Anniisaa keemikaalaa

Wikipedia irraa

Nyaanni nyaannu qaama keenya keessatti oksijiinii waliin walnyaatiinsa gaggeessa. Wal nyaatiinsi keemikaalota kanaa anniisaa keemikaala uuma. Anniisaan keemikaalaa uumame kun gara akaakuu anniisaa hoo’aa fi sochiitti jijjiiramuun namni akka dalagaa guyyaa guyyan dalagatu taasisa. Kanaafuu, anniisaa keemikaalaa jechuun anniisaa sababa wal nyaatinsa molokiilotaatiin uumamuudha.