Jump to content

Allaattii Sheeyxaanaa

Wikipedia irraa
Female anhinga in Florida
Allaattii Sheeyxaanaa dubaraa Filooriidaa keessatti

Maqaan uumama kanaa Anhinga jedhama. Anhinga jechuun akka afaan ummata Tuupii kan Braazil keessa jiraataniitti, Allaattii sheeyxanaa ykn ammoo Allaattii bofaa jechuudha. Allaattiin kun warra bishaan daakuu danda’an keessaa isa tokko. Haa ta’u malee akkaataan bishaan keessa itti daaku kan addaati. Qaama isaa guutuu bishaan jala gad dabarsuun morma isaa dheeraa kan bofa fakkaatu qofa bishaan keessaa ol baasee daaka. Kunis sanyiilee bofaa hedduun akka wal fakkaatu isa taasise. Maqaa Allaattii bofaa jedhus kanumarraa argate. Maqaa: Anhiga

Umrii jiraatu: Waggaa 12

Ulfaatina: Kilograama 1 haga kilograama 1.35

Dheerinna: Seentimeetira 75 hanga 95

Dheerina Koolaa: Meetira 1.14

Qaama Anhigaa

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Dheerinni allaattii kanaa seentimeetira 75 hanga 95 ta’a. Kooluun isaa haalaan dheeraadha. Kooluun isaa kun haga meetira 1 fi sentimeetira 14 dheerata. Ulfaatinni isaa Kilograama 1 hanga 1.35 ta’a. Qoffeen isaa ammoo milimeetira 81 dheerata. Mataan isaa haalaan xiqqaadha. Rifeensa xiqqoo akka guuttiyyee jirtu mataa irraa qaba. Guddinni mataa isaa furdinna morma isaa hin caalu. Kotteen isaa ammoo qubbeen jidduu gogaa haphii qaba. Kunis wayta bishaan daaku akka hin rakkanne isa gargaara. Baalliin eegee isaatis dheeraadha. Baalliin isaa kun akka freeniitti tajaajila. Barrisaa eega tureen booda dhaabbachuudhaaf eegee isaa kanatti fayyadama. Akkasumas madaala qaamaa eeguudhaaf baalliin kun faaydaa guddaa qaba.


Guddina qaamaatiin kormaan dhalaa ni caala. Baalliin kormaa gurraacha yoo ta’u, gama gubbaatiin ammoo bifa silver qaba. Bifti dhalaa ammoo magaala. Baalliin allaattii kanaa akka sanyiiwwan allaattii bishaanitti dhihaatanii jiraatanii kan bishaan dandamatuu miti. Akkuma bishaan tuqeen guutumatti jiidha. Sababa kanaaf qaama isaa guutuu bishaan jala dabarsuun morma qofa ol hanbisee daaka. Baalliin isaa akka ispoonjiitti waan bishaan xuuxuuf, ulfaatinni isaa dabalee bishaan jala lixa. Yeroo kanatti gogaa haphii kan qubbeen miilaa jiddutti argamanitti fayyadamuun daaka.

Amalaa fi Soorata Anhigaa

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Anhingaan lafarraa ka’ee yeroo takkaan barrisuun itti ulfaata. Kanaafuu akkuma sanyiiwwan allaattii gurguddaa yeroo muraasa lafarra ykn ammoo bishaan irra fiigee barrisuu eegala. Akkasumas yoo muka gubbaa jiraate ammoo, gubbaa sanii of darbuun barrisuu jalqaba. Sooranni allaattii kanaa hedduminaan bishaan keessaa waan argamuuf, Allattiin kun hedduminaan bishaan keessa daakaa oola. Dabalataan ilbiisota xixiqqoos ni soorata. Anhingaan saffisa jabaa hin qabu. Kanaafuu qurxummii akka laaftutti qabachuu hin danda’u. takkuma takkaan suuta malaan guuraa soorata. Bishaan keessa eega seeneen booda qurxummii takka yoo arge, suuta jedhee yeroo dheeraaf qurxummima san hordofa. Eega irraanfachiiseen booda morma isaa dheeraa san fayyadamee qabata. Soorata isaa bishaan keessatti hin sooratu. Bishaan keessaa bahee eega ajjeeseen booda soorata. Qaamni isaa bishaan ofitti qabachuu isaatiin cinatti, wayta bishaan keessa seenu, oowwi qaama isaatis ni xiqqaata. kanaafuu adaduma qabbanti itti hammaataa deemuun bishaan keessaa bahee aduu keessa ciisee Baallii isaa goggoffataa qaama isaatis hoo’ifata. Eega wanti hundi sirraaheefii booda ammas deebi’ee bishaan keessa seena.

Walhormaata Anhiga

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Anhingaan uumama kopha kophaa jiraatuudha. Wayta wal hormaataa yoo taate malee Anhingaan lama wal biratti hin argamu. Wajjiin ooluu mitii ollaa waliituu hin jiraatu. Allaattiin kun sanyii ofii irraa baqatee sanyiiwwan allaattii biraatiin olloomee jiraata. Anhingaan allaattii kopha kophaa jiraatu ta’us, kormaa fi dhalaan garuu akka jaarsaa fi jaartiitti waliin turu. garuu yeroon isaan walitti dhufan yeroo wal hormaataa qofa. Kormaan jalqaba dhalaa qabachuudhaaf shubbisa garagaraa shubbisee hawata. Dhalaan sunis shubbisa isaatiin yoo hawatamtee wal qabatanii goojjoo ijaaratu. Yoo isii hin hawannee ammoo dhiistee biraa deemti. Yoo walii galan Kormaan olii gad deemee, wantoota goojjoon ittiin ijaaramu, mukaa fi marga garagaraa fida. Dhaltuun ammoo meeshaa kormaan fidetti fayyadamuun goojjoo ijaarti. Goojjoo kana eeguun dirqama kormaati. Alagaan yoo dhufe ofirraa deebisuun dirqama isaati. Haa ta’u malee bakka inni dadhabetti dhalaanis ni eegdi.

Ilmoolee Anhiga

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Wal qunnamtii wal hormaataa booda, Dhaltuun Anhingaa guyyaa sadih sadihiin hanqaaquu buufti. Yeroo wal hormaataa tokkotti hanqaaquu haga 6 buusuu dandeetti. Jaarsaafi jaartiin wal gargaaranii ji’a tokkoof eega hammatanii booda ilmoolee keessaa yaasu. Akkaataan jarri ilmaan isaanii itti sooranis ka addaati. Isaan lameenuu kore koree adamoo deemanii soorata adamsu. Soorata adamsan kana ammoo achumatti nyaatanii fixanii harka qullaa deebi’u. eega deebi’anii booda ilmoolee bira taa’anii alala dhahu. Wayta alala dhayan kana foon lallaafaa ilmooleef tolu ilmoolee duratti tufu. Ilmooleenis rakkoon takka malee foon daakamee bullaaye kana soorataa guddatu. Haalli kun haga ilmooleen jabaatanitti itti fufa. Gaafa ilmooleen jabaatan soorata afaanumatti qabatanii dhufanii afaan ilmoolee jala qabu. Ilmooleenis afaan haadhaa abbaa keessaa ilbiisota guurataa sooratu. Goojjoon Anhingaa bishaan gubbatti ijaarama. Kanaafuu ilmooleen yoo diinni tti dhufe bishaan keessatti gad kufu. Kana booda daakanii cinatti bahuun, eega diinni deemee booda goojjotti deebi’u. Ji’a lama keessatti ilmooleen of danda’uun jireenya kophaa jalqabu. Anhingaan hayyama Rabbiitiin haga waggaa 12 jiraata.