diinni itti dhufu akka kuubbaa maramuudhaan qoffee fi kotteewwan isaa garaa jalatti dhoysee, rifeensa akka qoree jiru san qofa diinatti mul’isa. Diinni dhufe haga fedhe osoo carraaqeellee ilkaaniin uumama san ciniinuu hin danda’u. Dhaddeen garuu yoo diinni isii miidhu itti dhufe, qoree saniin ofirraa waraanti.


Qoreen Awwaaldiigessa qoree kun ajaa’iba biraatis ni qaba. Sunis ibiddaan gubatuu dhabuu isaati. Bosonni Awustraaliyaa yeroo heddu balaa ibiddaatiif saaxilama. Ibiddi kun ammoo humna waan argate hunda barbadeessuu qaba. Awwaaldiigessa qoreen garuu badhaasa Rabbiitiin osoo ibidda san jalaa hin dheessin lubbuu isaa tursiifatuu danda’a. wayta balaan ibiddaa ka’u bineensonni hundi baqachuu eegalu, Bineensi kun garuu bakkuma dhaabatu sanitti boolla qotee qaama lallaafaa biyyee jala dibee ciisa. Yeroo kana duydi isaa lafaa olitti hafee qaamni gama jalaatiin argamu hundi biyyee jala seena.


Akkuma beekamu wayta ibiddi bosonatti qabatu aarrii naannoo hunda ukkaamsuun waan hin oolamne. Bineensi kun badhaasa guddaa Rabbii isaa irraa badhaafametti fayyadamee, ibidda keessatti Hibernate godhee rafa.  Aaraan hin ukkaamamu, ibiddaanis hin gubatu jechuudha. Wayta ibiddi dhaamee naannoon qabbanaawu bakka hibernate godhee dammaqee gara haajaa ofii deema. Rifeensi bineensa kanaa kan qoree fakkaatu kun albuuda keeraatiin irraa kan ijaarame yoo ta’u, albuudni kun albuuda rifeensaa fi qeensi keenya irraa ijaarameedha. Rifeensi akka qoree jiru kun bifa boora qaba. Akkasumas seentimeetira 5 dheerata.


Awwaaldiigessa qoreen uumama Kopha kophaa jiraatuudha. Hunduu bosona keessa deemaa soorata barbaaddata. uumamaalee foon qofa sooratan keessatti kan ramadamu yoo tahu, Sooranni isaatis rirmaa fi raammolee garagaraati. Rirmaa fi raammolee kanniin ammoo sirna elektro maagneetikii, kan funyaan isaa irra jirutti fayyadamuun barbaaddata. Funyaan isaa sanitti gargaaramuun Rirma boolla keessa jirus ta’e, kan fageenyarra jiru fuunfatee adda baafatuu danda’a. Kana booda arraba isaa dheeraa kan waa ofitti maxxansuu danda’utti fayyadamuun raammolee arraabaa soorata.


Bineensi kun Ilkaan waan hin qabneef, lubbu qabeeyyii lafee hin qabne qofa soorata. Arrabni isaa dheeraa waan taheef boolla keessa seenee gamaa gamanatti caccaafamuu danda’a. Kanaafuu hulluuqqoo Rirmi tolfate hunda keessa caccaafamaa haga danda’een Rirma heddu qabata. Yoo arrabaan dhaqqabuu dadhabe ammoo humna jabaa qabutti fayyadamuun boolla Rirmi qotatee ol tuule san diiguun itti dhihaatee soorata.


Sirni wal hormaata Awwaaldiigessa qoree kan ajaa’ibaati. Kormaan qaama walhormaataa afur kan qabu yoo ta’u, dhaltuun ammoo lama qabdi. Kormaan qaama wal hormaata afur qabaatus, yeroo takkaan kan tajaajila irra oolu lama qofa. Sababni isaatis dhaltuun qaama walhormaataa lama qofa qabaachuu isiiti. Qaamni wal hormaataa hagana baay’atus ilmoon dhalatu garuu tokko qofa.


Akkuma durarratti dubbanne bineensi kun akka allaattii hanqaaquu buusa malee ilmoo hin dhalu. Haadhoon takka hanqaaquu takka qofa buusti. Hanqaaquu isii tanas korojoo gara jalaa qabdu keessa keetti. Guyyaa kudhan booda hanqaaquun sun cabee ilmotti jijjiirama. Ilmoon haarofti rifeensaa fi qoree hin qabne tunis ji’oota lamaa oliif achuma korojoo haadhaa keessa turti. Haga gaafa qoree baafattee diina ofirraa ittisuu dandeettutti korojoo keessaa hin baatu. Gaafa qoree baafte ammoo Korojoo keessaa baatee boolla qopheffameef keessa seenti.


Haadhoon Awwaaldiigessa qoreen mucha hin qabdu, garuu aannan ni maddisiisuu dandeetti. Kanaafuu ilmoon Awwaaldiigessa qoreetis aannan arraba isiitiin arraabaa dhuydi malee akka ilmoolee hedduu hin hootu. Haga ji’a torba guuttutti aannanuma haadhaatiin jiraatti. San booda jireenya kophaa jalqabdi. Awwaaldiigessa qoreen fedha Rabbiitiin haga waggaa 50 jiraatuu danda’a.